Telegram Web Link
#UN #Ethiopia #Tigray

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) waraanni kaaba Itoophiyaatti itti fufee gaggeeffamaa jiru akka dhaabbatuuf irra deebiyee gaafate.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin alattis biyyoonni gurguddoon gama lixaafi dhaabbileen gargaarsaa irra deddeebiin waraanni Itoophiyaa kun mariin akka fala argatuufi gargaarsi namoomaa bakka barbaachisu akka qaqqabuuf dhimmanii gaafachaa turaniiru.

"Miidhaawwan dabalataafi gidiraan namoota nagaarratti Tigraay, Amaaraafi Affaar keessatti qaqqabu hambisuudhaaf qaamoleen walitti bu'insa kana keessatti hirmaachaa jiran walitti bu'insa kanarraa akka of qusatan waamicha keenya irra deebinee dhageessifna," jedhan dubbi himaan itti-aanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Farahaan Haqii.

"Qaamoleen walitti bu'insa kana keessatti hirmaatan hundumtuu seera namoomaa idil-addunyaa kabajuudhaan lammileen nagaafi misoomaaleen bu'uuraaf eegumsa taasisuu qabu," jedhaniiru.

Maddi: BBC
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Gaddii

Filmiin Afaan Oromoo 'Gaddii' Dilbata dhufu ni eebbifamaa.


Falmiin Afaan Oromoo mata dureen isaa Gaddii jedhamu Dilbata dhufu Magaalaa Finfinnee Galma Aadaa Oromootti ni eebbifamaa.

Gaddii'n filmii seenaa dhugaa irratti hundaa'uun hojjatamee yoo ta'u bakka jalaattoonni filmii argamanitti ifatti ni eebbifamaa.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
Magaalaa Finfinneetti dhimmoonni shakkisiisoon yoo mudatan bilbillii eeruun itti kennamu himame.

Magaalaa Finfinneetti jiraattoonni dhimmoonni shakkisiisoon yoo mudatan Karaa sarara bilbilaa bilisaa 9977, 991, 997 ykn sarara bilbilaa 011-1-11-01-11tti fayyadamuun eeruu itti kennuufi tajaajila poolisii argachuu akka danda'an Ragaan Waajjira Seekreetariyaat Pireesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.

(FiB)
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Grade12 #NEAE

Eejensiin Madaallii qormaataa fi Barnootaa Biyyaleessa guyyaa boru haal duree qophii qorumsaa kutaa 12ffaa bara 2013 fi haala waliigalaa qorumsicha ilaalchisee midiyaaleef ibsaa ni keenna.

Qorumsii barattootaa kutaa 12ffaa kan bara 2013 Onkolooleessaa 29/2014 hanga Sadaasa 02/2014tti akka keennamuufi murtaa’uun ni yaadatama.

Haala waliigalaa qorumsicha ilaalchisee Eejensiin Madaallii Barnoota fi Qormaata Biyyaalessaa Sanbataa boru Onkolooleessaa 27/2014 waaree booda sa'aatii 8:00 irratti ibsaa ni keenna jedhamera.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#OromiaAttorneyGeneral

"Naannoo Oromiyaatti namni kamuu waraaqaa eenyummaa malee bakka bakkaattis socho’uun dhorkadha." Abbaa Alangaa Waliigalaa Naannoo Oromiyaa

Naannoo Oromiyaatti namni kamuu waraaqaa eenyummaa malee bakka bakkaattis socho’uun dhorkaa ta'uu Abbaa Alangaa Waliigalaa Naannoo Oromiyaa Aadde Addunyaa Ahimad ibsaniiru.

Naannoo Oromiyaatti Namni kamiyyuu waraqaa eenyummaa malee bakkaa bakkatti socho'uun dhorkaa waan ta'eef Waajjira gandaa ykn waajjira nageenyaa naannoo isaa jiru deemuun waraqaa eenyummaa yeroo baafachuu akka qabu ibsame.

Bu'uura Labsii 1264/2014 'n Labsiin Yeroo ariifachiisaa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataan ragga’e Naannoolee hunda keessatti hojiirra kan oolu ta’uu himameera.

Maddi: FiB
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#EthioTelecom #Beepcall

Itiyoo Teelekoom maamiltoota isaa hafteen herreega isaanii xiqqaatee, bilbiluuf rakkataniif tajaajila 'Beep Call' qopheessuu beeksise.

'Beep Call' maamiltoota Itiyoo Teelekoom hafteen herreega isaanii xiqqaatee garuu ammoo maamilaa isaaniif bilbiluun dirqama isaaniitti ta'e rakkataniif furmaata gaarii akka ta'e himame.

Maamilli hafteen herraga isaa bilbiluuf gahaa hin taane kallattidhaan maamilaa bilbilee qunnamuu barbaadeetti wayita bilbiluu beep call ta'un akka 'miss call'tti maamilaa bilbilameef bira dhaqqaaba. #Share

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Fayyaa

Dhibeen sukkaaraa (Diabetes) dhukkuba hamaa waggaatti namoota miliyoona tokkoo ol ajjeesaa jiru, kan namni kamuu ittiin qabamuu danda'udha.

Dhibee sukkaaraa haala kamiin ittisuun danda'amaa?

1⃣ Nyaata warshaa keessatti omishame (processed food) dhugaatii mi'aawoo fi daabboo qamadii ykn paastaa hir'isuun ykn dhiisuun.

2⃣ Nyaata fayya qabeessa kuduraa fi muduraalee, nyaata midhaanii, zayita fayyaaf gaarii ta'an, gosoota qurxummii zayita qaban soraachuu.

3⃣ Garaagarummaa sa'aatii wal-fakkaataan nyaachuu fi yoo quufan nyaachuu dhaabuu.

4⃣ Ispoortii fi sochiin jabina qaamaa taasisuu.

4⃣ sigaaraa xuuxuu dhiisuu fi hamma kolostiroolii dhiiga keessaa xiqqeessuu.

Dhibeen sukkaaraa dhibee biroo akka qaroo dhabuu, istirookii, kalee fi dhibee onneef nama saaxiluu danda'u ogeessonni fayyaa ni ibsuu.

Dhaabbanni Fayyaa Adunyaa akka jedhetti bara 2014 keessa adunyaarraa lakkoofsi namoota dhibee sukkaaraan qabamanii miliyoona 422 gaheera.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#JimmaUniversity

Yuunivarsitiin Jimmaa guyyaan galmee barattoota idilee digrii 1ffaa, 2ffaa, 3ffaa bara 2014 Sadaasaa 20-21/2014 ta'u beeksiseera.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#BenshangulGumuz

Mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz itti gaafatamaa farra shorokeessummaa dabalatee hooggana sadarkaa ol aanaa itti gaafatama irraa kaasee jira.

Itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa naannoo Beenishangul Gumuz Yusuuf Abdilqaadir, hoogganoonni kun itti gaafatama qaban irraa kan kaafaman, aangoo itti kennamu sirriitti ba’uu dadhabuu isaaniif ta’u isaanii fi malaammaltummaa waliin wal qabatee ta’uu isaa ibsaniiru.

Irra deddeebi’uun rakkoon nageenyaa kan keessatti mul’atu naannoo Benishaangul Gumuz, Qaammee bara 2012 jalqabee komand poostii dhaan bulaa kan ture ta’us, naannoo sanatti jijjiiramni qabatamaan dhufuu akka hin danda’in obbo Yusuf VOA'f ibsaniiru.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#HachaluHundessaa

Manni murtii federaalaa Laamroot Kamaal akka gadhiifamtu ajaje.

Ajjeechaa artist Haacaaluu Hundeessan shakkamuun to'annoo jala kan ooltee Laamroot Kamaal akka gadhiifamtu manni murtii ajajuu, Addis Standard gabaase.

Laamroot shakkamtuu arfaffaa yoo taatu manni murtiii federaalaa Guraandhala 25,2021 himata shororkeessummaa ajjeechaa Haacaaluu Hundeessan wal qabatee irratti baname irraa bilisaan akka gadhiifamtu murteesse ture.

Abbaan alangaa Mana Murtii Federaalaa Ol aanaatti ol iyyata fudhachuun himata isaa dhagahuuf ji'ootaaf beellamaa ture. Garuu manni murtichaa abbaan alangaa shororkeessummaan himachuuf ragaa quubsaa hin dhiyeessine jechuun kufaa taasise.

Laamirot Kamaal gaafa Haacaaluu Hundeessaa ajjeefame nama isa waliin turte tahuu gabaasni Addis Standard ni addeessa.

Maddi: BBC
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#EthiopianMediaAuthority

Miidiyaalee biyya alaa afurif akeekkachisni kenname.

Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa miidiyaalee biyya Alaa 4’f akeekkachisa kenne.

Abbaan Taayitichaa miidiyaalee biyya alaa CNN, BBC, Reuters fi Associated Pressf akeekkachisa  kennuu ibsameera.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
Joo Baaydeen yeroodhaaf aangoo pireezdaantummaa US dabarsaan.

Pireezedaantiin Ameerikaa Joo Baaydeen sababa qorannoo fayya taasisuuf, Itti-aantuu isaanii Kamaalaa Haarisiif, yeroo muraasaaf aangoo pireezdaantummaa US dabarsaaniiru.

Pireezdaant Baayden Jimaata qorannoo fayyaa gaggeessuuf jecha yemmuu anesteeshiyaa (qoricha of nama wallaalsisu) fudhatutti, yeroodhaaf aangoo isaa dabarsee Kamaalaa Hariisiif kennaniiru.

Jala bulti guyyaa dhaloota isaa umurii ganna 79ffaa isatti, Joo Baaydeen erga pireezdaantii ta’ee qorannoo fayyaa kana yeroo jalqabaaf taasisa.

Kun yeroo ta'u Kamaalaa Hariis, yeroodhaaf waraana US fi meeshalee nukileera to’atti.

“Yeroo kanatti Kameelaan wajjira ishee Waayit Hawuus keessa gara lixaarra jiru keessaa hojjetti,” jechuun dubbii himtuun Waayit Hawuus, Jeen Pisakii ibsiteetti.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#BilleneSeyoum

Itoophiyaa cinaa dhaabbachuun carraa Afrikaanootaa gara fuulduraa waliin dhaabbachuu ta’uu Itti gaafatamtuun Seekreetariyaat Preesii Waajjira Muummee Ministiraa Biillanee Siyyuum ibsaniiru.

Humnoonni Alaa fedhii siyaasaa dhuunfaa isaanii raawwachiisuuf garee TPLF deeggarsa meeshaalee waraanaa taasiisurra darbee saatalaayitiin ragaa laachafii jiraachuu turtii dhaabbata Teeleeviizhiinii ‘Afrikaan Niwuu Guruup’ jedhamu waliin taasiisaniin eeraniiru.

Maddi: FBC
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
Repost: #AbdisaBanchaJarra

...'Sarvarii guddaa akka biyyaatti kan jalqabaa ta'u hojii jalqabsiisuufi.' Abdiisaa Baancaa

Biyya keenyatti 'Pilaaneetii Teeknolojii haaraa ' uumuuf hojjechaa jirra, Ogeessa ICT Abdiisaa Bancaa.

Godina Arsii Lixaa Nansabootti kan dhalate dargaggoo Abdiisaa Bancaa Jaarraa, Yunvarsiitii Haramaayaa irraa ogummaa Teeknoolojii odeeffannoo fi qunnamtiitiin (ICT) eebbifame.

Bara 2006 erga dhaabbata 'oroict.com' hundeessees hojiiwwan teeknolojiidhaan walqabatan hedduu hojjechaa ture.

Dargaggoo Abdiisaan hojiilee gama kanaan hojjechaa turee fi waan gara fuuladuraatti milkeessuuf hojjechaa jiru irratti BBC waliin turtii taasiseera.

Erga dhaabbata teeknolojii kana hundeessee gama teeknolojiitiin waan hawaasaa fi biyya fayyadan irrattin fuullefadhee hojjechaa ture jedha.

* Dargaggoo Abdiisaa Bancaa maatii
GADAA MAGAZINE yoo ta'u, BBC waliin turtii taasiseera.

Cuuqasuun dubbisaa↘️
https://ift.tt/3kGS1sl

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#ABO

Addi Bilisummaa Oromoo labsiin muddamaa motummaan labsee dhabbachuu qaba jechuun ibsaa baaseera.

Addi Bilisummaa Oromoo ABO'n haala yeroo ilaalchisuun ibsa baaseera.

* Ibsa guutuu suuraan walqabatee dubbisaa!

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#ProsperityParty

"Hoggantoonii paartii Badhaadhinaa of wareeganii Itoophiyaa oolchuuf qophaa'an" Dr. Alamuu Simee

Hogganaa paartii Badhaadhinaa (Muummee Ministeera Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed) dabalatee hoggantoonni paarticha hunduu gara adda waraanaa deemuun aarsaa barbaachisuu kaffalanii Itoophiyaa oolchuuf musteessuu isaanii Dr. Alamuu Simee beeksisan.

Koreen Hojii raawwachiiftuu paartii Badhaadhinaa haala yeroo biyyaleessa irratti mari'achuun kallattii kaa'eera.

Hogganaa paartii Badhaadhinaa (MM Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed) irra eegaluun hoggantoonni paarticha hunduu gara adda waraanaa seenuudhaan Itoophiyaa weerara garee TPLF irra ittisuudhaaf qophaa'uu isaanii Miseensa koree hojii raawwachiiftuu paartii Badhaadhinaa kan ta'an Dr. Alamuu Simee beeksisaniiru.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
ODUU AMMEE:

Muummeen Ministiraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed guyyaa boru irra eegalee gara adda waraanaa deemuun akka duulan beeksisan.

MM Dr. Abiy ergaa toora hawaasa isaanii irratti galgala kana maxxaansaniin 'Qabsoon Itoophiyaan yeroo ammaa taasisaa jirtu qabsoo lammilee Itoophiyaa hundaati' jedhan.

* Ergaa guutuu suuraan walqabatee dubbisaa!

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Itoophiyaa

MM I/Aanaa Dammaqaa Mokonniin hojiiwwan idilee mootummaa akka hoogganan taasifame.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad dirree waraanaatti bobba'uun waraana hoogganuuf murteessuu isaanii hordofee hojiin idilee mootummaa MM I/Aanaa Dammaqaa Mokonniinin durfamaa akka jiru mootummaan hime.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dr Laggasaa Tulluu ibsa har'a miidiyaaleef kennaniin akka himanitti MM Abiy Kibxata Sadaasa 14, 2014 eegalee dirree waraanaatti bobba'aniiru.

Dr Laggasaa ibsa isaanii keessatti MM Abiy akkuma jedhan adda waraanaatti argamuun hooggansa kennaa akka jiran miidiyaalee biyya keessaaf kennaniiru.

Dabaluunis, hojiiwwan idilee mootummaa akka hin gufanne hojiin guyyuu MM I/Aanaafi Ministira Alaa Dammaqaa Mokonniin hoogganamaa akka jiru himan.

Credit: BBC
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
2025/07/06 16:31:29
Back to Top
HTML Embed Code: