Telegram Web Link
Trainer Tamiru Cherkos
NTB RANK ACHIEVER
TRAVEL ACHIEVER
BTSC FOUNDER




Leenjii personal development mana keenya teenyee bilbila harka keenya irra jiruun abjuu keenya dhugoomsuuf fudhachaa jirra. Namootni barbaaddan contact 👉 @Olifstar

#Jijjiiramni amma irraa eegala!
Sammuun waan uumame guutumatti yaadachuu dhiisuu ni mala. Garuu miirri isaa onnee irratti yeroo hundaa ni dhagahama.
MEE CALLISI!

Callisuun miira bilchina gadi fagooti.

✔️ Dudubbachuun barbaachisaa ta’us beekumsa hin ibsu. bakka hundatti waa'ee waan hundumaa haasa'uu fi waan naannoo kee, hawaasa kee fi maatii kee keessatti ta'u hundaaf deebii hin kennin. Yeroon itti haasofnuu fi yeroon guutummaatti callisnu jira.

✍️ Miira callisaa yeroo guddifattu qalbii namootaa keessatti dallaa tasgabbii dhabuu ijaarta. Dhimmi tokko tokko ammuma haasa’ame salphata. Namni dudubbatu ammuma dubbate barama. Namni miira callisuu guddifate akka tulluuti; Ni sodaatama. Tilmaamamuu waan hin dandeenyeef  ni kabajama, ni sodaatama ni jaallatamas.

✍️Yeroo akka salphaatti yaada maddisiistuu fi baay'ee dubbattu salphaatti tilmaamamuu dandeessa. Yeroo hunda waan barbaachisu irraa hir’isii dubbadhu. Yokaan baay'ina yaada kee jecha gabaabaan ibsii bira darbi. Yoo dubbatte;waan hunda qola baastee hin dubbatiini. Geggeessummaarra yoo jiraatte si gargaara. Aangoo fi iccitii eeguuf xiqqoo dubbadhu.

Miira callisuu yeroo guddifattu, namoonni waan keessa kee jiru beekuuf hawwu. Jechi callisuu booda dubbatamu hundi gonkumaa akka waan salphaatti hin ilaalamu. Yeros jechoonni hundi kan hiika qabaniif ulfaatoo ta’u. Callisuun gaariidha, yoo dubbatte dhimma si ilaallatu dubbadhu, waan qulqulleeffatte dubbadhu. Xiqqeessiitee dubbachuu baradhu. Warra miira callisuu hin gabbifatiiniif dursa kenni. Jechoota hiika qaban itti fufii dubbadhu. Callisuun bilchina gadi fagoo ibsa malee wallaalummaa hin ibsu.

@dirree_yaadaa
#Jijjiiramni_Sirriin_Keessaa_Eegala!

Jijjiiramni waan namni dhuunfaan tokko yookaan qaamni biraan wayii namaaf hiixatu yookaan namaaf bocu osoo hintaane, ifaajaafi fedhii ofiitiin kan namaa argamudha. Akkanuma sababni jijjiiramaa dhiibbaa keessaafi alaa ta'uu danda'a; garuu, jijjiiramni inni sirriin isa keessaa eegaludha. Sababni jijjiiramaafi jijjiiramnis walii adda. Kana hubachuufis, wanti jijjiirama fiduu danda'u ofii jijjiirama akka bakka hinbuune beekuun isa dursudha. Wantichi ka'umsa jijjiiramaa ta'a malee jijjiirama bakka bu'uu hindanda'u. Eeyyeen, jijjiiramniifi sababni jijiiramaa walii adda!



@dirree_yaadaa
Nama qaawa liilmoo kessa darbee!🔥🌅
~~~~~
Jireenyi yoo qaawa lilmoo si ta'e, ati
immoo kirrii(fo'aa) ta'ii hulluuqii keessa darbi!" 💥🌄

Jireenyi qaawa lilmoo fakkaata. Nama akka fo'aa ta'etu hulluuqee keessa darba. Qabsoo jireenya keessatti salphatti injifannoo gonfachuu hin dandeessu. Injifannoon bu'aa ifaajiiti. Osoo ati hin ifaajin wanti ofiin ifaaja'ee mijatee sitti dhufuu hin jiru. Kanaafuu, teessee wanta mijataa eegachuu qofa osoo hin taane, kaatee waa mijeeffachuus baruu qabda.

Rakkinna keessa teessee hin yaadda'in, akkamitti akka furuu qabdu yaadi. Addunyaan kun addunyaa bira taa'anii yaadda'an osoo hin taane, addunyaa yaada haara uumanii ka'anii keessatti waa yaalaniidha. Imala sirrii irra jirtuun wanta dhaabbachatti seenuu dadhabde tokko gadi jedhii seenuuf carraqqi.Yoo dadhabde hulluuqii keessa dabri malee hin danda'u jettee teesse hin daawwatin.

Taa'anii wanti daawwatan, taa'eetuma nama dawwata. Lilmoodhaan namni uffata isaa hodhachuu barbaadu tokko, fo'aa qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuksisuu qaba. Qaawwi lilmoo ammoo baayyee qal'aadha. Ta'us uffatni hodhamuudhaaf dirqama fo'aan qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuquu qaba.

Wal'aansoo jireenyaa salphatti gadi buustee injifattee irra taa'uu hin dandeessu. Ifaajii guddoo si gaafata. Si'a tokkoon kan utaalee ji'a irra qubate jira jechuun soba dubbiti. Injifannoo gonfachuuf dursa dhamatii si gaafata.

Ciminaa fi dadhabina kee addaan baastee beekuu qabda. Waaqa, dhugaa, laphee qulqulluu,hubannaa, oogummaa fi beekumsaan jireenya kee hoogganuu qabda.

♡Yaa namaa koo si haa gorsuu!
◇ Seensi balbala milka'inaa qaawa xiqqaa qaba. Fuldurri isaa ammoo dirree bal'aadha. Nama malaan qaawaa qal'aa kana keessa hulluuqee darbettu dirree bal'aa kanatti bahee keessa bashannana!

@dirree_yaadaa
Namni ati waggaa 5 booda taatu kanneen armaan gadii irratti hundaa’a:

• Dandeettii har’a barattu.
• Kitaabota har’a dubbistu.
• Amala har’a uumattu.
• Hariiroo har’a ijaartan.
• Haasaa har’a qabdan.

Har'a of irratti invast gochuu jalqabi.
Milkaa'ina Jechuun 🎊
▬▬▬▬▬▬▬▬
1. Milkaa'inni DHIMMAA CARRAA MITI. Namoonni milkaa’an carraa qofa miti; tarkaanfii fudhachuu fi duubatti deebi’iinsa keessa darbee cichuudhaan carraa ofii isaanii tolfatu.

2. MILKAA'INNI IMALA MALEE GALMEE MITI. Milkaa'inaaf foormulaan nama hundaaf ta'u hin jiru. Wanti nama tokkoof hojjetu nama biraatiif hojjechuu dhiisuu danda’a. Wanti guddaan daandii milkaa’ina mataa keetii barbaaduu fi karaa irratti aarsaa barbaachisu kaffaluuf fedhii qabaachuudha.

3. Milkaa'inni Qarshii MITI. Maallaqni barbaachisaa ta’us, milkaa’inaaf kan madaalamu isa qofa miti. Namoonni milkaa’oo ta’anis hojii isaanii keessatti gammachuu argachuun addunyaa irratti dhiibbaa gaarii geessisu.

4. Milkaa'inni AMALA. Namoonni milkaa’an amala kaayyoo isaanii galmaan ga’uuf isaan gargaaru horataniiru. Amalli kun wantoota akka galma kaa’uu, tarkaanfii fudhachuu fi gonkumaa abdii kutachuu dhiisuu dabalata.

5. Milkaa'inni YAADA. Namoonni milkaa’an yaada gaarii gufuu osoo hin taane waan ta’uu danda’u akka argan isaan dandeessisu qabu.

6. MILKAA'INAAN WAA'EE GUDDINA DHUUNFAA TI. Namoonni milkaa’an yeroo hunda barachaa guddachaa jiru. Naannoo mijataa isaaniitiin ala tarkaanfachuun waan haaraa yaaluun hin sodaatan.

7. MILKAA'INNI WAA'EE DEEBISUU KENNUUTI. Namoonni milkaa’an milkaa’ina argatan namoota biroo gargaaruuf itti fayyadamu. Kophaa isaanii akka hin taane beeku, hawaasaaf deebisee kennuunis itti gaafatamummaa itti dhagahama.

9. MILKAA'INNI DHALA DHIHEESSUU JEDHA. Namoonni milkaa'an addunyaa kanarratti jijjiirama fiduu barbaadu. Gumaacha gaarii taasisaniin yaadatamuu barbaadu.
@dirree_yaadaa
10. MILKAA'INNI NAMA HUNDAAF NI DANDA'AMA. Eessaa dhufte ykn haalli kee maal haa ta'u, abjuu kee galmaan gahuu dandeessa. Hojii cimaa, of kennuu fi cimina kan gaafatu taʼus, dandeettii kee guutuu galmaan gaʼuun ni dandaʼama.

@dirree_yaadaa
Dubbiin akkasi:
Barsiisaatu barsiisee fixee, qormaata hundas qoree, qabxii ykn grade qaama ilaallatutti galche!
😲 Barataan muraasa: 'Yes, grade A+, A-, A, B+'n fide' jedhu!
😱 Barataan muraasammoo: 'Ayii, barsiisaan C, C-, D natti laate' jedha!
🅰️🔤🅰️🔤 Maaliif yeroo waan gaarii argannu 'Ofitti', gaafa waan hin barbaanne 'Fidnu' immoo nama birootti quba qabnaa? Yaada keessan barreessaa 👉 @Olifstar



. @dirree_yaadaa
Life testimony leenjisaa lishan
People development
Carraa Biizinaasii
Business Opportunity

Namoonii Carraa Biizinaasii kana fayyadamuu barbaaddan na qunnamuu dandeessu!! 👉👉@Olifstar

#HUB. eessayyuu yoo jiraattan hojjechuun ni danda'ama!

@dirree_yaadaa

“Addunyaa irratti namoonni hiyyeessa
ta'an warra mul'ataa fi abjuu hin qabneedha’’


@dirree_yaadaa
Forwarded from Regasa Official
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Dargaggeessa carraa leenjii fi Biizinaasii argatten jireenyi isaa jijjiramee🖕

Positive mind find opportunity in everything.
#personaldevelopment@Regasa2025

#Jijjiiramni amma irraa eegala!


Carraawwan asiin argachu dandeessan ✉️👇
Leenjii 👉 @RealmBiz    Biiziinaasii 👉 @RealmBiz

 
@RealmBiz
@RealmBiz
Jireenyi kee harkuma kee jira!

Namoonni biroon waan fedhan siin jechuu danda’u, garuu akka jedhan si gochuu hin danda’an. Akka jedhe si gochuu kan danda’u namni tokko jira. Innis mataa keeti. Yoo feete ofirraa haftee namoota biroof eebba ta’uu dandeessa. Yoo hin barbaadne immoo ofii kee iyyuu dadhabdee gargaarsa namoota biro eeggachuu dandeessa. Jireenyi kee harkuma kee jira. Jireenya keetti bifa gaarii godhi.


@dirree_yaadaa
Dhaloota jijjiiramaaf onnee qabu qofan barbaada keessaan na dubbisuun carraa jirutti fayyadamuu dandeessu!👇👇👇👇👇👇
👏👏👏👏@Olifstar👈👈👈👈
👏👏👏👏@Olifstar👈👈👈👈
👏👏👏👏@Olifstar👈👈👈👈
Dirree yaadaa pinned «Dhaloota jijjiiramaaf onnee qabu qofan barbaada keessaan na dubbisuun carraa jirutti fayyadamuu dandeessu!👇👇👇👇👇👇 👏👏👏👏@Olifstar👈👈👈👈 👏👏👏👏@Olifstar👈👈👈👈 👏👏👏👏@Olifstar👈👈👈👈»
Ofiikee of hin dhabin.
============================
Ofiikee of hin dhabin malee  wanta dhabde hundumaa yeroo isaatti ni argatta. Kanaaf isa dhabde sanaaf jecha eenyummaa kee hin dhabiniti of irratti hojjadhu

Namoota sirrii argachuuf jecha yeroo kee hin qisasessini. Ati nama sirrii ta'udhaf dhama'i malee si barbaadani dhufu.

Ofii keetif wanta hawwite,sana argachuu yoo dadhabde isa Uumaan kee sif barreesse garuu tokkollee hin dhabdu. Kanaaf badaa mataa of hin dhukkubsin.

Yeroo baay'e kan dhiphannu wanta baarbaannu yeroo dhabne utuu hin taane wanta of harkaa qabnu yoo hin beeknedha. Wanta of harka qabu kan hin beekne fi homaa kan hin qabne tokkodha. Kanaaf isa dhabde dhiisi isa qabdu irratti xiyyeeffadhu.

Namni hubataan rakkina durasaa jiru ilaale utuu hin taane mullata onnee isaa keessa jiru ilaalee obsaan karaa isaa imala. Kanaaf hubannaa qabaadhu.

Dhiifama namaaf gochun guddina yoo ta'eyyuu, dhiifama abdatanii nama miidhun garuu xiqqummaadha. Kanaaf atis midhuu dhiisi. Isa dhifama kee abdatee simidhurrayis fagaadhu.

Dogoggora gaafa hojjattu miidhamuu dandeessa. Garuu waggoota muraasa  booddee kuufamni dogoggorootaa ati kaleessa hojjatte "Muuxannoo" jedhamani waamamu. Muuxannon immo gara milka'inatti si geessa. Kanaaf Dogoggorri kee kaleessaa mana barumsa kee ture jechudha.

Sin wantoota lamatu si ibsu. Inni jalqabaa yeroo homaa hin qabnetti obsa ati obsituu fi guyyaa wa argattetti gammachuudhan amala ati agarsiistudha. Kanaaf gaafa sif toles gaafa sitti bades miira kee to'adhu.

Sooressa guddaa ta'uf murteessan maallaqa lakkoofsa  Baankii kee irraa qabdu utuu hin taane, eenyummaa sirrii sammu kee keessaa qabdudha. Kanaaf wanta sammuun kee fi onneen kee baatee jiru adda baafadhu. Yoo wan dansaa ta'e isa irratti hojjadhu.

Sammuun kee akka maagineetiti. Yoo waa'ee eebbaa yaadde eebba harkisa. Yoo wa'e rakkinaa yaadde rakkinuma harkisa. Kanaaf wan gaggaari qofa sammuu kee keessa ol-kaawwadhuutii eebba fi ulfina gara mana keetti harkisi.

@dirree_yaadaa
baay'isin

Gatii dadhabbii keetii yoo argatte akkuma dadhabbii kiyyaani jettu, yeroo rakkoon/kufaatin si quunnames dogongora/wallaalummaa kiyyaani jechuu qabda. Badii kee ta'uu yoo amante fala argachuuf deemsa walakkaa deemtee jirta jechuudha. Sababa baay'isuun sittaa hafu. nama akka sababa baay'isuu kan dhabbatee hafu hoomtuu hin jiru.

https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
Leenci hammam beela'us yoomiyyuu marga hin nyaatu. Akka LEENCAA ta'i, namni tokko akkas sirraa eega waan ta'eef gonkumaa ulaagaa kee gadi hin buusin.


https://www.tg-me.com/dirree_yaadaa
2025/07/08 09:17:56
Back to Top
HTML Embed Code: