#NETBLOCKS
Itoophiyaa bakkeewwan garaagaraatti tajaajilli miidiyaa hawaasummaa Facebook hojjechaa akka hin jirre fayyadamtoonni ibsan.
Kanneen yeroo ammaa fayyadamaa jiran akka ibsanitti tajaajilichi Dilbata halkan kaleessaa eegalee akka citeefi VPN'dhaan fayyadamaa akka jiran himan.
Dhaabbanni tajaajilli intarneetii adda cituu hordofu NetBlocks jedhamullee tajaajilli adda cituu mirkaneesse.
Akka dhabbatichi ibsetti daataan networkii Facebook, WhatsApp akkasumas Instagramiin yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti ''dhorkamuu'' agarsiisa.
Sababa tajaajilli kun adda citeef garuu hanga yoonaa gama mootummaa Itoophiyaatiinis ta'e dhaabbata miidiyaa hawaasummaatiin wanti jedhame hin jiru.
Miidiyaan hawaasummaa adda citan jedhaman sadanuu qabeenyummaan isaa kan dhabbata tokkooti.
Maddi: BBC
@Gadaa_magazine

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa oolmaa har'aatiin Koloneel Gammachuu Ayyaanaa dabalatee namoonni 12 yakka ittiin himataman irraa bilisa jedhe
Manni murtichaa oolmaa dhaddachaa har’aatiin ijoo, abbaan alangaa himatamtoota kanneen irratti ragaa namaa fi sanadaatiin mirkaneesseera moo hin mirkaneessine akkasumas himatamtoonni ofirraa ittisuu qabumoo hin qaban kan jedhu qoratee murtii kennee jira.
Haaluma kanaan namoota galmee kana jalatti himataman keessaa , Koloneel Gammachuu Ayyaanaa dabalatee namoota 12 irratti ragaan abbaa alangaa yakka ittiin himataman keessatti hirmaachuu isaanii mirkaneessu hin dandeenye jedhameera. Kanumarraa ka'uun ofirraa ittisuu osoo isaan hin barbaachisne bilisaan akka gaggeeffaman murtiin kennamee jira.
Himatamtoonni galmeedhuma kana jalatti himataman saddeet (8) ammoo ragaa ittisaa isaanii akka dhiyeeffataniif jedhamee beellamni Waxabajjii 1,2,3'tti qabamuu abukaatoo himatamtootaa Obbo Tuulii Baay'isaa ibsanii jiru.

#Mirga_Ajjeesuu❗️
Kitaabni dargaggoo Waaqoo Getaachaw seenaa dhugaa ajjeechaa abbaa isaa waggaa sadii duraa rawwatamee irratti hundaa'uun barreessee caamsaa 15/2013 ni eebbifamaa.
Kitaabni kun matadureen isaa "Mirga Ajjeesuu" kan jedhu yoo ta'u Caamsaa 15/2013 Giddugala Aadaa Oromootti ni eebbifamaa.
''Kitaaba kana kaniin barreesse haqa abbaa koo barbaacha, namoota abbaa koo ajjeesanirratti tarkaanfiin akka fudhatamuuf miti. Kitaabichi seenaa maatii koo sababa du’a abbaa kootiin dararaa keessa dabarse hima,‘’ jedheera.
Inumaayyuu ''warreen abbaakoo ajjeesaniif mana hidhaa dhaqeen dhiifama godheef,’’ jechuun Waaqoo Getaachaw turti BBC waliin godheen dubbateera.
Ergaa Waaqoo Getaachaw...
• Namni tokko mirga ajjeesuu yoo qabaatee, nama biraa irra immoo dirqama du’uutu taha.
• Lubbuu kan uume Waaqaa, kan fudhachuu qabus isa. Kanaaf namaaf mirgi ajjeesuu eeyyamamuu hin qabu kan jedhu himuufan barreesse, dubbisaanis akkasitti naaf haa hubatu. #share

#MoSHE
Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo barattoonni Yunvarsiitii keessa jiran hanga caamsaa 30/2013tti barnoota isaaniirra akka turan beeksiseera.

#Filannoo2013
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa Filannoon Biyyaalessaa marsaa 6ffaan Waxabajjii 14, 2013 kan gaggeeffamu ta’uu beeksiiseera.
Adeemsi filannichaa buufataalee galmeen filattootaa itti gaggeeffame hundarratti kan raawwatu ta’uu ibseera.
Yaa ta’uutii buuftaalee filannoo fi naannolee filannoo galmee filattootaa waliin walqabatee iyyaannoon itti dhiyaatee fi galmeen filattootaa booddeetti hafuun eegalamuun hanga ammaatti galmeen hin xummuramnerratti filannoon guyyaa eerama kana kan hin gaggeeffamne ta’uu boordichi himeera.

👍1
#MoSHE
Barattoonni haaraan hanga Caamsaa 30tti gara yuunvarsiitiiwwan ramadamanii akka galan ni taasifama jedhame
Barattoonni haaraan hanga Caamsaa 30, 2013tti gara yuunvarsiitiiwwan ramadamanii akka galan ni taasifamaa jechuun Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo beeksiseera.
Barattoonni qabxiin seensaa barnoota olaanoo guutaan hanga Caamsaa 30ttii gara yuunvarsiitiiwwan ramadamanii akka seenaan Ministirri Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Dooktar Saamu’eel Urkatoon ibsaniiru.
Akka gabaasa EBCtti ramaddii waliin walqabsiisee barattoota komii dhiyeessaan kuma 23 keessaa kumni 1 fi 800 kan ta’aan gaaffiin isaanii fudhatama argatee sirreeffamni ramaddii taasifamuu ibsaniiru. #Share

#MoSHE #NEBE #Election2013
"Filannoof barattoonni Dhaabbilee Barnoota Olaanoo keessa jiran gara maatiitti ni deebi'uu." Boordiin Filannoo Biyyaalessaa
Barattoonni naannoo irraa dhufanitti deebi'uun filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa irratti akka hirmaataniif murtoo dabarsuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksiseera.
#share

Ministiriin Waxabajjii 8-10tti kennama
Oromiyaatti qormaanni kutaa 8ffaa (ministiriin) Waxabajjii 8 hanga 10 bara 2013tti akka kennamu hogganaa hogganaa Ittaanaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Bariisaatti himaniiru.

Sagaleen MM Abiy Ahimadidha jedhamee gadhiifame kan ''sobaan qindaa'eedha,'' jechuun Waajjirri Ministira Muummee ibse.
Sagaleen MM Abiy ''miliqee bahedha'' jedhamee miidiyaa onlaayinii Keelloo jedhamuun Wiixata galgala gadhiifame daqiiqaa lama kan dheeratu yoo ta'u, MM Abiy waggoota itti aananiif aangoorra akka turuu hedan akeeka.
Sagaleen kuni dhagahamee yeroo gabaabaatti ibsa kan baase waajjirri Ministira Muummee Abiy wanti ta'e kuni filannoo jala yeroo gahametti ''waldhibdee uumuuf kan kaayyeffatedha,'' jechuun himateera.
Sagaleen jedhame kuni yeroo Koreen Hojii raawwachiiftuu dhaabni biyya bulchu, Paartii Badhaadhinaa, torban darbe marii gaggeessetti kan waraabamedha jechuun hima miidiyaan gadhiise.
BBC'n sagaleen kuni yeroo dhaabichi walgahii dhihoo gaggeeffate waraabamuu isaas ta'e sagaleen waraabame jedhamees qindeeffamuu akkasumas dhugaa ta'u isaa addatti hin mirkaneessine.

#AbebechGobena
Oduun Aadde Ababbach Goobanaa boqotan jechuun midiyaalee hawaasummaa irratti tamsaa'a jiru soba.
Aadde Ababbach Goobanaa dhukkubsachuun hospitaalaa Phaawuloosiitti yaalama akka jiranii fi fayyummaa gaarii irraa akka jiran ibsameera.
Aadde Ababbach Goobanaa Daa'imman harka qaldheeyyii fi nama guddisu hin qabne guddisuun ni beekamu.
Dooktarri Kabajaa Ababbach Goobanaa hojii gaarii hojjatan kanaafis badhaasota heddu argataniiru. Yuunivarsiitiin Jimmaa ammoo Doktorummaa kabajaa kenneefira.

#ETHIOPIA
Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif bajata waggaa birrii biiliyoona 500 ol raggaasuufi.
Bara bajataa dhufaatti bajanni mootummaa Itoophiyaa kan bara bajataa kanarra birrii biiliyoona 85n akka caalmaa qabu wixineen bajataa mana maree ministirootaan qophaa'e ni mul'isa.
Manni marichaas bajata motummaa federaalaa bara itti aanuu birrii biiliyoona 561 ol akka ta'uuf kan murteesse yoo ta'u, bajata bara 2013tti qabamee kan ture birrii biiliyoona 476 irra caalmaa harka 18 qaba jedhame - kana jechuunis birriin biiliyoona 85 dabalameera.
Manni Maree Ministirootaas osoo bajata bara 2014 hin raggaasisiin dura, bajata dabalataa bara kana barbaachiseefi sirreeffama baasiiwwan mootummaa haguuguuf barbaachisan hojiirra akka oolaniif yaada murtee dhiyaatan irratti mari'ateera.

#GelanaGaromsa #Walagarraa
Sirbi haaraan Artist Galaanaa Garoomsaa gadhifamee guyyaa lama gidduutti dawwataa(view) 671,000 argate.
Sirbi Artist Galaanaa Garoomsaa "Wal agarraa" jedhu qindeessaa fi daayireektaraa muuziqaa Amaansisaa Ifaan hojjatamee guyyaa lama gidduutti dawwataa kuma 671 ol argachuun industirii muuziqaa Afaan Oromoo keessatti sadarkaa jalqaba qabaateera.
Sirbi kun daqiiqaa 7 fi sekondii 14 kan dheeratuu yoo ta'uu baadiyaa Oromiyaatti waraabame, chanaalaa yuutubii haaraa Artist Galaanaa " Gelana Garomsa" irratti jalaattootaa muuziqaaf gadhifamee.
Dawwaadha: https://m.youtube.com/watch?v=dAT8rVzbpBw
@Gadamagazine

EEBBA SIIDAA
Siidaan gooticha Abiishee Garbaa eebbifame.
Siidaan gooticha Oromoo Abiishee Garbaa Hurruubaa (1835-1877E.C) hirmaannaa hawaasaan magaalaa Shaambuutti Qarshii Miliiyoona 6.784tiin ijaarame guyyaa har'aa bakka keessummoonni garaagaraa argamanitti sirna ho'aan eebbifame.
Siidaan gooticha Oromoo Abiishee Garbaa Hurruubaa ijaarsisa isaa keessatti Yunivarsiitiin Wallagga deeggersa gochuu ibsameera.
Hayyoonni Yunivarsiitichaas seenaa gooticha Abiishee Garbaa qorachuun, qopheessuun, maxxansiisuunfi koree ijaarsa siidichaa gaggeessuun miidhagina sirna eebba siidichaa miidhagsaniiru.
Yunivarsiitiin Wallaggaa siidaa gooticha Oromoo dhaabsisuuf shoora olaanaa ba'ateef badhaasa addaa geeba Warqee badhaafameeraafi.

#+1millionviews❗️
Sirbi haaraan Artist Galaanaa Garoomsaa dawwataa 1000,000 argate.
Sirbi haaraan Artist Galaanaa Garoomsaa "Wal agarra" jedhu gadhifamee guyyaa sadii keessatti dawwataa miliyoonaa tokko argachuun seenaa haaraa galmeessise.

#Telebirr
Fayyadamtooni Teelee Birrii namoota miiliyoona 3.8 darbu, Itiyoo-Teelekoom beeksise.
Tajaajillichi erga eegale yeroo turtii baatii tokko keessatti birriin miiliyoona 100fi miiliyoona 60 ittiin akka naanna'ee himameera.
Hanga ammaattis Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaafi Baankii Abisiiniyaa hojimata maamiltoonni lakkoofsa herragaa isaanii gara Teelee Birriitti jijjiiruun akka fayyadamaniif kan hojiirraan oolchan isaan qofa ta’uus himameera.
Yeroo ammaa kanas dhaabbileen Daldalaa,Geejjibaafi supper maarkeetii tajaajila Teelee Birrii fayyadamuuf Itiyoo Teelekoom waliin waliigaltee taasisaa jirus jedhameera.
Dhaabbatichi maammiltoota isa miiliyoona 53f tajaajila Teelee Birrii jalqabuu ifatti beeksisuun isaa ni yaadatamaa.

#WollegaUniversity
Yuunivarsitiin Wallaggaa guyyaa simannaa barattoota haaraa bara 2013 yuuunvarsitichatti ramadamanii Waxabajjii 28 - 30ti ta'uu beeksiseera.
Yuunivarsitichi waamicha barattoota haaraa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa karaa TV fi marsaritii Yunivarsiitii Wallaggaan akka kennuu hubachisera. #Share

Madaalli wagga waggaan biyyotaafi magaalaa jireenyaaf mijatoo ta’aniif keennamuun sadarkaan ni baha. Yeroo COVID-19 kanatti ammoo magaalaan Niiw Zilaand kan taate Ookland jireenyaaf tokkoffaarratti filatamtuu taateetti.
Bara 2021tti magaaloota jireenyaaf mijatan olaanoo kurnan:
1. Ooklaan, Niiw Ziilaand
2. Osaakaa, Jaappaan
3. Adelayidee, Awustiraaliyaa
4. Weelingitan, Niiw Ziilaand
5. Tookiyoo, Jaappaan
6. Peerzi, Awustiraaliyaa
7. Zuuriik, Siwiizarlaand
8. Jeneevaa, Siwiizarlaand
9. Meelboorn, Awustiraaliyaa
10. Birisbeen, Awustiraaliyaa
Bara 2021tti magaaloota jireenyaaf mijatoo hin taane kurnan:
1. Damaasqoo, Sooriyaa
2. Leegoos, Naayjeeriyaa
3. Poort Moresbii, PNG
4. Daakaa, Bangilaadesh
5. Aljeers, Aljeeriyaa
6. Tiriipoolii, Liibiyaa
7. Karaachii, Paakistaan
8. Haraaree, Zimbaabwee
9. Duwaalaa, Kaameeruun
10. Karakaas, Venizuweelaa