Eebba Mana Kitaabaa
Manni Barnootaa 'Cambridge Acadamy Ethiopia' Magaalaa Finfinneetti argamuu mana dubbisa kitaabaa kitaabota 50,000 ol of keessaa qabu eebbisiise.
Sirna barnoota Idil Addunyaa hordufuun barsiisota muuxannoo olaanoo qabaniin adeemsa baruuf barsiisuu kan geggessaa jiru, Manni barumsa kun barnoota addunyaan yeroo ammaa kana barbaddu laachuudhaan beekkamti argateera.
Abbaa qabeenyaa mana Barumsicha Dr Gammachis Dastaa sirna eebba mana kitaaba kana irratti argamuudhaan sammuun mama kamiyyuu hanga dubbise beekumsa gabbifata waan ta'ef barattootni hundumtuu sadarkaa barnootaa gadii irraa kaasanii dandeettii dubbiisuu isaanii gabbifachuu akka qaban dhaaman.
Baayina kitaabaa Manni barumsichaa qabus caalaatti dachaan dabaluuf hojjetaa akka jiran himaniiru.
Dabalataan gara fuula duraatti hojiin mana kitaabichaa gara dijiitaalaatti jiijjiiruu yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramuu Dr. Gammachis ibsaniiru.
Credit: Habtamu Lamu
@Gadaamagazine

Oduu Gaddaa 😭
Artist Nuhoo Goobanaa du'an addunyaa irraa boqatan!
Artist jalaatamaa sirbootaa Afaan Oromoo weellisuun beekamu Nuhoo Goobanaa du'an addunyaa kana irraa boqataniiru.
Gadaa Magazine maatii fi firoottan akkasumas jalaattootaa fi dinqisifatootaa Artist Nuhoo Goobanaaf jajjabinaa hawwa!

GADAA MAGAZINE
Oduu Gaddaa 😭 Artist Nuhoo Goobanaa du'an addunyaa irraa boqatan! Artist jalaatamaa sirbootaa Afaan Oromoo weellisuun beekamu Nuhoo Goobanaa du'an addunyaa kana irraa boqataniiru. Gadaa Magazine maatii fi firoottan akkasumas jalaattootaa fi dinqisifatootaa…
#IbsaGaddaa #JawaarMohaammad
"Imalli bara jireenyaa Nuuhoo Goobanaa imala qabsoofi qabsaa’ota Oromooti." Jawaar Mohaammad
Turti wagga 1 fi ji'a 7 booda hidhaa irraa kan hiikaman obbo Jawaar Mohaammad du'an boqachuu Artist Nuuhoo Goobanaa ilaalchisee gaddaa itti dhagahame gama miidiyaa hawaasaa isaanirratti ibsan.
Obbo Jawaar Mohaammad gaddaa itti dhagahame yoo ibsanitti seenaa Artist Nuuhoo Goobanaa akkas jechuun ibsan "Artist Nuhoon roorroo alagaaf harka hin kennu jedhee qabsootti seene." jedhan
• "Rakkoon biyyoota baqaa, Jabuutii, Somaaliyaa, Keeniyaa, Suud Arabiyaa osoo harka hin kennisiisin; sadoofi qananiin Awuroppaa, Kanaadaafi Ameerikaa osoo sabaafi biyya isaa hin irraanfachiisin, hamma dhuma jireenya isaatti qabsootti cichee, daandii ganama qabate irraa osoo hin maqin, qabsaa’ota oromoo hangafoota akka isaa isa dura dabranitti makamuuf kara fuula rabbii deeme."
• "Nuuhoon sagalee isaa kiloolee saniin Oromiyaa faarse, tokkummaa gorse, Oromoo onnachiise, yoo xiqqaate dhaloota sadii qaree qabsotti bobbaase. Waan hawwe osoo hin argin boqotus, Oromoofi Oromiyaan inni itti dhalateefi har’a biraa deeme takkaa miti. Aarsaa isaafi qabsaa’onni sabaa kumaa-kitilaan kafalaniin bakki qabsoon irraa kaateefi irra geesse jidduun fagoodha. Imalli isaan eegalan hamma kaayyoon isaanii galma geessutti ittuma fufa."
Obbo Jawaar lubbuu Artist Nuhoof jannata, maatii fi saba isaaniif jajjabina akka hawwan ibsaniiru.
Dhuma irrattis kaayyoo inni umrii isaa guutuu aarsaa itti godhe galmaan gahuuf waadaa keenya ni haaromsina jedhan obbo Jawaar Mohammad fuula fesbuukii isaanii irratti ergaa barreessaniin.

Odeeffannoo gaggabaaboo:
• Ayyaanni Cuuphaa hordooftoota amantii Ortodooksii biratti guutuu biyyattitti sirna ho'aa ta'een kabajamee ooleera.
• Activistii fi Gazexeessaa Eyasped Tasfaayee turti guyyoota 43 booda guyyaa har’a mana hidhaatii gadhifameera.
• MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimadii fi Preezdaantiin MNO, obbo Shimallis Abdiisaa Hospitaala Waliigalaa Adaamaatti yaala irraa kan Doorktara kabajaa Artist Alii Birraa hospitalichatti argamuun gaafataniiru.
• Mootummaan naannoo Oromiyaa akkasumas Kantiibaa bulchiinsa magalaa Finfinnee Adde Adaanech Abeebee boqachuu Artist jaalatamaa fi beekkamaa Nuhoo Goobanaaf gaddi itti dhaga’amuu ibsaniiru.
• Sirni Awwalchaa Artist Nuhoo Goobanaa guyyaa boru (kamisa Amajjii 12/2014) magaalaa Adaamaatti akka rawwaatamuu koreen Awwalchaa fi maatiin artistichaa ibsaniiru.
📆Amajjii 11/2014
Maddi: AS, OBN, FBC, OMN

#Boolee
Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Boolee naannoo Atilaasitti kuusaa fi mana jireenyaarratti balaan ibiddaa mudate
Balaan Ibiddaa qaqqabe kun sa’aatii 7:40 irraa eegalee yoo ta'u, mana amantaa Uraa’eelii fi Atilaas akkasumas Hospiitaala Tsaggaa gidduutti kan argamu kuusaa suuqoota daldalaarratti kan qaqqabe ta'uun ibsameera.
Balaa ibiddicha mudate kana to’achuuf tattaaffiin godhamaa jiraachuu Komiishiniin hoggansa sodaa balaa magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Via: FiB

Mormiin Uummataa Sirna awwaalchaa Artiist Nuhoo Goobanaa irratti taasifame.
Hawaasni Sagantaan sirna gaggeessa Artiist hangafaa fi qabsa'aa Oromoo Nuhoo Goobanaa Magaalaa Adaamaatti gaggeeffame irratti hirmaatan mootumman hidhamtoota siyaasaa fi hayyoota Oromoo manneen hidhaa addaa addaa keessatti hidhee jiru hatattamaan akka hiiku gaafataniiru.
Sagalee mormii dhageessifame kanaanis manneen hidhaa Galaan, Qilinxoo, Qaallittii Daalattii fi Burrayyutti hidhamanii kanneen jiran keessaaa kanneen akka Abdii Raggasaa fi Koloneel Gammachuu Ayyaanaa akka hiikaman mormii isaanii dhageessisaniiru.
Oromoon wallaggaa Gujii, Booranaa Walloo fi kanneen biroo maqaa ABO tiin rakkachuu akka hin qabne haqni ajjechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu fi Artisti Hacaaluu Hundessaa ba'uu akka qabullee sagalee mormii isaanii dhagessisaniiru.
Sirni Awwalchaa Artisti Nuhoo Goobanaas bakka artistootni hayyootni maatii fi jalattootni isaa argamanitti magaalaa Adaamatti rawwatameera.
Maddi: Addis Standard

#CommercialBankEthiopia
Gamoo dheeraan waajjira Muummicha Baankii Daldala Itoophiyaa eebbifamuufi.
Gamoon waajjira Muummichaa baankii daldala Itoophiyaa eebbifamuuf qophaa'ee kun dheerina isaatiin akka baha Afrikaatti sadarkaa 1ffaadha.
Kabaja hundeeffamaa waggaa 80ffaa baankii daldala Itoophiyaa sababeeffachuun gamoo dheeraan baankicha magaalaa Finfinneetti argamuu ifatti ni eebbifamaa jedhame eegamaa.

Dhaabbileen hawaasaa Oromoo 60 ol ta’an hundeeffamuu Komishiini Marii Biyyalessaa Itoophiyaa ilaalchisuun ibsa kennan.
Dhaabbileen kunneen adeemsi fi tarkaanfileen marii biyyaalessaa keessatti fudhatamanii amanamuummaa uumuun marii dhugaatiif haala ni mijeessuu danda’an lafa kaa’an. Ibsi kun marii biyyaalessaan dura tarkaanfilee fudhatamuu qaban tarreessa.
Haalumaa kanaan:
• Waraanni hatattamaan akka dhaabbatu taasisuun, humnoota federaalaa fi garee hidhattootaa naannoolee giddutti walii galteen dhukaasa dhaabuu taasifamee, mariin siyaasaa hunda hirmaachise akka godhamuuf haala miijessuu.
• Lammilee waraanan miidhaman hundaaf dhiyeessi nyaataa fi qorichaa dabalatee deeggarsa namooma adda hin cinne haal duree tokko malee akka taasifamu
• Hoggantoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) dabalatee, hidhamtootni siyaasaa hundi haalduree tokko malee akka hiikaman
• Humnootni biyya alaa hunduu, keessumaa humni nageenyaa, loltootni fi basaastotni Ertiraa, Itoophiyaa keessaa akka ba’an taasisuu.
(AS)

Burkinaa Faasootti humni waraanaa fonqolcha gaggeessuun aangoo qabachuu ibse.
Humni waraanaa biyyattii aangoo qabachuu isaa televizhinii mootummaa irratti kan labse ammoo qondaala waraanaati.
Qondaalli kun ibsa isaanii kana keessatti mootummaafi paarlaamaan biyyattii akka bittinnaa'es himaniiru.
Pirezidant Rooch Kaaboreen eessa akka jiran hin beekamu. Qondaalli waraanaa kun garuu namoonni to'ataman martinuu bakka wabii nageenyaa qabu jiru jedhan.
Fonqolchi kun kan gaggeeffame loltoonni buufata waraanaa erga qabatanii guyyaa tokkoon boodadha.
Yeroo buufata waraanaa sana qabatanitti dhukaasni magaalaa guddoo biyyattii keessatti dhaga'amaa tureera.
Ganama kana paartiin biyya bulchaa jiru Warraaqasa Ummataa Fuul-duratti Tarkaanfachuuf (PMP) jedhamu akka jedhetti, Mr. Kaaboree fi ministiroonni mootummaa yaalii ajjeechaa irraa oolaniiru.
Maddi: B B C

#DrAbiyAhmed
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad bakkeewwan hongeen miidhaman daawwachuuf Jigjigaa galaniiru.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad wayita Jigjigaa ga’an Preezdaantii mootummaa naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammadii fi hoggantoota olaanoo naannichaan simannaan taasifameeraafi.
Turtii isaaniitiin naannichatti bakkeewwan hongeen miidhaman ni daawwatu jedhamee eegama.
(FBC)

#DrTewdrosAdhanom #WHO
Boordiin hojii raawwachiiftuu dhaabbata fayyaa addunyaa Dr. Teedroos Adihaanoomin irraa deebiidhaan daayireektaraa Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ta'un filatamuu beeksise.

#KIYYOO #NewAfaanOromooFilm
Diraamaa haaraan Afaan Oromoo 'Kiyyoo' dawwannaaf qaqqabeera.
Hawwii guddaan eegama kan ture diraamaan Afaan Oromoo 'Kiyyoo' jedhu 'TV OBN' irratti Dilbata darbee dawwatamuu eegaleera.
Kiyyoon diraamaa dheeraa qulqullina gaarii qabu fi itti fufinsan torbaan torbaanin guyyaa Dilbata waaree booda OBN irratti dawwatamuudha.
Dabalataan chanaalaa yuutubii 'Aanaa Entertainment' irratti fe'ame ni dawwatama. Kutaa 1ffaan diraamaa Kiyyoo Dilbata darbee dawwatameera.
* Namoonni carraa kutaa 1ffaa diraamichaa dawwachuu hin argannee geessituu(link) gadii cuuqasuun dawwachuu dandeessu!
Watch here ⬇️
https://youtu.be/SuytxPJ1M9U

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa namoonni labsii yeroo muddamaatiin wal qabatee to'ataman atattamaan akka hiikamaniif waamicha dhiyeesse.
Komishinichi waamicha kana kan dhiyeessee, manni maree ministirootaa walgahii Roobii Amajjii 26, 2014 gaggeesseen labsiin yeroo muddamaa baatii Onkolooleessaatii kaasee biyyattii guutuutti hojiirra oolfamaa jiru akka ka'uuf murte dabarse hordofeeti.
Murteen labsichi akka ka'uuf mana maree ministirootaan darbe tarkaanfii jajjabeessaadha jechuun komishanichi ibseera.
Murte kaabinee biyyattiin dabarfame kanas paarlaamaan atattamaan ilaalee akka raggaasisu abdii qabaachu kan hime komishichi, qaamooleen hojii raawwachiftuu motummaas namoota labsii yeroo muddamaatiin wal qabatee to'annoo jala jiran atattamaan akka gadhiisaniif gaafateera.
Akkasumas guyyaa paarlaamaan labsichi akka ka'uuf itti ragaasisuu kaasee namoonni hidhaadhaa gadi hin dhiifamne yoo jiraatan sa'aatii 48 keessatti mana murteetti dhiyeeffamuu akka qabaatan yaadachiseera.

#Wollega
Godina Wallagga bahaa Aanaa Limmuu fi G/Horroo guduruu Aanaa Amuruutti qa’eefi qabeenyi Oromoo barbadaa’uufi lubbuun namoota hedduus darbaa jiraachuu jiraattonni himan.
Godina Wallagga bahaa Aanaa Limmuu Magaalaa Fiixee baqqootti qa’een fi qabeenyi Oromoota hedduu barbadaa’uufi namoonni hedduunillee Fiinxaleeyyii Amaaraa hidhannoo guutuu qabaniin ajjeefamuu Jiraattonniifi Maatiin miidhamtootaa FiB'tti himan.
Akka Jiraattonni Aanichaa jedhanitti Magaalaan Fiixee baqqoo guutummaatti barbadaa’uufi namoonni hedduunillee ajjeefamuu jiraattonni FiBtti himaniiru.
Godina Horroo Guduruu wallaggaa Aanaa Amuruutti qabeenyii fi qe’een jiraattota hedduu gubachaa jiraachuu jiraattonni himuun Qaamni Naannicha Bulchaan jira jedhus hatattamaan nuuf haa birmatu jechuun jiraattonni dhaamsa isaanii dabarsaniiru.
Maddi: Finfinnee Integrated Broadcasting

#Grade12Entrance #BBO
Qormaanni kutaa 12'ffaa bara 2013 sababa nageenyaatiin bakka bakkatti hin kennamiin hafe Amajji 24 hanga 27 bara 2014'tti kennamuuf qophii hundi xumuramu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.
Akkasumas meeshaaleen qormaataa buufataalee qormaataa ga'uusaanii, Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.
Godinaalee Qellam Wallaggaa, Wallaggaa Lixaa, Wallaggaa Bahaafi Shawaa Lixaa keessatti Manneen Barnootaa 55, aanaalee 17 keessatti sababa nageenyaatiin barattoonni qormaata fudhachuuf rakkoo keessa akka turan ibsame.
Qormaata kana naamusa eegamuu qabu kabajuun barattoonni akka fudhatan kan gaafate Biiroon Barnootaa Oromiyaa, caasaan barnootaa, bulchiinsaafi qaamoleen nageenyaa qophii barbaachisu hunda xumuraniiru jedhe.
Oromiyaatti barattoonni kuma 21 caalan qormaanni kutaa 12'ffaa bara 2013 otoo hin qoramiin turusaanii BBO beeksiseera.
Hawaasni hundi, maatiifi caasaaleen dhimmi ilaallatu milkaa'ina qormaata kanaaf akka tumsan, BBO gaafateera.