#DebraBirhan
Itti gaafatamaan waajjira Poolisii magaalaa Dabra Birahaan hidhame.
Itti gaafatamaan biiroo nageenyaa magaalaa Dabra Birahaan Daani'eel Isheetee, Itti gaafatamaan waajjira Poolisii magaalaa Dabra Birahaan Komaandar Taayyee Habtagiyoorgiis hidhame, dubbachuu midiyaaleen mootummaa gabaasan.
Komaandar Taayyee Habtagiyoorgiis Shakkamtoota ABUT waliin hidhata qabaachuun shakkamanii to’annoo jala jiran eeyyama komaand Poostiin ala mana hidhaa akka gadi lakkifaman taasiisanii jiru jedhamanii hidhaman.
Biiroon nageenyaa magaalichaa hoggantootni kaanis dhimma kana keessa harka qabaachuu isaani gabaasa argannee qorachaa jirra jedhe.
Bulchiinsi magaalaa Dabra Birahaan namootni waraqaa eenyummaa magaalattii hin qabne akka magaalaa keessa hin sochoone dhorkee jira. Murtoon kun bulchiinsi magaalaa akka 'diinota' miliqanii magaalitti seenaan adda baasnuf nu gargaara jedhan.
Maddi: Addis Standard
@Gadaamagazine

#SiyaasaaItoophiyaa
Haalli nageenyaa hidhamtoota siyaasaa manneen hidha jiranii yaaddessaa ta'u fi hawaasni Idil addunyaa xiyyeeffannaa keennuu akka qabu dhaamame.
Yeroo biyyattiin fincltoota TPLF fi WBO waliin waraana irratti argamtu kanatti namoonni siyaasaa, kanneen Qaallittii jiraniin alattis, qondaalonni ABO mana hidhaa Galaan keessa jiranis yaaddoo nageenyaa walfakkaataa akka qaban Abukaatoon hidhamtootaa Obbo Tuulii Baayisaa BBC'tti himaniiru.
Haati warraa Obbo Baqqalaa Garbaa Aadde Haannaa Raggaasaa turti BBC waliin taasisan, mana hidhaa Qaallittii kan jiran abbaa warraa isaanii fi Obbo Jawaar Mohaammad dabalatee nageenyi hidhamtoota kaanii irratti yaaddoo akka qaban dubbataniiru.
Ka'umsi yaaddoo nageenyaa hidhamtootaa kun ammoo ta'ii A.L.I Sadaasa 9 bara 2014 mana hidhaa Qaallittiitti ta'erraa akka maddus dubbatan.
Sadaasa 9 galgala mana hidhaa Qaallittiitti maaltu ta'e? Dubbisaa⬇️
https://ift.tt/3xjswBS

#WolaitaSodoUniversity
Yuunivarsitiin Walaayittaa Sooddoo guyyaan galmee barattoota idilee Sadaasa 27 fi 28 bara 2014 ta'uu beeksiseera.
Dabalataan barattootaa Yuunivarsitii Maqalee, Aksuum fi Waldiyaa irraa Ministeerri Barnootaa yeroodhaaf Yuunivarsitii Walaayittaa Sooddootti ramadamaniif guyyaan galmee Sadaasa 27 fi 28 bara 2014 ta'u ibsameera.

#Finfinnee
Yuunivarsiitiin Finfinnee hayyoota yuunivarsiiticha eebbifamanii garee hidhattootaa ABUT deeggaran irratti tarkaanfii hanga ragaa barnootaa haquu akka fudhatu akeekkachiise.
Yuunivarsiitiin Finfinnee hayyoota yuunivarsiiticha irraa eebbifaman kanneen garee Hidhattootaa ABUT deeggaran irratti tarkaanfii akka fudhatu beeksise.Tarkaanfichi hanga ragaa barnootaa haquuttillee kan geessisu ta'uu ibse.
Yuunivarsiitiin Finfinnee hayyootni dhaabbaticha irraa eebbifaman garee hidhattootaa deeggaruu irraa akka of qusatan akeekkachiisera.
Akka gabaasa EBC tti Yuunivarsiitichi "Halleellaa suukaneessaa lammilee nagaa irratti gareen hidhattootaa ABUT raawwatuu fi daba biyya diiguu garichaa balaaleffateera."
Namni dhuunfaa kamuu yuunivarsiiticha irraa eebbifamee garee hidhattootaa ABUT deeggaruun maqaa gaarii yuunivarsiitichaa fi oolmaa biyyaaf oole tuffachiisuu waan ta'eef tarkaanfiin ragaa barnootaa dhabuu dabalatee seeraan kan gaafachiisu ta'uu ibseera.
Maddi: EBC, AS

#LelisieDuga
Komiishinariin Komiishiinii Turizimii Oromiyaa Adde Lalise Dhugaa Badhaasa “Pan African Change-Makers 2021” badhaafaman.
Badhaasa bekkamtiin kun kan kennameef Yaa'ii "Namoomaa fi Invastmantii Paan Afriikaa 6ffaa biyya Turkii Magaalaa Istaanbuulitti, mataduree 'Waliin Cimna: Michoomina Tarsiimo'aa Cimaa Afriikaa Badhaateef” jedhuun gaggeeffame irratti ta’uun beekameera.
Adde Lalisee Dhugaa badhaasa kana kan injifatan sirna ijaarsa biyyaa irratti tattaaffi cimaa qulqullina hoggantummaa irratti mul'isaniin, bu'uura tarkaanfii jijjiiramaa laataniif Carraa hojii uumuufi misooma hawaas-dinagde irratti fooyyessuu irratti bu’aa qabatamaa agarsiisaniin ta'uunsaa ibsameera.
Murannoo fakkeenya ta'u danda'u Adde Laliseen kan agarsiisan yoo ta’u, hogganumman isaanii seektara Turizimii biyyatti sadarkaa ol'aanaatti akka ceesiisu danda'u waan itti amanameef badhaasa idil addunyaa kana injifachuun isaani himameera.
(Visit Oromia)

Odeeffannoo gaggabaaboo:
• Hidha haaromsa guddichaaf gama marsariitii www.mygerd.com jedhuun deeggarsi Doolaarri kuma dhibba 2 fi kumni 70 walitti qabamuu ibsame.
• Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa dhorkaa liqaa Ji’oota arfan darbaniif hojiirra oolchaa ture guutummaan guututti kaasuu beeksiseera.
• Ministir Deetaan ministeera Barnootaa Saamu’eel Kiflee Waraana Kaaba Itoophiyaatti adeemsifamaa jiruun barattootni miiliyoona tokkoo fi kuma dhibba lama ta’an carraa barnootan ala ta’uu ibsan.
• Sudaan loltoonni Itoophiyaa loltoota kiyya ajjeefnaan ofirraa deebisuuf tarkaanfii fudhadheera jechuun ibsa baaste.
• Itoophiyaan deebii kenniteen finciltoota Tigraay gama daangaa Sudaanii as ce’ani dhufan malee waraana Sudaan irratti haleellaa hin raawwanne jechuun ibsa waraanni Sudaan baaseef deebii laatte.
Madda:- BBC, EBC, OBN, AS

#OIB
Baankiin Intarnaashinaalii Oromiyaa mallattoo daldalaa fi biraandii haaraa guyyaa boru ifatti akka eebbisisuu beeksise.
Baankiin Intarnaashinaalii Oromiyaa biraandii haaraa qo'ate hojjechisee guyyaa boru ifatti akka eebbisisuu ibsaa har'a midiyaaleef keennen beeksiseera.

#BaankiiOromiyaa
Baankiin Intarnaashinaalii Oromiyaa moggasaa maqaa Baankii Oromiyaa jedhutti jijjirachuun mallattoo daldalaa(Business Brand) haaraa eebbisiseera..
Baankiin Intarnaashinaalii Oromiyaa waggoottan 13n darbaniif maqaa fi mallattoo daldalaa itti fayyadamaa ture jijjiiruun eebbisiseera.
Sirna eebba maqaa fi mallattoo daldalaa baankicha irratti Pireezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa, Kantiibaa bulchiinsa magalaa Finfinnee Adde Adaanech Abeebee, hogganaa Baankii Biyyoolessaa Dr. Yinnaagar Dasee irratti argamaniiru.
Walitti qabaan boordii Baankii Oromiyaa Gammachuu Waaqtolaa (PhD) sababa maqaan jijjiiramuuf yoo ibsu guddinaa fi haala baankichi irratti argamuuf maqaa fi mallattoon madaaluu waan barbaachiseefi jedhan.
Madda: Addis Maleda

#Karrayyuu
Abbaan Gadaa Karrayyuu fi Tuutni Gadaa Karrayyuu ajjeefaman, namootni hedduun achi buuteen dhabame.
Mootummaan naannoo Oromiyaa Abbaan Gadaa Karrayyuu garee ‘shororkeessaa shanee’ tiin ajjeefaman jechuun ibsa baase.
Ibsi waajjirri Kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa baase kun Abbaan Gadaa Karrayyuu Kadiir Hawaas Boruu ajjeefamuu mirkaneesseera.
Haa ta’u malee ragaaleen Addis Standard dubbisee waan uumame haala kanaan ibsu.
- Sadaasa 30,2021 ganama naannoo sa’aatii 3 Poolisiin Addaa Oromiyaa, Poolisiin Aanaa fi Milishaan godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee ganda Haroo Qarsaa deemuun uummataan ‘miseensa Shanee baasaa’ jechuun hiraarsaa turuu ragaan Addis Standard argate ni ibsa.
- Kana malees dargaggoota shan shakkine fuunee deemna jechuun humnoota mootummaa fi uummata gidduutti walitti bu’insi uumamuu Addis Standard odeeffate. Walitti bu’insa kana booda humnootni mootummaa naannoo sa’aatii 11:00tti Haroo Qarsaa irraa gara Matahaaraa deebi’an.
- Mudde 1, 2021 bakka Mootoma jedhamu, kan Haroo Qarsaa irraa kilomeetira 60 fagaattutti, Tuutni Gadaa Michillee Jila Waaqa Kadhannaa gaggessuuf walitti qabame. Mootoman bakka anga’ootni sirna gadaa qubantaniidha. Poolisiin Addaa Oromiyaa, Poolisiin Aanaa fi Milishaan dhufee namoota jila kana irratti argaman namoota 41 ta’an walitti qabanii fudhanii deeman jedha ragaan Addis Standard dubbise.
- Mudde 1 galgala naannoo sa’aatii tokko namoota murtaa’an ajjeesuun darban. Bariitu isaa Mudde 2 uummanni reeffa kaafachuuf yaalii godhe garuu humnootni mootummaa uummatni akka reenfa hin kaafne ittisaa oole. Galgala keessa naannoo sa’aatii 4 uummanni reenfa kaase.
- “Reenfi kaafame kan namoota 14 yoo ta’u, qaamni isaanii dhaanamee bifa isaanii adda baasuun ni ulfaata. Namoota 41 qabaman keessa 14 ajjeefamaniin ala kuun eessa akka jiran wanti beekamu hin jiru'' jechuun ragaan Addis Standarditti hime.
- Itti gaafatamaan waajjira Kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa Hayiluu Addunyaa namootni du’uu fi dhabamuu isaanii amanee jira. Kana malees walitti bu’insi humnoota mootummaafi uummata gidduu uumamee hin beeku jedhe. Itti dabaluunis Hayiluun tarkaanfiin kun hiriira deeggarsaa mootummaaf godhamee haloo ba’uuf kan fudhatamee jedhe.
- Gaaffiin ragaaleen qaban garuu “Yoo Shaneen jara kana ajjeesera ta’e akkamitti Mootummaan sirna awwalchaa irratti osoo hin hirmaatiin hafe?” kan jedhu.
- Kana malee ragaleen Addis Standard dubbise gadda Gamtaa Abbootiii Gadaa irraa qaban akkas jechuun ibsan “Abbaan Gadaa kun Abbaa Gadaa Oromoo maraati malee Abbaa Gadaa Karrayyuu qofa miti. Callisuun Gamtaa Abbootiii Gadaa gaaffii nutti uume.” jedhan.
- Barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaa fi Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaa “Dhimma hin qulqulleeffatin irratti yaada hin kennu. Boru achi deemee nan qulqulleeffadha.” jechuun deebii laataniiru.

#Ethiopia
Waraanni Itoophiyaa magaalota murteesso Daseefi Kombolchaa finciltoota Tigraay harkaa deebisee to'atuu mootummaan beeksise.
Magaalaa seena qabeettii Laalibalaa dabalatee, Gaashanaafi bakkeewwan hedduu Naannoo Amaaraafi Affaaritti to'achuu mootummaan ibseera.
Dura Taa'aan TPLF Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el ibsa kaleessa kennaniin Naannoo Amaaraafi Affaar keessaa humna isaanii baasuu himaniiru.
Humnoonni mootummaa garuu lolaan mo'amaniiti akkana jedhu jechuun himu.
Gama kaaniin har'a guyyaa keessa Dubbii Himaan TPLF Getaachaw Radaa lola cimaa akka jiraniifi morkattoota isaanii irra aanaa akka jiran ibsanii turan.
Erga mootummaan bakkeewwan murteessoo lamaan Dasee fi Kombolchaa to'atuu ibsee booda gama TPLF'n wanti jedhame hin jiru.
Maddi: BBC

#WHO #Omicron
Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) wayita akaakuun koronaavaayirasii haaraan Omicron akkaan addunyaa mara irratti tatamsa'aa jiru kanatti namoonni imala ayyaana waggaaf karoorsan akka haqan akeekkachiise.
"Jireenyi dhala namaa haqamuurra sagantaan ayyaanaa haqamuu wayya, tarkaanfiiwwan jajjaboon fudhatamuu qabu,'' jedhan Hoogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teedroos Adihaanoom.
Qondaalli fayyaa addunyaa kun yaada kana kan kennan wayita ogeeyyiin fayyaa vaayirasichi US keessatti akkaan hammaachaa jiraachuu ibsanitti.
''Yeroo ammaa kana vaayirasichi akaakuu Delta caalaa akkaan tatamsa'aa jiraachuu ragaan ni agarsiisa,'' jedhan Dr Teedroos.
Biyyoonni akka Firaans, Jarmanii, Neezarlaands fi kaan tibba ayyaana bara haaraa faranjootaa kanatti sochii hawaasaa fi yeroo imalaa daangessuu fi ugguruu irratti argamu.
Ameerikaan uggura sochii uummataa labsuuf karoora akka hin qabne masaraan mootummaa biyyattii Wiixata kaleessaa ibseera.

#NationalDialogueEthiopia
Itoophiyaan wal dhabde hayyuuwwan siyaasaa jidduu jiruu furuuf akkasumas hegeree biyyattii irratti mari'achuuf Marii Biyyaalessaa gaggeessuufi.
Paarlaamaan Itoophiyaa yaa'ii Kamisa darbe gaggeessee tureen wixinee labsii komishinii marii biyyaalessaa hundeessuuf dhiyaate irratti mari'atee yaada dabalataa irratti kennuuf koree dhaabbii dhimma seeraa, haqaa fi dimookraasiitti qajeelcheera.
Paarlaamaa Itoophiyaatti itti gaafatamaa mootummaa kan ta'an Obbo Tasfaayee Baljigee waa'ee wixinee komishinii marii biyyaalessaa ijaaruu yoo dubbatan, 'dhibdee hayyuuwwan siyaasaa biyyattii gidduu jiru furuun, sirna Dimookraasii ijaaruuf mariin akka godhamu Komishinii kana ijaaruun akka barbaachise' himaniiru.
Komishinichi dhiibbaarraa bilisa ta'ee akka dalagu kan taasifamu ta'uu fi waggaa sadiif akka turu ta'ee hundaa'ee akka barbaachisummaa isaatti dheerachuu akka malus himan.
Mootummaan Itoophiyaa marii biyyaalessaa kana yoom gaggeessuuf akka karoorfate, hirmachisummaa marichaa fi dhimmoota kaan irratti ibsa bal'aa hin kennine.
Ministirri Deetaa Ministeera Haajaa alaa Itoophiyaa ambaasaaddar Reediwaan Huseen mariin kun heera biyyaa fooyyessuu fi riifarandamii dabalatee dhimmootni hundi kan irratti mari'ataman ta'uu miidiyaa Tarkii Anaadooluutti himaniiru.
Haata'u malee yaada tiwiitarii isaanii irratti Roobii ganama barreessaniin mariin biyyaalessaa kun 'waa'ee TPLF ykn Shanee miti' jechuun barreessan.
Gareen TPLF hidhannoo isaa hiikee hoggantoota barbaadaman dabarsee yoo kenne hireen marii biyyoolessaa keessatti hirmaachuu jiraachuu akka malu' Anaadooluutti himaniiru.
Ogeeyyiin siyaasa walitti bu'iinsaa fi nagaa ijaaruu akkasumas dhimma marii biyyaalessaa irratti hojjetaa turan BBC'n dubbise, marichi bu'a qabeessa akka ta'u kanneen hidhannoon socho'an dabalatee qaamolee hunda hirmaachisuu qaba jedhu.

#TikTok
'TikTok' baay'ina dawwatootaa olaanaa qabaachuun dursummaa 'Google' irraa fudhate.
Dhuma bara faranjootaa 2021 kanarratti gabaasa ifa ta'een baay'inni dawwatootaa Google kan TikTokin caalamuu ibsameera.
Haaluma kanaan waggaa shan duraa Chaayinaatti kan hundeeffame TikTok addunyaa irratti marsariitii heddumminaan dawwatamuun sadarkaa jalqaba qabaateera.
TikTok yeroo amma fayyadamtootaa biliyoona 1 ol qaba. Bara darbee 2020 dawwatootaa hedduu qabaachuun sadarkaa 7ffaa irraa ture.
Bara 2021 addunyaa irraa marsariitii heddumminaan dawwatamaan kurnan:
1. TikTok.com
2. Google.com
3. Facebook.com
4. Microsoft.com
5. Apple.com
6. Amazon.com
7. Netflix.com
8. YouTube.com
9. Twitter.com
10. WhatsApp.com
@GADAAMAGAZINE

#TesfayeGebreab
Gaazexessaa fi barreessaa gameessi Tasfaayee/Gadaa/ Gabra'aab umrii waggaa 53tti addunyaa kanarraa du'aan boqote.
Tasfaayee Gabra'aab ji'ootaaf dhukkubsataa kan ture yoo ta'u, magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii keessatti wal'aansa fayyaarra osoo jiruu guyyaa har'a Muddee 25, 2021 lubbuunsaa dabarte.
Seenaa fi hojiiwwan Tasfaayee Gabra'aab muraasa dubbusaa!⬇️
https://ift.tt/3FzUixC

Thanks 12,000➕ members
Gadaa Magazine maatii kuma 12 horachuu danda'eera.
Xiyyeeffannoon Gadaa Magazine odeeffannoo dhugaa fi mirkaana'ee qofa sabaa isaa dhaqqabsiisuudha.
Kanaafis maatii kuma 12,100 ol horachuu dandeenyeerra. Maatiin chanaalicha hundii kabaja fi jaalalaa gaarii qabdu. Gadaa Magazine gara fuulduraattis maatii hedduu akka horachuu danda'u abdii olaanaa qaba.
Maxxaansaa Gadaa Magazine maatii, hiriyootaa fi namootaa jalaattaniif qooduun nu cina dhabbaadha.
Ergaa qabdan karaa 'bot' keenyaa @gadaamagazineBot irratti nuf barreessaa. #GadaaMagazine

Magaalaa Sabbataatti gamoon ijaarramaa jiru kufuun lubbuu namootaa galaafachuu FBC'n gabaase.
Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa Ganda 02 Alamganaa Iddooo Bashannanaa Yooyyoo jedhamu fuulduratti Gamoon ijaarsarra jiru kufuun lubbuu namootaa galaafachuu ibsame.
Hojjettoota gamoo sanarra turan keessaa reeffii nammoota 3 kan argame yoo ta’u, reeffi nama 1 barbaaddamaa jiraachuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni muul’isa.
Ka’umsa balaa kanaas poolisiin qoratee qaamolee du’aatii lubbuu namoota kanneenitiif sababa ta’an seeratti kan dhiyeessu ta’uu ibsameera.