Telegram Web Link
Hayyoonniifi ogeeyyonni Oromoo mariin biyyaalessaa eegalame 'fudhatama hin qabu' jedhan

Hayyoonnii fi Ogeeyyonni #Oromoo adeemsa Komiishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa amma itti deemaa jiru kan ballaaleffatan ta’uu ibsan.

Hayyoonni kunniin ibsa waloon baasaniin, adeemsi marii biyyaaleessaa “shira gowwoomsuu of keessaa qaba” jechuun uummanni Oromoo adeemsa kana "fudhatama akka dhabsiisu" gaafatan.

"Gareen Komiishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa jedhamee moggaafame kun adeemsa siyaasa gowwomsaa fi shiraa yeroo aangoo hacuuccaa fi cunqursaa Abiyyi Ahmad ummata irratti dheeressuudhaaf diriirfame waan ta’eef, nuti hayyootnii fi ogeeyyiin Oromoo gadi jabeessinee balaaleffanna."

Gabaasa guutuu isaa fi Maqaa Hayyoota suuraa irraa ilaalun ni danda'ama.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Haleellaawwan boombii qondaalota mootummaarratti qiyyaafatan raawwataman.

Torban kana qofa naannoo Amaaraa magaalaa #Waldiyaatti haleellaawwan boombii sadii qondaalota mootummaafi dhaabbilee irratti qiyyaafate raawwatamaniiru.

Haleellaawwan kuni waajjira bulchiinsa godinaafi manneen jireenyaa qondaalota mootummaarratti akka raawwatan jiraattonni himan.

Akka jiraattonni jedhanitti haleellaa bakkeewwan magaalattii garagaraa sa’aatii garagaraatti mudataniiru jedhaman kanaan lubbuun darbe hin jiru.

Haleellaa kanaafis jiraattonni hidhattoota #Faannoo yoo shakkan kaan immoo ''namoota dhuunfaa'' ta'u danda'u jedhan.

Haleellaan jalqabaa hogganaa waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Kaaba Walloo safara Mugaad jedhamuufi mana kireeffatanii jiraatanirratti kan darbatame yoo ta’u, haleellaa kanaan qabeenyi manca’uu ala qondaallis ta’e maatii isaaniirratti miidhaan akka hin dhaqqabne jiraattonni himaniiru.

Maddi :-BBC

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Qormaanni Kutaa 6ffaa bara 2016 guyyaa har'aa kennamuu eegaleera.

Naannoo oromiyaatti qormaanni Kutaa 6ffaa bara 2016 guyyaa har'aa sa'aatii 2:30 irraa eegalee kennama akka jiru ibsameera.

Qormaanni kun Oromiyaatti yeroo jalqabaaf wiirtuwwan kuma 1 fi 424 kennama jiraachus ibsameera.

Akka Naannoo Oromiyaatti barattoonni kumni 731 fi 955 qormaata kutaa 6ffaa kana kan fudhatan ta’uu ragaan biiricharraa argame ni mul'isa

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Manni murtii ragaa Obbo Taayyee Danda’aa irratti dhiyaate dhagahe

Manni murtii federaalaa olaanaa dhugabaatii ragaalee ministeera deetaa ministeera nagaa duraanii Obbo Taayyee Danda’aarratti abbaan alangaa dhiyeesse lamaa dhagahe.

Himata yakka heeraa biyyattii cabsuutiin himameen walqabatee himata banameef yeroo deebii kenneetti, Obbo Taayyeen “barreefamni ani barreeesse piroopaaganadaa miti. Yakkas hin raawwanne,” jechuun deebii laateera.

Namooni ragaa lameen abbaa alangaa qopheesse Obbo taayyeerratti ragaa bahaniiru. Manni murtii firdii kennuuf beellama Waxabajjii 2016 ALI tti kenneera.

Abbaan alangaa himata garee farra nageenyaafi shorokeessitoota deeggaruu, dubbii piroopaagaandaakaraa miidiyaa hawaasaatiin tamsaasuutiin Obbo Taayyee himateera.

Kana malees, Obbo Taayyeen meeshaa waraanaa eeyyama seeeraa hin qabne qabamee argamuunis yakkamanaiiru.

Obbo Taayyee Danda’aa yakka humnoota farra nageenyaa deeggaruu fi meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii argamuun himatamaniru. AS

@tikvahethafaanoromoo
Ayyaanni Iidal Ad-haa guyyaa Dilbata Ayyaneeffatama.

Baatiin waan mul'atteef ji'i zulhijjaa guyyaa jum'aa boruu 1 jedhee eegala.

Ayyaanni Arafaa Iid Al-Adihaa guyyaa Dilbataa waxabajjii 9 akka ayyaneeffatamu beekameera.

#Haramain

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
#Itoophiyaa

Bara baajataa 2017'f baajatni gara tiriliyoona 1 dhiyaateera.

Walgahiin Mana maree ministeerota har'a gaggeeffameera.

Walgahicharratti murteewwan adda addaa murtaa'eera.

Murteewwan kana keessaa tokko wixinee baajata mootummaa federaalaa bara bajataa 2017 baasudha.

Haaluma kanaan:
➡️Baasii idilee mootummaa federaalaaf,
➡️Baasii kaappitaalaaf,
➡️Deeggarsa naannoleef kennamu,
➡️Galmoota misooma itti fufiinsa qabuu hojiirra oolchuuf 
➡️Baasii eeggannaa dabalatee baajatni gara #tiriiliyoona_tokko ta'u mana marichaaf dhiyaateera.

Manni marichaa wixinee baajata mootummaa federaalaa bara 2017 irratti erga mari'atee booda wantoota barbaachisan dabaluun gara Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteessee jira.

@tikvahethafaanoromoo
#Ethiopia #BRICS

Itoophiyaan walgahii bakka bu'oota biyyoota miseensa BRICS sadaffaa irratti hirmaataa jirti

Jilli  Bulchaa Baankii Biyyaalessaafi BRICS'itti bakka bu'aa olaanaa Itoophiyaa Obbo Maammoo Mihiratuun durfamu  walgahii bakka bu'oota biyyoota miseensa BRICS sadaffaa Raashiyaatti taa'amaa jiru irratti hirmaataa jira.

@tikvahethafaanoromoo
Galmeen waliigaltee Kireeffataa fi Abbootii qabeenyaa mana jireenyaa aanaalee magaalichaa hunda keessatti guyyaa har'aa eegalameera.

Abbaan qabeenyaa mana jireenyaa fi kireeffataan kamiyyuu yeroo galmaa’u maal fa'a guutuu qabu?

➡️Sanada waliigaltee mana jireenyaa seeraan qophaa'e

➡️Waraqaa eenyummaa Mana Jireenyaa #Kireessaa fi #Kireeffataa, ID Waajjira, Hayyama Konkolaachisummaa, Paaspoortii, Hayyama Abbaa Seeraa, waraqaa eenyummaa Soorama Hojjataa, Hayyama Hojii Barattoota Yuunivarsiitii / Kolleejjii Koppii Orijinaala

➡️️Waliigaltee mana jireenyaa galmaa'uu ykn bakka bu’ummaan yoo ta'e bakka bu'ummaa seeraa fi Koppii waraqaa eenyummaa ragaa nama lamaa kan haaromfame

➡️Sanada seeraa abbaan qabeenyaa mana kireeffachuuf mirga akka qabu agarsiisu:- .
- Kaartaa ragaa abbummaa
- Sanada qabeenyaa murtii raawwachuudhaan gurgurame yookiin
- Ragaa dhaalaa yoo manni kireeffame dhaalamee fi jijjiirraan maqaa hin raawwatamne yoo ta’e

#Orijinaalaa fi #koppii qabatanii argamuu qaba.

@tikvahethafaanoromoo
2024/06/09 12:59:10
Back to Top
HTML Embed Code: