Telegram Web Link
Forwarded from Kaachuu Promotion via @Kaachuuyebot
Barreeffamoota Aartii Og-barruu, Fiilmii fi Tiyaatiraan walqabatan keessaa maal argachuu feetu?
Leta Kenei Aga
Photo
Maraatuu haqaa!

Gaafan qullaa deemu
Ati uffattee deemta
“Maraatuu” naan jechuu malee
Maafan akkan maraadhe
Na gaafattee beektaa?
Maal taate jetteettaa?
Ani afuuffee miti
Kan qilleensaan guutame
Ani hattuu miti utuu waan namaa hawwuu
Kan sammuu fuudhame
Ani albaadhessa miti
Kajeeltuu waan raqaa
Ani maraatuudha
Maraatuu ilma haqaa!
Jireenyaan wal dhabee
Jiraa hin jirre ta’ee
Dhugaafan maraadhe
Dhugaafan raata’e!
-
Sobatuu hiita’ee akka tulluu guddaatti
Ol jedhee dhaabbate
Biyyimmoo itti yaa’ee galgalaafi ganama
Ho’asaa qaammate
Sobaaf walga’iin taa’amee
Hiriirri ba’ameefi
Cidhi itti godhamee - itti shubbifamee
Harki dhahameefi!
Namni soba kabaje
Namni soba faarse
Qumbii itti firfirse
‘Ixaana’ itti aarse!
-
Dhugaanimmoo haqaaqamee
Karaarraa jaallate
Akka muka qiinqaniin nyaateetti
Soofamee qallate
Ni ukkaamame - ni sakaalame
Dhoksaatti affeelamee
Dhoksaatti akaa’ame
Dukkana walakkaa
Gorduuba kaa’ame!
Aarsaa dhugaaf ba’etu
Jallinaan qorqame
Kan kabajni maluuf
Kabaja dhorkame!

Hammeenyiifi gidiraan
Kokkeettii na qabe
Biyya abbaa koorrattan
Abbaa ta’uu dhabe
Galaana imimmaanitu
Jiraa na awwaale
Madaan koo baayyannaan
Hooqqachuu wallaale..
Waa’een maraatummaafi
Waa’een caba kootii
Gaaffii deebii dhabe
Gaaffii saba kooti!

#Share
@Waloo_Leta
Eenyutti na laatte
Waadaan kee akkam ta’ee?
Anoo nama ormaati
Siifan biyyaa ba’ee…
An si dhiisee beekaa?
Gaafa toltuufi hamtuu
Atoo maaliif deemta
Maaliif diddee hin haftuu?

Hidhaa jaalalaatiin
Hirkoo tokko taane
Firaafi lammii dhiiseen
Si waliin godaane
Na gattaaree utuun
Imimmaan koo cobsuu
Yookaan dhala qabadhee
Dhala kootti hin obsu!
.
.
Jechaa waan jirtu natti fakkaata!
✍️ @Waloo_Leta
📷Amensisa
Mee atumtuu yaadi
Galaanni ol yaa’aa?
Kan harka si mure
Nyaata afaan si kaa’aa?
Inni si xiqqeesse
Kaasee si guddisaa?
Kan ija si jaamse xalayaa dhugaa kee
Taa’ee siif dubbisaa?
Booyyeen inni tokko
Tokkorra wayyoomaa?
Inni yakkaa malee waraanee si dhiigse
Dhiiga siif arjoomaa?
Hin fakkaatu hoomaa!

#Share
@Waloo_Leta
#Leonel_Scaloni jedhama. Leenjisaa garee kubbaa miilaa Argentina ti. Gaafa inni leenjisaa kubbaa miilaa Argentina ta’ee ramadamu arrabsoo guddaatu itti roobe. Diego Maradona dabalatee namoonni gurguddoon baay’een isa tuffatan. “Namni kun kubbaa miilaa Argentina miti, ibsaa tiraafikaayyuu hoogganuu hin danda’u” jedhan. Gaazexeessitoonni dhimma kana irratti maal jetta jedhanii Leonel Scaloni gaafatan. “Homaa waanan jedhu hin qabu” jedhee deebise.

Namni akkasitti tuffatamaa ture kun amma Waancaa Addunyaa mo’atee kabaja olaanaarra jira. Warri isa arrabsaafi tuffachaa ture har’a dibbee tumanii isa faarsu!

Kaayyoo qabatetti cichi. Abdiin keefi obsi kee akka hin dhumne eeggannoo godhi. Arrabsoofi tuffii namaaf deebii hin kenniin. Callisii hojjedhu, callisii kaayyoo keetti deemi, callisii milkaa’i! Gaafa sana warri si tuffachaa turan dabaree qabatanii si kabajuuf dhufu!

#Share
@Waloo_Leta
Karoorri kee maali
Naaf ibsitaa laataa?
Gaariif moo hamaafi
Maaf itti rarraataa?
Murteessuun ni cima
Kan taa’ee yaaduufi
Harkistee buusuuf moo
Qabattee yaabuufii?

#share
@Waloo_Leta
Ati utuu bishaan taatee
Si dhugeen gadi ciisa
Ati utuu midhaan taatee
Si nyaadheen beela dhiisa
Ati utuu dhadhaa taatee
Situ afaanii na hin ba’u
Dhagaa taatee badde kaa
Maal abbaa koo siif ta’u?

✍️✍️✍️✍️✍️
@Waloo_Leta
Erga safuun onee
Namummaanis gu’ee
Miyaa’ummaan “sobaa”
Bakka dammaa bu’e…
Erga jaalalli badee
Dhabamee faannisaa
Jibbi soba dhalee - sobnis baaltii dhalee
Walga’ee kaakkisa!

Haadhootu ormoomee
Wal cileessa maqaa
Jibba tokkoof jedhee
Soba shan kalaqa…
Inni soba shan dhaga’es
Shan dabalee hiruu
Malee, “Eessaafi maaliif?” jedhee
Kan gaafatu hin jiru.

Gurri sobaa dheeratee
Akka teephaa yaa’e
Gaarii yaaduufi haasa’uun
Namatti hadhaa’e…
“Abalu ni milkaa’e, galma ga’e” yoo jedhan
Akka hin dhageenyetti callisnee dabarra
“Abalu ni salphate, ni cabe…” yoo jedhan
Ittuu miidhagsinee dhibbatti sararra…

Jaalala lagannee
Jibba waliif yaadaa
Qajeelummaa gannee
Kiyyootti wal gaadaa…
Inaaffaafi haaloo
Hamminaan wal soofaa
Dhugaa boolla buufnee
Soba gaaraatti hoofaa…
Bakka geenyu hin qabnu
Erga awwaallee qalbii
Namummaa hiyyoomneerra
Nu haa gargaaru Rabbii!

@Waloo_Leta
“Akkan hin deebinetti
Deemeera yaa tiru
Na hin eegiin barataa koo
Anoo dhufaa hin jiru!
Sin barsiisa jedhee
Yaadee manaa ba’ee
Karaattin hafe egaa
Akka carraa ta’ee…
Amma dabtara kee cufii
Qalama kees qadaadi
Akkaataa itti boossee
Na awwaaltu yaadi…
Assignment bulchii
Gaaffii qabdus kaa’ii
Qe’ee maatii kiyyaa
Dhaqii gadda taa’i…

Konkolaataan ani ittiin
Si qaqqabuuf eege
Waadaa keenya nyaatee
Lubbuu koo wareege…
Beekumsa ani siif qooduuf
Umurii itti fixe
Dhiigaafi lafee koo waliin
Hallayyaatti lixe!
Kan nyaatte hin deebistu
Dacheen ni jabaatti
Ba’een karaatti hafe
Jedhi kaa nagaatti!”

Barsiisota Yuunivarsiitii Madda Walaabuu, kan har’a balaa konkolaataatiin dhumaniif gadda guddaatu natti dhaga’ame. Lubbuun keessan jannata haa boqottu obbolaan koo!

@Waloo_Leta
Dunkaana hin ijaarratiin
Awwaala koo cinaatti
Yoo dhugaa na jaallatte
Na jaalladhu jiraatti!

Utuun jiruu hammina keen
Burqaa kiyya qadaaddee
Akkan haara hin galfanne
Ciinceessitee na waaddee
Ergan du’ee obbaafadhee
Firoomi maalii yaaddee?

Addunyaa yartuu kanaaf
Hin tuttuqiin caba koo
Kanuman jechuu fedha
Galatoomi nama koo!

@Waloo_Leta
Safuu!

‘Maal jedhuu’ fi ‘safuun’
Baddee duwwaa taatee?
Dhaloota keenya kana
Budaa maaltu nyaatee?

@Waloo_Leta
Tulluun fuulleetti ilaalan
Yoo itti siqan hurriidha
Wanti damma fakkaatus
Yoo dhamdhaman furriidha!

@Waloo_Leta
Ilkee qoraattii - qara gobaa
Waraanamtee dhiiga cobaa
Inuma deemta ga'uuf galma
Bakka xiiqii - bakka qalmaa…
Dhiiga keetiin karaa dhiqxa
Galma kaayyootti achi siqxa!

Mixiin bokoktee akka arbaa
Si dhoowwitus karaa darbaa
Yoom gad jettee lafaa kaasta
Irra ijjattee badduu baasta!

Yoo inaaftun moorrattellee
Biyyoo hartee boorrattellee
Utuu hokkoltuu - utuu cabduu
Ati deemsaaf karaan dhabdu
Baataa waadaa abboofi aayyoo
Miila xiiqii - miila kaayyoo!

@Waloo_Leta
“…Akkuma kaleessaati
Ani har'as hin sobu
Dhiiga tolaa miti
Dhiigni koo inni cobu
Bade hafaa silaa?
Gatii dhabaa silaa?
Lafa dhiigni koo cobetti
Seenaatu biqila
Hadhaba kanatti
Hin haftu dhugaan koo
Dhaloonni lakkaa'ee
Naaf baasa gumaa koo!
Biyyoon na leellisa
Awwaalli na jaja
Oromoo lammii koof
Du'uun naaf kabaja
Ani sodaadhee hin beeku
Kallattii hundattuu
Qallayyoo Hundeessaa
Gaanfuree Guddattuu!”

Ati goota Haacee
Goota sodaa hin qabne
Akka ati abdatte
Siif ta’uu dadhabne!

@Waloo_Leta
Waa’een keenya:

Akka hin dubbanne hiibboodha
Wal hoofa - wal harkisa
Akka hin dhiisne cittoodha
Si hooqa - si rakkisa!

@Waloo_Leta
Daboo kanarratti nuu hirmaadhaa 🙌
Barattoota keenya barsiisota beekumsaafi dandeetti gahaa qabaniin leenjii kenninu jabaannee itti fufneerra. Egaa karaa ittiin dandeettii Ijoollee barsiisaa jirru uummata biraan geenyu  keessaa media’n isa ijoodha. Kanaaf karaa YouTube dhufneerra. Isinis irratti nuu hirmaadhaa. #Subscribe, #Like #share gochuun Hiriyootaafi maatii keessan biraan akka gahu gahee keessan bahadhaa. Galatoomaa! 🙏🙏

https://youtu.be/VbdRSSFbi2M?si=V0B6cDuVyjvHfcpL
Galatoomi goomattuu!

Akkanni na waraanuuf
Gobaan ati naaf keesse
Riqicha gaarii ta'ee
Gara kaayyoo na geesse!

Yommuu ati bitaan cuftu
An karaa mirgaan ba'e
Yommuu ati handaaqqoo taatu
Animmoo risaan ta'e

Gaafa hojii na waamtee
Gaafa bu'aa na footee
Gubdee, gubdee guggubdee
Booddee warqee na goote!

Utuma gad na qabuuf
Dhoksaatti funyoo martuu
Ol qabdee na guddifte
Galatoomi goomattuu!
Tuu..

#Share
@Waloo_Leta
Abdii kuti,
Eyyee abdii kuti!

Muka guddaa hin taatu
Xaxamtuun coqorsaa
Abdii hin kutiin jedhee
Maalittan si gorsaa?
Ol joortee - gad joortee
Of hin dhorkiin fayyaa
Abdii kutii dhiisi
Abdii kutuu wayyaa!

Waan bu’aa sii hin taanetti
Maal gochuuf dadhabdaa?
Jibbaafi inaaffaarraa
Abdii kutuu qabda!
Abdii kuti maaloo
Of hin cabsiin ceekuu
Jaalala lagatee namni jibba abdate
Galma ga’ee hin beeku!

Lataa Qana'ii
@Waloo_Leta
Yoom akka deemnu hin beeknu.
Haga lubbuun jirrutti gaarii haa hojjennu!
2024/06/16 18:10:22
Back to Top
HTML Embed Code: