Telegram Web Link
Meeshaan waraanaakee inni jabaan SAMMUU keeti waan ta'eef danqaawwan osoo hin taane, carraa gaggaarii akka arguuf leenjifadhu! "Abbaatu of mara!!", jedhe boftiyyuu!!

https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
πŸ‘4πŸ†1
Ofirratti Xiyyeeffachuu
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
Sammuu ofiirratti xiyyeeffachuun keessumaa nu dhaloota haaraa kanaaf barbaachisa. Biyyoonni guddatan hedduun isaanii  ijoollee umuriin isaanii waggaa 8-12 sammuu isaaniirratti hojjetu. Umuriin ganamaa kun umuriiwwan kudha 16 booda dhufan irratti baay’ee sirreeffamaaf sammuu karooraan guute, sammuu toora galeef, hin'raafamne qopheessa. Sammuun isaanii ganama kallattii sirrii qabekaa!

Nutihoo? Isa jedhuuf baay'een keenya waan irratti xiyyeeffachuu qabnu adda baafnee beekuu dhabuurraa kan ka'e burjaajiif raafama jeeqama keessatti gaadi'amnee jiraanna. Kan kallatti sammuu isaatiin jireenya isaarratti murteessu nu keessaa baay’ee dhibbeentaa xiqqoodha.

Ofirratti xiyyeeffachuuf, sammuu ofiitti hojii manaa laachuun jalqabarratti boru yaaduu gaafata. Boru maal ta'uuf maal irratti argamuu akka qabnu adda baafannee beekuudha gaafata. Yoo boru hin'yaadin har'a waanuma har'a fakkaatu keessatti laaqamaa hafna.

Har'a yeroon, yaadni horiin, fayyaan keenya maal irra oolaa jira? Maal irratti qisaasa'aa jira? Maal irratti argamaa jira? Gaaffiin kun deebii sirrii argachuu qaba. Yaadni keenya har'aa maal irrati burjaaja'aa jira? Maalitti dhiphachaa jira? Maalitti of gaadi'aa jira?  Kunis deebii saalfachiisaa fi bu'aa hinqabne taanaan  bakka amma jirruutti  of gannee of dagannee jirra jechuudha.

Kanaaf boruu keenya yaaduun har'a karaa sirrii, gocha sirriif, amala sirrii akka qabaannuuf sababa ta'a.  Boruu keenyarratti maal qopheessaa jirra? Karoorsaa jirra? Boruu keenya maliif qopheessaa jirrahoo?  Gaaffii aniif ati of gaafachuu qabnudha. Har'a maaltu dursuu qaba? Adda baafadhu. Waan dursuu qaburratti sammuukee too'adhu. Waan karoora keef yaada galmee keerra hin'jirre waliin burjaaja'uu dhiisi. Karoora baafatterratti of hoggani.  Waan dursi kennamuuf sirreessaa deemi.Ofii keef; barnootakeef, maatiikeef; hojiikeef. Waan qabdu, adda baafadhu. Afuura kee tasgabbeessi. Atiif afuurri kee walii galuuf, waliin tasgabbaa'uun dirqama.

Yeroo keerratti ati of murteessi. Achirraa ajandaan, dhimmi, wacni asaasni kamuu akka si buqqisuun dandeenye haalaan hubadhu. Yeroo qofarratti osoon taane, eenyummaa keef dhimmootan kana dura kaase hundatti  ati nama of hogganu; ajandaa mataa ofii keessa jiraatu, nama yaada sammuu isaatti dhimma bahu,  Nama karooraaf, ejjeennoo isaa keessatti cimee dhaabatu ta'uutu si barbaachisa.

Sammuun kee, fedhiin kee, yaadniif hawwiin kee too'annoo kee jala jira taanaan, bakka itti argamuu qabduuf, waan sirraa dhaga'amuuf hubatamuu qabu situ adda baasee filata. Waan si fakkaatuun argamta. Waan sifakkaatu waliin mul'atta. Sammuu ofii kana too'achuun, kunuunsuun, dhaggeeffachuuf hojii itti kennuun gahee keenya.

"Sammuu keenya kun tilmaamaan qaamota xixiqqoo bil 80tti tilmaamaman irratti kan ijaaramedha" jedhama. Kennaa uumamaan nuuf kenname keessaas isa guddaadha. Garuu waanuma kaleessaaf dheengadda irra deddeebiin yaaduudhaan kan itti fayyadamu nuyi. Kunimmoo sammuun keenya yaada haaraaf gochawwan haaraa akka horatuuf  dhama'uu dhiisuu keenyarraa madda.

Silaa haguma nama haaraa arginu, yaadni dubbannu nurkaa dhumee waanuma barame irra deddeebinee hin'haasofnu. Osoo sammuu keenyatti guyyuu waan haaraa fiduu amaleeffannee waanuma waggaa  ji'aaf torban dura ture irratti yeroo keenya gubaan hafnu. Kanaaf sammuu keenya kaleessa irraa adda gochuuf har'a waan haaraa itti barbaaduu, hoji haaraa itti kennuu, kunuunsuuf, sooruutu barbaachisa.


https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
πŸ‘3
#Galma Baafatte kamuu milkeessuu ni dandeessa!

#Galma kee yommuu baafattu waantota armaan gadii ilaalcha keessa galchi.

1. #Galma kee afaaniin dubbadhu, waraqaarrattis barreessi.
2. #Galma kee sammuu kee keessatti milkeessi.
3. #Miira milkaa'ina kee dhamdhami.
4. #Galmi kee sababa qabatamaa fi beekamaa akka qabaatu taasisi.
5. #Galmi kee namoota biroos akka fayyadu taasisi.
6. #Galma dhugaa jaalattu filadhu.

https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
πŸ‘2πŸ†2
Milkaa'inaafi Kufaatii:

~ Nama kamiifuu guyyaan borii haaraadha. Kanaaf socho'i! Hojjedhu.
~ Hojiikee keessatti dogoggorri uumamuu danda'a. Kufaatiin illee akkasuma. Waanti fedhe yoo ta'e dogoggora hin sodaatiin.
~Yoo dogoggorte malee barachuu hin dandeessu.
Kufaatii hin sodaatiin. Kufii_ka'i, kufii_ka'i.
~ Kufuukeetti ittin dhiphatiin, bu'aa jireenyaatu akkasi. Jireenyumatu akkasitti injifatama. Kufaatiin filannoo biraadha.
~ Yoo Abdii kutatte kufaatii filachuukeeti. Yoo Abdii qabaattee garuu kufaatiin mudannoo keeti. Mudannoo Itti barattu.
~ Kufuunkee gaariidha sababni isaa kufaati irree si jabeessuu danda'a.
Jireenyi akka muziqaati.
~ Muuziqaa meeloodiin isaa takka ol ka'aa, takka gad bu'aa fi gidduu galeessaan yeedaleeffamu muuziqaa miidhagaafi hawwataadha.
~ Jireenyi dhala namas akkasumaan tola.
~ Waa'ee maallaqaa hin yaadda'iin, mallaqni namoota hordofa.
~ Namoonni immoo mul'ata isaanii hordofu. Yoo mul'ata qabaattee, waanti hundinuu yeroo isaa eeggatee si dhaqqaba!

https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
πŸ‘5πŸ†1
Jireenya Jiraattu Keessatti Wanti Hubachuu Qabdu Jira.
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
#1ffaa: Yeroo hundumaa abdii haaraa fi gammachuu addaatiin oolmaa kee gaggeeffachuu yaali! Gatii baasuu qabdus baasi! Namni abdii fi gammachuu qabu waan haaraa hojjechuuf cimina hunda caalu qaba.
#2ffaa: Haalota oolmaa kee keessatti si mudatan ilaaltee harka hin kennin! Abdii akka qabdu sammuu keetti himi!
#3ffaa: Nan kufe jettee abdii hin kutin! Kufuun dhuma jireenyaa miti.
#4ffaa: Ulfina argadhe jettee hin boonin! Ofiin boonuun galma jireenyaa miti.
#5ffaa: Kufaatiin isa ta'uuf (bira gahuuf) dhalatte osoo hin ta'in (bira hin gahin) hafuudha. Isa ta'uuf dhalatte ta'uuf immoo rakkina keessa darbuun dirqama. Rakkina hin sodaatin! Mee namoottan addunyaa beekamoo ta'an hunda isaanii qoradhu! Hundi isaanii rakkina hammana hin jedhamne keessa darbanii kan mul'ata argatan.

✍ Rakkinni yaadni haaraan keessa keetii akka burqu godha! Eenyummaan kee rakkinaan yoo dabalame of argita. Ofitti akka deebitu si godha. Si malee namni si ta'uu danda'u akka hin jirre sitti hima. Namoonni baay'een yoo waa rakkatan waanuma akkasitti hafan of se'uudhaan milkaa'ina cina isaanii jirutti aggaamuu of dhoowwu. Lakki akkas miti eenyuyyuu rakkina baatee kan hafu hin jiru. Yeroodhaaf nutti fakkaata malee. Namni mul'ata qabu, fuuldura isaatti milkaa'ina ilaalu tokko  rakkina keessa darbuun waanuma jiru.

Guyyaa gaarii qabaadhaπŸͺ΄

https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
πŸ†4πŸ‘1
"Waa'ee waan to'achuu dandeessuu, to'achuu dandeessa waan ta'eef hin dhiphatin. Waa'ee waan to'achuu hin dandeenyee ammoo, to'achuu hin dandeessu waan ta'eef hin dhiphatin."

Yaadi kun (π‘‘π‘–π‘β„Žπ‘œπ‘‘π‘œπ‘šπ‘¦ π‘œπ‘“ π‘π‘œπ‘›π‘‘π‘Ÿπ‘œπ‘™) bu'uura falaasama π‘ π‘‘π‘œπ‘–π‘π‘–π‘ π‘š'ti. Sirriima, guutummaatti hojiirra oolchuun ni ulfaata. Fakkeenyaaf, namni ati jaallattu tokko baay'ee dhibamtee yaalamaa yoo jiraatte, dhiphachuun kee homaa akka hin jijjiirre osoo beektuu, xiqqaatus jeeqamuu hin ooltu. Miira irraa guutummaatti walaba ta'uun, barbaachisummaan isaas, danda'amummaan isaas nan amansiisu.

Garuu, gorsa isaanii kanaan jeeqama dachaan hir'isuun ni danda'ama. Falaasamoota akka dhuunfaatti baay'ee na fayyadan keessaa kun isa tokkodha. Waan furuu dandeenyuu fi hin dandeenye adda baafnee, isa furuu dandeenyu yaaddoo malee itti xiyyeeffachuu, isa furuu hin dandeenye ammoo jeeqama malee fudhachuu shaakaluun gaariidha.

https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
❀2
Haasaa Ogummaa

Abukaattoo tokkotu boolla bishaanii barsiisaatti gurgure.

Abukaattoon sun guyyaa xiqqoo duuba asi deebi'ee barsiisichaan, "obboleesso, ani boollichan sitti gurgure malee bishaanicha sitti hingurgurre. Bishaanicha fayyadamuu barbaadda taanaan maallaqa dabalataa naaf kaffaluu qabda," jedheen.

Barsiisichis seeqaa akkas jedheen: "Eeyyee. Anis gamakee dhufuufan ture. Bishaanicha keessaa waraabdee boolla duwwaa akka naharkaan geessuuf sitti himufan karaa irraa bu'ee dhufuf ture. Immoo, bishaanicha waraabdee boolla duwwaa isaa naharkaan hingeessu taanaan atuu bor irraa eegaltee kiraayii bishaanicha naaf kaffalta," jedheen.

Tibba kana abukaattichi na'ee faajja'e.
Barsiisichaanis, "anoo qoosaadhumaafan dubbadhe malee garaa kiyya irraa mitim barsiisa," jedheen.

Barsiisichis kolfaa, "namootni akka keetii nubiratti baratanii abukaattoo ta'u, beeki" jedheen, jedhama.

https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
πŸ‘4πŸ†1
πŸ‘3πŸ†1
Murtii | Kutannoo

||||

Milkaa’inni karoora keenyaa kutannoo nuti murtii keenya galmaan gahuuf qabnu irratti hundaa’a.Wantoota kufaatiif sababa ta'an keessaa tokko murtii yookiin ejjannoo dhaabbataa dhabuun sadarkaa duraarratti argama.Hojii tokko yeroo biraatti dabarsuun yookiin taa'anii haala mijataa eeguuniis diina milkaa'inaa isa olaanaa namni kamiyyuu to'achuu qabudha.

Namoonni milkaa'an karoora jireenyasaanii yookiin maal hojjachuu akka qabanii fi hinqabne murteeffachuuf yeroo hinguban.Hatattamaan murteeffatu.Waan murteeffatan hojiirra oolchuudhaaf kutannoo olaanaa qabu.

Jireenya mataakeef waan siif tahu atumti murteeffadhu.Namoota karoora kee hojiitti hiikuuf wajjin hojjattu irraan kan hafe namni biraan hojii kee keessa akka seenu gonkumaa hin eeyyamiin.Waan itti amantu ejjannoodhaan hojjadhu.Namoota hojiikee irratti beekumsa addaa qaban waliin hojjachuuf wayita filattu of eeggannoo olaanaa godhi.Namoonni ati filattu kunneen namoota galmakeef jaalala dhugaa qabanii fi si milkeessuudhaaf si tumsan tahuu qabu.

Ati sammuu fi yaada mataakee qabda. Sammuukee fayyadamii murtii siif tahu murteeffadhu.Waan murteeffatte galmaan gahuuf kutannoo qabaadhu.

@dirree_yaadaa
πŸ‘5
γ€Š GORSA 》

γ€Š1》Barsiisaan kee inni sirriin dogoggora ati kaleessa hojjatte dha. Kanaaf isa kaleessa dogoggorteen of dhiphisuu dhiisitii irraa baradhu!

γ€Š2》 Jal'innii fi sobni ati har'a sobaa jiraattu jireenya kee qofa balleessuu utuu hin taane du'a kee iyyuu ni fokkisiisu. Kanaaf gaarii yaadu fi gaarii gochuuf macaafa qulqulluu dubbisi!

@dirree_yaadaa
❀5πŸ†3πŸ‘1
"Nama dhiphisee ilaaluu jechuun nama yommuu filannoon lama isaaf dhiyaatu lamaanuu isaa filatu jechuudha"

@dirree_yaadaa
πŸ‘2❀1πŸ†1
Tasgabbaa'i!

Maaf hin murteessine? Maalumaaf hin bariine?
Hanga yoomittan akkanatti jiraadha jechaa uumaa kee waliin falmaa jirtaa?

ilaa na dhageessaa
uumaan kee kan calliseef; waan si hin argineef ykn rakkinni kee isa gammachiisee ykn immoo si gargaaruf busy ta'ee osoo hin taane, uuman yeroo kamiiyyuu obsaan iddoo fi yeroo isaa eeggatee rakkoo kee siif fura. Situ obsa dhabe malee uuman kee hojii isaa hojjachaa jira. Obsi. tasgabaa'i. eeggadhu nii murteessaa.

Gammachuu hunda isiniif hawweera.

Jechooya saayikoolojii sammuu keenya bashannansiisan dubbisuu kan jaallattan chaanelii armaan gadii kana join godhaa!


@dirree_yaadaa
πŸ‘4❀2πŸ†1
#Anummaan Diinadha" Ego Is the Enemy:
1. Anummaan ("Ego") diina barachuuti. Yeroo anummaa keenya irratti garmalee xiyyeeffannu namoota biroo irraa barachuu hin dandeenyu.Anummaan akka waan hundumaa dursinee beekneetti akka yaadnu nu taasisa.

2. Anummaan diina kalaqaati. Yeroo waa'ee anummaa ofii keenyaa garmalee yaadnu yaada haaraadhaaf banaa hin taanu. Yaadni mataa keenyaa isa hundarra caalu jennee akka yaadnu nu taasisa.

3. Anummaan diina hojii gareeti. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu namoota biroo wajjin akka gaariitti hojjechuu hin dandeenyu. Isaan waliin wal tumsuu dhiisnee isaan waliin dorgomuu irratti akka xiyyeeffannu nu taasisa.

4. Anummaan diina milkaa'inaati. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu kaayyoo keenya galmaan gahuu hin dandeenyu. Hojii mataa keenyaa irratti xiyyeeffachuu mannaa namoonni biroo waa'ee keenya irratti maal akka yaadan yaadda'uurratti xiyyeeffanna.

5. Anummaan diina gammachuuti. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu gammachuu argachuu hin dandeenyu. Namoota biroo wajjin wal bira of qabuun ga'umsa akka waan hin qabneetti akka nutti dhaga'amu godha.

6. Anummaan diina hariirooti. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu hariiroo fayyaalessa qabaachuu hin dandeenyu. Ofii keenyaaf dursa kennuu fi fedhii namoota biroo ilaaluu dhiisuu irratti garmalee qabamnee akka jiraannu godha.

7. Anummaan diina nagaa ti. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu nagaa argachuu hin dandeenyu. Namoonni kaan maal akka nutti yaadaniifi namoota biroo biratti akkamitti akka nu ilaalan irratti garmalee yaaddofna.

8. Anummaan diina bilisummaati. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu bilisa ta'uu hin dandeenyu. Namoota biroof of mirkaneessuu akkasumas akka isaan nu irraa eeganitti jiraachuu akka qabnuutti garmalee nutti dhaga'ama.

9. Anummaan diina gara laafinaati. Yeroo garmalee anummaa ofii keenyaa irratti xiyyeeffannu namoota biroof gara laafina qabaachuu hin dandeenyu. Waa'ee ofii keenyaa fi rakkoo ofii keenyaa yaaduun garmalee qabamnee akka jiraannu nu taasisa.

10. Anummaan jireenya keessatti waan gaarii ta'e hundumaaf diinadha. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu, wantoota gaarii jireenya keessatti mul'atan argachuu hin dandeenyu. Waa'ee ofii keenyaa fi rakkoo ofii keenyaa yaadda'uudhaan garmalee qabamnee akka jiraannu nu taasisa.


@dirree_yaadaa
πŸ‘4πŸ†2
Obsi guddaan obbaatii qaba! #Dubbisi fixi!
✍️
Leenci guyyaa isaa keessaa saatii dheeraa rafa jedhama!
Yeroo dammaqu garuu waan isa barbaachisu hari’ee qabata!

Tasumaa hin sodaatu!
Hin bir’atu!
Hin pherepheramu!
Ilaalchi isaa immoo guddina qaama isaa caala!

Jennaan guyyaa tokko utuu inni rafuu #Hantuunni kosh, kosh gochuudhaan isa jeeqxe!
Achumaan innoo Hantuuta ta’uu barraan tuffatee deebi’ee ciise!
Ammas dabalteema jeeqxi!
Achumaan obsi isaa sodaa itti fakkaannaan isheenoo suuta jettee #Eegee ishii gurra isaatti suuqxe!

Ammas hinuma obse!
Dabaltee funyaan isaa korokkorte!
Yeroo isaaf gamu afaan isaa bane.
Isheenoo boolla seetee itti lixxee achumaan haftee jedhani!

Elaamee obboloota ko waan isin itti ulfaate hundumaa yoo obsitan liqimsitu!

Mee kana irraa baradhaa!
Obsi gaariidha bara namaaf dabarsa!
Hundumtuu yeroo yartuufi jabaadhaa kaayyoo keessan faana bu’aa!

Garuu atumtuu hamma kana obsaan dubbisuun ke cimina keeti!
Namni dubbisu duuba hin ilaalu!

@dirree_yaadaa
πŸ‘6πŸ†2❀1
Sagantaa guddicha karaa toora Telegram hirmaachuun faayidaa leenjii gahumsa dhuunfaa fi muuxannoo namoota jajjaboo kana irraa barachuufπŸ‘‰ @olifstar  irratti personal development jechuun naaf barreessa.
Carraa kan Nama 10 qofa kenna. Amma itti fayyadamaa
πŸ‘4
Namni tokko waan gammachuu siif kennuuf qofa jaalatta yoo ta'e; namticha akka hin jaalanne godhameeti lakkaawwama.:- Algazi
@dirree_yaadaa
#BIDIRUU_KEE_GUBI!
Yeroo durii keessa hogganaan waraanaa cimaan tokko (a great warrior) haala murteessaa wayii keessatti mala bareeda tolfate. Hogganaan waraanaa kuni lola cimaatti deemaa ture. Lolichi kan gaggeeffamu ammoo odola xiqqoo wayii, galaanaan marfamte irratti yoo tahu bidiruu (Ship) dhaan deemanii loluun dirqamadha.

Meshaalee waraanaaf barbaachisaniifi loltoota isaa fe'atee yogguu qarqara galaanaa sanatti imalu waan tokko murteesse. Innis, bidiruu ittiin imalan iddoo waraanichaa (Battlefield) yeroo gahan gubuu! Loltoota isaatti waan tokkos hime..."Mo'atamnee of duuba hin deebinu, bidiruu kana ni gubna! Yogguu deebinu ammoo bidiruu diinota keenyaatiin tahuu qaba" kan jedhu...

Bidiruun ni gubatte. Filannoon mo'uu yookaa dhumuu ta'e. Win or perish! Lolli ni eegalame. Loltoonni bidiruun jalaa gubbatte ni mo'aani.

*
Seenaa olii kana kitaaba "Think and Grow Rich" jedhu keessaa ni argattu. Jireenya keessatti filannoo lama qabna; mo'uu yookaa mo'atamuu! Bidiruu mijattuu (Our comfort zone ship) hanga hin gubnetti mo'uu hin dandeenyu. Mo'ichi rakkoolee (Challenge) qaba, kutannoo (commitment) barbaachisa, fedhii mo'ichaaf laboobu (burning desire to win) qabaachuu barbaachisa! Bidiruu keenya utuu hin gubin mo'ichaaf deemna taanan, rakkoolee sodaannee bidiruma deemneen ofirra deebina.
#Jireenya_Keef_Itti_Gaafatamummaa_Guutuu_Fudhadhu! β€œDandeettiin raawwii gaarii kan eegalu wantota jireenya keef akkasumas jireenya kee irratti ta’an hundaaf itti gaafatamummaa fudhachuudhaani.” Brian Tracy

Jireenya keef itti gaafatamummaa kan fudhatu nama tokko qofa, namni sunis si’uma mataa keeti! Hoogganaa kee miti, hiriyyaa gaa’elaa kee miti, warra kee miti, hiriyyoota kee miti, maamiltoota kee miti, dinagdee miti, haala qilleensaas miti.

Si mataa keeti! Wantota jireenya keenya keessatti ta’an hundaaf namoota biroo komachuu yoo dhaabnu waan hunduu jijjiiramuu eegala! Jireenya keef itti gaafatamummaa fudhachuu jechuun jireenya kee ofii kee hoogganuu fi taatoo adda duree jireenya keetii ta’uu jechuudha.

@dirree_yaadaa
Live stream started
Live stream finished (54 seconds)
2025/07/08 14:18:07
Back to Top
HTML Embed Code: