#Suuraa:📷
Sirna eebba Albama "Maalii Mallisaa" irratti kanneen argaman keessa maatii Hacaaluu kan ta'an Haadha Warraa Hacaaluu Hundeessaa Aadde Faantu Damissoo, Abbaa isaa Obbo Hundeessaa Boonsaa, Harmee isaa Aadde Guddattu Horaa fi Obboleessa isaa Sisaay Hundeessaa.
PHOTO: Empire Pictures
@Gadamagazine

Yooyyaa 🖐
Hordooftoota fi maatiin Gadaa Magazine, odeeffannoo waqtawaa haala yeroo irratti xiyyeeffatan dabalataan fuula fesbuukii keenyaa irraa ni argattu.
Like, Follow, Share 👇👇
https://Facebook.com/Gadaamagazine
https://Facebook.com/Gadaamagazine
Gadaa Magazine Your Kind of Magazine

Barattootaa yuunvarsiitiiwwan naannoo Tigraay...
Maatiin barattootaa ijoolleen isaanii yuunvarsiitiiwwan naannoo Tigraay keessa jiranii iyyaannoo qaban ibsachuuf guyyaa har’a wajjira Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo duraatti walgahaaniiru.
Sodaa nageenyaa qabaaniin maatiin barattootaa ijoolleen isaanii yuunvarsiitiiwwan naannoo Tigraay keessa akka bahaaniif gafaacha akka jiran ibsameera.
Akkasumas jijjiraa iddoo barattootaa haaraa yuunvarsiitiiwwan naannoo Tigraay keessatti ramadamanii gafachuuf maatiin barattootaa wajjira MoSHE duraatti akka walgahaan ibsameera.

Anga’oonni Itoophiyaa ogeessota miidiyaa 15 miidiyaa lama keessa hojjetan to’annoo jala oolchuusaanii mirga gaazexessitootaaf kan falmu CPJ’n ibse.
Hidhamu gaazexessitota fi ogeessota miidiyaa kunneen ilaalchise ibsa kaleessa baaseen, mootummaan dafee akka hiikuufi dhiibbaa ogeeyyii miidiyaarraan gahaa jiru akka dhaabuuf waamicha godheera.
Ogeeyyii miidiyaa hidhaman keessaa Baqaaluu Alaamirroo Awulo Miidiyaa fi Abbebe Baayyuu Itiyoo-Fooram irraa kanneen eeramanidha.
Miidiyaa Youtube irratti oduu fi xiinxalawwan mootummaa qeeqan dhiyeessuun kan beekamu Abbebe Baayyuu osoo hin hidhamiin dura qaamolee hin beekamneen butamee erga reebamee booda gadi dhiifamuu CPJ'tti himee ture.
Ogeessonni kunneen dhaabbilee Awuloo Miidiyaa fi Itiyoo Fooram jedhamanirraa qaamolee nageenyaan akka to’annoo jala oolan odeeffannoon naga’eera kan jedhe Waldaan ogeessota miidiyaa Itoophiyaa akkaataa itti qabamanii fi qabiinsa isaanii ilaalchisun qaama dhimmi ilaallaturraa qulqulleeffachan jira jedhera.

#SecurityAlert #Mekelle #America
Ameerikaan lammilee ishee naannoo Tigraay Maqalee keessa jiraatan baasuuf yaalii gocha jirti.
Waajjirri Dhimma Alaa(Imbaasiin) Ameerikaa ibsa baaseen lammilee magaalaa Maqalee jiraatan kanneen lammummaa Ameerikaa qaban baasuuf yaali taasisaa akka jiru beeksiseera.
Lammileen Ameerikaa Maqalee jiraatan nageenyaa isaaniif jecha addaa of baasanii akka turan Imbaasiin Ameerikaa gorseera.
Namoonni lammummaa Ameerikaa qaban yookaan maatiin isaanii lammummaa Ameerikaa qabatanii naannoo Tigraay keessa jiraatan Imbaasii Ameerikaa waliin akka wal qunnamaan gaafatamaaniru.
(US Embassy)

#HachaluHundessa #Maalmallisaa #Youtube
Albamni 3ffaan Artist Haacaaluu Hundeessa "Maal Mallisaa"n uummataaf galgala har'a Yuutubii irratti gadhifamee.
Jalaattootaa muuziqaa carraa albama Maal Mallisaa dhaggeeffachuu hin arganneef albamichi Yuutubii irratti gadhifamuun ibsameera.
Albamni kun chanaalaa yuutubii sirrii 'Hachalu Hundessa' jedhu irratti akka gadhifamuu himameera.
Geessituu gadii kana cuuqasuun Albama haaraa Artist Hacaaluu Hundeessaa yuutubii irraa dhaggeeffachuu ni dandeessu.
https://m.youtube.com/c/HachaluHundessaa

#MoSHE
Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo guyyaa boru Adooleessa 1, 2013 dhimma barattootaa yuunvarsiitiiwwan naannoo Tigraay keessa jiranii ilaalchisee ibsaa ni keenna jedhame.
Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo guyyaa boru ganama sa'aatii 3:00 irratti dhimma barattootaa yuunvarsiitiiwwan naannoo Tigraay ilaalchisuun midiyaaleef ibsaa akka keennu ibsameera.

#Grade12
Qormaanni biyyaaleessaa kutaa 12ffaa waggaa dhuftu kennama jedhame
Qormaanni biyyaaleessaa kutaa 12ffaa kan bara 2013 bara dhuftu (2014) Baatii Onkolooleessaa keessa akka kennamu Ejensiin qormaataa fi maaddaallii barnootaa beeksise.
Qormaata biyyaaleessa bara kanaa kana qoramuuf barattoota naannoo Tigiraay osoo hin dabalatiin barattoota kuma 620 ta'an qophaa'anii kan jiran ta'uunis himameera. #Share

Dilbata dhufu Adaamaatti Waareen Aartii qophaa'eera.
Inistiityuutiin Aartii Oromoo marsaa 3ffaaf Waarii Aartii Adooleessa 11, 2013 qopheessuu beeksiseera.
Sagantaan kun Dilbata dhufu sa'aatii 8:00 irraa eegalee magaalaa Adaamaa Siniimaa Oliyaaditti qophaa'uu ibsuun jalaattootaa Aartiif inistiityuutiin Aartii Oromoo waamicha godheera.

#DrAbiyAhmed
Yaada ummata Tigraayii fi hawaasa idil addunyaaf iddoo qabnu yeroo dhumaaf agarsiifneerra – Dooktar Abiy
Yaada ummata Tigraayii fi hawaasa idil addunyaaf iddoo qabnu yeroo dhumaaf agarsiifneerra jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy haala waqtaawaa ilaalchisee ibsa laataniiru.
Walitti bu’iinsa hir’isuuf, qonnaan bultoonni naannichaa qonna gannaa tasgabbiin akka gaggeessanii fi dhiyeessin namoomaa sirnaan akka qaqqabuuf yaaddamee tarkaanfiin dhuunfaan dhukaasa dhaabuu fudhatameera jedhan.
Nageenyi gatii akka nu kaffachiisu beeknuunis kun carraa nageenyaa isa dhumaati jedhan.
Yaa ta’uutii adeemsi kun Garee Shororkeessaa ABUTtiif liqimsamuu hin dandeenye jechuun ibsan. Walitti bu’iinsi amma jiru oolee buluu hin danda’u jedhaniiru.
Maddi: FBC

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa humnoota TPLF deebisee haleeluu akka malu qondaalli olaanaa raayyaa ittisaa miidiyaa biyya keessaaf himan.
Mootummaan federaalaa dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsuun loltoota isaa Tigraay keessaa baasuuf sochiirra akka ture kan himan qindeessaan ijaarsa waraanaa Rayyaa Ittisa Biyyaa Meejar Jeneraal Baacaa Dabalee, humnooti TPLF lola dhaabuuf fedha hin agarsiifne jedhan.
Kibba Tigraay naannoo Koram fi Allaamaaxaatti loltoota raayyaa ittisaa lakkoofsaan muraasa ta'an sababoota adda addaan achi akka turan taasifame humnooti TPLF haleelanii barbadeessuuf yaalii gochu himan.
Meejar Jeneraal Baacaan maal jedhan?
TPLF labsii dhukaasa dhaabuu kan fudhachuu dideef, gaaffii nagaa uummanni Tigraay kaasuuf deebii kennuu waan hin dandeenyeefi jedhan Meejar Jeneraal Baacaan.
"Raayyaan ittisaa yoomii fi eessatti haleellaa raawwachuu akka qabu murteessee irratti hojjechaa jira," jedhan.
''Hoomaan waraanaa kun eessatti ijaaramuu danda'a. bakki itti ijaaramu aggaammii haleelamuuf lafa hin mijanne ta'u qaba.
Tariimmoo haleellaan yoo raawwatees deebisanii haleeluuf lafa mijataa ta'e ta'uu qaba yaada jedhuun'' Tigraay keessaa baahuu ibsan.
Lola guyyoota muraasa darba gama Kibba Tigraayiin godhameen humnoonni Tigraay magaalota akka Koramii fi Allaamaaxaa to'annoo isaanii jalatti deebisaniiru.
Via: BBC

#OduuSimbirtuu
Guutinsi bishaanii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa marsaa 2ffaan milkiin xumuramuu ibsame.
Miidiyaan biyyaalessaa ETVn bakka ijaarsa hidhichaatti argamuun wayita bishaan hidhicha guutee irraan yaa'uu eegalu kallattiin tamsaasaa ture.
Ammatti hidhichi bishaan tarbaayinoota lama sochoosuu danda'u qabachuu isaa Ministirri Bishaan Jallisii fi Inarjii Dr Injinar Silashii Baqqalaa himaniiru.
Ergaa wayita hidhichi bishaan guutee irraa yaa'uu eegalu bakka ijaarsa hidhichaa irraa dabarsaniin, uummata Itoophiyaan baga gammaddan jedhaniiru.
Tarbaayinoonni lama aannisaa maddisiisuu akka eegalan hojiin jajjabaan hojjetamaa jiraachuu kan himan Dr Injinar Silashiin sunis yeroo gabaabaa keessatti bu'aa akka argamsiisu himaniiru.

#SouthAfrica
Hokkora tibbana Afrikaa Kibbaa bulchiinsa Kuwaazuuluu Naataal keessatti muudateen qofa qabeenyi Doolaara biiliyoona 1 ta’u barbadaa’uu ibsameera.
Hidhamuu preezdantii duraanii biyyattii Jaakoob Zuumaa hordofee hokkora uumameen miidhaa manneen daldalaa adda addaa kuma 40 ol irra ga’e mootummaan qorachuu eegaluu himameera.
Bulchiinsa Kuwaazuuluu Naataal keessatti qofa qabeenyi Doolaara biiliyoona tokko ol ta’u manca’uu ibsameera.
Bulchiinsa kana keessatti qofa manneen daldalaa sadarkaa adda addaa kuma 40 ol ta’an manca’uu himameera. Gidduugaloonni daldalaa 200 ol saamamaniiru jedhame.
Magaalaa Darbaan keessatti qofa meeshaaleen saamaman Doolaara miiliyoona tokko ta’u jedhan Ministirri Waajira Preezdantii Khumbudzo Ntshavheni.
Saamichii fi mancaatiin kun kan magaalaa Johaanisbargi ammallee qoratamaa jiru hin dabalatu jedhan.

#AddisStandard
Ibsa ugguura maxxansa marsariitii Addis Standard fi marii Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa waliin taasifame:
Dhimmootni adeemsa fi seeraa sirnaan otoo hin hordofamin Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa(ATMI) murtee dabarsuu isaa beeksise.
Sababni ATMI kenne “komii fi adeemsa yaaddessaa” jedhu karaa hordoffiitiin argatedha. ‘Komii fi Adeemsa yaaddessa’ jedhame kana Addis Standard tiif ifa osoo hin godhamiin yeroodhaaf qabiyyee akka hin maxxansine dhorkame.
Gulaaltonni Addis Standard qorannoo qaama walabaan gaggeeffamee, himannaa ajandaa qaama shororkeessa gaggeessu jedhu dhara ta’uu mirkaneessu akkasumas maxxansuun akka barbaachisu kanaafis Addis Staandard tumsa barbaachisu akka taasisu ibsan.
Hoggantooti ATMI ibsa kana booda bahu irratti himannaa Addis Standard ajandaa shorerkeessitootaa gaggeessa jedhuu fi qaamolee Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Itoophiyaa Shororkessummaan moggaasee waliin walitti dhufeenya qaba jedhu akka qulqulleessan himan.
READ MORE👇
https://addisstandard.com/ibsa-ugguura-maxxansa-marsariitii-addis-standard-fi-marii-abbaa-taayitaa-miidiyaa-itoophiyaa-waliin-taasifame/

Addis Standard
Ibsa ugguura maxxansa marsariitii Addis Standard fi marii Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa waliin taasifame
Maaltu Uumame? Kamisa Adoolessa 15, 2021 Daayirektoreetiin Galmee fi Haayyamaa Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa(ATMI) Hoji Gaggeessa JAKENN Publication PLC ,maxxansaa Addis Standard, biratti bilbiluun hojjattoonni Addis Standard waraqaa galmee abbaan taayitichaa…
#OSFNA
Feestivaalli Federeshinii Ispoortii Oromoo Ameerikaa Kaabaa torban dhufu ni eegala.
Kan waggoota 25 dura hundeessame Federeeshiniin Ispoortii Oromoo Ameerikaa Kaabaa, ‘OSFNA’ jedhamuun beekamu, feestivaala Ispoortii fi aadaa waggaa waggaatti geggeessu kan bara kanaa, kutaa Minisootaa - magaalaa lakkuu Miniyaapoolis-Seent-pool keessatti Adoolessa 24 hanga 31tti ni geggeeffama.
maddi: VOA

Mootummaan naannoo Amaaraa namni danda'u hundi akka adda waraanaatti duulu gaafate❗️
Pirezidaantiin MN Amaaraa Aganyahu Tashaagar, dargaggoonni duuluu danda'an hundi guyyaa boruu irraa eegalanii akka gara dirree waraanaatti duulan gaafatan jechuun miidiyaan naannochaa gabaase.
''Meeshaa waraanaa mootummaa kanneen hidhatan, dhuunfaadhaan kan hidhatan fi dargaggoonni dirqama kana ba'uuf dandeettii qaban hundi guyyaa boruu irraa eegalanii akka duulan,'' jedhaniiru aanga'aan kun.
Miidiyaan naannichaa ibsa pirezidaantichi kennan eeruun akka gabaasetti, gareen TPLF waan qabu hunda duguugee itti fayyadamuun sochii haleellaa gaggeessaa jira.
Kanaan dura qaamoleen hawaasaa hunduu akka cinaasaanii hiriiran kan gaafatan qondaalli kun, abbootii qabeenyaa fi jaarmiyaalee daldalaa dabalatee deebiin hawaasa irraa argatan jajjabeessaa ta'uu himan.
Dubbi himaan TPLF Geetaachoo Raddaa gamasaaniin ergaa tibbana tiwiitarii isaanirratti barreessaniin humnoonni Tigraay injifachaa jiraachuu himan.

#Dhaddachaa #HacaaluuHundeessaa
Manni Murtii Xilaahuun Yaamiifaa irratti murtee adabbii laachuuf beellama biraa qabachuun himame.
Manni Murtii himatamtoota ajjeechaa Artist Hacaaluu Hundeessaan murtee balleessummaa irratti muree ture irratti murtee adabbii laachuuf Kibxata har'aatti beellamee murtii kennuuf ture, Haata'u malee manni murtichaa murteen adabbii har'atti akka hin qaqqabne himuun beellamni biraan akka kennamuf abukaatoon ittisaa himatamtootaa gaafataniiru.
Dhimmicha qabatee kan jiru Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti dhaddachi yakkaa farra shororkaa fi dhimmoota heeraa lammaffaa himatamtoota sadeen; Xilaahun Yaamii, Kabbada Gammachuu fi Abdi Alamaayyahu irratti murtee adabbii laachuuf ture har'atti kan beellame.
Maddi: BBC

#Somaalee #Affaar
Humni addaa Mootummaa naannoo Affaar fi gareen hidhatootaa Uguugumuu jedhamu haleellaa rawwatanii lubbuun namootan 350 ol galafatamuu isaa Mootummaan naannoo Somaalee beekisiseera.
Bakkewan nannoleen lamman gaafii irratti kaasaa jiran 3 keessaa tokkoo kan taate, magaalaa Somaalonnii GarbaIisee jedhanii waman, affaaroni immoo Gadamaayituu Jedhan keessatii haleellaa rawwatame Kanaan harka caalatti kan miidhaman dubartoota fi ijoollewan ta’uun isaanii himameera.
Akka balaan kun hin raawwanee Mootummaan Feederaalaa waan isaa irraa eegamuu hin goone kan jedhee Mootummaan naannoo Somaalee magaalatii irratii badiinsii guddaan qaqqabuu isaa ibseera.
Mootummaan naannoo Affaar dhimma kana irratii kallattidhaan deebii kennuu baatus, namootan Mootummaa naanichaa keessaa hojjatan akka himaniti humni addaa mootummaa nannoos ta’ee gareen Uguugumuu Jedhamuu haleellaa sana keessaa harka hin qabu.
Inumaayuu akka naannootii hidhannoo isaa hin heyyamamnee hidhatee kan naannoo Affaar irratii haleellaa geggeessaa jiru Mootummaa naannoo Somaaleetii jechuu isaanii gabaasaan VOA Addis Chekol gabaaseera.
@Gadaamagazine