Telegram Web Link
Obbo Taaggasaa Caafoo Af-Yaa'ii mana maree bakka bu'oota ummataa ta'uun muudamaan.

Aadde Loomii Badhoo Af-Ya'ii I/Aantuu mana maree bakka bu'oota ummataa ta'uun muudamaan.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
Dooktar Abiy Ahmed Muummicha Ministeera Itoophiyaa ta'uun muudamaan.

Har'a Fulbaana 24, 2014 eegalee Dr. Abiy Ahmed Ministira Mummee waggoota shanan dhufaniif biyya bulchaan ta'uun muudamaaniiru.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Sagantaa Badhaasa Herreega Qusannaa Qonnaan Bulaa Marsaa 1ffaa geeggeessaa tureef har'a Galma Bulchiinsa Lootarii Biyyoolessaatti bakka pirezdaantiin baankichaa Obbo Darribee Asfaaw dabalatee hooggantoonni baankichaafi taajjabdoonni argamanitti carraa baaseera.

Lakkoofsonni carraa badhaasawwan argamsiisan waliin akka armaan gadiitti tarreeffamaniiru.

• Lakkoofsa carraa 1ffaa Tiraakteera Joon Diir badhaasisu:
147292
• Lakkoofsota carraa 2ffaa Tiraakteera harkaa badhaasisan lameen:
114924
108103
• Lakkoofsota carraa 3ffaa Doqdoqqee TVS badhaasisan sadeen:
150513
177642
127986
• Lakkoofsota carraa 4ffaa bilbila ismaartii badhaasisan kurnan:
100564
134405
163500
135084
160570
172152
130985
173152
171711
170969

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#DV2023

Carraa lotorii 'DV 2023' Fulbaanaa 26 eegalee hanga Onkolooleessaa 30 bara 2014 A.L.Itti iyyata gochuun akka danda’amuu ibsamee.

Kunis karaa onlaayinii qofaan yoo ta’uu; kaffaltii kamiyyuu hin gaafatu akkasumas suuraa ji'a jahaa asitti kaatan fayyamuun akka ta'ee ibsameera.

Marsariitii https://dvprogram.state.gov fayyadamuun appilaay godha. #SHARE

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#BBO

Biiroon Barnoota Oromiyaa manneen barnoota motummaa hunda keessatti barnoonni Onkolooleessaa 3/2014
akka eegaluu beeksiseera.

(Dr. Tolaa Bariisoo, OBN)
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#WaraanaaTigraay

Naannoo Amaaraa bakka humnoonni TPLF to'atan keessatti guyyoota lamaan darban haleellaan qilleensaa jabaan raawwatamaa akka ture dubbii himaan TPLF Royitarsitti himan.

Obbo Getaachaw Raddaa Jimaata bilbilaan Rooyitarsitti yoo himan haleellaan qilleensaa jabaan kun waraanni Itoophiyaafi kan deeggartootaa lafoon humnoota TPLF haleeluu akka malan akeekkachiiftuudha jedhan.

Haleellaa akka haaraatti banameera jedhame kanarratti mootummaan Federaalaa Itooophiyaa haga ammaatti ifatti wanti himame hinjiru.

''Adda waraanaa hundatti humna cimsannaan guddaan adeemaa jira... adda isa kam irraatti haleellaa jabaa akka banuuf deeman hin beeknu'' kan jedhan obbo Getaachew, ''meeshaalee gurguddoofi dirooniin hojiirra oolaa jiru'' jedhan.

Haleellaan qilleensaa Kamisa eegalee, Jimaatas cimee itti fufuu himanii, bakki haleellaan qilleensaa kunniin itti raawwatamaa jiran dhiyeenya magaalaa Wurgeessaafi Wagal Xeenaa, gara bahaatti ammoo naannoo daandii Amaaraafi Affaar walqunnamsiisan ta'uu eeraniiru.

Rooyitarsi maddeen isaa dippiloomatii ta'an irraayiis naannoo Wurgeessaa haleellaan qilleensaa raawwatamee akka ture mirkaneeffachuus gabaaseera.

Maddi: BBC
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Ethiopia #TPLF

TPLF mootummaan Itoophiyaa haleellaa isaa xumuraatii jedhe nurraatti baneeraa jechuun ibse.


Akka gabaasin qaamaa kanaa jedhutti, mootummaan Itoophiyaa humnootaa naannoo Amaaraa fi humnootaa biroo waliin ta’uudhaan adda huundaanuu lola bane jira.

