Telegram Web Link
~ shamarran
Isin anaaf haadhadha
Deessee kiyya ganamaa
Isin keessaa ba'een
Nama ta'ee deemaa
Isin anaaf obboleettiidha
Ishee angafaaf quxisuu
Harkakeessanittin dhaladhe
Isin kan baatee naguddisuu
Foxxoqeen isinirraa bahe
Gadameessa keessan kukkutee
Dhidhiittaa harkaaf miillaatiin
Sombaaf tiruu keessan rukutee
Isin harkattan guddadhe
Xuuxxoo kiyyas nasoortanii
Tabbaaf allayyaa meeqallee
Anaaf jecha joortanii
Isin anaaf hiriyaadha
Yookaahuu jaalallee
Waan ittiin isin qixxeessu
Hin argadhu yoomillee
Anaaf jannatadha beekaa
Barruun miilla keessanii
Qooda ittii ejjettan silaa
mataa kiyyarra keessanii?
Bakka jirtan maratti
isinaa eegu rabbiin
Gaddaaf dhiphuunarginaa
Isin hin cabin qalbiin
Heerumaa kuma horaa
Haabaay'atu Qacceen keessan
Warri bultii qabdaniis
Haamijaa'u jiruun teessan
Isinaa taasisu rabbiin
Huural ayinii jannataa
Umar obboleessi keessan
Kana isiniif kadhataa
Dhiirri shamarraniin ala
Shamarranis dhiira malee
Nibareedu yoo jettan
Hin amanu yoomillee
Biyya oduun bultu kanaa mitii
Ishee homaan qabne fakkeenya
Biyyoota seeraan bulan iyyuu
Nu bulchuu dandeenya
#Waldhageenyaa?
~ Ayii Yaa zaalimaa!!
Amma karaan irra jirtan kun
Nubaasa jettaniitii?
Moo silas banneerraa
Waliin banna jettaniiti
Osoo dhugaaf haqni jiruu
Mee maalgootu daba yaaduu
Gochaan godhaa jirtan
Garaadhaa nun baduu
Mee dhaabadhaa itti yaadaa
Waan godhaa jirtanis asbaasaa
Dhuguma wanni godhaa jirtan
Borullee isin baasaa?
Karaa ofitti hin cufinaa
Aduu dhiha geesse gelgelaan
Humna rabbiitiin salphattanii
Galuuf jirtu nujalaa
#inshaa allaah
Qabaan rabbii jabaadha
Gaafa siqabe gooftaan
Lafan geessu olinbaatuu
Gidduu kanatti dhootaa
Gaafa rabbiin sitti fuudhe
Bishaantu muka sitti yaabaa
Waan qabdu walii wallaaltee
Maalan qaba maalan qabaa?
Jettee osoo wayiwaattuu
Afaan jawwee buutaa
Boollati itti awwaalamtes
Bofaaf rirma guutaa
Gaafa rabbiin sitti fuudhee
Siin taphattu lubbuun
Baqattee eessan geessu
Qabamuunkee nafu lubbu
Osoonni sisaaxilee
Gamii sin qabiin rabbiin
Maalirra akka jirtu
Mee of ilaali qalbiin
'Duutee' Kee Hin Dhaga'u!
---
Kan garaa na quubsu
Siifan dhabe maqaa
Mallattoo Oromummaa
Siidaa qabsoo haqaa!
Kutattuu onneenshee
Hamma tulluu ga'u
An' jirtaa keen beeka
Duutee kee hin dhaga'u!
# Hacaaluu
Kaleessas itti cabnee
Gochaaf jechas dandeenyee
Shororkaanuu jecha xiqqaa
Salphaattis yoom asgeenyee?
Lakkii nuttin qoosinaa
Qoosaa lafeef lafaa
Haga fedhe dukkanaa'us
Bari'uusaatafaa?
Guyyaa xiiqii sana
Waltajjiitti baatee
Sagalee kiilolee
Gootummaadhaan maktee
Utaaltee….garmaamtee β€œJirtuu” jette!
Ijoolleen Booranaa jirtuu?
Ijoolleen Gujii jirtuu?
Ijoolleen Baalee jirtuu?
Ijoolleen Arsii jirtuu?
Ijoolleen Walloo jirtuu?
Ijoolleen Jimmaa jirtuu?
Ijoolleen Iluu jirtuu?
Ijoolleen Wallaggaa jirtuu?
Ijoolleen Tuulamaa jirtuu?
Ijoolleen Maccaa jirtuu?
Ijoolleen Oromoo jirtuu? Jennaan,
β€œEyyee jirra” jenne
β€œEessa jirtu” jenneen
Bakkasaas sitti himne
Achi Boolee gubbaa
Handhuura Finfinnee!
Amma dabareen keenya
Nutu si gaafata
Haacee gaafa xiiqii
Atoo eessa jirta?
~
Meerre sagaleen kee
Inni nadhii dammaa?
Meerreree walleen kee
Mallattoon tokkummaa?
Meerre ilmi Hundeessaa
Siidaan Oromummaa?
Meerreeti dubbiin kee
Dubbiin seenaafi haqaa?
Inni ittiin nutti himtu
Hiika dammaafi raqaa?
Baroodduu akka leencaa
Dirriftuu akka bokkaa
Eessa jirta Haacee
Haacee gaafa morkaa?!
~
Goonni seenaa hojjete
Akka hin duune beekna
Jirtaa kee dhagahuuf
Ammayyuu si eegna!
Haga feete irraa dhugdee
Haga feete irraa nyaattee
Sun sigahuu dadhabnaan
Alangee gogaan itti kaatee?
Dhiigasheerraa fottoqxee
Maaliif tumta dubartii?
Yeroo hadhooftuun akkanaa
Isheefis hin dabartii
Hindarbuuf barri seetee
Hacuucuu barbaaddaa tarii
Ganaa hedduu jiraattee
Goota akka deessu barii
Misaayila addunyaati
Niwukilarii keenya
Waan tahuuf hintaane
Isin irraa dhageenya
Dhabamsiistuu shirkii
Ifa baastuu haqaati
Urjji samaawwaataa
Dhaaltuu Ambiyaati
Abbaa Uulamaa'iiti
Sheekkan sbeekowwanii
Jaahilummaarraa baastan
Abbootaaf hawwanii
Du'aa'iin Amma balleessu
Mataa zaalimaaf shiraa
Isin irraan fagaadhe malee
Isin faana jiraa
Gootowwan nuuf biqilchite
Dacheen biyya jaalalaa
Amaanaakoo narraa fuudhi
Waan Sitti himachuu yaalaa
An irraan fagaadhee
Shee Adem tuulaa
Itti gorii naaf dubbusi
Shee muusaa Su'aalaas
Shee Ahmad wataris
Hin daganne dhiiroo
Achumarraan bahii
Shee Amiin Ibroo
Hundaa naaf dubbisi
Warra Hafan biroo
Kuni dhaamsa kiyya
Kanan sitti ergadhaa
Jedhii itti naaf himi
Umurii naaf dheeradhaa
Silaa isintu nuuf taa'a
Bakka gadheen amma teessu
Kunis dhaamsa kiyyadha
Isin bira naaf haageessu
Umriikeessan rabbiin
numaaf haadheeressu
Isiniin jedhe ilmi keessan
Biqiltuun sanyii keessanii
Warri itti dhiyoo jirtan illee
Akka biraan naaf geessanii
Nuuf haajiraatan dabalanii
Qorichoonni baaxilaa
Kan jaahila biratti gaalaa
Isaan birattimmoo baalaa
#nuuf bulaa
# qorichoota baaxilaa
Anaaf Piroofeesara isa miidiyaarraa san osoo hin taane isa feesbuuka gubbaa santu naaf ta'eπŸ˜‚πŸ˜
Kan yaaddu hin yaadin
Kan gadditu hin gaddin
Ni mo'atta rakkoo
Ifa baata gaaftokko
Ba'aankees sirraa ka'a
Kaayyoonkees galma ga'a
Jabaadha humni rahmaan
Cabee bada hamaan
Imimmaan kankee lola'e
Sanyii Hacaaluu biqilchaa
Gaafa namni lafa dhiitaa
Asiif achi deemu ililchaa
Ati gad-siqabus har'a
Boquu kankee gaddi
Dhugaan ilmakee dhukatee
Hin hafu boollaa gadii
Ekeraan sanyii gootaa
Lafeen Hacaaluu Hundeessaa
Gaaftokko ni dubbata
Olka'ee lafa keessaa
Hin gaddin abbaa keenya
Garaankee obsa dhabus
Hacaaluun ilmi kankee
Dhugaa isaan dhabuu
Homaan balleessine ati
Goota dhalchite malee
Du'e malee Hacaaluun
Nama keessa jira yomille
Darbeen jiraadha seeta
Fedhus waggaa 1000
Humnaaf barri keemmoo
Soddomatti dhumaa
"Ani kaleessallee Ummata,Har'allee Ummata,Borillee Ummata", Akka yaada wallaalummaa Umar she Ahmaditti. Kanammoo Irra caalaa gara fuuladuraatti Aartiidhaan isin agarsiisuun danda'a yoo rabbi nadandeessise. Inshaa Allaah
Firawuniin bahara nyaachifte
Qaaruuniinis ni halaakte
Abrahaa dhagaa itti roobsitee
Nuuf dirmadhu maaloo
Maaliif nurraa obsitee
2024/05/31 07:39:27
Back to Top
HTML Embed Code: