Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa 4ffaa adeemsifamee jira.
Badhaasa Haacaaluu Hundeessa marsaa 4ffaa fi yaadannoo wareegama isaa waggaa 5ffaa kaleessaa galgala Waxabajjii 29, 2025 Finfinnee Hoteela Iskaay Laayitiitti adeemsifamee jira.
Badhaasni kun Artistii gameessa waggoota shan dura ajjeefame yaadachuu fi maqaa isaatiin artistoota hojii isaaniin cimina olaanaa agarsiisaniif beekamtii laachuuf waggaa waggaadhaan qophaa'a.
Barana gosoota aartii 11 oliin badhaasa kan kennu yoo ta’u, sirboonni 300 ol badhaasichaaf walitti qabamuu faawundeeshiniin maqaa isaatiin hundeeffame beeksisee ture.
Haalumaa kanaan:-
➡️ Badhaasa Umrii guutuu - Abdullahi Jirmaa
➡️ Badhaasa dhimmamaa muuziqaa/Music Care/- Aartist Aammee Xiqqaa
➡️ Badhaasa Keerogiraafara cimaa-Artist Alamaayyoo Dhaabii
➡️ Badhaasa Sinimaatoogiraafara Cimaa- Artist Shimallis Taaddasaa
➡️ Badhaasa viidiyoo muuziqaa filatamaa- Artist Zaman Isheetuu
➡️ Badhaasa Qindeessaa Muuziqaa Cimaa - Miiraa Tiruuchelvaam
➡️ Badhaasa Weellisaa Cimaa/tuu Haaraa- Artist Asaantii Aschuu
➡️ Badhaasa Weellistuu Cimtuu - Aartist Lamlam H/Mikaa'el
➡️ Badhaasa Weellisaa Cimaa - Aartist Andu'aalem Gosaa
➡️ Badhaasa Wallee Cimaa- Artist Lalisaa Idriis (Bilillee)
➡️ Badhaasa wallee Aadaa Cimaa- Artist Aadam Mohammed fi Haliima Abdallaa(Shubbituu)
➡️ Badhaasa Wallee Ammayyaa cimaa- Artist Guutuu Abarraa(Iyyoolee)
➡️ Badhaasa Albama Cimaa- Artist Andu'aalem Gosaa
Pireezidaantii amboo duraanii Dr.Taaddasaa Qana'aa bara gaggeessaa isaaniitti siidaa haacaaluu yunivarsitii keessa dhaabuu isaaniif badhaasni galateeffannaa kennameefi jira.
Sagantaa kanarratti maatii artiistichaa, artistoota badhaasaaf kaadhimamanii fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.
@tikvahethafaanoromoo
Badhaasa Haacaaluu Hundeessa marsaa 4ffaa fi yaadannoo wareegama isaa waggaa 5ffaa kaleessaa galgala Waxabajjii 29, 2025 Finfinnee Hoteela Iskaay Laayitiitti adeemsifamee jira.
Badhaasni kun Artistii gameessa waggoota shan dura ajjeefame yaadachuu fi maqaa isaatiin artistoota hojii isaaniin cimina olaanaa agarsiisaniif beekamtii laachuuf waggaa waggaadhaan qophaa'a.
Barana gosoota aartii 11 oliin badhaasa kan kennu yoo ta’u, sirboonni 300 ol badhaasichaaf walitti qabamuu faawundeeshiniin maqaa isaatiin hundeeffame beeksisee ture.
Haalumaa kanaan:-
Pireezidaantii amboo duraanii Dr.Taaddasaa Qana'aa bara gaggeessaa isaaniitti siidaa haacaaluu yunivarsitii keessa dhaabuu isaaniif badhaasni galateeffannaa kennameefi jira.
Sagantaa kanarratti maatii artiistichaa, artistoota badhaasaaf kaadhimamanii fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.
@tikvahethafaanoromoo
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Itiyoophiyaan tajaajila wal’aansa dhibee kaansarii babal’isaa jirti- Dooktar Maqdas Dhaabaa
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan Itiyoophiyaan tajaajila wal’aansa dhibee kaansarii babal’isaa jirti jedhan.
Fooramiin wal’aansa dhibee kaansariirratti xiyyeeffate Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Dooktar Maqdas fooramicharratti akka jedhanitti, tajaajila wal’aansa dhibee kaansarii kanaan dura Finfinnee giddugala tokko qofatti kennamaa ture babal’isuun naannoleetti giddugaloonni dabalataa shan banamaniiru.
Giddugaloota wal’aansa kaansarii naannoleetti argaman shan keessaa afur tajaajila kennaa jiraachuu kaasanii, giddugalli hafe tokkos yeroo dhiyootti tajaajila kennuu akka eegalu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan hojii babal’ina giddugaloota wal’aansa dhibee kaansariif Yuuroo miiliyoona 25 baasii taasisuu kan ibsan Dooktar Maqdas, kunis bu’uuraalee misoomaa fayyaafi dhiyeessii galtee fayyaaf ooluu kaasan.
Gama tajaajila wal’aansaa keemooteeraappii waliingahuunis yeroo ammaa hospitaalota 13 keessatti tajaajilli kun kennamaa jira jedhan. #FBC

Siidaan Yaadannoo Artist Haacaluu Hundeessaa Magaalaa Ambootti ijaarame xummuramuun eebbifame
Siidaan Yaadannoo Artist Haacaluu Hundeessaa yaadannoo isaatiif Magaala Ambootti Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaatiin ijaarame iddoo Itti Aanaan Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, Obbo Daraaraa katamaa Itti aanaa Biiroo Aadaafi Tuurizimii oromiyaa, obbo Hacaaluu Gammachuu Kantiibaa magaalaa Amboo, haadha warraa Artist Haacaluu Hundeessaa Aadde Faantuu Damisoofi keessummootni kabajaa biroo argamanitti Eebbiffameera.

Helekooptarri loltoota Yugaandaa kufee caccabuun himame
Helekooptarri loltoota Yugaandaa namoota 8 fe’ee ture magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishootti kufee caccabuunsaa himameera.
Helekooptarichi kufee kan inni caccabe buufata xayyaaraa magaalaa Moqaadishootti argamutti akka ta’e himameera.
Abbaan Taayitaa Aviyeeshinii tokko BBC’tti akka himanitti Helekooptarri loltootaa kun kufee erga caccabee booda balaan ibiddaa isa mudatus hojjettoonni yeroo balaa battalumatti ibidicha to’achuu danda’aniiru.
Buufata xayyaarichaa keessaa aarri gurraachi ba’aa akka ture viidiyoon gadi lakkifamuusaa gabaafameera.
Hoogganaan Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Somaaliyaa Ahimad Maalimaa Helekooptarichi buufata humna qilleensaa Baalidogleerraa erga ka’ee booda Moqaadishoo yoo gahu balaan akka isa mudate himaniiru. Ka’umsa balaa kanaa adda baasuuf qorannoon itti fufeera jedhan.
Yugaandaan Humna Gamtaa Afriikaa Somaaliyaatti shororkeessitoota waliin dirqamarra jiruuf biyyotoa loltootasaanii gumaachan keessaa ishee tokkoo dha.

"Barattoonni qabxii isaanii https://aa6.ministry.et/#/result Ykn karaa @emacs_ministry_result_qmt_bot dhaan ilaaluu ni danda'u":-Ministeera Barnoota
Magaala Finfinneetti barattoota qormaata kutaa 6ffaa qoraman keessa %95 kan ta'an qabxii darbiinsaa %50 fi isaa ol fiduun gara kutaa itti aanuutti darbuu biiroon barnoota beeksiseera.
Bara 2017tti barattoota qormaaticha fudhatan 79,034 keessaa barattoonni 75,085 jechuun %95 kutaa itti aanuutti darbaniiru jechuun Biiroon Barnootaa magaalichaa ibseera.
Bara kana barattoota qabxii olaanaa galmeessan keessaa sadarkaa 1 hanga 4 kan jiran barattoota mana barumsa mootummaatti barataniidha.
Garaagarummaan qabxii mana barumsa dhuunfaa fi mootummaa gidduu jiru walitti dhiyaacha dhufu ibsameera.
Barattoonni qabxii isaanii karaa:-
LINK ፦ https://aa6.ministry.et/#/result
Telegram Bot : @emacs_ministry_result_qmt_bot

Itoophiyaan humna elektirikii gara Taanzaaniyaatti erguu eegalte
Itoophiyaan yeroo jalqabaaf karaa Keeniyaa gara Taanzaaniyaatti humna elektirikii yaaliin erguu eegaluu ishee Humni Elektirikii Itoophiyaa beeksiseera.
Waliigalteen dhiyeessii humna elektirikii biyyoota lamaanii erga mallattaa'ee ji'oota muraasa lakkoofsisuu kan himan daarektarri Qajeelcha Korporeet Kominikeeshinii Obbo Mogos Mokonnin, Sararri daddabarsaa humna meeggaa waattii kuma lama gama Itoophiyaan ijaaramee jira jedhaniiru.
Sararichaan amma kan darbaa jiru meeggaa waattii 200 ta’uu eeruun, sararri kun ijaarsi dabalataa osoo hin raawwatamin humna dabalataa dabarsuu akka danda’u ibsaniiru.
Yaalichi adeemsarra jira kan jedhan Obbo Mogas, gurgurtaan humna elektirikii ifatti hanga ammaatti akka eegalamne dubbataniiru.