Telegram Web Link
Abdiin lafa onaa keessatti bishaan burquu danda'u, biqilaa guddachuu danda'uu dha.

Dhugaa haala uumamuu hin dandeenye keessatti uumamuun isaa hin oolledha.

“Abdii qabdanitti gammadaa; rakkina obsaa; Waaqayyoon kadhachuuttis cimaa!”
— Rom. 12:12

@wangelawaka
Nama bara kanaati moo nama bara baraati at.

Yemmuu yaaddu akka nama bara kanaattimoo akka nama bara baraatti?

nama bara baraaf har'i illee kaleessadha

@wangelawaka
Namni amane tokko hafuura qulqulluun isaaf kennameera hafuura qulqulluun gaggeeffamas.

Hafuurri qulqulluu gara abdii waaqayyoon abdachiifameetti yaada waaqayyoo keessa nu gaggeessa.

Namni hafuura qulqulluun gaggeeffamu yaada waaqayyoo irraa hin hanqatu.

“Attam akkas wallaalota taatu? Hafuura qulqulluudhaan jalqabdanii, amma immoo yaada fooniitiin raawwachuu barbaadduu ree?”
— Gal. 3:3


“Hafuura Waaqayyoo isa qulqulluu, isa guyyaa fayyinaatiif ittiin mallateeffamtan hin gaddisiisinaa!”
— Efe. 4:30

@wangelawaka
@wangelawaka
Amantiinkee gatii at kaffaltuun mul'achuu danda'a.

Sababni isaa amantiin sirrii gatii kaffalu sana keessatti amanuun tura.



@wangelawaka
@wangelawaka
#onnee (heart)
Onneen bakka jaalala yookaan jibba baachuu danda'uudha.

 'Ati garaa keetti obboleessa kee hin jibbin! Dhugumaan nama balleessaa isaa hubachiisi malee, sababii isaatiif cubbuu of irratti hin fidin!”
  — Lew. 19:17

Jibbi garaan jibbama jaalallis garaan jaallatama. Jaalalas jibbas baachuu kan danda'u onnee keenyadha. Cubbuu jechuunis wanta onneekee guutee jirudha.

Kanaafuu onneen bakka yaadi waaqaas yaadi biyya lafaas wanti nu miidhus wanti nu fayyadus taa'uu danda'uudha.

Onneenkee maaliin akka guutee jiru beekuun gaariidha. Nama jibbaa jirta yoo tahe namni sun nama jibbamu ta'ee osoo hin taane jibba onneekee seenetu nama sana akka jibbitu gochaa jira.

Baay'een keenya nama kan jibbinu eenyumaa nama sana irraa kan ka'e seena. Nama jaallachuunkees nama jibbuunkees siin ibsa. Akkuma kiristoosiin jaallatamuun keenya hamma jaalalaan guutuu ta'uu isaaf jaalala ta'uu isaa ibsu jechuudha.

Osoo jaallachuunis jibbuunis nama nun jaallanuuf jibbinu irratti hunda'aa ta'ee eenyu illee waaqaan jaallatamuuf ulaagaa kan guutu hin jiraatu ture.

Yeroo kamuu jibbuu yoo eegalte, jibbaa yoo jiraatte wanti sirraa sirraa'uu, qulqullaa'uu qabu jira jechuudha. Onneekee keessaa jibba baasii jaalala qofaan guuti.

Onneen jaalalaan qofa guutuu ta'e jibba hin qabaatu.


#onnee (heart)

Onneen in yaada. Yookaan onneedhaan in yaadna.

“Yesus garuu yaada isaanii beekee, "Maaliif garaa keessan keessatti hamaa yaaddu?”
  — Mat. 9:4

“Yaa Waaqayyo kattaa koo fi furii ko, wanti ani si duratti afaan kootiin dubbadhu, garaa koottis yaadu fudhatamaa anaaf haa ta'u!”
  — Far. 19:14

onneekeedhaanis in yaadda. Onneekeedhaan wanta ati yaaddu caalaatti wanta si guutee jiru fedhakeef eenyumaakee dhugaa irra lola'a.

Biftikee,ilaalchikeef akkaataan jireenyakee yaada onneekeeti. Onneen isaa waan hamaaf jibbaan kan guute eenyumaa qabaachuu qabu tasa qabaachu hin danda'u.

Baay'een keenya onnee keenya keessa wanti guute eenyumaa keenya irratti dhiibbaa waan qabu nutti hin fakkaatu. Garuu ammoo onneenkee hamma gaarummaan guute gaariidha at. hamma hamminaan guutes gaarummaa mul'achuu hin dandeessu.

Waaqayyo eenyumaakee yemmuu ilaalu. Hamma guutamteen madaala.

“Warra jal'ootaa wajjin, warra hamaa godhanii wajjinis ana hin butin! Isaan garaa isaaniitti hamaa in yaadu, afaaniin immoo nagaa namatti in dubbatu.”
  — Far. 28:3
Namoonni jaal'oonnis namoonni gaariins namoonni hamaa godhanis sababi eenyumaa sanaan waamamuu isaanii wanta onnee isaanii guute irraa kan ka'eedha.

Onnee isaanii kan guute ammoo yaada onnee isaanii boca. Yaada isaan waa'ee waan tokkoof qabanis miira yaada sanaan gaggeeffama.

“Waaqayyo warra garaa isaaniitti of gurguddisan hundumaa in ciigga'a, isaan utuma harka wal qabatanii iyyuu utuu hin adabamin hin hafan.”
  — Fak. 16:5 .


Eenyumaa at qabaachuu hin qabne akka qabaattu kan gochaa jiru wanta onneekee guute sanaadha. Wanti onneekee guute yaada onnekee bocuun miira yaada sanaa at addunyaa kanatti mul'ista. Of tuulummaan, hamminaan, jibbaan, sodaadhaan, gaarumaan, gara laafinaan, gad of deebisuun, mul'achuu dandeessa.

“Warra garaa sodaataa qabaniin, "Jabaadhaa, hin sodaatinaas! Kunoo, Waaqayyo keessan, ijaa baafachuudhaaf, adabuudhaaf, isin immoo fayyisuudhaaf gara keessan in dhufa" jedhaa!”
  — Isa. 35:4
Forwarded from B🔱śa
Hammam illee dukkanni haa hammaatu hammam illee sodaachisaaf kan hin darbine haa ta'u, dukkanni ifa caalaa dukkanaa'ee ifaan baduu hin dandeenye hin jiru.

“Sagalichi dukkana keessatti in ibsa, dukkanichi immoo isa bira ga'uu hin danda'u.”
  — Yoh. 1:5
“Yesus ammas namootatti dubbatee, "Ani ifa biyya lafaa ti, namni ana duukaa bu'u ifa jireenyaa in qabaata malee, dukkana keessa hin adeemu" isaaniin jedhe.”
— Yoh. 8:12

#Iyesuus ifa keenya!

@wangelawaka
@wangelawaka
jaalalli ergama fayyisuuti.

jaalalli dandeetti wanta jaallate sanafayyisuu qaba. jaaallachuu keessa fayyuutu jira.

jaalalli humna guddaa eenyummaa namaa sochoosuu danda'uudha. kirstoos jaalala ta'uu isaaf jaalala inni nuuf qabu dhukkuba keenyaa akka dhukubsatee nu fayyifatu isa taasise.

jaalala inni ta'e kirstoos yemmuu nu keessa seenus ergama gara eenyumaa gaariitti nu fiduu, nama waan gaarii yaadu kayyoo qabu,  eenyumaaf ilaalcha gaarii qabu gochuu gara kirstoos fakkaachuutti nu guddisuu qaba.

jaalalli kun siin qofa osoo hin taane  nama jaallatte sana  irratti illee karoora fayyisuu, jijjiiruuf dhiibbaa gaarii uuumuu qaba.

jaalalli kun nama ofiif hin filatu namaaf of filata. nama sana gara wanta inni ta'uu qabuutti fida. eenyumaa dhugaa yaada kirstoos ta'e kennaaf.

“jaalala Kristos isa safara beekumsa namaa bira darbus beektanii, guutummaa Waaqayyoo bira hamma geessamtti akka guutamtaniif nan kadhadha.”
  — Efe. 3:19

@wangelawaka
@wangelawaka
Gal. 4
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²⁸ Ammas yaa obboloota ko, akkuma Yisihaq, isinis ijoollee abdii Waaqayyoo ti.
²⁹ Haa ta'u iyyuu malee, yeroo sana inni akka fedha foonii duwwaatti dhalate, isa akka fedha hafuura Waaqayyootti dhalate akkuma ari'ate, har'as immoo akkasuma in ta'a.
³⁰ Garuu caaffanni qulqullaa'aan maal jedha? "Ilmi garbittittii ilma ishee birmaduu wajjin dhaala hin hirmatu waan ta'eef, garbittittii fi ilma ishee baasi!" in jedha.
³¹ Egaa yaa obboloota ko, nuyi ijoollee ishee birmaduu ti malee, kan ishee garbittii miti.

@wangelawaka
Forwarded from B Sa
Iyyesuus Kirstoos nu fayyisuuf eenyumaa keenya isa cubbamaa waliin wal aansoo wal qabe illeedha.

Warra jaallate fayyisuuf jecha warra jaallateen jibbamuu obse.

“Biyyi lafaa isin jibbuu hin danda'u, ana garuu, hojiin isaa hamaa akka ta'e waanan dhugaa itti ba'uuf, in jibba.”
— Yoh. 7:7

“Yesus itti dabalees, "Biyyi lafaa yoo isin jibbe, isin dura akka ana jibbe beekaa!”
— Yoh. 15:18

@wangelawaka
@wangelawaka
Forwarded from B Sa
Raafama addunyaaf karoora biyyi lafaa nama gara wanta barbaaddetti geessuuf gootu jalaa nama baasuuf waaqi nu keessa buufate yeroo hunda nu oolchuuf karaa garaa garaa nutti in dubbata.

Altakka takka waan tahaa jirrus gara itti adeemaa jirrus maal gochaa akka jirrus hubachuu dhabuun yemmuu callisnee jiraannu hafuurri qulqulluu callisee nu hin dhiisu.

Hafuura qulqulluu dhagahuun yaada waaqayyoo hubachuudha. Yaadi waaqayyoo ammoo haala hamaa keessaa nu baasee gara gaariitti nu geessa.


Inni sirriin sagaleekee, sagalee hedduminaan biyya lafaa irratti dhagahaamaa jiru sana osoo hin taane sagalee waaqayyoodha.

Inni sirriin dhugaa namni itti jiraachaa jiru (reality) sana osoo hin taane dhugaa isa kiristoos ta'eedha.

@wangelawaka
@wangelawaka
Ciminni hamma dadhabdutti humna at qabduu miti. Ciminni dadhabii keessatti illee humna ittin dandamattee turtuu (survive gootuu) dha.

Sirrii tahuun hamma kuftutti jechuu miti. Kufanii kahuun illee sirrii dha

@wangelawaka
@wangelawaka
Waa'ee namaa baruuf yookaan "namni akkasi" jettee hiika laachuuf nama biraa irratti xiyyeeffachuura of irratti yemmuu xiyyeeffatudha caalaatti waa'ee namaaf nama barta.

Namoonni baay'een namaan namaaf hiika kennu. Nama jechuun garuu nama biraa osoo hin taane isaanidha.

@wangelawaka
@wangelawaka
Wanta gaarii at argite siif in mala.

Wantoota gaggaarii hedduu at tahuu feetu. "otuun akkas ta'e" jettu kamuu ta'uun siif kan maleedha.

Namoonni baay'een jireenyi inni sirriif gaarii maal akka ta'e beeku garuu kan isaaniif malu isaanitti hin fakkaatu.

Dhugaan jechuun garuu wanta nama hin malleefis maluudha.

Wanti waaqa irraa kaaniif malee kaaniif hin malle hin jiru wanti hunduu hundumaaf kan maleedha.

Wanta siif malu kan argattu ammoo amanuu qofaani.

@wangelawaka
@wangelawaka
#Obsa #patience

#Obsi_kennaa_hafuura_qulqulluudha.

“Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa,”
— Gal. 5:22

Hafuurri qulqulluu wanta si barbaachisu qofa osoo hin taane obsa wanta si barbaachisuus siif in kenna.

Obsi (quality) kee miti. Obsi kennaa waaqaa waaqa ibsuudha.

Al takka takka in dadhabna "obsakoo fixaan jira! Obsikoo dhumee jira!" In jenna. Yemmuu obsi keenya dhumaa jira jennu kana ammoo wanti haaraa akka uumamu dheegna malee obsi keenya caalaa akka dabaluu qabu caalaa obsuu akka qabnu hin yaadnu.

Obsi akka nedaajii (ነዳጅ) dha. Wanta bira gahuu qabdu bira hamma geessutti humna ittiin gara galmakeetti adeemtuudha. Kanaaf obsike dhume jettee hin dhaabbattu obsakee dabalattee deemsakee itti fufta.

Obsa ofii guddifachuuf ammoo obsi kennaa hafuura qulqulluu waan ta'eef obsa dhabuuf dadhabiikee sana keessatti kadhachuu, sagalee waaqayyoo dubbifachuuf karaawwan garaa garaa sagalee waaqayyoo akka dhaggeessu godhan raawwachuun karaa hafuuraa guddachuu keessa obsikees in guddata.

Mallattoon nama hafuuraa tokko, obsa isaati!

#obsaan_in_danda'ama.

Yaq. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
³ Amantiin keessan qoramee ilaalamuun isaa obsaan danda'uu akka fidu in beektu.
⁴ Isin warra fiixaan ba'an; warra mudaa, hir'inas hin qabne akka taataniif, obsaan danda'uun kun hojii isaa fiixaan haa baasu!

Yeroo baay'ee qoramuu keenyatu milkaa'ina nuuf fida in seena. Garuu qoramaanni namoota baay'eef jabina fide kaan ammoo kuffiisees argineerra.

Garaagarummaan qormaata keessatti milkaa'uuf kufuu qormaata sana waan ittin danda'uuf yaalaniidha. Kaan obsaan yemmuu danda'an kaan ammoo waan ittiin danda'an obsa waaan dhabaniif milkaa'uu danda'uus dadhabaniiru.

Obsaan in danda'ama. kan dadhabdeef obsaan ala waan yaalteefidha.


@wangelawaka
@wangelawaka
Yeroo haalonni haamaa si taasisuuf si qoran sana gaarii taatee turuu danda'uunkee gaarummaa guddaa sii kenna.

@wangelawaka
@wangelawaka
Barsiisaan tokko akkuma daree ol seeneen barattoota isaatti qoosaa tokko himuu eegale. Akkuma himee xurumreenis hundi isaanii baay'ee kolfan.

Barsiisaan sun ammas qosaama sana irra deebi'ee itti hime.  Baratoonni muraasi xiqqoo seeqanii kaan in callisan.

Sadaffaa ammas barsiisaan sun qoosaama sana irra deebi'ee itti hime. Namni tokko illee hin kolfine.

Wanti tokko irra dedeebiin yoo si hin kolsisiisne wanti tokko maaliif irra dedeebiin yemmuu yaaddu si boossisa. Gadduun filannookeeti.

Biqilaan lafa onaa keessa waggaa hedduu jiraate har'a irra gahee, "wayyoo lafa onaa keessan jira. Baduukooti" hin jedhu.

Garuu coba dhangala'aa (bishaanii) argatu hundatti fayyadamee dandamata. Haala isaa nannoo isaa jijjiira. Xiyyeeffannookee sirreessi.

@wangelawaka
@wangelawaka
#Akkaataa_jireenyaa
#life_style

Waaqayyo addaamiif jireenya kennee erga addaam jiraachuu eegale. Akkaataa inni itti jiraatu sirressee keneefii ture.

1.gaggeessummaa
#leadership

Inni jalqabaa gaggeessummaadha.

Gaggeessumaan angoo wanta siifiif sitti kenname to'achuuti.

“Waaqayyo isaaniin, "Horaa, baay'adhaas, lafa guutaa, isas harka jala galfadhaa! Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota qilleensa keessa balali'an irratti, uumama lafa irra munyuuqan hundumaa irrattis mootummaa qabaadhaa!" jedhee isaan in eebbise.”
— Uma. 1:28

Waaqayyo addaamiif angoo kennee jira. Gaggeessumaa irraa hin eegaltu yoo ta'e tarkaanfii itti aanu inni tarkaanfatu si miti. Gara itti deemtu kan murteessus wanta si hoogganaa jiru kan biraa sana ta'a.

Angoo ofiitti fayyadamuu jechuun dhiibbaa gaarii aangoon sun gaggeessuu danda'utti fayyadamuu jechuudha.

At gaggeessaadha. Waaqaa gaditti angoon ofiif wanta sitti kenname gaggeessuu siif kennamee jira.

Namni angoo gaggeessumaa of irratti hin qabne nama miira isaan qofa gaggeeffamu ta'a.
Namoonni baay'ee miira isaanii qofaan gaggeeffamu. Isaan isaan isa dhugaa hin jijiiramne osoo hin taane isaan miira isaani haala iratti hundaa'uudha.

#gaggeessumaan_miirakeen_gaggeeffamuu_osoo_hin_taane_miirakee_gaggeessuudha.

Gaggeessumaan of ta'uu dha.

2. Kaayyoo
#vision

Gaggeessaan sirrii kaayyoo qaba.

Kayyoon wanta at itti uumamteef qofa osoo hin taane wanta at itti taateefidha.

Wanta at itti taateef jechuun wanta taate kan at taatee uumamteef kaayyoo guddaa waaqayyo waliin si uume sana ta'uuf akka humna yookaan kahumsa sii tahuufi.

“Waaqayyo gooftaan namicha fuudhee iddoo dhaabaa Eeden sana akka tottolchuuf, akka eeguufis achi keessa in kaa'e.”
— Uma. 2:15

Haalaa, bakkaaf yeroo sana keessatti jiraachuunkee bakka sanaaf kaayyoonkee furmaata dha.

Kanaaf "rakkoo jira kayyoo hin qabu"jechuu irra kaayyookee furmaata rakkoo sanaa akka tahe yaadi.

3.Abboomamuu
#willingness

At gaggeessaadha. Kaaayyoo qabda gara kayyookeetti kallattii tokkichi at ittiin bira geessu tarkaanfii abboomamuu jedhamuunidha. Yaadaaf fedha waaqaa keessa hamma hin jirretti kayyookee isa dhugaa sana bira gahuu hin dandeessu.

Uma. 2
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁶ Yommus Waaqayyo gooftaan namicha abboomee, "Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa in nyaatta;
¹⁷ ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan sana irraa garuu hin nyaatin! Gaafa isa irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta" jedhe.

4. Hariiroo
#relationship

“Ergasii Waaqayyo gooftaan, "Namichi kophaa isaa ta'uun gaarii miti; kan akka isaatii kan isa gargaartu, ani isaaf nan tolcha" jedhe.”
— Uma. 2:18

qophaakee hin jiraattu.gara kaayyookeet Qophaakee hin deemtu. Haariiroon gaarii akkaataa jireenyaa gaariidha.

Namoota waaqayyo siif kennu waliin jiraachuu baruu qabda. Nama jaalalaaf jaallachuu danda'u. Nama namaaf jiraatu. Nama namummaa namaa hubachuu danda'uuf dhiibbaa gaarii nama irrattu uumuu danda'u tahuu qabda.


Kaanaaf wantoota bu'uraa afur jireenya nama tokkoof murteessaadha jedhaman
🤴gaggeessummaa
🧗‍♂kaayyooo
🧎abboomamuuf
🤍haariiroo dha.
Kanneen keessaa tokko rakkoo yoo qabaate haala jireenyakee miidhuu danda'u.


#addaam_lammaffaa
#the_all_in_all

addaam jalqabaaf waaqayyo jireenya erga kenneefii akkaataa jireenyaas in kenneef.

Addaam inni lammafaa iyyesuus kiristoos garuu addadha. Ofii isaa jireenya ofii isaa akkaataa jireenyadha.

“Yesus deebisee, "Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.”
— Yoh. 14:6

Jireenyi kirtoosidha. Akkaataan jireenyaas isa fakkaachuu.

Kiristoos jireenyaaf wanta itti jiraatamu hundumaadha.


@wangelawaka
@wangelawaka
Waaqeffanaa jechuun bakka jireenyaake jiraachuu jechuudha.

አምልኮ ማለት መኖሪያህ ዉስጥ ምትኖረው ህይወት ነው።

Qurxummii tokko bishaan ala jiraachuu osoo isa shaakalsiisan bishaan ala jireenya sana jiraachaa turuu jiraachaa jiraachuu danda'a garuu yeroo bishaan isaatti deebi'u jireenya inni jiraatu jireenya kansaa tahe sanadha. Akkataa inni itti bishaan sana dheebuun daaku akkataa inni itti (enjoy) godhu.bakka itti qurxuummiin sun hafuura baafachuuf hin rakkanne. Eenyumaa isaa bakka jiru keessatti dhugaan jiraachisa garaa isaa waan hunda godha waan hunda taha.




Waaqeffannaan farfannaa, galata,lallaba qofa miti waaqeffannaan jireenya sana jiraachuudha.


Yoh. 4
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²¹ Yesus yommus, "Dubartii nana, yeroon itti isin gaara kana gubbaatti yookiis Yerusaalemitti abbaadhaaf hin saganne dhufuuf jira; na amani!
²² Isin waan hin beeknetti sagaddu, nuyi garuu waan beeknutti saganna, fayyinni Yihudoota keessaa in dhufa.
²³ Yeroon itti warri dhuguma sagadan, hafuuraa fi dhugaadhaan abbaadhaaf sagadan garuu in dhufa; innis ammuma iyyuu ga'eera. Abbaanis warra akkasitti isaaf sagadan in barbaada.


Dubartiin samariyaa kun jiraachuuf illee bakka itti cimu irraa jireenya isheef qophaa'e sana yeroo dhamdhamtuuf bartu bakka duraan turtetti akka duraan hin turre ta'uu eegalte.


Yoh. 4
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²⁸ Dubartittiin yommus okkotee ishee achumatti dhiiftee, gara mandaraa, dhaqxee namootattis dubbattee,
²⁹ "Kottaa namicha; 'waan ani kanaan dura hojjedhe hundumaa anatti hime tokko ilaalaa; kun Kristos laataa?" jette.
³⁰ Namoonni yeroo sanatti mandaricha keessaa ba'anii, gara isaa dhufuutti ka' an.


@wangelawaka
@wangelawaka
2024/06/09 12:46:19
Back to Top
HTML Embed Code: