Telegram Web Link
GADAA MAGAZINE
#Somaalee #Affaar Humni addaa Mootummaa naannoo Affaar fi gareen hidhatootaa Uguugumuu jedhamu haleellaa rawwatanii lubbuun namootan 350 ol galafatamuu isaa Mootummaan naannoo Somaalee beekisiseera. Bakkewan nannoleen lamman gaafii irratti kaasaa jiran 3…
#HaacaaluuHundeessaa

Himatamaa tokkoffaa Xilaahun Yaamii hidhaa umurii guutuun adabame
❗️

Ajjeecha Weellisaa Haacaaluu Hundeessaan kan himatame Xilahun Yaamii hidhaa umrii guutuun akka adabamu, Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa dhaddachi Yakkaa Farra Shororkaa fi Dhimmoota Heeraa Lammaffaa murteesse.

Manni murtichaa himatamtoota sadeen; Xilaahun Yaamii, Kabbada Gammachuufi Abdi Alamaayyahu irratti murtee adabbii kan dabarse har'a Hagayya 03, 2021 dhaddacha ooleen.

Himatamaa lammaffaan Kabbadaa Gammachuu hidhaa Cimaa waggaa 18 yoo adabamu himatamaa sadaffaa Abdii Alamaayyoo ammoo hidhaa salphaa ji'a jahaa itti murtaa'eera.

Manni murtichaa beellama darbe irratti himatamaa tokkoffaan Xilahun Yaamii ragaa gandarraa dhiheeffatu sababa hin dhiheeffanne jedheef murtii Kibxata kanatti beellamee kan ture.

Dhadhacha har'a oole kanaanis Wellisaa Haacaaluu Hundeessaa irratti kallattiidhaan dhukaasuun kan himatame Xilahun yaamii hidhaa cimaa umrii guutuutiin akka adabamu murteessera.

@Gadaamagazine
#BaankiiGadaa

Waldaan Aksiyoona Baankii Gadaa Yaa'ii waliigalaa hundeessitoota isa jalqabaa guyyaa har'aa Hoteela Iskaayilaayitii gaggeessa jira.

Waldaan Aksiyoona Baankii Gadaa yeroo ammaa hundeeffama irra kan jiru yoo ta'u ulaagaa hundeeffamuuf isa barbaachisu hundumaa guutachuun, heyyamaa Yaa'ii waliigalaa gaggeessuu, Baankii biyyoolessaa Itoophiyaa irraa argachuun yaa'ii jalqaba gaggeessa jira.

Baankii Gadaa Kaappitaala Kaffalame birri miliyoona 500 fi miliyoona 50 oli yoo ta'u Baankichi Maallaqa Waadaa Seename birrii Biliyoona 1.37 ol akka ta'ee ibsamee jira.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Dhaddacha

Manni Murtii Obbo Jawaar Mohammad dabalatee hidhamtoota siyaasaa sadiirraa mirga Abukaatoo dhaabsifachuu dhorke.

Manni murtii Federaalaa dhaddacha yakkaa Lidataa oolmaa guyyaa har'aa ooleen galmee himannoo Abbaan Alangaa Obbo Jawaar Mohammadfaa irratti bane ilaaleera.

Sababa Obbo Jawaar Mohammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Dajanee Xaafaafi Haamzaa Booranaa mana murtiitti hin dhihaannu jechuun didabiif jecha, amma qaamaan hin dhihaannetti mirga Abukaatoo dhaabbachuu akka isaan hin qabne murtii kennuun, gareen abukaatotaa waa'ee isaanii akka hin dubbanne dhorguusaa abukaatoofi Gorsaan seeraa Obbo Misgaanuu Mullataa OMN-tti himan.

Manni murtichaa beellama yeroo dheeraa booda guyyaa har'aa akkaataa dhihaannaa ragaa Abbaa Alangee ilaalchisee deebii garee Abukaatoo dhaga'uuf taa'us, olmaa har'aatiin deebiin dhaggeeffatamu kan himatamtoota dhaddacharratti dhihaatan qofaadha jechuun deebii himatantoota dhaddacharraa of ittisanii akka hin dhaggeeffanne ibse.

(OMN)
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#LionelMessi

Liyooneel Meesiin Baarseloonaa Umrii 13 hanga 34 waggoota 21f keessa ture guyyaa har'aa nagaa itti dhaamatee jira.

Meesiin miira boo'ichan guutameen turti Baarseloonaa waliin dabarsee ibsateera.

• "Deeggartoota koo waggaa 1 fi walakkaa Isteediyeemii keessatti osoo hin daawwatin Baarseloonaa gad lakkisa jedhee gonkumaa hin yaanne."

• "Baarseloonaa gad lakkisa jedhee guyyaa tokkos yaadee hin beeku. Nuukaampi mana koo waan taheef eessayyu nan deema jedhee hin yaanne."

• " Guyyaa tokko gara Baarseloonaa nan deebi'a. Baarsaan kilabii qaalii addunyaa tahee ammas itti fufa."

• "Turuudhaaf iddoon ani hin dhaqin hin jiru. Garuu sababa seera Laaliigaatiin gad lakkisuu qabda jedhamee murteen narratti darbee."

• "Kana booda dirree shaakalaas tahee dirree kubbaa miilaa Nuukaampi deebi'ee hin dhufu. Kun jireenya koo keessatti isa ulfaataadha" jechuun Liyooneel Meesiin dubbateera.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#WBO #TPLF

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) fi TPLF dhimma waraanaa irratti wal tumsuuf waliigaluu isaanii gaggeesitootni dhaaba lamaanii himuu Rooyitasii fi AP gabaasan.

Kanaan dura motummaan Itoophiyaa garee kunneen waliin ta'un nageenyaafi tasgabbii biyyattii booreessuuf hojjataa jiru jechuun irra deddeebiin himataa kan ture yoo ta'u, ji'oota muraasan dura ammoo lamaanuu garee shororkeessitootaa jechuun maan maree bakka bu'oota ummattota biyyaatiin farajuunsaa ni yaadatama.

Garee lamaan, WBO kan mootummaan Itoophiyaa ''ABO - Shanee'' jedhuunii fi TPLFn isaanii maddeen oduu Rooyitarsii fi AP gabaasaniiru.

Hogganaan Waraana Bilisummaa Oromoo kan motummaa 'ABO-Shanee' jedhuun, Kumsaa Dirribaa, ykn Jaal Marroo jedhamuun beekamu Asoooshetid Pireesitti (AP)tti, akkasumas hogganaan TPLF Dabretsiiyoon G/Mikaa'el ammoo Rooyitarsitti akka himanitti, dhimma waraanaa irratti wal tumsuuf walii galuuf adeemsii jiraachu mirkanneessan.

Gabaasa Guutuuf: https://ift.tt/3CEOLVi

Maddi: BBC
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#PresidentShimelisAbdisa

Pireezedaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa(MNO) Obbo Shimallis Abdiisaa haala yeroo irratti addatti OBN waliin turtii taasisaniiru.


Pireezidaantiin MNO Obbo Shimallis maal jedhan...

• Itoophiyaan humnoota TPLF fi ergamtoota isaaniin kan diigamtu osoo hin taane, tokkummaa uummattoota biyyattiin ijaaramtee kan ceetu ta'uu ibsan.

• "Gochaan humni TPLF yeroo amma kana uummattoota biyyattirraan gahaa jiru caalaa, Uummata Tigraay irratti badiifi hameenyi raawwachaa jiruu badisaa saffisaa jira" jedhan.

• "Humni kun durirraa kaasee dhiiga lammiilee biyyatti dhangalaasaa akkuma ture,duguggaa sanyii Maayikaadiraatti raawwate tibbanas lammiilee nagaa daa’imaniifi dubartoota Naannoo Affar irratti rawwateera, kun immoo abdii kutachuun hojii badanii balleessuuti" jedhan.


• Gochiifi kaayyoon humna TPLF fi ergamtoota isaa yeroo dhumaafis barbadaa’uun injifannoon Itiyoophiyaa kan dhugoomu tahuu Obbo Shimallis Abdiisaa dubbataniiru.

Maddi: OBN, FBC
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#PMOffice

Waliigalteen waldeeggarsaa hidhattootni WBO ofiin jedhan TPLF walin taasisan mootummaa federaalaaf waan #ajaa’ibaa akka hintaane mootummaan Itoophiyaa hime.

Dubbi himtuun waajjira MM Itoophiyaa Billanee Siyyum ibsa gaazexeessitootaaf laataniin “waggoota 2 oliif TPLF ergama badiisaa raawwachuuf Shaneetti fayyadamaa tureera. Kanaafuu michummaan kun mootummaaf waan haaraa miti” jedhan.

Walitti dhufeenya gareelee lamaanii “gaa’ela hinbaramne” jechuun kan ibsan Billanee Siyyum, waa’ee walitti dhufeenya garee lamaanii mootummaan dubbachuu erga eegalee bubbulus miidiyaalen idil addunyaa garuu gurra itti qabu dhiisuusaanii himan.

Dhimma waamicha biyyaalessaa…

Waamichi lammiileen Raayyaa Ittisaatti akka makamaniif taasifames hanqina dandeettii raayyaa ittisaarraa kan madde akka hintaane himan.

“Waamichi biyyaalessaa waamicha sababa hanqina dandeettii Raayyaan Ittisa Biyyaa birmadummafi lammiilee biyyattii eeguf qaburraa ka’uun taasifame miti” jedhan

@Gadaamagazine @GadaamagazineBot
Lakkoofsi lammiilee qe'ee isaanii irraa buqqa'anii 300,000 ol gaheera.

Sababa lola Kaabaa Itooophiyaattin gara naannolee Affaarfi Amaaraatti ce’uun naannolee lamaan keessaa lammiileen 300,000 ol buqqa’aniiru.

Lolli Kaaba Itoophiyaa ji’a Sadaasaa 2013 halellaa TPLF buufata waraanaa Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti argamurratti raawwateen eegalame.

Lola ji’oota sagal lakkoofsise kanaan lammiileen heddu lubbuun yemmuu darbu heddus qe’ee isaaniirra buqqa’aniiru.

@Gadaamagazine @GadaamagazineBot
#MorMorNubiyya

Waldaan gargaarsaafi misoomaa 'MorMor Nubiyya' jedhamu hundeeffame.

Waldichi ilmaan Oromoo godina matakkalitti dhalataniin kan hundaa'e yoo ta'u yeroo ammaa kana Magaalaa Finfinnee GGAO tti sirni kabaja hundeeffama isaa gaggeeffamaa jira.

Dhalattoonni ijoollee Oromoo Godina matakkal rakkoo siyaasaa hamaafi duudhaa aadaafi seenaa isaanii akka dagataniif humni isaan cabsaa ture danuu ta'us waldaan kun rakkoowwan sana cabsuuf dhalattoonni Godinichaa walitti dhufuun Magaalaa finfinnee keessaatti waldaa 'Mormor Nubiyya' jedhamu hundeessuun godinicha keessatti Bu'uraalee misoomaa ,kanneen akka manneen barnootaa, buufata fayyaafi daandiin akka baballatuuf waldaa hundeeffame ta'uu walitti qabaan waldaa 'mormor Nubiyaa' Dr. Birraatuu Fayyisaa ibsanii jiru.

Via: FIB
@Gadaamagazine @GadaamagazineBot
Dilbata darbe kirikira lafaa Hayititti Mudateen namoonni 1900 ol lubbuun isaanii darbe

Balaa Kirkira lafaa hamaa mudateen Namoonni Hedduun lubbuun isaanii darbee kan ammoo madaa'anii hedduun isaanii ammoo achi buuteen isaanii dhabameera.

Biyyichatti bakka bu'aan Unicef "Maatii baay'een Haayitii keessaa sababa kirkira lafaan waan qaban hundaa dhabanii miiluma isaaniin lolaa keessa dhaabatanii jiru,'' jechuun himeera.

Hojiin lubbuu baraaruu biyya Kaaribiyaan kana keessatti sababa bokkaa cimaa bubbee makate 'Tropical Storm Grace' roobeen danqameera.

Maddi:- BBC
@Gadaamagazine @GadaamagazineBot
#ColonelAliyiChirriFoundation

Faawundeeshiiniin Kolooneel Aliyyii Cirrii bu'uuraalee misoomaa gara garaa hojjachuufi hawaasa isaa gargaaruuf kan hundaa'eedha.

Faawundeeshinichi dhalattoota ilmaan oromoo Godina Baaleetiin kan hundaa'e yoo ta'u yeroo ammaa kana hojii eegaluuf Godina Baalee Magaalaa Roobeetti Waajjira banachuun sochii eegaleera.

Ijoolleen oromoo beekkumsaa fi diinagdee qaban walitti fiduudhaan Faawundeeshiinii Ko/Aliyyii Cirrii jedhu hundeessuun Godinicha keessatti bu'uuraalee misoomaa kanneen akka manneen barnootaa, Keellaa Fayyaa, rakkoo bishaan qulqulluu furuu fi hawaasa rakkate gargaaruuf Faawundeeshiniin kun kan hundeeffame ta'uu Hojii Geeggessaan Faawundeeshinichaa Dr Ahmad ibsaniiru.

Via: Gadaa Magazine Family
@Gadaamagazine @GadaamagazineBot
Ashamaa!

Bakka jirtanitti akkam jirtu?

GADAA MAGAZINE Odeeffannoo waqtawaa miidiyaaleen idil addunyaafi biyya keessa qabatanii bahaan qindeessuun isin biraan dhaqqabsiisuu eegaleera.

Yaada qabdan @GadaamagazineBot 'start' cuuqasuun nuf barreessa!

Nagaan Oolaa!
@Gadaamagazine @GadaamagazineBot
#Oromiyaa❗️

Naannoo Oromiyaa keessa yeroo amma gargaarsa midhaan nyaataa kanneen barbaadan namootni miiliyoona lamaa ol jiraachuu mootummaan naannichaa beeksisee.

Obbo Garramuu Oliiqaa Itti Aanaan Koomishineraa Koomishinii Sodaa Balaa Oromiyaa, godinaalee Oromiyaan qabdu 21 keessaa 19 keessa hanqinni midhaan nyaataa akka jiru eeran.

Haaluma kanaan Godina Gujii Aanaalee Gammoojjii fi Badda-dareetti roobni Arfaasaa dhaabbachuu irraa kan kahe namootni kuma dhibbaan lakkaa’aman beelaaf saaxilamuun himamee jira.

Maddi: VOA
@Gadaamagazine @GadaamagazineBot
Naannoo Beenishangul Gumuz keessa buqqaatonni kuma 540 ta’an yoo jiraatan Nannoo Kibbaa keessa ammo jiraattoonni miiliyoona 1.4 ta’an gargaarsi akka isaan barbaachisu UN ibseera.

Gabaasa torban torbaniin baasuun Waajjirri UN deeggarsa namoomaa qindeessu (OCHA)n akka ibsetti buqqaatonni kunneen Mataakkal, Kamaashii, Asosaa Awwii fi godinaalee Wallaggaa keessa qubatanii jiru.

Buqaatonni kunneen haleellaa yeroo gara garaa hidhattoonni raawwataniin qe'ee fi qabeenya isaaniirraa kan buqqa'anidha.

Yeroo ammaatti godina Kamaashii keessatti hidhattoonni gandoota hedduu to’annoo jala kan olchatan yoo ta’u, dhiyeenya ammo magaalaa Mizigaas jedhamtu to’achuun isaani ibsameera.

Kanaan wal qabatees, waldhabdee uumameen gargaarsa namooma dhaqqabsiisuun cimaa akka ta’es eerera.

Gabaasni kan BBC'ti itti dhiyaadha👇
https://bbc.in/3j0nAfE

@Gadaamagazine @GadaamagazineBot
#EthioTelecom

Itiyoo Teelekoom liqii irraa jiru keessa harkaa 67% kaffaluu beeksiseera.

Itiyoo Teelekoom guyyaa har’a karoora bara dhufu (2014) ifa godheera.

• Lakkofsi maamiltoota 'Tele Birr' fayyadamaanii miliyoonaa 8.5 gahuun ibsameera.

• Itiyoo Teelekoom bara 2013 keessa galii birrii biliyoona 56.5 argachuu fi bara 2014tti galii birrii biliyoona 70 argachuuf karoora qabaachuu beeksiseera.

• Itiyoo Teelekoom liqii dolaara biliyoona 2.3 kan ofirraa qabu yoo ta'uu dolaara biliyoona 1.67 ofirraa kaffaluu Hojii gaggeessituu olaantuun dhaabbaticha durbee Firihoot ibsaniiru.

@Gadaamagazine @GadaamagazineBot
Haleellaan TPLF, walitti bu’iinsa kanaa fi dararaa uummata Itiyoopiyaa yeroo isaa dheeressa jedhame.

Hooggantuun dhaaba misooma sadarkaa addunyaa kan Yunaayitid Isteetis Samaantaa Paawer, TPLF haala jiru akka tasgabbeessu, naannoo Affaarii fi Amaaraa keessaa ba’ee rakkoo jiru mariin akka furuu gaafachuu itti fufte.

Haleellaan TPLF, walitti bu’iinsa kanaa fi dararaa uummata Itiyoopiyaa yeroo isaa dheeressa jechuun ergaa twitter maxxansaniin beeksisaniiru.

Ergaa tweeter lammata erganiinis, sababaa haleellaa TPLF raawwateen bakka uummanni kuma hedduutti laka’aman qe’ee ofii dhiisanii godaanan naannoo Affaarii fi Amaaraa keessaa uummata kuma 136,000f gargaarsi midhaan nyaataa kennamuun jalqabameera jedhan.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#GaachanaSirnaa

Godinaalee Oromiyaa keessatti caasaa mootummaan leenjiin bu'uura loltummaa ''Gaachana Sirnaa'' jedhamu kennamuu eegaluu mootummaan naannoo Oromiyaa beeksise.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti hidhattoota TPLF waliin godhamuuf dargaggeeyyiin fedhii isaaniin miseensa waraana Itoophiyaa ta'uuf galmaahani mooraa leenjii galanii leenji'aa kan jiran ta'us, Oromiyaa aanaalee adda addaa keessatti ammoo qaamoleen hawaasaa leenjii ''Gaachana Sirna'' jedhu fudhachuu eegalaniiru.

Leenjiin kun maalii?

Gaffi BBC'n hoogganaa Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Getaachoo Baalchaa gaafateen, ''hiikni isaa fuullee jira, hiika biraa hin barbaadu,'' jedhan.

''Sirni uummatni ofii isaatiin ijaarrate, hirmaannaafi abbummaa uummatichaatiin eegamuutu irra jiraata,'' kan jedhan Obbo Getaachoon, leenjiin ''Gaachana Sirnaa'' beekumsa uummatichi ''sirna ofii dhaabe'' ittiin eeggatu horachiisuuf kennamaa jiraa jedhan.

Maddi: BBC
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#ABO

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) haala qabsoon Oromoo yeroo ammaa irraa jiru ilaalchisuun ibsa baaseera.

Ibsa guutuu suuraan walqabsiifnee dubbisaa!⬆️

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#ArtistZarihunWadaajoo

Weellisaan angafnii fi beekamaan Zarihun Wadaajoo dhukkubsatee hospitaalatti akka wal’aanamaa jiru maatiin isaa VOA’tti himanii jiru.

Haati Warraa Artist Zarihun, Aadde Olaantuu Gammachuu torban tokko dura dhukkubni itti hammaannaan yaalsisuuf gara Adaamaatti fiduu isaanii dubbatu.

“Zarihun waggoota dura yeroo mana hidhaa ture miidhaan irra gahe yeroon yaalamuu dhabuutu rakkoo kanaaf isa saaxile,” jedhu – Aadde Ol’aantuun.

Kan yaala fayyaa Artiist Zarihun hordofaa jiran, ogeessi Dhibee keessoo, Dr. Leggesee Alemaayyehu, Zarihun dhibee sombaa fi kalee akka dhukkubsate himanii, yaali barbaachisu kennamaafii akka jiru eeran.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Ronaldo

Kiristiyaanoo Ronaaldoo Maanchistar Yunaayitiditti deebi'e!

Maanchistar Yunaayitiid Kiristiyaanoo Ronaaldoo Juveentusirraa mallatteesifachuuf waliigalteerraa gahuu beeksise.

Yunaayitiid taphataa cimaa addunyaa injifataa Ballon d'Or yeroo shanii kana Old Trafford'tti arguuf kan hafe dhimmoota dhuunfaa akka Viisaa fi qorannoo fayyaa ta'uu gareen kun beeksiseera.

Bara 2009 gara Riyaal Maadriid imaluu isaan dura Yunaayitidiif tapha taphate 292 keessatti goolii 118 galchuu danda'ee ture.

Kilabichi ibsa baaseen, ''Namni kilabicha keessa jiru hunduu Kiristiyaanoo Kilabichatti deebisee simachuuf eegaa jira'' jedheera. Maanchistar Siitiin Kiristiyaanoo kan isaa godhachuuf yaalii gochaa ture.

Kiristiyaanoon fuula miidiyaalee hawaasaa isaa gubbaatti kilaba ajaa'ibaa ittiin jedhe Juveentuz waliin gargaar bahuufi turtii isaatti gammadaa akka ture ibseera.

''Onnee fi lubbuu koo Juveentusiif kenneera, yeroo hundumaa magaalaa Turiin nan yaadadha hanga xumuraatti '' jedheera.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
2025/07/08 19:04:52
Back to Top
HTML Embed Code: