Telegram Web Link
Abdii kuti,
Eyyee abdii kuti!

Muka guddaa hin taatu
Xaxamtuun coqorsaa
Abdii hin kutiin jedhee
Maalittan si gorsaa?
Ol joortee - gad joortee
Of hin dhorkiin fayyaa
Abdii kutii dhiisi
Abdii kutuu wayyaa!

Waan bu’aa sii hin taanetti
Maal gochuuf dadhabdaa?
Jibbaafi inaaffaarraa
Abdii kutuu qabda!
Abdii kuti maaloo
Of hin cabsiin ceekuu
Jaalala lagatee namni jibba abdate
Galma ga’ee hin beeku!

Lataa Qana'ii
@Waloo_Leta
Yoom akka deemnu hin beeknu.
Haga lubbuun jirrutti gaarii haa hojjennu!
Barri ni sokka - barri ni dhufa
Aangoon lafarraa hunduu ni kufa
Aangoo bor darbuuf dhugaa kan haaltu
Madaa uummataa gubaa kan faaltu
Dhiiga qulqulluun dachee kan gooltu
Dabaree eegda atis hin ooltu!

@Waloo_Leta
Harmee koo
Si haa barbaadan dhufanii
Gaafan dubbiif shakkame
Gartokkee keeti ani
Dhiiga keerraan argame!
Hiika onnee namummaa
Harmee kiyya yaa deessee
Maqaa koo dha'iin namni
Maqaa kee achi fageessee!
Safara lapheefi ribuu
Gaarummaa kee sanaafi
Si cinaatti waamamuun
Ulfinadha anaafi!
- -
Otuu dafqi kee cobuu
Jirbii rakkinaa footee
Ana bixxillee xiqqoo
Guddistee nama goote
Dhala koo - cuucee koo jettee
Afaan nadhii dubbatta
Furrii fi xurii koo wajjin
Arraabdee na dhungatta!
Sin jaalladha yoon jedhe
Kan kee hin baasu gatii
Naaf jiraadhu harmee koo
Eenyummaa koodha ati!

#Share
@Waloo_Leta
Lapheen Inni Durii
Inni Hin Qabne Xurii...
Dhiigarraa Hojjatame
Dhiiga Kennaa Waaqaa
Nama Kan Ta'e Hundaaf
Balbala Isaa Saaqa!
--
Lapheen inni ammaa
Gagaan irri dammaa...
Birrii irraa hojjetame
Birrii abbaa dhibbaa
kanaaf sooreessa jaallatee
Hiyyeessammoo Jibba!
--
@Waloo_Leta
#share #share
Leta Kenei Aga
Photo
Ji’oota muraasaaf miidiyaa hawaasaa kanarraa fagaadhee, waa dubbachuus dhiiseen ture.
Barri bara itti dubbatanii kan dabe sirreessan, kan dheedhate bilcheessan ta’uu didnaan; Kan dubbatu malee kan dhaggeeffatu dhibnaan… callisuu wayya jedheen callise.

Ajjeechaa #Battee_Urgeessaa yommuun dhaga’u obsan dhabe, qaama kootu na hollate! Amanuuf nan rakkadhe! Nama dubbatellee nama hin quuqne, nama tasgabbaa’aa, nama kabajamaa, nama yaadatti amanu, nama nagaa… akka sareetti gadi baasanii ajjeesanii gatan!

Wayyoo Battee! Wayyoo dhiira gaafa xiiqii! Dhiira gaafa rakkoo! Korma sodaa hin beekne, goota dhugaarraa hin dheessine!
Ajjeechaa #Haacee booda gaafa nutti dukkanaa’u; waan dubbannuufi akka itti dubbannu yommuu wallaalu situ dhugaa Oromoo dubbate! Situ abdii nutti hore! Ati nama tokko miti, sagalee Oromoo hundaa turte!
“Yaadatti amanna, karaa nagaatti amanna” jetti! Sobaafi fakkeessaa! Mootummaan yaadatti amanu nama akka kee kunuunsee kabaja kennaaf malee akka sareetti ajjeesee hin gatu!

Yaa qulqulluu namaa; dhiigni kee gatii qaba! Waaqayyo gumaa kee ni baasa!

Nuti silaa dhaloota ganama hidhii xuuxee, waaree booda dhiichisudha! Nu hin abdatiin Battee koo!

Nagaan boqodhu!
Irree kee hin gitu
Irreen kumootaa
Sagalee tokkoon
Addunyaa moota!
‘Darba hin fakkaannee’
Kan dabarsitu
‘Marga hin fakkaannee’
Kan magarsitu…

Warqee kan gootu
Moofaa caccabduu
Gaafa murtoo kee
Homaa hin dadhabdu!
Yaa Waaqa dhugaa
Mee maal dadhabda?
Imimmaan cobuuf
Safara qabda…
Dacheen bal’oon kun
Si’iif fal’aana
Madaa dhalootaa
Situ wal’aana!

@Waloo_Lataa
Ofiif boonya yaa #Battee!

Atillee obbaafattetta
Dhiphinaafi gidiraa
Kabajaan dhaqxee teessa
Gootota akka kee bira!
Lubbuun kee qulqullittiin
Yoo bakka dhugaa geessu
Gidiraa dachee Oromoo
Hin agartu - hin dhageessu!

Ajjeechaatti shaakallee
Du’aa - kolfuutti kaane
Ofiif boonya Battee koo
Kan warra ‘araamuu’ taane!
Ganama ‘RIP’ jenna
Galgala sirbi jenna!
Qaaliin nu keessaa harca’e
Qe’een onaa nu ta’e…
Bullee dhugaa hin gaafannu
Duunee gumaa hin baafannu!

Atillee haara-galfatta
Bakka dhugaa dhaabattee
Kan bor waan taanu hin beekne
Ofiif boonya yaa Battee!

@Waloo_Leta
Akkas akkas taane egaa!

Gajamoo citte taane
Hidda muruu dadhabne
Xaddee dulloomte taane
Tabba ba’uu dadhabne
Bona nuuf darba jennaan
Hongeen lafaan nu dha’e
Ganna nuuf darba jennaan
Dhoqqeen mataa nu ga’e….

Fooyyee dhabne takkuma
Tollis - lollis yakkuma!
Quncee fo’uun nu dhibe
Duunees boo’uun nu dhibe!
Ajjeesaa imimmaan cobsu
Garaan koo maalitti haa obsu?

@Waloo_Leta
"Dhuufuun waliin mari'atanii dhuufan hin ajaa'u"

@Waloo_Leta
Aayyoo koo
--
Akkamittan deemaree
Ani aarsaakee dagachaa
Dubbadheen si dubbisa
Harmanii harma dachaa!
Hin dhibamiin - hin du'in
kanum kan koo feeti
Barcumni Kabaja Koo
Waaqaa gadiin kan keeti!
Ragaa hittisaan si waama
Gaafan dubbiif shakkame
Gartokkee keeti ani
Dhiiga keerraan argame!
--
otuu dafqi kee cobuu
Jirbii rakkinaa footee
Ana bixxillee xiqqoo
Guddistee nama goote
Cuucee - dhala koo jettee
Afaan nafhii dubbatta
Furrii xurii koo wajjin
Arraabdee na dhungatta
Hidhata narraa hin citne
Hiddaafi Hundee Kaayyoo Koo
Kan biraa jecha hin qabu
Sin Jaaladha #Aayyoo Koo!
--
Leta Kenei Aga
@Waloo_Leta
Bagan dhaladhe!
Eebla 20 - har’i guyyaa dhaloota kooti!

Karaa addaa addaatiin dhaamsa kan naaf ergitan, kabajaafi jaalalaa dhugaa kan natti agarsiiftan hundi keessan galatoomaa - ulfaadhaa!

Har’as akkuma duraanii guyyaa dhaloota koo kanatti dhiifama isin gaafachuun barbaada. Dhiifama! Jireenyan dabarse keessatti utuun beekuufi utuun hin beekiin kanin isin gaddisiise, kanin isin miidhe, kan garaan keessan natti quuqame, bakka eegdanii kan na dhabdan hundinuu dhiifama! Dachee kanarra hagam akka turru hin beeknu. Dhiifama immoo Waaqatu jaallataa, dhiifama naaf godhaa!

Warra umurii dheeraa jiraatee bara gaarii argu nu haa taasisu Waaqayyo!

Baay’een sin jaalladha!
Umurii xiqqoo
Haga dabarre
Jiga hin fakkaanneen
Jigee agarre…
Hurrii ganamaa
Waca iddoo gabaa
Hundinuu yeroo
Murtoofte qaba!
Hin abdatiinaa barcuma keessan
Hoffaafi dhoqqicha
Kan bakkatti hafu
Gooftaa Tokkicha!

@Waloo_Leta
“Barri kaan darbee
Barri kaan dhufe
Karri kaan cabee
Karri kaan kufe…
Naaf darbaan eega
Naaf hin dabarre
Kakuun koo baay’eedha
Garuu hin agarre…
Kakuu koo ijaan
Yoomuman argaa?
Laftoo gogaadhaa
Eessattan margaa?”

Jettee gumgumtee
Maaf qalbii hirta?
Gaafa guyyaa kee fiixee dhagaarrattuu
Marguudhaaf jirta!

@Waloo_Leta
Forwarded from Walaloon Jaalala (YW Kaachuu)
Galmeen itti fufeetuma jira

Akkaadaamiin Taatummaa Abbaa Lataa Ogummaa Taatummaa saayinsii isaa eeggate Ogeessota Taatummaa irratti beekumsaa ga'aa qabaniin kennuuf galmeen marsaa lammaffaa akkuma itti fufetti jira.

Turtiin yeroo leenjii walakkaa waggaa [Ji’a ja’a]
Yeroo Leenjii:
• Idileen yoo xiqqaate torbeetti guyyaa lama (2) nama argamuu danda’u.
• Weekend ykn Sanbata xiqqaa fi  Sanbata guddaa bartootta kutaa 1 hanga 12 barataniif kutaa addaa qabna.
• Koorsiiwwan Ja’a /shaakala waliin kennamu

Ulaagaalee Leenjii:
• Fedhii Taatummaa qabaachuu
• Afaan Oromoo dubbachuufi dhaga’uu, Dubbisuu
• Barnoota kanaaf yeroo kennuu danda’uu
• Qormaata seensaa akkaadaamichi kennu darbuu danda’uu.
• Danbii fi ittiin bulmaata mana baruumsichaaf ajajamuuf of qopheessuu

Baayyinni barataa marsaa lammaffaaf fudhannu daanga’aa waan ta’eef, galmeen akkuma guuteen ni dhaabbata.

Akkaadaamii Taatummaa Abbaa Lataa,
Galma Dandeettii fi Kalaqaa!
@Fiilmiin
“Kaleessa dhaqna qabannee, har’a gurra hurannee - irraafi jalaan gubanne” jette intalli.
2024/05/18 14:31:35
Back to Top
HTML Embed Code: