OBN GAAMMEE!
Chaanaalii 3ffaa OBN "OBN Gaammeen" eebbifame.
Pireezdaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaasirba eebbichaarratti argamuun haasaa godhaniin OBN Afaan daa’immanii fi dargaggotaa ta’ee hojjetaa jiras jedhaniiru.
@Gadamagazine

#Filannoo2013
Boordiin Filannoo Biyyaaleessa Itoophiyaa torban dhufu guyyaa Wiixataa filannoon waan gaggeeffamuuf hojii ni jiraata jedhee hin eegu jedhe.
Filannoon biyyaaleessaa 6ffaan torban dhufu guyyaa Wiixata Waxabajjii 21, 2021 gaggeeffama jedhamee eegama.
Dhimmicha ilaalchisee Itti-gaafatamtuun Kominikeshinii Boordichaa Soliyaanaa Shimallis ibsa har'a kenniteen, guyyaa filannoo hojiin akka jiraatuuf boordichi hin barbaadu jette.
Dhaabbileen mootummaafi miti-mootummaa walta'insa gochuuf dirqamni seeraa jiraachuu kaasuun, Bordichi ifatti gaaffii akka dhiyeessu Soliyaanaan dubbattee jirti.
''Hojiin hin jiraatu jennee yaadna. Kun ammoo filattoonni sagalee akka kennaniifi filannichis haala gaariin akka xumuramuuf ni gargaara.
Kunis taatee yeroo dheeraatti mudatu waan ta'eef dhaabbileen mootummaafi kan dhuunfaaf waliin ta'uu jenneeti eegna.
Kan geeddaramus isa guyyaa filannootti hojiin hin jiru jedhu qofaadha,'' jetterti.

'Keyboard' irratti dandeetti saffisaa olaanaan barreessuu gabbifachuuf marsariitilee filatamoo lama:
1⃣ Marsariitin 10fastfingers.com jedhamu dandeetti saffisaan barreessuu akka gabbifannuf hedduu nu gargaara.
Gara marsaritichaa yoo seennu daqiiqaa tokko irraa gadi lakkaahun jechoota barreessuu qabnu nuf baasee akka barreessinnu nu ajaja.
Gocha kana irra deddeebin raawwachun dandeettii saffisaan barreessuu keenya gabbifachuu ni dandeenyaa. Yeroo barbaanne maqaa keenyaan 'Account' uummachuun namootaa biroo dorgomuullee ni dandeenya.
Daqiiqaa tokko keessatti Jechoota baay’ee barreessuu yoo dandeenye marsaritiichi ‘TOP 50‘ jechuun galmee keessa nu galchu danda'a.
Kunis hanga namni biroo dhufee caalmaatti nu dursee saffisaan barreessuutti galmee irraa hin buunu.
2⃣ Marsariitin 2ffaan keybr.com jedhama. Marsaritiin kunillee akkuma isa jalqaba dandeettii saffisaan barreessuu keenya ni gabbisa.
Keybr wanti adda isa godhu...fkn yogguu gara keybr seennu harkaa (quboota) keenyaa eessarra gochuu akka qabnu dursee nutti agarsiisa. Itti aansun ‘Click to activate’ kan jedhu yoo cuuqasner jechootaa Keyboard olirra tarreeffaman sana akka barreessitu nu ajaja.
Marsariitii Keybr irratti ofii keenyaaf saffisaan barreessuu yaalii tasiifna; daqiiqaa hanganatti xumuruu qabdu nun hin jedhu.
Saffisaan yommuu barreessinu dogoggora yoo raawwanne qubee dogoggorre sana halluu diimaan barreessee nu akeekachiisa.
Credit: Barannoo Tech

#Filannoo2013 #KMNI #NEBE
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa tibba filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa Wiixata dhufu gaggeeffamuutti dhimmoota mirga namoomaa taajjabuuf iyyata galfatulle Boordiin Filannoo Biyyaalessaa gaafii isaa akka hin fudhanne beeksise.
Filannoo Waxabajji 14/2013 gaggeeffamutti dhimmoota mirga namoomaa taajjabuun hojii isaa keessaa tokko tahuu kan himu Komishinichi, qaamoolee filannicha akka taajjabaniif hayyamameef keessatti akka hin hammatane ibsuun, taajjabuu hin danda'u jechuun ibseera.
Xalayaa BBCn maddeen amanamoo irraa argate seera filannoo fooyya'ee bahe caqasuun, ''Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa; hojii taajjabbii, hojii gaazexeesummaa yookaan bakka bu'aa paartii siyaasaafi kaadhimamaa dhuunfaa filannicha irratti hirmaatu waan hin qabneef, Boordichis waraqaa hayyamaa akka kennuuf bu'uurri seeraa waan hin jirreef, gaafficha keessumeessuu hin dandeenye,'' jechuun ibseera.
Gabaasa guutuu ↘️https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-57504957

#Ethiopia
Itoophiyaa fi Somaaliyaan waliigaltee daldalaa mallatteessaniiru.
Biyyoonni lamaan waliigaltee daladalaa oomishaa qurxummii Mooqaadishoo gara Finfinneetti erguu dandeessisuurratti mallateessaaniiru.
Waliigalticha Somaaliyaatti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Abdulfattaa Abdullaayii Hasaanii fi Ministirri Ministeera Misooma Qurxummii Somaaliyaa Abdulaziiz Hajii Baashiir mallateessaniiru. Ityoophiyaa, Eertiraa fi Somaaliyaan tumsa hunda galeessaa taasisuuf waliigaltee sadeenii mallateessuu isaanii ni yaadatamaa.
Maddi: FBC

Naannolee filannoo saanduqoonni cuquliisni waraqaa sagalee laachuu qabatan banamanii argamanitti filannoon hin gageeffamnee ta’uu Boordiin Filannoo Biyyoolessaa beeksiseera.
Naannolee filannoo kunneenis naannoo Amaaraa Daambiyaa akkasumas Tahuulaaradaree 1 fi 2, naannoo Oromiyaa Nageellee fi Gindabaraat ta’uu itti gaafatamtuun Komiinikeeshinii boordichaa aadde Sooliyaanaa Shimallis ibsa gaazixeessitootaf laataniin ibsaniiru.
Boordichi murtichaarra kan ga’eef naannolee filannoo eerramaniitti saanduqoonni cuquliisni waraqaa sagalee laachuu qabatan banamanii argamuun ta’uu himaniiru.
Guyyaa boruu filannoo gaggeeffamuuf hoji manni filattoonni komiisaanii ittin dhiyeeffataan diriiruu aadde Sooliyaanaa himaniiru.
Kanaafis buufata sagalee laachuutti koreen komii walitti qabu miseensoota 3 hundaa’uu EBCn gabaasera.
Dabalaataanis filattoonni karaa sarara bilibilaa 778 komiisaanii laachuu akka danda’an boordichi ibseera.

#OromiaMediaNetwork
OMN sababa hin beekamneen qilleensa irraa bu'uun dhagahame.
Tamsaasni TV OMN galgala har'a (Waxabajji 13,2021) naannoo sa'aatii 4:00 irraa eegalee qilleensarraa bu'uu miidiyichi fuula fesbuukii isaa irratti beeksiseera.
Sababa Oromiyaa Miidiyaa Neetwoorki(OMN) qilleensarraa bu'ee hanga ammaatti kan hin beekamne ta'u fi baruuf immoo qorannoo gaggeessa jiraachuu OMN fuula fesbuukii isaa irratti beeksiseera.
Via: OMN

👍2
Odeeffannoo filannoo marsaa 6ffaan walqabataan:
- Filannoo Biyyaalessaa marsaa 6ffaa har’a sa’aatii 12:00 irraa eegalee guutuu biyyattitti ni geeggefama.
- Filannoo har'aa gaggeeeffamuuf waliigalatti lammileen filachuuf galmaa'an Miiliyoona 37.4 tahuun ibsameera.
- Filannoo Biyaaleessaa marsaa 6ffaa har’a gaggeeffamu kanaratti paartileen 46 Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataafi Mana Maree Bakka Bu’oota Naannootiif ni dorgomu.
- Filannoo baranarratti dorgomtoonni 148 dhuunfaan dorgomu.
- Sadarkaa biyyaaleessaatti paartiileen siyaasaa 17 qooda kan fudhatan yoo tahu, paartileen 29 ammoo paartilee sadarkaa naannootti dorgomaniidha.
- Magaalaa Finfinnee keessatti paartileen 18 filannoo irratti ni dorgomu.
- Waliigalaan mana maree bakka bu'oota ummataa fi mana maree bakka bu’oota naannooleef kaadhimamtoonni kuma 9 fi 327 filannoof dhihaataniiru.
- Filannoo har’a geggeeffamu kanaan mana maree bakka bu'oota ummataaf kaadhimamtoonnii 445 kan dorgaman yoo tahu,kan hafe teessoo 64f immoo filannoosaa gaafa Qaammee 1 bara 2013 geggeeffama jedhameera.
- Filannoo yeroo lamaanutti adeemsifamuun kaadhimamtoonnii 509 mana maree bakka bu'oota ummataaf ni filamu.
(NEBE, OBN)

Naannoo Kibbaa buufata filannoo Uubaa Dabraa Tsahaayitti saanduqni filannoo haatamuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksise.
Ibsa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itooophiyaa midiyaaleef keennen naannoo Kibbaatti buufata filannoo Uubaa Dabraa Tsahaay keessa saanduqni filannoo haatamuu ibseera.
Naannoo Amaaraa dabalatee naannoolee birootti filattoonni akka hin filannee dhorkamuu fi reebichi irraa gahaa akka jiru ibsameera.
Gochi kun bu'aa filannoo irratti rakkoo waan uumuuf hatattamaan dhabbachuu akka qabu boordichi gaafateera.
Gama biraatiin magaalaa Asoosaatti hanqinni kaardiin filattootaa mudachuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksiseera.
Rakkoo kana furuuf kaardiin filattootaa karaa daandii qilleensa Itoophiyaatiin dhaqqaabaa jiraachuu boordichi ibseera.
[Proposed by Gadaa Magazine]

Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaatti namoonni sadii ajjeefamuu bakka bu'aan Boordii filannoo beeksise.
Pireezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa “Filannoon taasisame siyaasa hidhannoofi hiriiraa Itoophiyaa gara mariitti deebisa, mootummaa uummataa dhaabuufis carraa kenna” jedhan har’a yeroo Godina Shawaa Lixaa, magaalaa Ginciitti argamuun sagalee kennanitti.
Gama biraatiin, godinuma Shawaa Lixaa, naannoo filannoo Noonnootti, namootni sadii hidhattootaan ajjeefaman jechuun, Boordiin Filannoo Itiyoophiyaa beeksise jira.
Eenyummaa hidhattootaa ajjeechaa kana rawwataanii irratti wanti ibsame hin jiru.
Namoonni ajjeefamaan kunneen hidhataa ganda tokko, hojjataa kaabinee tokko fi Poolisii tokko ta'uu Komishinii Filannoo Itooophiyaatti qindeessan Godina Shawaa Lixaa obbo Darajjee Addunyaa VOAtti himaniiru.
* Suura: Pireezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Ginciitti argamuun sagaleessanii yeroo keennan.

Ibsa Boordii Filannoo Biyyalessaa!
Filannoon Biyyaleessa marsaa 6ffaan karaan nagaan xumuramuun sagalee lakkaa’uun eegameera – Boordii Filannoo Biyyaalessaa
Rakkoolee xixiqqoon ala Filannoon Biyyaalessaa marsaa 6ffaan karaa nagaan xumuramuu boordichi ibseera.
Buufatalee filannoo muraasatti hanqinni waraqaa filannoo qunnamee turuu Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Birtukaan Miidhaksaan ibsaniiru.
Naannoo Sidaamaa buufatalee tokko tokkotti rakkoon hanqina meeshaalee filannoo muudachuun isaan adeemsi filannoo akka adda citu taasiifameera.
Adeemsi filannoo kun guyyaa boruu sa’aatii 5:00 eegalee akka gaggeeffamu murtaa’uu ibsaniiru.
Magaalaa Gaambeellattis buufataalee muraasarratti adeemsi filannoo akka adda citu taasiifameera jedhan.
Buufaleen biroo garuu adeemsa filannoo xumuruun adeemsi sagalee lakkaa’uu eegalaa jiraachuu himaniiru.

#HachaluHundessa new album!
Albamni haaraan Artisti beekamaa Haacaaluu Hundeessaa "Maalii Mallisaa" jedhu sagantaa yaadannoo waggaa 1ffaa Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti gadhifamuufi.
Osoo hin wareegamiin duraa Albamni haaraan Artist Haacaaluu Hundeessa hojjataa ture tibba kana eebbifamuun 'CD'dhaan akka gurguramuu himame.
Eebbi Albama "Maalii Mallisaa" akka Biyyaalessaatti sagantaan qabameefi bakka Aanga'oonni motummaa, maatiif firoottan Haacaaluu Hundeessaa, hiriyoonni fi dinqisifatoonni Artisticha argamanitti kan gaggeeffamu ta'u ibsameera.
Artist Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 22, 2013 halkan keessaa sa'aatii 3:00 booda magaalaa Finfinnee naannoo kondominiyeemii Galaanitti ajjeefamuun ni yaadatamaa.
#SHARE

Albamiin isaa 3ffaan mata-duree ‘’Maal Mallisaa’’ jedhu Waxabajji 21, 2013 ummataaf gad lakkifama jedhame.
Maatiin Artist Haacaaluu Hundeessaa guyyaa har’a ibsa miidiyaaleef kennaniru.
• ‘’Hojiiwwan inni osoo lubbuun jiru osoo hojjetuu irraa wareegame kana ummata biraan gahuuf walitti qindeessinee xumurree jirra,’’ jechuun haati warraa isaa Aadde Faantuu Damissee Diroo dubbattetti.
• "Haceen ani ummata kootiif qaaliidha jedheera. Ummannimmoo isaaf maalidha kan jedhu CD orijinaala isaa bitatee akka seenaadhaaf keewwatu ergaa koo dabarfachuun barbaada,’’ jechuun himte.
• Wallee 14 kana keessaa sirbi jaalalaa jira, sirbi dhala namaaf hojjete jira, gootummaan ni jira, waa’een gaaffii kaasu ni jira, akkasumas kan tokkummaa kaasu akka jiru Sisaay Hundeessaa qabiyyee isaanii dubbate.
• ‘’Osoo lubbuun jiraatee ofii isaatiif ibsate natti tola,," jechuun imimmaan ija ishiitti kan dhufe haati warraa isaa albamii haaraa keessa ‘’waa’een maatiillee jira’’ jechuun addatti BBCtti himtetti.

#Alert ⚠️
Albama Maalii Mallisaa keessa sirbi mata dureen isaa "Ilma namaa" jedhu heyyamaa maatii malee seeran alaa yuutubii irratti fe'ame.
Sirbootaa Artist Hacaaluu Hundeessaa osoo lubbuun jiru hojjatee fi CD'dhaan uummataa biraan gahuuf yaadamee qindeeffamaa ture keessa sirbi 'Ilma Namaa' jedhu heyyamaa maatii malee yuutubii irratti fe'ame mul'ate.
Sirbi kun daqiiqaa muraasa duraa 'ITunes' irratti karaa onlaayinii akka gurguramuu fi dhaggeeffatamuuf fedhaa maatiin ergaa gadhifamee booda haala hin eegamne fi qaama biraan haatamee yuutubii irratti fe'ame argame.
Furmaanni isaa maalii?
Egaa sirbi kun qaaniif sodaa tokko malee chaanalota yuutubii namoota dhuunfaa garaagaraatti fe'ame jira. Namoonni hedduun itti dammaquun REPORT gochuun sirbichi akka haqamuu taasifama jira. Duulli REPORT gochuu cime itti fufu qaba.
Albamni kun hojii fi dadhaabbii dhuma Haacaaluun uummataa isaaf gumaache darbee waan ta'eef qaamni sirbicha yuutubii irratti fe'e jiru hatattamaan balleessuu qaba.

US, EU, UK, akkasumas biyyoonni addunyaa gurguddoo filannoo Itoophiyaarratti ibsa baasaniiru.
Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa Jimaata baaseen, filannoon Itoophiyaan Waxabajji 21, 2021 gaggeessite wayita biyyattiin rakkoo nageenyaa jabaa keessa jirtu, wayita walitti bu’iinsi sabaafi hawaasa jidduutti dabalaa jirutti ture jechuun, adeemsi filannichaa lammilee hundaaf haqa-qabeessaafi bilisa hin turre jedhe.
Lammilee Itoophiyaa mirga filachuu isaaniitti dhimmi bahan ni jajjabeessina kan jedhan US Isteet Sakreetarii Antoonii Bilinken, haata’u malee filannoon qofaa isaatti agarsiiftuu diimokiraasii miti jedhan.
Gamtaan Awurooppaafi biyyoonni addunyaa 10 ol ta’anis filannoo Itoophiyaa ilaalchisuun ibsa waloo baasaniiru.
Filannichi kan gaggeeffame paartileen morkattootaa yeroo hidhamanii jiranitti, ogeessonni sabaa himaalee yeroo dhiibbaan irra gahaa jiruttiifi paartileen siyaasa bilisaan duula gaggeeffachuu yeroo dadhabanitti jedha ibsi kun.
MORE: https://bbc.in/3gX4GWj

Siidaan Artist Haacaaluu Hundeessaa Magaalaa Finfinnee Paarkii Haacaaluu Hundessaa keessatti hojjatamuun xummurame eebbaaf gaheera.
Bulchiinsi Magaala Finfinnees Siidaa Artist Haacaaluu Hundeessaa sababeeffachuun bakka siidichi itti ijaarameetti ibsa miidiyaaf kenneera.
Qabsoo inni mirga dhala namoomaaf qabuu fi akkaataa itti wareegame waliin walqabatee gaddi nutti gale ulfaataadha.
Maallaqnii Abbootii qabeenyaafi uumatarraa walitti qabame maatii isaaf akka ooluu bulchiinsii Magaalaa Murtesse jedhan, Itti gaafatamaan waajjira Kantiibaa fi Dhimmoota Kaabinee Bulchiisa Magaalaa Finfinnee, Obbo Xilaahuun Warquu.
Siidaan Artist Haacaaluu Hundeessaa Chaayinaatti hojjatamuu dursituun koree Teknikaa Injinar Ayyaalnash himan.
Siidiichiis torbee kana bakka maatiin isaa, jaalattonni, Anga'oonni olaanoo Biyyatti Oromiyaafi Magaalaa Finfinnee argamanitti ni eebbifama.

#HachaluHundessa
Albamni Artist Hacaaluu Hundeessaa sadaffaa guyyaa kaleessaa, Wiixata bakka maatii, jaallattoonnii isaa fi keessummoonni argamanitti magaalaa Finfinneetti eebbifameera.
• Sagantaa hoteela SkyLight keessatti qophaa'e irratti maatiin isaa haqni Hacaaluu akka barbaadamuuf dhaamaniiru, kanneen maqaa isaan daldalan jedhanis akka dhaaban gaafatan.
• Guyyaa kaleessaa Haati Warraa Hacaaluu, Aadde Faantu Damissoo, waltajjii irraa ergaa ummataaf dabarsiteen 'waan laman dhabe,'' jette.
• ''Waa lama dhabduun ta'e, siis dhabeen dhugaa kees dhabe,'' jechuun ergaa ishee bifa walaloon dabarsite.
• ''Ati anaaf ijoollummaakoo, mana barumsaakoo, beekaakoo, jiruukoodha. Waan hunda kooti. Namni kana dhabe akkamiin jiraachuu danda'aree?'' jechuun haati ijoollee isaa sadii, Faantuun gadda keessa jiru himte.
• Abbaan Haacaaluu Obbo Hundeessaa Boonsaas haasawa godhaniin 'dhiigni mucaa kootii dhangala'ee akka hin hafne Waaqa naaf kadhadhaa' jechuun hirmaattota sagantichaa gaafatan.

#Tigray
Waraanni motummaa federaalaa naannoo Tigiraay guyyaa kaleessa gadhiisee erga bahee booda labsiin dhukaasa dhabuu labsame.
Miidiyaa mootummaa kan ta'e FBC galgala keessa akka gabaaseetti, mootummaan federaalaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu kan Waxabajjii 28 irraa kaasee hojiirra ooluu Tigraay keessatti labseera.
Labsiin dhukaasa dhaabuu kun hojii qonnaa waqtii gannaa fi hojii deeggarsa namoomaaf jecha gaaffii bulchiinsi yeroo Tigraay dhiyeesseen kan labsame ta'uu mootummaan federaalaa Itoophiyaa ibsus, TPLF garuu injifannnoo dirree waraanaa irratti argateen magaalaa Maqalee deebisee to'achuu ibse.
Sadaasa 4/2020 kan eegale lolli Naannoo Tigiraay baatii saddet booda humni naannicha bulchaa ture TPLF kaleessaa (Waxabajji 28/2021) magaalaa Maqalee qabachuunsaa dhagahame.
Jiraattoonni magaalaa Maqalee akka himaniitti, humnootiin TPLF daandiiwwanii fi buufata xiyyaaraas to'ataniiru. Ummannis daandiitti bahuun gammachusaanii ibsachaa jiraachuus jiraattonni BBCtti himaniiru.

👍1