Mootummaa Itoophiyaa loltoota lafootti dabalatee meeshaalee gurgudoodhaan,taankota, xiiyyaara waraanaa fi diroonii ykn xiyyaara nama malee balali’u fayyadamuun haleellaa taasisaa jira kan jedhee ibsi qaama Mootummaa naannoo Tigraay jedhee of wamuu kun, hidhatoonnii isaa duulichaa of irraafaccisaa jiraachuu isaanii ibsee hawaasin adduunyaa tarkaanfii mootummaa Itoophiyaa akka balaaleffatu gaafateeraa.

Ibsi mootummaa naannoo Tigraay jedhamuu kun haleellaan kan irratti raawwatamaa jiru bakka kamitti akka ta’e ibsuu baatus, dubbi himaan TPLF Geetachoo Raddaa lolli xiyyaaraan deggerame kun kan taasifaamaa jiru bakkeewwan naannoo Amaaraa fi Affaarii ta’anii garuu too’annoo TPLF jala kan jiran irratti akka ta’ee maddi Oduu Rooyiters gabaasee jira.

Dhimmaa kana irratti yaadaa waliigalaa Rooyitariif kan kennaan itti gaafatamtuun dhimma preesii waajjiraa Muumee ministeeraa Itoophiyaa Biillenee Suyyum , mootummaan Itoophiyaa kutaa biyyatii kamiinuu keessaatti lammiilee biyyatii haleellaa shororkeessumaa iraa ittisuuf itti gaafatamumaa qabaa jedhaniiru.

Akka Biillenee Suyyum dabalanii himanitti, mootummaan Itoophiyaa badiinsaa "Hiwahat' lubbuu namaatii fi qabeenya irratti geesiseef deebii kennuu itti fufa jechuun isaanii gabaafameera.

Dhimma kana irratti VOA'n Mootummaa feederaalaa irraas ta’e Mootummaa naannoo Amaaraa irraa deebii argachuudhaaf yaaliin taasise akka hin milkoofnee gabaaseera.

Maddi: VOA
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#MinisteeraBarnootaa

Barattootaa yuunvarsiitiiwwan naannoo Tigraay fi Yuunivarsitii Waldiyaa irraa deebi'aniif ramaddiin akka keennamuufi ta'u ibsame.

Yuunvarsiitiiwwan naannoo Tigraay afur fi Yuunivarsitii Waldiyaa irraa barattootaa deebi'aniif yuunvarsiitiiwwan biyyattii garaagaraatti yeroodhaaf ramaddii keennuuf Ministeerri Barnootaa hojjechaa akka jiru ibsameera.

Sababa lola Kaabaa Itoophiyaatiin barattootni yuunvarsiitiiwwan naannoo Tigraay keessatti barnootaa hordofaa turan addaan kutuun gara maatiitti deebi'uun isaanii ni yaadatama. #Share

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#WBO!

Miidiyaan hawaasaa guddichi, Feesbuuk, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi qabiyyeewwan isa leellisan kaan feesbuukiirraa haquu addatti BBC'f mirkaneesse.

Dhaabbatni Feesbuuk Waraana Bilisummaa Oromoo tarree ''dhaabbileefi namoota hamoo'' jedhu jala waan galcheef guutummaatti Feesbuukiitti fayyadamuu akka hin dandeenye ugguruu hime.

Dubbii himaan dhaabbata Feesbuuk BBC'f deebii gama iimeeliin kennaniin Waraanni Bilisummaa Oromoo Feesbuukiirraa kan uggurameef ''jaarmiyaalee hamoo, keessumaa kanneen mootummaa hin ta'iiniifi hokkora uuman imaammata jedhuun'' akka ta'e beeksisaniiru.

WBO Feesbuuk gubbaa dhorkamuun maal jechuudha?

Dhaabbanni Feesbuuk WBO feesbuukii irraa uggureera jechuun, maqaa WBO ykn kanneen jaarmiyicha bakka bu'aniin fuulli banamu ykn banamee jiru ni haqama, kan banamuuf jiraatus hayyama hin argatu jechuudha.

Qabiyyeewwan namoota biraan maxxanfaman ''garee kanaaf deeggarsa kennu ykn hokkora gareen kun uumu leellisu'' ni haqamu.

Gabaasni kan BBC'ti
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Breaking

Ministirri Muummee Sudaan mana isaanii keessatti danqamuun ibsame.

Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook humnoota milishaa eenyummaansaanii addaan hinbaaneen ganama kana manasaanii keessatti danqamuusaanii Aljaziiraa dabalatee miidiyaaleen adda addaa oduu ammeedhaan dubbisiisaa jiru.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
GADAA MAGAZINE
#Breaking Ministirri Muummee Sudaan mana isaanii keessatti danqamuun ibsame. Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook humnoota milishaa eenyummaansaanii addaan hinbaaneen ganama kana manasaanii keessatti danqamuusaanii Aljaziiraa dabalatee miidiyaaleen…
#Update

Ministira Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook dabalatee aanga'oonni motummaa olaanoon biyyatti to'annoo jala oolan.

Hoggansi waraanaa Sudaan MM Abdallaa Hamdook dabalatee aanga'ootaa olaanoo biyyatti to'annoo jala oolchuun hidha dhaabbiin akka turan taasisuu ibsameera.

Sudaan keessatti tibbana hogganaa waraanaa biyyatti mormuuf hiriirri mormii kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti gaggeeffama ture.

Maddi: Al Ain
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Sudan🇸🇩

Gareen waraanaa Sudaan aangoo mootummaa biyyattii to'achuu ifoomse.

Hoggansi waraanaa Sudaan Alburhaan aangoo mootummaa Sudaan guutummaa biyyattii to'achuu ibsaniiru.

Hoggansi waraanaa Sudaan Jeneraal Alburhaanin durfamu Muummee Ministiraa Abdallaa Hamdook dabalatee anga'oota olaanoo biroos to'annoo jala oolchuun himameera.

Muummeen Ministiraa Sudaan Abdallaa Hamdook humna waraanaan to'ataman.

Muummeen Ministiraa Sudaan Abdallaa Hamdook har’a ganama humna waraanaan to’annoo jala ooluun mana Jireenyaa isaaniitti hidhamuu ibsameera.

Magaalaa Guddittii biyyaatti Kaartuum keessatti tajaajilli Interneetii adda cituu isaan haala amma jiru odeeffannoo argachuun rakkisaa ta’uu ibsameera.

Maddi:-Aljazira
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#KFO

Kongireesii Federaalawaa Oromoo ibsa baaseen marii biyyoolessaa keessatti hirmaachuuf, haal dureewwaan guutamuu qaban ifoomse.

Haal dureen kunnin maal fa'a?

• Waraanni ‘Seera kabachiisuu’ jechuun eegalamee yeroo ammaa kana mata duree ‘Jiraachuufi Jiraachuu Dhabuun Biyyaaf’ jedhuun kallattii hundaan gaggeeffama jiru, hatattamaan dhaabbatee Mariin Biyyaalessaa hunda hammate akka godhamu ni yaadachiifna.

• Marichi qaamoota hawwaasa Idil-Addunyaatiin beekamtiifi deegarsi kennameefiin akkasumas bilisaafi amanamoo ta’anii garee kamiifu hin loogne, kanneen hunda biratti fudhatama qabaniin hoogganamuu qaba.

• Mariin Biyyaalessaa kun garee mormitootaa hidhannoon socho’an dabalatee dhaabbilee siyaasaa hundaa haqaan kan hirmaachisu ta’uu qaba.

• Hidhamtootni Siyaasaa hundinuu hiikamanii hirmaattota marichaa ta’uutu irra jiraata jechuun KFO'n ibsa baaseera.

* Ibsa guutuu suuran wal qabsiifneerra dubbisaa!

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Murtee!

Shamarreen Daa'ima waggaa 5 dirqisiistee gudeedde hidhaan adabamte

Shamarree umurii ganna 20 daa'ima waggaa 5 dirqisiistee gudeeduusheen hidhaan baatii 33 itti murtaa'eera.

Himatamtuun kun mana maatii daa'ima kanaatti hojjettuu ta'uun daa'ima kana guddisaa kan turteefi, Hagayya 20, 2013 yakka kana kan raawwatte yoo ta'u yeroo garagaraatti ija daa'ima kanaa hidhuun miirasaa kakaastee Gudeeduun yakka kana irratti raawwachaa turuushee ragaan mirkaneessee himatni irratti banamuu Galmeen himannaa abbaa alangaa ni agarisiisa.

Yakki kun kan raawwate Magaalaa Finfinnee Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Yakkaa ganda 14 , Iddoo addaa Yakkaa Abbaadoo Koondoominiyeemii mana jireenyaa keessattidha.

Maddi:- AL-AIN, FIB
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
Oroict.com

Fuulli fesbuukii dhabbata dhuunfaa, teeknolojii Afaan Oromoo 'oroict.com' cuufamee ture deebi'uun ibsame.

Fuulli fesbuukii lama dargaggoo Abdiisaa Bancaa Jaarraan hundeeffamee hojjiilee teeknolojii Afaan Oromoo irratti xiyyeeffatan dhiheessa ture fi baatii 2 duraa cuufamee ture deebi'uun isaanii ibsameera.

Fuulonni fesbuukii kunnin sadarkaa Afaan Oromoo har'a gaheef bu'uura ta'uu dargaggoo Abdiisaa Bancaa Jaarraan himeera.

Fuulli fesbuukii kunnin:

1:- http://facebook.com/oroict
2:- http://facebook.com/afaanoromo.online/

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
2025/07/06 20:24:23
Back to Top
HTML Embed Code: