JAALALA DHUGAA!
"Obbolaan lama maasaa abbaa isaanii irraa hojjetantu turan. Inni tokko fuudhee maatii hedduu qaba ture. Inni tokko immoo hin fuune. Galgala hunda midhaan maasaa irraa argatan wal-qixa hirmaatu.
Gaf tokko obboleessi inni kophaa jiraatu sun, "midhaan kana wal-qixa hirmaachuun keenyi sirrii miti. Ani kophaakoon jiraadha wanti na barbaachisu baay'ee miti" jedhee yaade. Kanaaf galgala hunda midhaan isa ga'e irraa keeshaa tokko tokko fuudhee dhoksee mana obboleessa isaa geessee gombisaa isaatti naqaaf ture.
Inni fuudhe immoo, "midhaan argannu kana obboleessakoo wajjin wal-qixa hirmaachuunkoo sirrii miti. Ani haadha manaa qaba. Ijoollees nan qaba. Isaan na kunuunsu. Obboleessikoo garuu nama isa kunuunsu hin qabu" jedhee yaade. Kanaaf, galgala galgala otoo inni hin argin midhaan keeshaa tokko *2 gombisaa obboleessa isaatti naqaaf ture.
Lamaan isaaniiyyuu maaliif akka gombisaan isaanii hin hir'anne waggootaaf ajaa'ibsiifachaa jiraatan. Isa booda galgala tokko akka tasaa lamaan isaanii karaa irratti walitti ba'ani. Lachuun isaanii keeshaa midhaanii baatanii jiru. Maaltu ta'aa akka ture hubachuuf yeroo itti hin fudhanne. Keeshaa isaanii lafa kaa'atanii walitti marmanii boo'an" jedhama.
Ergaa Jaalala keessan kaa'uf 👉 @Walaloo_bot 👈 fayyadamaa.
@Dambalii_Jaalalaa

❤21🥰7
  Si dhabuu hin barbaadu jechuun si dhiisuu hin danada'u jechuu miti; 
Kanaafuu natti hin booniin🙏🏼
Kanaafuu natti hin booniin🙏🏼
❤19👍11👏2
  "Kan jaalatan ni dhungatu malee hin heeruman. Heerumnaan wajjiin waan 'Baala*ee 'hojjetan.  Kan jaalatan immoo waan badaaf hin hawwan. Jaalala hin gadheessan.  Kan jaalatan kan kunuunfamu, kan sassatamu, kan qusatamu, kan weeddifamu, kan hammatamu. " jetti akkoon. 
  
'Akkoo, ganna maaliin yaadatta' jennaan...
"Jaalalleedhaan" naan jette gaaf tokko.
Ergasii jaalalleen ganna keessa argadhen yaadaa ture. Qabaa laata?
...afachaa nan yaadadha...baaseen buusa. Miira ganna keessaan fida. Eeyyee qaba , sanuu shimala tokko!
Ganna qoraan hin guuramu guuramus hin boba'u.
"Ganni kan hojii miti, ganni kan ayyaanaati, ayyaana waaqaaf lafaa, ayyaana jiidhaa ayyaana, biqilootaa, ayyaana waan marguu, ayyaana hurriif qilleensaati" jetti akkoon.
  
Ani garuu caaman eega. Qoraan guuruu deemuuf, lagaa bishaan waraabuuf! Jaalala hojiif miti, jaalala jaalalleetiifi.
Ganna, baaqqee 'naxalaa' jaalalleef kennan.
Walirraa fagaatanii, akka wal hin irraanfanne "fooliin naxalaa waliif qoricha" jedhan !
Kennaan jaalallee lafa hin kaa'amu. Sanuu inni dhiiraa "Eessaa fidde?"jedhamee hin gaafatmu. Mormatti maratee deema. Mataatti hidhatee hojjeta.
 
Warri isaa, hatiif obbolaan waan inni mormatti hidhatu sana ilaalanii golatti ol darbanii isa hamatu. Abbaan immoo ilma isaatiin boona.
Qoraan guuruu deemee jaalalleen arga. " Kan jaalatan argaanuu qoricha" jetti akkoon!
Galaa ji'aa sagalee isaa, foolii isaa, hammannaa isaa dhungannaa isaa keessaa guduunfadheen gala gaafas.
Harmeen bakkan deeme bartee galiitti mukukkula ibiddaa caartee as baafatti.
Qabee as baaftee harki itti keessee barbaree quba ishee shananiin walitti cobboxxee gara galii mukukkula qabuutti deemtiin. Fincaantu na qaba yoona!
Baqachuun addaggee, safuun beeknee nama gooti. Jaajallee arguu caala, dhaanicha harmee baqachuutu safuu cabsuudha. Bakka harmeen taa'i jettu taa'uudha. Barbaree ulachuudha. Jaalallee yaadaa waan gubaniif barbareen nama gubuu hin yaadamu yoos! Hagana jaalalli ganna ganna namatti jabaatti. Amma barbareen namatti ulamu nama gubuu dhiisutti!
  
"Ganni oguma jaalalaati " jetti akkoon. "Ganni mana obsaati "jettis! Wanti obsa namaaf hin kennine jaalala, ganni jaalalleewwan leenjisuuf uumame" jettis! "Kan wal jaalatee ganna keessa hin darbine warra irra buta wal jaalate malee maali?" jetti.
"Birraan kan keenya, kan warra wal jaalatee gamaaf gamanatti hafeeti, dafee hin bari'u malee!
Ganni iccitii lafaaf samii gidduutti dhangala'u. Ganni afuura biqiltuuf qilleensa gidduutti washaakkatu.
Ganni wal geettii , wal argaa, wal ilaalcha, wal barbaacha, wal iyyaafannaa waaqaaf lafaati" jetti. Ganni walitti dhiyeenya warra sagalee hin qabneeti.
 
Ganna ganna tiifuu qorqoorroo irraa kaakkisu, ykn 'basmaam oldii qeesii' bataskaana maaramii mana keenya duubaatu na kaasa.
Ganna kana lamaan qofatu namatti tola. Edaammoo waan baay'eetu namatti tola. Jaalallee ganna keessaa yaadunuu gubaa qabbana gannaatiin haguugamee laphee ofii keessaa suuta asaasu.
'Qiddaasee qeesii' mana keenya duubaa ciisee caqasuu, yookaan qicica tiifuu ganamaa, ulfaatina duumessa aduu aguugee dhoksee ilaaluu. Ani garuu sana caala
Sammuun ni yaada. Duumessi aduu dhokse sun iccitii akkamiin akka lafaaf ifa kenne namni hubate jiraa laata?
Aara barbaree uffataan haguugamee fuulatti na ulamee sana jaalalli na irraanfachiise sun humna akkasii eessaa fide laata? Tarii iccitii duumessa keessaa isa lafaaf aduu malee ifa laatu sanaan tokkoo laata?
Biqiltuun latee itti tolee fuula ifee cululuqee, dhiqatee qulqullaa'ee ofitti tolu kunis iccitii baata! Iccitii ganni laateef! Anis kanan barbaree uladhee gubachuu dideef iccitii jaalalli baatu baadheeni laata?
Nagaan oolaa!💦
By Siifan Biraanuu

❤12👍3
  Akka waliin ijaarruuf 
Si gaafannaan, waa’ela
Koottutii, na gargaari
Naaf tolchi, waan qajeelaa
Dogongora tokkoof
Na dhiistee hin darbini
Qaawwaa gola keennaa
Ormii hin argini.
Atis,
Ani dadhabu, ol na qabi.
Ani rakkadhus, na dhaqqabi.
Anis,
Ati kuftu, ol si kaasa,
harka qabee
Na waammattu, siif owwaadha,
lafaa ka’ee.
Akkas malee
Kophaa fiiguun,
nun fayyaduu,
Faallaa deemnee, wal sakaaluun,
bu’aa hin qabu.
Sababni isaas!
Mixiin, waliin laga ceeti
Qunceen, waliin arba hiiti
Bultiin waliin ijaarama
Jiruun waliin jiraatama.
Kanaafuu!
Anii fi ati, waliin tolla
Wal ijaarree, waliif golla
Diina keenyas, waliin lolla
Horiis taatu, waliin horra!
Yoo dadhamnu, walti hirkanna
Gaafa rakkoof, wal abdanna.
Wal qabannee, moonee galla.
✍️ Ebise Teshome
@Dambalii_Jaalalaa
Si gaafannaan, waa’ela
Koottutii, na gargaari
Naaf tolchi, waan qajeelaa
Dogongora tokkoof
Na dhiistee hin darbini
Qaawwaa gola keennaa
Ormii hin argini.
Atis,
Ani dadhabu, ol na qabi.
Ani rakkadhus, na dhaqqabi.
Anis,
Ati kuftu, ol si kaasa,
harka qabee
Na waammattu, siif owwaadha,
lafaa ka’ee.
Akkas malee
Kophaa fiiguun,
nun fayyaduu,
Faallaa deemnee, wal sakaaluun,
bu’aa hin qabu.
Sababni isaas!
Mixiin, waliin laga ceeti
Qunceen, waliin arba hiiti
Bultiin waliin ijaarama
Jiruun waliin jiraatama.
Kanaafuu!
Anii fi ati, waliin tolla
Wal ijaarree, waliif golla
Diina keenyas, waliin lolla
Horiis taatu, waliin horra!
Yoo dadhamnu, walti hirkanna
Gaafa rakkoof, wal abdanna.
Wal qabannee, moonee galla.
✍️ Ebise Teshome
@Dambalii_Jaalalaa
❤23🥰4
  Akka Handarii reefu cuucii dabartee guddina caalu bira gahuuf jettuutti jireenyi keenya lamaan na marara. Onnee jaalalaa, laphee jaalachuufi jaalatamuu danda'u qabaachuun keenya….,
Dibaabee fakkii jaalalaan bocameen qorraaf qorama jaalalaa, yaaddoofi siqiqii jireenyaa ittiin qolachuuf harkaa qabnu waan akka salphaatti ilaalamu miti…. Kanas ta’u sana, yaadannoowwaniifi hiikkaa jaalalaa gola jaalala keenya jidduudhaa burqa turaniifi har’as itti jiran yoon yaadu……
Jaalalli🏩 icciitii guddaa hundaaf ifa galuu miti. Otuu icciitii ta’uu baatee, nama hundatu jaalala keessa jiraatee, jaalalaafis jiraata ture….

❤9🥰9😁1
  Ati aangoo narratti qabda!
Ati.... Hojii irra haa jiraadhu karaa deemaa, ykn haa dhaabbadhuu ciisaa... Taa'aa yoon jiraadhes fiigaa, yeroo kee eeggattee dhuftee sammuu tiyya keessa qubatta. Sammuun tiyya qaamota kaan irraa si ittisuuf akka isaan shaakala garagaraa godhan ni ajajji. Ati garuu ana irratti humna cimaa waan qabduuf jabeessiteet na qabda. Ol ka'ee deemuuf yoon jedhu; luka koo WAAF gootee haanxessita.
Dadhabeen dhiisa. Bakkuma taa'utti qalamaafi dabtara fuudheen waa barreessuuf yoon qalamaafi dabtara waliin tuqu yaadota na harkaa facaaftee harka koos akka jabaa qax gootee qabda. Dhiiseen kitaaba mata dureen “Du'a booda jireenyi itti fufa” jedhu dubbisuuf as fudhadha. Sarara lama yoon dubbisu duruu waan dubbise irraanfadhee ija koos dhaamsita. Dhumarratti harka sitti kennadheen si jala gadi ciisa. Akkasiinuu baay'een si jaaladha. Baay'ee mi'oofta. Gara dhumaa tokkotti faa akka jabaa tolta. Dhugumatti nama hegere qaban qofatu ofirraa si qolatee si moo'ee si biraa deema.
Ahaa hirriba waan ati nu goote moo.. Umriin koo waggaa 99 taanaan yoon sa'aatii 24 keessaa sa'aatii 8 ati narraa fudhatte umrii koo irraa immoo waggaa 33 fudhatta.
Naaf jiraadhu jaalatamaa koo garuu gaafa nama si caalaa aangoo narratti qabuun walitti dhufne gara ganamaa kana gad na dhiisi maaloo.😌
Leelloo Sabaa

❤12👍1🥰1
  Sii koo?! Ni yaadattaa? Ni yaadattaa yaroowwan mana kanatti dabarsine? Ni yaadattaa? Isa dhukkuba, gadda, gammachuu, koflaafii qabaataaf dhaba keenya asitti waliin dabarsine!  San yaadadheen ofii wajjiin wal lola!  Maaliif adda baane, maaltu sirraa na fageesse? Anaatu si gane moo siitu na gane? Anaatu si dhiise moo siitu nan hubanne?  An hin beeku! Akkuma kiyya yoo taate atiis na yaadaa jirta!   Fuula kee narraa cufattuus, lafa fagoo deemtuus niin amana akka ati na yaadaa jirtu. Niin amana akka ati kophaa raftee hin bulle, akka ati dhaamottu!  
Silaan waa sitti himee ykn ni aarta. Ykn ni mararamta! Sumattiin hima garuu!
Manni kun si malee Nama tokkoof banaa miti!
Guyyaan Akka yaroo ebeloo, akka hurrii roobaatti Nama cufa! Halkan natti qorra, qilleensaatu laphetti na ya’a! Irkata dhabeen Hafuura baafachuu dadhaba! Qabannaa shanacha keetii hawween qaamni na suukannaawa! Hafuura kee barbaadaan mana keessa naannawa! Gorora kee waaniin dhabeef afaan na hadhaawa! Sii koo?! Maal naan jatta?
✒️@Fandishee musxafaa /Harargittii!

❤14😢1
  "Dhugumatti, jaalalli bakka oftuulummaan jiru keessatti jiraachuu hin danda’u. Jaalalli dhugaa kan nama lama gidduu jiru, wal-qixxummaa fi kabajaa irratti bu’uura. Yoo namni tokko of-tuulu ykn of-murtii isaa qofa irratti hirkate, miira isa dhugaa ibsuu dadhaba; fedhii fi hawwii lamaan gidduu walitti dhufeenyi dhugaa uumamuu hindanda’u.
Jaalalli nama lama gidduutti yeroo itti guddatu, walii galtee, obsa, fi wal-hubannoo barbaada. Yoo bakka itti hafu hin beekne ykn oftuulummaan guutame, jaalalli akka muka gogaa keessa jirus fakkaata – dallaa cimaa fi bishaan malee, hin guddatu. Kanaafuu, jaalalli dhugaa ofii keenyaa fi kan nama biraa kabajuun, of kennuun, fi walii gargaarruun kan jiraatu dha. Namni tokko yoo qalbii fi miira nama biraa sirriitti hubatee, wal-qixxummaa fi kabajaa agarsiise, jaalalli sun akka biqilaa fi gammachuu keessa jiraatu taasisa."☺️😍

❤7👏5👍2
  ❤3
  Fiilmii Afaan Oromoo Mata dureen isaa Siinseenaa jedhu lakkifameera. Seenaatii Fiilmii ajaa’ibaa kana daawwadhaa.
https://youtu.be/BXlDObz9kZQ?si=Gu62dJzOPMBM6r-i
  
YouTube
  
  SIINSEENAA | NEW ETHIOPIAN AFAN OROMO FILM | FIILMII AFAAN OROMOO HAARAA 2025
  Subscribe to Galaa Entertainment | And Turn ON Notifications To Stay Updated With All New Uploads!🔔
Unauthorized use, Distribution And Re-Upload of This Content is Strictly Prohibited
Copyright ©2025 GALAA ENTERTAINMENT
Fiilmiin siinseenaa Ifaa Balaay…

❤6
  Dhimmoota Fiilmiin wal qabatan Tik Tok irratti hordofuu warreen barbaaddan kunooti
https://vm.tiktok.com/ZMAShC5cc/
  
  https://vm.tiktok.com/ZMAShC5cc/
TikTok
  
  TikTok · kaachuu
  1482 likes, 39 comments. “Part two”
❤3
  Fiilmota addunyaarraa galii doolaara Biiliyoona lamaa ol argamsiisan 7’n
https://vm.tiktok.com/ZMASEkRyt/
  
  https://vm.tiktok.com/ZMASEkRyt/
TikTok
  
  TikTok · kaachuu
  2027 likes, 49 comments. “3”
❤1
  Fiilmii guyyaa tokko qofa keessatti galii doolaara Miiliyoona 157 ol argate
https://vm.tiktok.com/ZMAAaADE1/
  
  https://vm.tiktok.com/ZMAAaADE1/
TikTok
  
  TikTok · kaachuu
  487 likes, 30 comments. “4”
❤4
  Kurnan Torbee
Jaalattoota Fiilmii akkasumas jaalattoota aartii maraaf bakka itti irraa beekumsa corattan kanatti goraa. Maatii ta’aa.
https://youtu.be/IbPwCfNG-ko?si=WXfi4JLXbNNDokUA
  
  Kurnan Torbee - Top Ten Worldwide richest Actors
  #FiilmiiAfaanOromoo #Aartii #Oromoo
Kurnan Torbee sagantaa Yuutuubii torbee torbeen Yuutuubii Kaachuu Tube irratti lakkifamu yemmuu ta’u, Dhimmoota aartiin wal qabatan keessaa filannee wantoota kudhan sadarkaan kan siniif dhiyeessinudha. Sagantaa keenya kana…

❤2
  Akka tasaa ture. Ollaa keenya gaddi wayii geenyaan mucaan ollaaa keenyaa inni ani waggaa baayyee isa hangafu mana keenya si bira yaa bulu naan jedhan. Anis mucaa reefu gara dargaggummaa seenudha homtuu hin uumamu jedheen sireeman irra rafu cina na maddii rafe. Guyyaa waan dadhabeefi na fakkaata tokkumaan hirriibni isa fudhate. Dugda isaa natti garagalchee rafe. Anis calliseen rafe.
Halkan ennaan dammaqu, natti bulluqee jira. Mucaanis natti garagalee harka isaa mudhiirra kaa’ee ofin beeku rafaa jira. Na gaddisiise. Itti garagaleen hammadhe. Garuu xinnoo turee hirriibni shallab ennaa na godhu, miirri wayii natti dhaga’amuu eegale. Abjuudhoo jedhee yemmuu ija saaqqadhu. Harki mucaa mudhii koorra ture boroo koorra, harki koo ammoo morma isaarra, hidhiin isaa ammoo harka koorra jira. Yoomittuu mucaan guddatee kana bare? Dubbachuuf yemmuun afaan saqqadhu aaduu kootu dhaga’ame. Harma koo isa tokko hodhaa isa tokko ammoo harka isaa tokkoon sukkuumaa boroo koos cita tokko hanga daaraa ta’utti sukkuumuu jabeesse. Amma ansi humna dhaabi ittiin jedhu gara sirritti jabeessi jedhutti jijjiireera.
Gaafan miira hamaa keessa seenu, gateettii isaan gadi dhiibe. Yaadni koo tokkoon galeefi. Handhuura koo naannessee dhungachaa diriyaa koo hanga sarbaatti ol dachaate ol sassaabee bodaa jalatti na suuqe. Hunduura koo arraba isaa taphachiisaa, harka isaan paantii koo narraa baase. Quboota harka isaan buqushuu tiyya miirti afuufee bokokse fi gammachuun jiise tuttuquu eegale. Ani luka koo baneefiin gammachuu dhandhamaa jira. Quba isaa gidduu isumaa na keessa kaa’uu uuu jedheen utaalee ka’e. Inni rafee jira. Alaa namni isa waamaa jira. Hundumtuu abjuu koo ture. Aariin isa kaaseen erga inni ba’een booda quba koon of taphachiisuu itti fufe.
Seenaawwan irraan gadee barreeffaman akkasii argachuuf
@Daabboo join godhaa

❤12
  Fiilmii Afaan Oromoo Haaraa Eessuman Ture jedhu kanatti dhiyaadhaa.
https://youtu.be/HqulmEeswxw?si=REawP_NpawgtvsFx
  
  https://youtu.be/HqulmEeswxw?si=REawP_NpawgtvsFx
YouTube
  
  Eessuman Ture? Fiilmii Afaan Oromoo Haaraa 2025
  #Fiilmii #AfaanOromoo #Movies
Fiilmiiewan Afaan Oromoo dabalatee, seenaa fi dhimmoota aartiin wal qabatan chaanala kana irraa sirritti argattu. Maatii keenya ta’uun nu cina dhaabbadhaa. Galatoomaa!

❤7👍5
  Follow me on instagram 
https://www.instagram.com/kaachuu_yw?igsh=MThqOHZuOG14bXB0dQ%3D%3D&utm_source=qr