Telegram Web Link
#Wollega?

Wallagga Bahaa fi Lixaa keessatti namootni 250,000 gargaarsa nyaataa barbaadu!

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Biiroon Qindeessa Dhimmoota Namoomaa (UNOCHA) ibsa Amajjii 31/2022 baaseen walitti bu’insi lixa Itoophiyaa jiru baay’ina namoota gargaarsa barbaadanii dabale jedhe. 

Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti tasgabbiin dhabamuun isaa namoota hedduu qe’ee irraa buqqa'aniiru.

Wallagga Bahaa fi Lixaa keessatti buqqaatotni fi kan buqqa’anii deebi’an namootni 250,000 gargaarsa nyaataa akka barbaadan agarsiisa ragaan dhaabbatichaa. Haa ta’u malee sababa rakkoo nageenyatiin gargaarsi dhaqqabaa hin jiru jedha UNOCHA’n.

Kana malees namootni 37,000 ol ta’an manaa fi gargaarsa nyaataan alaa barbaadu jedha gabaasichi.

Hanqinni nyaataa daa’immanii fi haadholii haala yaaddessaa keessa akka jiru gabaafame. Barattootni kumaatamootaan lakkaawwaman barumsa addaan kutuuf akka dirqaman gabaasichi ereera. 

Maddi: Addis Standard
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
Abbootiin Gadaa Karrayyuu humnoota mootummaan 'murtii seeraa malee ajjeefaman' - KMNI

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa qorannoosaa jalqabaa dhimma ajjeechaa jila abbaa Gadaa Karrayyuurratti baaseen, qaamoleen bulchiinsaa fi nageenyaa yaa'a Gadaa Karrayyuurratti ajjeechaa raawwatan yakkisaanii qixa sirrii ta'een qoratamee seeraan gaafatamuu qabu jedhe.

Maatiin namoonni jalaa du'anii fi kanneen qaama miidhaman beenyaa isaaniif malu argachuu qabus jedheera.

Komishiniin kun Muddee 7-12, 2014 bakka haleellaan itti mudatetti argamuun miidhamtoota, kanneen ijaan argan fi maatii warra ajjeefamanii gaafachuun qorannoo gaggeessuu hime.

Haleellaa kanaan miseensonni poolisii 11 du'uu fi 17 kan caalan ammoo madaa'uu kan ibse komishiniin kun, dhumaatiin yaa'a Gadaa Karrayyuu kana hordofee mudate jedhe.

Sadaasa 22, 2014 qaamoleen nageenyaa madda rakkoo mudatee sakatta'uuf gara Karrayyuutti deebi'anii, guyyaa keessaa sa'atii 6:00 irratti bakka yaa'i gadaa Michillee qubatee jiru-ganda Xuuxxittii, iddoo addaa Deeddittii jedhamtu ga'uun warra gadaa keessaa namoota 39 to'achuu, kanneen ijaan argan irraa iyyaafachuu ibse.

Komishiniin kun ibsa Amajjii 25, 2014 baase keessatti miseensota gadaa gara bosona Cabbii Aanolee geeffaman keessaa 14 rasaasaan akka ajjeefaman ibsee ture.

Namoonni ajjeefaman-Abbaa Gadaa Kadir Hawaas, Boruu Fantaallee, Fantaallee Boruu, Qumbii Gurraachaa(Qaalluu), Bulaa Fantaallee, Roobaa Hawaas, Boruu Godaanaa, Jiloo Daadi'oo, Bulgaa Boora'uu, Jiloo Diidoo fi Boruu Jiloo kanneen jedhaman dabalatee walumaagalatti namoota 14 ta'uu ibse.

Namoonni kunneen lafarra akka ciisan erga dirqisiifamanii booda, rasaasaan ajjeefamuu fi namoonni lama ammoo fiiganii akka jalaa miliqan kanneen ijaan argan irraa odeeffachuu ibse komishinichi.

Poolisoonni erga namoota ajjeesanii booda reenfa waan dhowwataniif, bakkeetti kaan dhowee, kaan ammoo bineensi nyaachuu kanneen boodarra reenfa namootaa kaasanii awwaalan irraa dhagahuus himeera.

Namoonni kunneen dugdaan gombifamanii mataa fi duubaan rasaasaan rukutamuu mallattoon akka agarsiisus ibseera komishiniin kun.

Maddi: BBC
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Oromiahealth

Biiroon Fayyaa Oromiyaa Hakimoota (GP) baay'inni isaanii 2000 (Kuma lama) ta'e qacaree hojjachiisuu barbaada.

Ulaagaa:

1. Baayyina: Hakimoota 2000
2. Mindaa ji'an: 9056
3. Ragaa barnootaa orijinaalaa fi koppi hin deebine
4. Heyyamaa ogummaa(license) orijinaala fi koppi hin deebine
5. Afaan Oromoo: dubbachuu, dubbisuu fi barreessuu kan danda'u
6. Guyyaan galmee: guyyaa beeksifni kun bahee irraa eegalee yeroo hin dangoofneef yeroo hundaa sa'a hojii mootummaati.
7. Guyyaan ramaddii: Ramaddin Carraadhaan kan keennamu
8. Iddoon galmee: Biiroo Fayyaa Oromiyaa darbii 3ffaa daarektoreetii M/B/Q Namaatti qaaman dhiyaachuudhaani.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#DrAbiyAhmed #AfricanUnion

Finfinneen yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa simachuuf qophoofteetti

Muummeen Ministira Abiy Ahimad Magaalaan Finfinneen yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa simachuuf qophoofteetti jedhaniiru.

Muummeen Ministira Abiy Ahimad fuula miidiya hawaasa isaaniin akka ibsanitti, sababa vaayrasii koroonaatin waggootan lamaaf adda citee kan ture yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa Ityoophiyaan gammachuun simachaa kan jirtuu yoo ta’u, magaalaan Finfinnees hirmaattoota marichaa bifa ho’aan simachuuf qophoofteetti jedhaniiru.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Karrayu #OromiaPoliceCommission

Abbaa Gadaa Karrayyuu dabalatee ajjeechaa namoota 14 aanaa Bosatitti raawwateen walqabatee namoonni lama to'annoo seeraa jala oolfamuu Biiroon Komunikeeshinii Oromiyaaa Komishiniin Poolisii Oromiyaa eeruun beeksise.

Komishiinii Poolisii Oromiyaatti Itti-aanaan Komishinaraa Girmaa Galaan ajjeechaan namoota 14 irratti A L I Sadaasa 22 bara 2014 raawwatame waliin walqabsiisee hanga ammaatti gadi fageenyaan kan qoratamaa jiru ta'uu ibsuun, qaama kamuu yoo ta'e namoonni ajjeechaa sana keessaaa harka qaban seeratti dhiyaachuun gaafatamuu akka qabu dubbatan.

Qaamni yakkicha raawwate maaliif akka raawwateefi qaamoleen ajjeefaman ifatti eenyuun akka raawwatame adda baasuuf qorrannoon gadi fageenya qabu itti fufeera jedhan.

Ajjeechaa kanaan wal qabatee bu'aan qorannoo argame yaroo dhiyootti ibsuun yakkamtootni seeratti akka dhiyaatan kan hojjatamaa jiru ta'uun hubatamuu qaba jechuun Komishinarri itti-aanaa Girmaa himaniiru.

Via: BBC
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
Dhimma Ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu irratti Seenaaterri Ameerikaa dubbate!

"Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa baatii muddee keessa, Abbaa Gadaa Karrayyuu dabalatee namoonni 14 humnoota mootummaan ajjeefamuu qorannoo isaatin ifoomsera.

Uummatni Oromoo saboota waraanaan duraa fi waayita waraanaa humnoota mootummaatiin dararaaf saaxilaman keessaa isa tokko.

Ameerikaan Itoophiyaatti nageenyi akka bu’uuf akkuma deeggartu, gidiraa rawwatameefis haqni akka ba’u hordofuu qabna" jedhe miseensi Koree Seenetii Dhimma Alaa Ameerikaa Seeneetar Jiim Riish

Maddi: Addis Standard
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#HackAlert #WaltaTV

Fuulli fesbuukii miidiyaa mootummaa 'Walta.info.com' hattootaan butamun dhagahame.

Fuula fesbuukii waltainfo.com irratti maaltu mul'ate?

Fuulli fesbuukii dhaabbata waltainfo.com daqiiqaa muraasa dura maxxansa haaraa baaseen gara Teessoo(Address) kanaa akka hin dhufne yoo dhuftan Doolara Ameerikaa 5000 kafaltanii maxxansa kana ni haqna jechuun ibsa baasuun suuraa akeekkachiisaa itti dabalee ture.

Qaamni/Gareen ammaaf hin beekamnefi fuula dhaabbatichaa to'ate jiru kun ibsa baaseen daqiiqaa 60 kennee kan ture yoo ta'u, yeroon kenname erga xumurame booda suuraa 'Profile' jijjiiruudhaan maxxansa dura-waliigaluuf gaafatan haqaniiru.

Dabalataan suuraa 'Profile' Qabduu-Harmaatti jijjiiruudhaan maxxansaalee garagaraa maxxansuu eegalanii jiru.

Fuulli dhaabbatichaa hordoftoota Kuma 864 ol kan qabuudha.

Via: Oro Ict Solution, Ethio Check
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#CommercialBank

Gamoo dheeraan waajjira Muummichaa
Baankii Daldala Itoophiyaa Dilbata dhufu, Guraandhala 6/2014 ni eebbifamaa.

Baankiin Daldala Itoophiyaa hojjetootaa bankicha 5,000 ta'an gara waajjira muummichaa haaraa tibbana eebbisisuu kanatti jijjiruuf qophaa'uu 'Ethiopian Insiders' beeksiseera.

Gamoon dheeraan waajjira Muummichaa Baankii Daldala Itoophiyaa abbaa darbii 48 yoo ta'u, baasii birrii biiliyoona 8'tin fi ijaarsaf immoo waggootaa 7 fudhachuun Dilbata dhufu eebbaf dhaqqabeera.

Kabaja hundeeffamaa waggaa 80ffaa baankii daldala Itoophiyaa sababeeffachuun gamoo dheeraan baankicha magaalaa Finfinneetti argamuu ifatti ni eebbifamaa jedhame eegamaa.

Sirna eebba kana irratti hoggantoonni mootummaa olaanoon, keessummoonni garaagaraa waamichi godhameef akkasumas hojjettoonni dhaabbatichaa shoora olaanaa ba'atan ni ergamuu jedhameera.

Via: Ethiopian Insiders
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#ColonelGemachuAyana

Manni murtii Waliigalaa Federaalaa galmee Koloneel Gammachuu Ayyaana fi kanneen biroo 4 akka cufamu murteesse

Manni Murtii Galmeen Koloneel Gammachuu Ayyaanaa Akka Cufamuufi Himatamtoonni Hidhamanii Akka Turan Murteessuun isaa himame.

Haaluma kanaan guyyaa har'aa Oolmaa mana murtii booda himatamtoonni mana hidhaa Poolisii Federaalaatti iddoo baatiiwwan darbaniif itti hidhamanii turanitti deebifamanii jiru.

Maddi:- Addis Standard
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#OromiaBank

Baankiin Oromiyaa Birrii biiliyoona 20'n Wiirtuu Leenjii fi Konveenshinii ijaarsisuuf karoorsuu beeksise.

Baankichi lafa hektaara 15 irratti Bulchiinsa Magaalaa Galaanitti Wiirtuu Leenjii fi Konveenshinii ijaarsisuuf Diizaayinii dorgomsiisee filateera.

Wiirtuun Leenjii fi Konveenshinii kun leenjiwwan hojii baankii fi faayinaansiif kan oolu yoo ta’u, ijaarsi isaa Birrii Biliyoona 20’n waggoota 10 keessatti ni xumurama.

Wiirtuu Leenjichaa Giddugala Ispoortii, Daldalaa, Tajaajila yaala Fayyaa akkasumas bakka bashannanaa of keessaa akka qabu ibsame.

Via: Oromia Bank
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
Afaan Siwaahilii afaan hojii Gamtaa Afrikaa ta'e!

Yaa'ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 35ffaa Finfinneetti gaggeeffame irratti dubbattotaa miliyoonaa 100 ol kan qabu Afaan Siwaahilii tarree afaan hojii gamtichaa keessatti akka hammatamuuf murtaa'eera.

Gamtaan Afrikaa kanaan dura afaanoota hojii 4 kan qabu yoo ta'u, Afaan Siwaahilii afaan hojii 5ffaa gamtichaa ta'eera.

Kanaan duraa Afaan Arabaa, Afaan Ingililiffaa, Afaan Faransaay, Afaan poorchugaal fi Ispaanish afaanoota hojii Gamtaa Afrikaa kan turan yoo ta'u, Afaan Siwaahilii afaan hojii 5ffaa gamtichaa ta'eera.

Maddi: Al Ain
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
Manni Maree Bakka Bu'oota Uummata Labsii Yeroo Muddamaa Kaase

Ya'ii guyyaa har'aa taa'een manni maree bakka bu'oota uummataa labsii yeroo muddamaa Sadaasa darbe ji'a ja'aaf labsamee ture kaase.

Murtii kana hordofee boordiin qorannoo labsii yeroo muddamaa dhimmoota labsichaan walqabatan xummuruun ji'a tokko keessatti qaama dhimmi ilaallatuuf gabaasa akka godhu eerameera.

Qaamoleen haqaas hojii haqaa labsii yeroo muddamaan jalqabaman adeemsa haqaa idileetiin akka xummuuran murtaa'e jira.

Madda: FBC
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
Imaammata Misooma Afaan Ityoophiyaan Afaanoonni beekkamtiin laatameef Afaan hojii Federaalaa ta'uun akka tajaajilan qophiin xumuramaa jira

Imaammata Misooma Afaan Ityoophiyaan Afaanoonni beekkamtiin laatameef Afaan hojii Federaalaa ta'uun akka tajaajilan qophiin xumuramaa jiraachuu Ministeerri Aadaafi Ispoortii beeksiise.

Afaan Amaaraa biratti dabalataan Afaanoota Imaammata Misooma Afaan Ityoophiyaan Afaan hojii mootummaa federaalaa ta'uun akka tajaajilan beekkamtiin laatameef gara hojiitti galchuuf sanadoota qophaa'eerratti qooda fudhattoota waliin Adaamaatti mari'atameera.

Afaanota Imaammatichaan beekkamtii argatan gara hojiitti galchuuf turjumaana dabalatee dambiiwwan biroo qopheessuuf qo'annoon gaggeeffamuu Ministirri Ministeera Aadaafi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasan ibsaniiru.

Afaanoota kanneen gara hojiitti galchuuf adeemsa hedduu waan barbaachisuuf qophiin duraa xumuramuu eeraniiru.

Dambiiwwan qophaa'an hojiirra oolchuuf qorannoowwan gaggeeffamaniin bu'aa argannoo galteewwaniin gabbisuun hojiitti hiikuuf mariin kun murteessaa ta'uu Ministir Deetaan Aadaafi Ispoortii Aadde Warqinash Birruun dubbataniiru.

Imaammata misooma Afaan Ityoophiyaan Afaanoota Afaan hojii mootummaa Federaalaa ta'uun akka tajaajilan Arfan gara hojiitti galchuuf hojjetamaa jiraachuu kan eeran Aadde Warqinash, hojiin turjumaana Imaammata Afaan Oromoo, Afaan Somaaleefi Afaan Afaar xumuramuu kaasaniiru.

Kan Afaan Tigree hojjetamaa jiraachuufi Afaanoonni hojiin turjumaanaa xumuraman gara naannoleetti ergamuun kutaaleen hawaasaa sadarkaan jiran irratti mari'achuun akka hubatan hojjetamaa jiraachuu ibsuu usaanii TOI gabaaseera.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#GERD

Hidhaan Haaromsaa Har’a Anniisaa Elektirikaa Meegaa Waatii 375 Maddisiisuu Eegale.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad har’a ifatti Hidhaa Haaromsaa Guddicha Ityoophiyaa anniisaa Elektirikaa Meegaa Waatii 375 maddisiisu hojii eegalchiisaniiru.

Bitootessa 24, 2003 Naannoo Beenishaanguul Gumuz aanaa Gubaatti ijaarsa isaaf dhagaan bu’uuraa kan kaa’ame Hidhaa Haaromsaa Guddicha Ityoophiyaa waggaa 11 booda har’a anniisaa elektirikaa meegaa waatii 375 maddisiisuu eegaleera.

Hidhicha jala/gara hundeessatti meetira 130, gubbaa isaatti ammoo meetira 11 furdata jedhame.

Yuuniitiiwwan anniisaa meegaa waatii 375 hanga 400tti maddisiisuu danda’an 13 qaba.

Ityoophiyaan humna isheef barbaachisu erga guuttattee booda meegaa waatii kuma 2 biyyoota ollaaf dhiyeessuun waggaatti galii Doolaara miiliyoona 580 argachuu akka dandeechu tilmaamni taa’eera.

Guyyaa har’aa Yuuniitiin tokko anniisaa meegaa waatii 375 maddisiisu kan eegale yoo ta’u, 2ffaan ammoo qophiirra jira jedhame.

Via: FBC
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Safaricom

Safarikoom Itiyoophiyaa keessatti baatii Ebilaa irraa eegalee tajaajila kennuu akka jalqabu ifoomse

Dhaabbati Safarikoom Waggoota shanan dhufan keessatti maamiltoota miiliyoona 50 ol horachuuf karoora akka qabu beeksiseera.

Safarikoom Itiyoophyaa keessatti Tajaajiloota isaa eegaluuf haalota dandeesisan irratti miidiyaaleef ibsa kenneera.

Finfinnee, Baahirdaar,Goondar,Dasee, Kombolchaa,Harar, Dirree Dhawwaa fi Jigjigaan Tajaajilootni Safarikoom bakka itti eegalu keessaa isaan ijoo ta'uun himameera.

Via: FiB
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#DrAbiyAhmed

Muummee Ministeera Itoophiyaa Dr Abiy Ahimad yaa'ii ariifaachiisaa 3ffaa manni marii bakka bu'oota Uummataa Itoophiyaa Kibxata har'a taa'e irratti maal dubbatan?

Marii TPLF waliinii...

• Hanga Ammaatti TPLF waliin mariin jalqabame akka hin jirre, haata'u malee kana jechuun mootummaan hanga dhumaatti TPLF waliin hin mari'atu jechuu akka hin taane MM Abiy Ahimad dubbatan.

• TPLF nagaaf kan dursa kennu yoo ta'e mari'achuuf qophii ta'uu ibsan.

ABO ilaalchisee...

• Waraana Bilisummaa Oromoo mootummaan ABO Shanee jedhee waamuun kan wal qabateen "gareen kuni galma qabsaa'uf kan hin beekne, namoota ugguree kan maallaqa saamu, dhala namaaf kabaja kan hin qabne" jedhan.

Himatamtoota Hiikuu…

• "Kana dura miseensonni mana marii kanaa maaliif namoonni hidhaman hin hiikaman jedhamee gaafaatamaa ture.

• "Amma maaliif hiiktan jedhamuurra geenye kuni jijjiirama gudaadha. Labsii yeroo muddama labsuutu rakkoo ture. amma ammoo kaasuutu rakkoo ta'e. kuni jijjiirama ajaa'ibaati" jedhan.

• "Nuti hidhamtoota kan hiikne waan sadiif. Tokko nagaa fulla'aa uumuu. Lammaffaan haala hidhamtootaa hubannoo keessa galchuuf. Sadaffaan injifannoo keenya itichuufi" jedhan.

Maddi: BBC
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
2025/07/05 04:27:56
Back to Top
HTML Embed Code: