Manni Amantaa Ortodoksii #Tawaahidoo #Oromiyaa sabaafi sablammoota of keessatti hammate hundeesse.

Manni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaa #phaaphasoota 26 sabaafi sablammoota biyyattiirraa filachuun hundeesse.

Manni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaa Phaaphasota 26 sabaafi Sablammoota biyyaarraa filachuu beeksisuu hordofee manni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa mufachuu beeksise.

Phaaphaasonni Oromoo Sadii Wal ta'uun guyyaa har'aa Moloksoota 10 ol Oromoota amantii isaaniif of kennan Phaaphaasii gochuun muudaniiru.

Kana kan godhaniif immoo Sinoodosiin Waliigalaa waan Phaaphaasota Oromoo baayyinaan muuduu dideef ta'uun ibsameera.

Haaluma kanaan Bitsu Abuna #Saawuroos paatiriyaarkii ta'uun muudamaniiru.

Muudama kana ilaalchisee ibsa kan baase dureen Amantii Ortoodoksii Itoophiyaa bistu Abuna #Maatiyaas,muudamni har'a raawwatame seeraan ala jedheera.
Godina Addaa saba oromoo Wallootti haleellaa hidhattoonni Amaaraa raawwataniin lubbuun nama 8 darbuun dhagahame - Miidiyaa 3F
https://3fnews.com/ao/oduu/godina-addaa-saba-oromoo-wallootti-haleellaa-hidhattoonni-amaaraa-raawwataniin-lubbuun-nama-8-darbuun-dhagahame/
Murtee manni Amantaa #Ortodoksii Tawaahidoo #Oromiyaa har'a dabarse ilaalchise #mootummaan maal jedhe?

Manni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaa sabaafi sablammoota of keessatti hammachuun muudama gaggeesseera.

Manni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaa phaaphasoota 26 sabaafi sablammoota biyyattiirraa filachuun muudama gaggeessuu hordofee,paatiriyaarkiin mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Bitsu Abuna Maatiyoos beekkamtii malee kan raawwateedha jechuun "seeraan ala"jedhan.

Hammam seerri Itoophiyaan bultuun mootummaan dhimma Amantii keessa seenuu akka hin qabne ajajus,qondaalonni olaanoon mootummaa federaalaa lama waa'ee dhimmichaa dubbataniiru.

Ministeerri tajaajila koominikeeshii mootummaa federaalaa Dr.#Laggasaa Tulluufi dhiheenya gorsaa Ministeera Muummee damee hawaasummaa ta'uun kan muudaman Diyaaqoon #Daani'eel Kibrat dhimichaan gadduu karaa miidiyaa hawaasaa isaaniitiin ibsatan.

Daandiin Waldaa Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa sanyummaan qoqqooduuf deemame kan balaafamaa fi gaddisiisaa dha kan jedhan Diyaaqoon Daani'eel,"muudama seeraan alaa baadiyaa keessatti dhoksaan phaaphasoota muuduun,cubbuu seenaan dhiifama hin gooneefitu raawwatame"jechuun muudamni Oromiyaatti gaggeeffame kan baadiyatti dhoksaan raawwatame akka ta'e akeekan.

Dabaluunis,"Warri humnaa fi beekumsa waan kana dhaabuu osoo qaban dhaabsisuu dhaban gaafatama jalaa hin bahan ittiin jedhan.

"Yeroo wal qoqqooduu dhiifnee tokkummaa, jibba dhiifnee jaalalaa fi dhiifama gochuu dhaadannoo jedhuun sochoonutti taateen har'a mana Amantaa keenya tokkorraa dhageenye oduu gaddisiisaadha" kan jedhan Ministeerri tajaajila koominikeeshiinii Dr.Laggasaa Tulluu gamasaaniin, "Abbootiin rakkoo kana obsaa fi naamusa amantaatiin akka furan abdii qabna"

Dhimmicha gama siyaasaa fi naannoo adda ta’e kennuunis sirrii miti kan jedhan qondaalli kun,Dhimmicha abbootii amantaatiif dhiisuun sirna amantaa fi mana kiristaanaatiin haala jiru akka furan gochuun baay’ee barbaachisaa ta'uu himan.
Haleellaan hidhattoonni #Al-Shabaab waajjira kantiibaa magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishootti geggeessaa turan olaantummaa humnoota tikaa biyyattiitiin xumuramuu mootummaan Somaaliyaa beeksise.

Taatee kanaan hidhattoonni jaha ajjeefamanii,namoonni nagaa shan du'uufi, 4 madaa'aniiru.

Odeessaalee waytaawaa birootiif

YouTube: https://bit.ly/2Yyvu8B
Telegram: https://www.tg-me.com/FFF_Media
Twitter: https://bit.ly/2VfE36G
Instagram: https://bit.ly/3jN1C0o
Website:3fnews.com
Facebook:facebook.com/3fafaanoromo nu hordofaa!
#MaanchistarSiitiin qabxii murteessoo sadii galmeesse!

Dorgommii Piriimiyerliigii Ingiliiz torbee 21ffaan Maanchistar Siitiin tapha Woolvis waliin taasise 3 fi 0n injifate.

Goolii sadan Maansiitiin ittiin injifate Erling Haaland lakkoofsisuun, galchii isaa bara kana liigicha irratti galches gara 25tti ol guddise.

Erling Haaland bara kana taphoota kudha sagal irratti hatrikii isaa 4ffaa galmeesse.

Siitiin injifachuu hordofee garaagarummaa dursaa liigichaa Arsenal kan amma Manchester United waliin taphachaa jiru waliin qabu,gara lamatti gad xiqqeessuun Qabxii 45n sadarkaa 2ffaa qabateera.

Mo'icha kan keessummeesse Wolvis immoo qabxii kudha torbaan sadarkaa kudha torbaffaa irratti argama.

Torbe itti aanu irratti Maanchistar Siitiin Tootinaam waliin yoo taphatu Woolvis ammoo Liivarpuul waliin taphata.

Odeessaalee waytaawaa birootiif

YouTube: https://bit.ly/2Yyvu8B
Telegram: https://www.tg-me.com/FFF_Media
Twitter: https://bit.ly/2VfE36G
Instagram: https://bit.ly/3jN1C0o
Website:3fnews.com
Facebook:facebook.com/3fafaanoromo nu hordofaa!
17'Manchester United 1-0 Arsenal

Tapha Piriimiyer liigii England torbee 21ffaa Arsenal Dirree isaa Fly Emirates irratti Manchester keessummeesseen Manchester goolii daqiiqaa 17ffaa irratti Rashford galcheen dursaa jira.
#Arsenal Manchester United'n moo'achuun dursummaa liigichaa cimsate.

Tapha piriyimer liigii England torbee 21ffaan Dirree isaa Fly Elmirates irratti Manchester United kan simate dursaan liigichaa Arsenal goolii 3 fi 2 injifachuun dursummaa isaa cimsateera.

Goolii Arsenal ittiin moo'ate Nikeetaan(2) fi ,Bukaayoo saakaan yoo galchan,galchii moo'amuu jalaa isaan hin baraarre Markas Raashfoord fi Maartineez Manchesteriif lakkoofsisaniiru.

Arsenal qabxii 50 walitti qabachuun liigicha dursuu yoo jabeeffatu,Manchester United qabxii 39'n sadarkaa 4ffaa qabateera.

Tapha torban dhufuun Arsenal Everton waliin yoo taphatu,Manchester United Christal palace waliin taphata.
Phaaphaasota haaraa muudaman 26, Biyyaa lallaabaa isaani fi Maqaa isaani dura;
**********
1. Abbaa G/Maariyaam Negaasaa - Abbaa Gabri'eel - Wallaggaa Lixaa
2. Abbaa T/Haimaanot Wolduu - Abbaa Basiliyoos - Dirre dhawaa
3. Abbaa Gabri'eel W/Yohaannis - Abbaa Ximotewos - Guraagee Sooddoo
4. Abbaa G/Igziabher Tadele - Abbaa Phaawuloos - Arsii lixaa
5. Abbaa Mikaa'eel G/Maariyaam - Abbaa Eliyaas - Kambataa
6. Abbaa Hayiluu Indaalaa - Abbaa Gaariimaa - Harargee Bahaa
7. Abbaa T/Maariyaam Simee - Abbaa T/Haimanot - Gujii Liiban
8. Abbaa H/Yesuus Mangestuu - Abbaa Izraa - Kafaa
9. Abbaa W/Yesuus Ifa - Abbaa Iyasuu - Qeellam Wallaggaa
10. Abbaa Phaawuloos Kebede - Abbaa Daani'eel - Hadiyyaa
11. Abbaa H/Yesuus Tesfaayee - Abbaa Bersumaa - Wallaggaa Bahaa
12. Abbaa G/Yesuus Galataa - Abbaa Minaas - Horroo Guduruu
13. Abbaa Tsagazeab Adugna - Abbaa Epifaniyos - Hayyuu Kawwalaa Mihuur
14. Abbaa H/Maariyaam Geetaachoo - Abbaa Abeel - Harargee Lixaa
15. Abbaa W/Georgis H/Mikaa’el - Abba Bartolomewoos - Kamisee
16. Abbaa Isxifaanos Gebre - Abbaa Raagu'eel - Gargaaraa Phaaphaasii Baalee
17. Abaa G/Medhen G/Maariyaam - Abaa Uri'eel - Goofaa Baskeettoo
18. Abbaa H/Mikaa'el Nuguse - Abbaa Anoreos - Gindhiir
19. Abbaa Abrahaam Meskele - Abbaa Nikodimoos - Daawuroo, Kontaa
20. Aba NiwayeSelase Aklilu - Abaa H/Maariyaam - Gujii Lixaa
21. Abbaa K/Maariyaam Tolosaa - Abbaa T/Hawariyaat - Jimmaa fi Yeem
22. Abbaa W/Maariyaam Tsagaa - Abbaa Absadii - Boorana
23. Abbaa Amdemikaa'eel Haayilee - Abbaa Merkoreos - Arsii
24. Abbaa Merhatsidk H/Maariyaam - Abbaa Deksiyoos - Geede'oo, Burjii, Amaaroo
25. Abbaa Mooges H/Maariyaam - Abbaa Efreem - Hayyuu duree Menagesha.Garaa M/Alem, D/tsehay Giorgis
26. Abbaa G/Yesuus Nuguse - Abbaa Alaazaar - Buunnoo-baddallee
Siinoodoosiin mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo phaaphasoota haaraa sabaafi sablammoota of keessatti hammate hundeessuu beeksiste. - Miidiyaa 3F
https://3fnews.com/ao/oduu/siinoodoosiin-mana-amantaa-ortodoksii-tawaahidoo-phaaphasoota-haaraa-sabaafi-sablammoota-of-keessatti-hammate-hundeessuu-beeksiste/
Godina addaa saba Oromoo Walloo Aanaa Jiillee Dhummugaatti haleellaa humni addaa Amaaraa fi gareen milishaa Faannoo uummata nagaa irratti bananiin lubbuun namoota hedduu darbuun dhagahame.

https://3fnews.com/ao/oduu/sanbateen-yaaddoo-keessa-jirti-nuuf-birmadhaa-koominikeeshiinii-aanaa-jiillee-dhummuugaa/
2024/05/05 11:52:29
Back to Top
HTML Embed Code: