Telegram Web Link
Forwarded from Barattoota oromoo (πŸ…·πŸ…ΊπŸ† Gjxβ„’πŸ”˜)
Yeroo amma kana namoonn channel telegram gurguddda qaban qarshii kara addan argata jiru ach keessa tokko beekaman kara beeksisan
1. Kan dhabbaann telegram channel keesaan irratr beeksiisa gad lakkise ton isinif kennudha

2. https://telega.io/c/Barattootaoromo link kanan seentan yoo galmooftan dhabbanni kunis kan telegram olitti kaffala . Creteria isa miseensi channel ykn group sana 3000 fi achi ol tauu dha


Kanaaf namoonn channel keessan 3k ol taee galmooftan mallaqa argachuu dandeessu
https://telega.io/c/Barattootaoromo
https://telega.io/c/Barattootaoromo
Qabxiin qormaata guutuu magaalaa Finfinnee kan kutaa 8ffaa har'a ifoomeera



Qabxiin qormaata kutaa 8ffaa guutuu magaalaa Finfinnee har'a ifoomuu Biiroon Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Barattoota qormaata kutaa 8ffaa qoraman keessaa harki 88.8 dhibbeentaa 50 ol fiduu isaanii Biirichi beeksiseera.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Zalaalam Mulaatuu (PhD) ibsa kennaniin, bara barnootaa 2017 kanatti barattoonni kuma 70 fi 525 qormaata kuta 8ffaa fudhachuu himan.

Qormaata kanaan barattoota 20 qabxii ol’aanaa fidan keeessaa ammoo 13 barattoota mana barumsaa Iteegee Mananii fi Mana Barumsaa Bultii Dhiiraa Galaan ta’uu eeran.

Barattoonni har’aa eegalee geessituu armaan gadii kanaa qabxii isaanii ilaallachuu akka danda'an, Biiroon Barnootaa Bulchiinsa Magaalichaa hubachiiseera.

#oromiiyaa
#barattootaoromo
#qormaata@barattootaoromo
#Ethiopia
#Afrikaa
#Galatoomaa
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Entrance dhaf guyyaa meeqatu hafa ?
Anonymous Poll
71%
A. 5
31%
B. 6
19%
C. 7
17%
D. 8
26%
E. 9
#BEEKISISA_Kutaa_12ffaaf

Inistiituutiin Teeknooloojii Shaggar Barattoota 12ffaa Xumuran Galmeef Waameera.
--------
BBO- Waxabajjii 18/2017 Inistiituutiin Teeknooloojii Shaggar Barattoota Bara 2017 Qormaata Biyyoolessaa Fudhatan keessaa barattoota ulaagaa Inistiituchi gaafatu guutan bara barnootaa 2018 simatee barsiisuuf galmee jalqabeera.

Kanaafuu barattootni ulaagaa kaa'ame guuttaniifi fedhii qabdan marsariitii (online) irraan akka galmooftan isin afeereera.

#Odeeffannoo_guutuu_argachuuf liinkii asiin gadii fayyadama.


NOTICE

Shaggar Institute of Technology invites 12th grade students for registration.

OEB- June 25/2025 Shaggar Institute of Technology has started enrolling students who meet the requirements of the Institute.
Therefore, eligible and interested students are invited to register online.
Use the link below for full information.
https://sitedu.info/

#Afrikaa
#Ethiopia
#barattootaoromo
#barattootaorom@barattootaoromo

@barattootaoromo
Forwarded from Barattoota oromoo (πŸ…·πŸ…ΊπŸ† Gjxβ„’πŸ”˜)
CARRAN KUN AKKA ISIN HIN DARBINEE

KEESSATTU JIRAATA MAGALAA SHASHAMANNEETIIF

Odeeffannoo dabalataatiif: +251710622666 Telegiraam: Alpha Telegram group link = www.tg-me.com/+Z655QHt_Ynw2ZTQ0
Forwarded from Barattoota oromoo (πŸ…·πŸ…ΊπŸ† Gjxβ„’πŸ”˜)
CARRAN KUN AKKA ISIN HIN DARBINEE

KEESSATTU JIRAATA MAGALAA SHASHAMANNEETIIF

Odeeffannoo dabalataatiif: +251710622666 Telegiraam: Alpha Telegram group link = www.tg-me.com/+Z655QHt_Ynw2ZTQ0
Qormaanni Biyyoolessaa Xumura Barnoota Sadarkaa 2ffaa Kutaa 12ffaa Bara 2017 Har'a Eegale.
-------------------
BBO- Waxabajjii 23/2017 Qormaatni Biyyoolessaa Xumura Barnoota Sad. 2ffaa Damee Barnoota Saayinsii Uumamaa Kutaa 12ffaa bara 2017 waraqaafi 'online'n kennamu har'a ganama sa'aatii 3:00 jalqabeera.

Akka Naannoo keenyaatti barattootni qormaata Barnoota Saayinsii Uumamaa irratti hirmaatan 137,191 yoo ta'an, barattootni sagantaa idileen baratan(Regular) 119,465 yoo ta'an dhuunfaan(Private) immoo,17,726 ta'uun beekameera.

#barattootaorom@barattootaoromo
#barattootaoromo
Astirooyidoonni qorattoonni hawaa ija miixanii ilaalaa jiran afur dachee rukutuu danda'uu?


Yeroo baayyee waa'een astirooyidii yaada keenya keessa kan dhufu fiilmiiwwan saayinsii irratti wayita ilaallu ykn ammoo oduurratti wayita dhageenyu qofa.
Haata'u malee addunyaarratti jaarmiyaaleen xiyyeeffannaansaanii ijoon qaamolee hawaa kunneen irra ta'ee fi buufataaleen irraa hordofan hedduun jiru. Kunis kan ta'eef sababa qaba.
Astirooyidoonni waggoota miiliyoona 4.6 dura wayita sirna dacheen keenya keessatti uumamte kana keessatti aduun uumamtu ykn wayita urjiiwwan uumaman wantoota irraa hafanii fi dhagaa fakkaatan irraa kan uumamanidha.
Sirna soolaarii keenya keessa astirooyidoonni miiliyoonaan lakkaa'amantu jiru. Hedduunsaanii pilaaneetota Maarsii fi Juppitarii gidduu ta'anii siinqee astirooyidii kan jedhamu kan aduutti marsu irratti argamu.
Gariin gara dacheetti dhufu, ka'umsi jireenyaa maal akka ta'e akka hubannuuf nu gargaaruu danda'u jette Monikaa Gireedii.

Monikaa Gireedii yunivarsitii UK keessatti argamu Open University jedhamutti piofeesara Sirna Pilaaneetii fi Saayinsii Hawaati.
''Astirooyidoonni kunneen gariin isaanii kompaawundoota orgaanik ta'an, kanneen ka'umsa jireenynaa nu hubachiisuu danda'an of keessaa qabu,'' jette.
''Agarsiistuun tokko jireenyi lafa qofarra kan jiraateef sababa astirooyidoonni qabiyyeewwan jireenyaaf barbaachisan dacheetti fidaniif.''

Astirooyidoonni gariin miidhaa hin geessisan. Kan osoo jiraachuunsaaniillee hin beekamin darbanis jiru. Kaan ammoo kan irratti xiyyeeffachuun barbaachisus jiru.
''Wantoota gara dacheetti dhihaataa jiran baruuf fedhiin akkaan dabaleera. Hamma orbitii isaanii bira ga'anitti saayintistoonni hedduun xiyyeeffannaan hordofaa jiru. Kunis dhiibbaan isaan qaqqabsiisuu malan hambisuufi. Wantoota gurmaa'ina nutti hin beekamne qaban hedduu dacheerraa fageenyarratti argaa jirra,'' jetti Agata Rozeck.
Agata Rozeck UK, Yunivarsitii Edinbiraatti Qarattuu damee Fiiziksii fi Atiroonoomiiti.

Hanga isaaniin wayita ilaalaman, astirooyidoonni gurguddaan yaaddoonsaanii xiqqaadha.
''Eessa akka jiranii fi garam akka deeman sirriitti beekna,'' jetti Rezeck.
''Haala sochii isaanii, wantoota yeroo baayyee hin baramne kan waa'ee astirooyidoota ilaalan hunda ni qoranna. Kanaaf sirriitti beekna.''
''Hanga orbitiin isaanii beekamutti waan nu rakkisaniif yeroo baayyee astirooyidoota xixiqqoo salphaatti adda baafamuu hin dandeenyetu yaaddoo dha,'' jetti qorattuun kun.
Astirooyidoonni yeroo ammaa xiyyeeffannaan qoratamaa jiran sadi akkasumas tokko kan Nasa'n qorannoo irratti eegalee jiru kanneen armaan gadiiti.

 Apophis

Maqaa waaqa jeequmsaa fi badiinsaan kan moggaafame Apophis bara 2004 keessa abuurame.
Carraa dachee rukutuu baayyee xiqqoo ta'e qaba ture. Garuu boodarra Nasa'n ''Apophis yoo xiqqaate waggaa 100 asitti dachee rukutuu akka hin dandeenye ofitti amanamummaa akka qabu,'' ibseera.
''Hubannoo amma qabnuun Ebla 13, 2029 dacheerra akka darbu barreerra,'' jette Rozeck.
''Erga argamee eegalee lafarraa duulli hordoffii bal'aan taasifameera. Saatalaayitoonni ji'oosteeshinarii jedhaman naannawa jiranitti dhiheenyarratti sochii ni taasisu. Dacheetti dhihaachuunsaa astirooyidiin kun akka danaansaa geeddaramuu fi akka jijijjiiramu ni taasisa jenne amanna.''
Akka Nasa'n ibsutti harkisi lafaa astirooyidiin Apophis sochii naannawa aduutti taasisu akka jijjiiru taasisa.
Akkasumas astirooyidoota irratti sigigi lafaa xixiqqoon akka jiraatu kan taasisuudha.
Diyaamitiriin Apophis meetira 340 yoo ta'u, kunis dirree kubbaa miillaa dachaa sadi ta'a.
Astirooyidiin kun dacheerraa fageenya kiilomeetira 32,000 irratti dachee bira darba. Fageenyi kunis akka ijaan argamu isa taasisa.

Astirooyidii 2024 YR4 jedhamu

Bara 2024 kan abuurame astirrooyidiin 2024 YR4 jedhamu meetira 53-67 dheerata, kun dheerina gamoo abbaa darbii 15n walqixa ta'a.
Astirooyidiin kun bara 2032tti dachee rukutuuf carraa xiqqoo qabaachuu danda'a oduun jedhu addunyaarratti mata duree ijoo ta'ee ture.
Inumaa qorattoonni carraan astirooyidiin kun dacheerratti kufuuf qabu 32 keessaa tokko ta'uu tilmaaman, Nasa'n garuu kana kuffiseera.
Ammallee astirooyidiin kun Addeessa waliin walitti bu'uuf carraan jiru dhibbeentaa 3.8, garuu akka Nasa'n jedhutti yoo walitti bu'iinsi mudatellee orbitii saatalaayitii uumamaan jiru geeddaruu hin danda'u

Astirooyidoota- Didymos fi Dimorphos

Didymos jechuun afaan Giriikiin lakkuu jechuudha. Astirooyidii yoo ta'u, Dimorphos ammoo addeessa itti marsuudha.
Lameenuu Dacheedhaaf yaaddoo miti. Garuu birqabaan yoo ilaalamu dacheetti dhihaachuun kan darban isaani.
Qaamoleen lameenuu bara 2022 xiyyeeffannaa yaalii Nasa Double Asteroid Redirection Test jedhamuu turan.
Yaalii kanaan xiyyaar-samiin nama-maleessi Dimorphos waliin akka walitti bu'u kan taasifame yoo ta'u adeemsa kana keessa xiyyaar-samiin caccabeera.
Galmi yaalii kanaa dhagaawwan hawaa keessaa kanneen Dacheef yaaddoo ta'an karaa nagaan dhabamsiisuun akka danda'amu sakatta'uudha.
Didymos fi Dimorphos shaakala kanaaf kan filataman of eeggannoodhaan ture.
Yaalii taasifamerraa akka hubatametti astirooyidoonni lameenuu daandii dacheedhaan walitti isaan buusurra hin turre.
Jijjiiramni orbitii xiqqoon yoo mudates rakkoo waan hammeessu miti.

Toora astirooyidoonni irratti argaman keessaa akkaan kan nama ajaayibu jechuun Nasa'n kan ibse astirooyidiin kun, bara 1852 abuurame.
Maqaan kunis waaqa afuuraa Giriikii irraa ka'uun kennameef.
Psyche nurraa baayyee fagaatee kan argamu yoo ta'u, Maarsii fi Juppitar gidduu ta'ee aduutti naanna'a.
Kan hojjetames sibiilaa fi dhagaarraa akka ta'e amanama.
Saayintistoonni sibiilonni hedduun handhuura Planetesimal irraa akka ta'etti yaadu.
Wayita pilaaneetonni uumaman caccabaan irraa hafu addanatti kuufama.
Astirooyidii Psyce jedhamu kana qorachuun Dachee fi pilaaneetonni kaan akkamiin akka uumama hubachuuf akka gargaaru saayintistoonni ni amanu.
Nasa'n ergama astirooyidii kana qorachuu fi kaartaa isaa uumuu kan eegale bara 2023 ture.

Argannoo haaraa

Jalqaba ji'a kanaa jaarmiyaan qorannoo hawaa guddichi, Vera Rubin Observatory jedhamu suuraalee teleskoppiin kaafaman 2,000 fi wantoota Dacheetti dhihaatanii jiran torba sa'aatii 10 keessatti mul'iseera.
Qorannoowwan hawaa kaan hundi, lafarraas ta'e hawaa keessa ta'anii, walumaagalatti waggaatti astirooyidoota 20,000 qofa kaasuu danda'u.
Pirofeesar Gireediin ''samiin halkanii hunda kaartaadhaa kaasuu yoo barbaadde bakka irraa kaastu bal'aa qabaachuu qabda,'' jette.
Jaarmiyaan kun erga eegalee waggoota muraasa jalqabaa keessatti astirooyidoota miiliyoonaan lakkaa'aman nan argadha jedhee eega.
Kunis qorattoonni hawaa astirooyidoota hedduu akka argan fi sirna soolaarii keenyaa irratti hubannoo dabalataa akka argatan isaan dandeessisa.
2025/07/01 08:25:24
Back to Top
HTML Embed Code: