Telegram Web Link
Aanga'oonni mootummaa ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuurratti wal saaxilan.

Aanga'oonni mootummaa lama ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuu torban sadii dura raawwateef ajajni kan kenname hooggantoota mootummaa naannoo Oromiyaa keessa jiraniin ta'uu akeekan.

Deetaa Ministiraa Ministeera Nagaa Itoophiyaa fi miseensi caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda'aa fi miseensi Paarlaamaa Itoophiyaa Dr. Angaasaa Ibraahiim ajjeechaan abbootii Gadaa Karrayyuu irratti raawwatame garee hooggansa mootummaa naannoo Oromiyaa keessa jiruun ta'uu himan.

Obbo Taayyee Danda'aa, tibba kana miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaatti hooggansa naannoo Oromiyaa keessa caasaan dantaa uummataa faallaa adeemuufi malaammaltummaa dabalatee yakkoota adda addaa hojjetu jiraachuu irra deddeebiin himaa jiru.

Gama kaaniin hooggansi naannichaa biroon adeemsaa fi qeeqa Obbo Taayyeen dhiyeessan kana busheessa.

Gabaasni kan BBC'ti guutummaa isaa dubbisaa ⬇️
https://ift.tt/3JpE0JI

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#HachaluHundessa

Yaadannoon Guyyaa Dhaloota Artist Hacaaluu Hundeessaa yaadatamaa jira

Yaadannoon Guyyaa Dhaloota Artistii Jaallatamaafi Kabajamaa Hacaaluu Hundeessaa Guyyaa Har'aa karaa adda addaatiin Yaadatamaa jira.

Artistiif Qabsaawaan Oromoo Hacaaluu Hundeessaa Boonsaaa Waxabajjii 22 bara 2012 Magaalaa Finfinnee keessatti wareegamuunsaa kan yaadatamuudha.

Artistii jaalatamaan Oromoo Haacaaluu Hundeessaa Waxabajji 2020 ajjeefamuun akka biyyattiitti hookkara guddaa kaasee ture.

(FiB)
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
GADAA MAGAZINE
#HachaluHundessa Yaadannoon Guyyaa Dhaloota Artist Hacaaluu Hundeessaa yaadatamaa jira Yaadannoon Guyyaa Dhaloota Artistii Jaallatamaafi Kabajamaa Hacaaluu Hundeessaa Guyyaa Har'aa karaa adda addaatiin Yaadatamaa jira. Artistiif Qabsaawaan Oromoo Hacaaluu…
#HachaluHundessa #Maalmallisaa

Yaadannoon Guyyaa Dhaloota waggaa 38ffaa Artist Haacaaluu Hundeessaa mana barumsa fedhii addaa qaroo dhabeeyyi Sabbataatti har'a kabajamee.

Haadhi Warraa Artist Hacaaluu Hundeessaa Aadde Faantu Damissoo maqaa Faawundeeshinii Artistii beekamaa Haacaaluu Hundeessaatiin barattootaaf affeerraa laaqanaa taasisaaniiru.

Aadde Faantu Damissoo Sagantaa yaadannoo guyyaa dhaloota kana irratti "yaadannoon kun Haacee qofaf osoo hin taane warra isaa waliin wareegamaniif naf haa ta'u" jetteti.

Artist Haacaaluu Hundeessaa Mudde 22 bara 1976 magaalaa Ambootti dhalate.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#DoktarAliBirra

Dr. Artisti Alii Birraa dhukkubsatee Hospitaala Jeneraalaa Adaamaatti wal'aanamaa jira

Waggoota 60 oliif afaanoota garagaraatiin waltajjii muziqaa Oromoofi Itoophiyaa miidhagsaa kan ture Dr. Artisti Alii Birraa dhukkubsachuun Hospitaala Jeneraalaa Adaamaatti wal'aanamaa jiru.

Komishinarri Komishinii Gumrukii Dabalee Qabataa hospitaalicha deemuun gaafachuusaanii himameera.

Komishinarichis Dr. Aliin fayyee gara hojiisaafi ummata isa jaalatutti akka deebi'uuf hawwiisaanii ibsuu Addis Standard gabaase.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#MerryChristmas 🎄

Hordoftootni Amantaa Kiristaanaa baga Ayyaana Qillee nagaan geessan.

Gadaa Magazine hodooftoota Amantiicha maraaf Ayyanni kun kan jaalalaa, kan nagaa fi kan milkii akka ta'u hawwa!

Baga geessan! Ayyaanaa gaarii!

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
Oduu Ammee

Jawaar Mohaammad dabalatee hogganoonni paartii KFO fi namoonni isaan waliin himatamanii mana amala sirreessaa Qaallitti jiran akka bahan itti himame

Jawaar Mohaammad dabalatee hogganoonni paartii mormituu Kongirasii Federaalawaa Oromoo fi namoonni isaan waliin himatamanii mana amala sirreessaa Qaallittiitti argaman yeroo ammaa kana akka bahan itti himamuu abukaatoon isaanii himan.

Haaluma kanaan Paartiin Baaldaraas Dura Taa'aan dhaabichaa Iskindir Naggaa hiikamuun isaa himameera.

Maddi: BBC FiB
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#OromiaRegionalState

"Milkaa’ina Marii Biyyaaleessaa Murtoo Dhiifamaatiin Jalqabnee Jirra" Motummaa naannoo Oromiyaa

Milkaa’ina Marii Biyyaaleessaa Murtoo Dhiifamaatiin Jalqabuu Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksiise.

Guddinaafi badhaadhina biyya tokkootiif bu’uurri cimaan waliigaltee biyyaaleessaa uumuu ta’uu ibseera.

Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa marii biyyaaleessaa dhiifamaan eegalee ilaalchisee ibsa laateera.

Ibsaa guutuu⬇️

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/milkaaina-marii-biyyaaleessaa-

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#WaancaaAfriikaa2021

Waancaan Afriikaa bara 2021 sirna addaan har'a Kameeruunitti dorgoomamuu ni eegala.

Itoophiyaan halkaan har'a sa'aatii 4:00 irraa eegaluun Keepi Vaardee waliin taphatti.

Garee A keessatti qopheessituu kan taate Kaameeruun, Burkinaa Faasoo, Itoophiyaa fi Keep Verdee hammata.

Haalumaa kanaan:

• Dilbata(har'a) Amajji 9 - Kaameeruun v Burkinaa Faasoo, Itoophiyaa v Keep Verdee waliin ni taphatu.

• Kamisa Amajji 13- Kaameeruun v Itoophiyaa, Keeppi Verdee v Burkinaa Faasoo waliin ni taphatu.

• Wiixata Amajji 17- Burkinaa Faasoo v Itoophiyaa, Keeppi Verdee v Kaameeruun waliin ni taphatu.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
Ityoophiyaa 0 – 1 Keeppi Vardee

Tapha jalqabaa Waancaa Afrikaa 33ffaa Ityoophiyaa fi Keeppi Vardee gidduutti gaggeeffame olaantummaa Keeppi Vardeen xumurameera.

Taphni eegalamee daqiiqaa 9ffaa irratti Baayyee Yaareed kaardii diimaa kallattiin dirree keessaa ba’eera.

Goolii Taphataan sarara fuulduraa Keeppi Vardee Huuliyyoo Taavaareez daqiiqaa 45ffaarratti galcheen Keeppi Vardeen goolii 1 fi 0n Ityoophiyaa injifatteerti.

(FBC)
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Ibsa_KFO

Waraanni Mariidhaan Akka Dhaabatuu; Ajjeechaan Haacaaluu Hundeessaa Akka Qoratamu KFOn Waamicha Dhiyeesse

Turtii  baatii 18tiin booda Amajjii 7/2022 hidhaa irraa hiikamuu hoggansa isaa mirkaneesse ibsi KFO har’a baase.

Hidhaan hoggantoota fi miseenstota paartichaa ilaalcha  siyaasaa irratti kan hundaa’ee jedhe ibsichi.

Itti dabaluunis “Qaamoleen nu hidhanis nuti yakka kamirraayyuu bilisa akka taane wallaalanii osoo hin tahin dirree siyaasaa nu keessa jirrutti haqaan nu falmanii moohuun ulfaataa akka itti tahu waan beekaniifi. Egereen siyaasa isaaniis waan isaan yaaddessuufi.” jedha. 

KFOn erga paartichi siyaasa keessaa ‘humnaan baafamee’ biyyittii keessatti gaaga’amni siyaasaa muudate jedhe. Paartichi gaaga’ama siyaasaa kanaan namoota nagaa naannoo Oromiyaa, Benishangul Gumuz, Affaar, Tigraay fi Amaaraa keessa jiraatan irra miidhaa gaheef gadda itti dhagahame ibse. Kana malees ajjeechaan Haacaaluu Hundeessaa akka qoratamu gaafate KFOn.

Ibsa guutuu suuraan walqabatee dubbisa!

@Gadaamagazine
#ProfessorAsmeronLegesse

‘Gaafan qorannoo Antiroopoolojii yaadu jalqaba sammuu kiyyatti kan dhufe uummata Oromooti’-Piroofeesar Asmaroom

Hayyuun aantiroopolojii piroofeesar Asmaroom Laggasaa lammii Eertiraa waggoota 45 oliif sirna Gadaa qoratan.

Qorannoo isaanii kitaabota lamaan maxxansiisanii Sirna Gadaa addunyaa waliin wal barsiisan. Kitaabni sadaffaan yaadannoon isaa qeerroofi dhaloota qubeetiif haa ta'u jedhan maxxansaaf karaa qabsiisuu dubbatanii turan.

Pirofeesar Asmaroom ''gaafan qorannoo Antiroopoolojii yaadu jalqaba sammuu kiyyatti kan dhufe uummata Oromooti'' jedhan.

Pirofeesar Asmaroom eenyu? Gadaa keessatti maaltu akka fooyya’uu gorsan? Itti dhiyaadha👇
https://bbc.in/3tPdVe1

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#CoopBankOromia 🏦#Michu

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa fi Teeknooloojii Faayinaansii Kiffiyyaa appilikeeshinii Liqaa Dijitaalaa ifoomsan.

Teeknooloojiin Michuu appilikeeshinii Liqaa jalqaba Ityoophiyaa keessatti karaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa fi Teeknooloojiin Faayinaansii Kiffiyyaan dhiyaate.

Appilikeeshinii Michuu fayyadamuun maammiltoonni karaa Dijitaalawaa ta’een iyyata liqaa ittiin dhiyeeffachuufi argachuu danda’anidha.

Michuun haala saffisaa,amansiisaa fi wabii Liqaa Osoo hin gaafatiin tajaajila Liqaa mayikiroo interpiraayizoota xixiqqaa fi giddugaleessaaf kennudha.

Appilikeeshiniin Michuu sirba iyyannaa, madaalli, kaffaltii Liqaa ammayyaawaa fi Dijitaalawaa kan ta’edha jedhan Preezdaantiin Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa obbo Dirribii Asfawuu.

Iyyata Liqaa dhiyaate ulaagaa guutuu isaa mirkaneessuun,adeemsa madaallii liqaa gochuutiin yeroo gabaabaa keessatti tooftaa dijitaalawaan kennaa liqaa kan raawwatudha jedhan.

Maddi: FBC
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#AmaneBadhasso

Amaanee Badhaasoo milkaa’aa jiraachuun ibsame.

• Shamarreen Oromoo, Minisootaatti Kongiransii Ameerikaaf dorgomaa jirtu Amaanee Badhasoo milkaa'aa jiraachuu 'The Intercept' gabaase.

• Dhalattuun Oromoo yeroo jalqabaatiif filannoo Kongiransii Ameerikaa bara 2022 tiif fiigaa jirtu Amaanee Badhaasoo, mallaqa dorgomichaaf barbaachisu Doolaara Ameerikaa kuma dhibba sadii (300,000) ol sassaabuun imala milkaa'inaarra jiraachuun ishee gabaafamaa jira.

• Mallaqni deeggarsa dorgommii kanaatiif waliitti sassaabame dhibbeentaan (67.7%) hawaasaa Minisoota irraa kan sassaabame yoo ta’u, deeggarsa kana irratti Hojjattooti Fayyaa, Abbootiin qabeenyaa, Konkolaachiftooti Taaskii fi Hojjatooti mootummaa irratti hirmaachuun ibsamee jira.

• Rakkoo siyaasaa Itoophiyaa keessatti uumame baqachuun bara 2003 umrii 13 tti koolugaltummaan Ameerikaa kan seente Amaanee Badhaasoo, barnoota saayinsii siyaasaatiin Yuunivarsiitii Hamline irraa kan eebbifamte wayta ta’u, muuxannoo siyaasaa waggoota 10 qabdi.
Read more ⬇️
https://telegra.ph/Amaanee-Badhaasoo-milkaaaa-jiraachuun-ibsame-01-12

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#BBO

Biiroon Barnootaa Oromiyaa loogoo ammaan dura itti fayyadamaa ture hambisuun haaraa fayyadamuu jalqabuun isaa miidiyaalee hawaasummaa irratti mormii kaase.

Loogoo haaraa kana biirichi ifatti ibsuu baatulleen erga yeroo dhihootii asitti itti faayyadamaa kan jiru yoo ta'u Hogganaan Biirichaa Tolaa Bariisoo (PhD) ammoo loogoo haaraaa kana fayyadamuun suurri kahan fuula Feesbuukii biirichaa irratti gadhiifamee mul'ata.

Loogoon Biirichi dura fayyadamaa ture odaa, alaabaa abbaa Gaadaa, guca ykn xombora, kitaabaafi Qubee ABCD.. kan ofirraa qabu ture.

Inni haaraan tibbana miidiyaalee hawaasummaa irratti ijoo dubbii ta'e kunimmoo kitaaabaafi maqaa waaajjirichaa duwwaaa kan ofirraa qabudha.

Hoggantoonii BBO Maal jedhu?

• Loogoon duraan ture qabatama amma jiru hin mullisu.

• Amma haala irra jirrurratti hundaa'ee loogoo akka Biiroo Barnoota Oromiyaatti bakka nu bu'a jennee yaadne kana murteessine.

• Jiijjiiruu keenyaaaf ammoo eenyunuu hin gaafannu. Eenyurraayyuu heeyyaama hin fudhannu.

(BBC)
@Gadaamagazine
2025/07/05 14:46:12
Back to Top
HTML Embed Code: