Telegram Web Link
#Waaqeffannaa

Dhaabbanni Amantaa Waaqeffannaa magaalaa Finfinneetti, iddoo Abiyoot Addabaabaayi ykn maqaa isaa duraaniitiin Hulluuqoo Kormaa jedhamu Kaartaan abbummaa ibsu akka kennamuuf gaafate.

Dhaabbanni Amantaa Waaqeffannaa xalayaa har’a Waajjira Kantiibaatti galche irratti akka ibsetti Hulluuqoo Kormaa qabeenya duudhaa Oromoo Tuulamaa ti. Dirreen kun kana malees, dirree Irreechaa Hora Finfinnee itti kabajamu akka ta'ee ibseera.

Kanaaf dirree Hulluuqoo Kormaaf abbummaan isaa akka isaaf kennamu xalayaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Adde Adaanech Abeebeetiif barreesseen gaafateera.

Dhaabbanni Amantaa Waaqeffannaa kaartaan abbaa qabeenyummaa akka isaaf kennamu xalayaa har’a Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Adde Adaanech Abeebeetiif barreesseen gaafateera.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
Bu’aan qormaata Siiviiksi madaallii seensa yuunvarsiitiif akka hin tajaajille murtaa’uu Ejansii Madaallii Barnootaa fi Qormaataa Biyyaalessaa beeksiseera.

Ejansichi dhimmicha ilaalchisuun ibsa laateen, soororsi qormaata seensa yuunvarsiitii kutaa 12ffaa bara 2013 amansiisaa ta’uu fi meeshaalee sakattoo xuxuqqiirra bilisaatiin kaameraawwan poolisii federaa fi seekterichaatin tumsamee of eeggannoon gaggeeffamu ibsameera.

Dabalatanis xiinxalli bu’aa qormaatilee akaakuu barnootaatin, manneen barnootaa fi sadarkaan barataa  gaggeessuu fi bu’aawwan akaakuu barnoota tokko tokkorratti gamaaggamaa gaggeessuu ibseera.

Bu’uuruma kanaan bu’aan qormaata siiviiksi manneen barnoota hunda keessaatti sadarkaa walfakkatadha jedhuun daballii agarsiisuu ibsameera.

Sababa kanaanis bu’aan qormaata Siiviiksi madaalli seensa yuunvarsiitiif akka hin tajaajille murtaa’uu ejansichi ibseera.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
Firiin Qorumsa Biyyaalessaa kutaa 12ffaa Ifoomeera.

Bu’uruma kanaan barattoonni bu’aa qormaata isaanii:-

1.Maarsariitii Ejansii Madaallii Barnootaa fi Qormaataa Biyyaalessaa:-

http://result.neaea.gov.et

2.Maarsariitii Ministeera Barnoota 

http://result.ethernet.edu.et

3.Bootii Teelegraamii (Telegram Bot):-

@moestudentbot

4.Erga gabaaba SMS 9444 irratti lakkoofsa isaanii galchuun bu’aa isaanii baruu ni danda’uu jedhameera.


@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#UkraineCrisis #Russia

Raashiyaan dhaabbilee waraanaa Yuukreen 70 ol barbadeessuu ifoomsite.

Mooskoon dhaabbilee ajaje humna qilleensaa 11 dabalatee dhaabbilee waraanaa Yuukreen 70 ol barbadeessuu Dubbii Himaan Ministeera Raayyaa Ittisaa Raashiyaa Igoor Koonaasheenkoov ibsaniiru.

Preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Doonbaasitti duula addaa eegalchiisuun isaanii kan yaadatamuudha.

Hanga ammatti humni Qilleensaa Raashiyaa haleellaa raawwateen dhaabbileen waraanaa Yuukreen 74 barbadaa'uu Igoor Koonaasheenkoov beeksiisaniiru.

Ajajawwan humna Qilleensaa 11, Buufataalee Raadaarii farra humna qilleensaa 18 fi giddu galli Komaandi Poostii waraanaa 3 dhaabbilee barbadaa'aan keessatti kan argaman ta'uu ibsameera.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Chelsea

Leenjisaan Cheelsii Toomaas Tuheel Raashiyaan sababa Yukireen weerararteef ''dhimma kilaba keenyaan walqabatee wantootni hin tasgabboofne hedduun jiru'' jedhan.

Cheelsiin qabeenya biiliyeenara lammii Raashiyaa Roomaan Abraamiiviich hoggaa ta'u, UK ammoo tarkaanfii Raashiyaa dhaabsisuuf jecha abbootii qabeenyaa Raashiyaa qabeenya isaanii uggurtu keessaa tokko biiliyeenara kanaa ta'u ibsame.

Tuuhel ibsa kana kan kennan gareen isaanii Cheelsiin Dilbata boruu Waancaa Karabaa'oof Weembilee irratti Liivarpuuliin falmachuuf yeroo qophii xumuraa jiruttidha.

''Kuni dhimma guddaadha miti jennee fakkeessuu hin qabnuu '' jedhan Tuheel.

''Haalichi waliigalatti(Yukireen) anaaf fi waahillan koof akkasumattis nama hunda Cobhaam jiran, taphattootaafis rifaasisaadha.

''Humtuu kana hin eegne. Dhugaa hin fakkaatu, akkuman jedhe sammuu keenyarra mareera, tapha xumuraaf miira qabnu mareera.

Kuniis tasgabbii dhabuu guddoo uumuu dubbatan. Warra Yukireeniif hawwii gaarii qabanis dhaaman

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#ElonMusk

Waraana Raashiyaa fi Yuukreen gidduutti adeemsifamaa jiruun Raashiyaan tajaajila intarneetii Yuukreen irraa addaa kutte jirti.

Dureessi addunyaa 'Elon Musk' tajaajila intarneetii Yuukreen irraa addaa cite karaa saatalaayitii isaa 'Starlink' jedhamun lammileef tajaajila intarneetii keennuu jalqabsiisuu beeksiseera.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#OduuDansaa

Waraanni guyyaa shanii Yuukireeniifi Raashiyaa gidduutti ergaa gaggeeffamee booda biyyootni lameen marii eegalan.

Raashiyaan erga Yuukireen weerartee guyyaa shanaffaarratti jiilli biyyoota lamaanii akkaataa waraanicha dhaabuun danda'amurratti guyyaa har'aa marii eegalan.

Marii kanarrattis Waajjirri pirezidantii Yuukireen dhukaasi akka dhaabbatuu fi loltoonni Raashiyaa akka ba'an gaafateera.

Mariin kun eegalamuu isaan dura Pireezidantiin Yuukireen Volodimiir Zeleniskii, loltoonni Raashiyaa akka meeshaa lafa kaa'an gaafataniiru.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
Mariin nagaa buusuu Raashiyaa fi Yukreen xumurame.

Bakka buutonni Raashiyaa fi Yukreen lolli otoo adeemaa jiruu marii Belaaruusitti adeemsisan goolaban.

Gamni lachuu gara magaalawwan guddoo isaanitti deebi’anii erga marii’ataniin booda guyyoota dhufan keessatti marsaa lammataan wal-argu jedhe Rooyitars.

Marii Wiixataaa kanaan dura lolli kuni nagaan furama jedhamee tilmamaa hin turre.

Yukreen dhukaasni akka dhaabbatuufi Raashiyaan daangaa isheetii akka baatu barbaaddi. Raashiyaan garuu ejjennoo koo hin ibsu jette. Bakka buutonni Raashiyaa waliigalteerra kan gahan yoo fedhiin gama lameenii eegameefi jedhan.

Maddi: BBC
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Adawaa

"Oromoo, seenaa keenya himannu malee ormi nuuf hin himu, hin du'a malee" - Haacaaluu Hundeessaa
.
.
• Riqichan ragaa waamaa, riqicha Adawaa guddaa isa Finfinnee jiru
.
.
• Namni yoo seenaa dabsees, lafti seenaa hin jijjiiruu
.
.
• Eenyu akka isarra ce'ee Xaaliyaanii unkuree
.
.
• Eenyu akka baandaa ta'e dhiiga dhiiraa gad naqee
.
.
• Har'a falmeen sirreessa seenaa karaarra maqee...
.
.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
"Ayyaanichi Artistii fi qabsaahaa Haacaaluu Hundeessaa nuyaadachiisa."
- Aadde Warqinash Birruu

Ayyaanni Adwaa bilisummaan gurraachotaa itti mirkanaahe qabsoof wareegama gootonniifi fardeen keenyaa nuyaadachiisa jedhu Ministir De'eetaan Aadaafi Ispoortii Aadde Warqinash Birruu.

Itoophiyaamonni lubbuusaaniif osoo hinwaakkatiin walabummaa biuyasaanii kabachiisuuf kilomeetira dheetaa imaluun gaarreen Adwaarratti diina waliin walitti bahuun gootmaasaanii agarsiisaniiru.

Gootonni akka Gabayyoo Gurmuu, Baalchaa Abbaanabsoo loltootasaanii dura bu'uun weerartuu xaaliyaanii gaana dhahuun hurreessaniiru jedhu Aadde Warqinash.

Artistiifi Qabsaahaa Hacaaluu Hundeessaas seenaa gootonni kun gaarreen Adwarratti raawwatan gadibaasuun sagaleesaa miidhagaan nudhageessisaa seenaa hindabarre kaahee darbeera.

Ayyaanni Adwaa yeroo kabajamu Artisti Haacaaluu Hundeessaa dagachuun hindanda'amu kan jedhan Aadde Warqinash nuti ijoollee saafoo,ijoollee Gabayyoo waan taaneef ittiin boonna jedhaniiru.

Ayyaanichi kan Itoophiaanotaa qofa osoo hintaane kan gurraachota addunyaa waan ta'eef gootonni Abbaa daalee Abbaabooraa, Abbaabulloo ittiin boonuu jedhaniiru.

Maddi: EPA
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#DawudIbssa

Hayyuu Dureen Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Daawud Ibsaa Ebla 2, 2021 irraa eegalee Hidhaa mana keessaa akka jiru gareen Boordii Filannoo Biyyaalessaa(NEBE) irraa ergame qulqulleesse.

Boordichi Xalayaa Komishiinii Poolisii Federaalaa fi Tajaajila Nageenya fi Odeeffannoo Biyyalessaaf barresseen, hatattamaan akka hidhaa bahu gaafateera.

Via: Addis Standard
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
Olkaa’iinsa

Dargaggoota Mil. 2 fayyadamoo kan taasiisu proojektiin ‘Olkaa’iinsa’ jedhamu ifatti eegalame

Dargaggoota miiliyoona 2 fayyadamoo kan taasiisu Proojektiin ‘Olkaa’iinsa’ jedhamu ifatti eegalamuu Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksiise.

Proojektichi deeggarsa maallaqaa Doolaara miiliyoona 60 dhaabbilee deeggarsa Ameerikaa irraa argameen gama dhaabbata ‘Amref Health Africa’ jedhamuun hojiitti kan hiikkamu ta’uu ibsameera.

Dhaloota dhufu dhiibbaa idaarraa baraaruun damee hundaan hirmaannaa fi fayyadamummaa isaanii mirkaneessuuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dr. Ergoogee Tasfaayeen ibsaniiru.

Proojektichi waggoota 5f magaaloota naannolee 18 keessatti hojiitti kan hiikamu ta’uu himaniiru.

Sagantaa eegalchiisuu Proojektii Paarkii michummaatti gaggeeffamerratti hoggantoonni mootummaa federalaa, naannolee Itoophiyaatti Imbaasii Ameerikaa fi qooda fudhattoonni garaagaraa argamaniiru.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Zayitii

Zayitni nyaataa litira miliyoona 40 dhiyeenyatti gala

Gatii zayitii nyaataa tibana qaala’e sababeeffachuun dhiyeenyatti zayitiin nyaataa litira miliyoona 40 gara biyyaa akka galu Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhaminsa Naannoo beeksise.

Daarektarri To’annoofo Hordoffii Qo’annoo Gatii Ministeerichaa Aadde Maskaram Bahiruu akka jedhanitti, qaala’insa gatii zayitii nyaataa tibana mul’ate sirreessuuf mootummaan hojii baay’ee hojjechaa jira.

Kana keessaaszayitii nyaataa litirri miliyoona 40 dhiyeenyatti kan biyya keessa galu ta’a jedhaniiru.

Sababni qaala’ina kunneen keessaa tokko gatiin biyyoolessaa dabaluu ta’uu himanii, omishaalee biyya keessaa garuu ammas gatii duraaniin gurguramaa jiru jedhan.

Rakkoo qaala’inicha waaraan furuuf hojiileen hojjetamaa akka jiran Aadde Maskaram dubbataniiru jechuun EPA gabaase.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Odaaward2021

Badhaasni Odaa baranaa marsaa 5ffaaf Finfinnee galma Sharaatanitti Kibxata galagala ogeeyyii aartii hojii addaa hojjetaniif beekamtii kennuun gaggeeffameera.

Haaluma kanaan
1⃣ Weellistuu cimtuu bara 2013 Margituu Warqiina injifatterti
2⃣ Weellisaan dhageettii olaanaa bara 2013 tti qabu Galaanaa Garoomsaa
3⃣ Albama filatamaa bara 2013 'Maal Mallisaa'- Haacaaluu Hundeessaa
4⃣ Sirbi qenxee/single filatamaa bara 2013 Andu'alem Gosaa
5⃣ Kitaaba walaloo filatamaa-Ammarsan Tasfaayee
6⃣ Kitaaba Asoosama filatamaa bara 2013-Qorichoo Shufeeraa
7⃣ Barreeffama Filmii filatamaa bara 2013-Jimaa Galataa
8⃣ Sinimaatoogiraafii filatamaa bara 2013 Filmii Mo'aarraa-Gammachiis Xilaahuun
9⃣ Gulaalaa Suur-Sagalee cimaa bara 2013 Filmii Milkiirraa-Tolaa Gingataa
1⃣🔟 Taatoo dubartii cimtuu bara 2013 Filmii lafaaf lafeerraa-Abaaboo Warqinaa
1⃣1⃣ Taatoo dhiiraa cimaa bara 2013 - Taammiraat Kabbadaa
1⃣2⃣ Daayreektara cimaa Filmii bara 2013 tahuun-Jimaa Galataafi Hawwii Hayiluu/Caaltuu Eelaa
1⃣3⃣ Filmii filatamaa bara 2013 - Lafaaf Lafee
1⃣4⃣ Weellistoota Haaraa filatamaa bara 2013 -Weellisaa Addunyaa Amantee
1⃣5⃣ Weellistoota garee filatamoo bara 2013-Leenchoo fi Elemoo
1⃣6⃣ Wallee ammayyaa filatamaa bara 2013 - Surraa Ibiddoodha.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
Dooktar Abiy Ahmed Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa ta'uun filatamaan.

Paartiin Badhaadhinaa yaa'ii jalqaba gaggeessaa jiruun Dooktar Abiy Ahmed Pireezidaantii paarticha taasisuun filateera.

Gama biraan:

• Obbo Adam Farah Itti Aanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa 1ffaa ta'uun filatamaniiru.

• Obbo Dammaqaa Mokonneen Itti Aanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa 2ffaa ta'uun filatamaniiru.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#DawudIbssa #OLA

Hayyuu Dureen Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Daawud Ibsaa har'a ganama hidhaa dhaabbii irraa hiikamuun dhagahame.

Hayyuu Dureen ABO Daawud Ibsaa Ebla 2 bara 2021 irraa eegalee Hidhaa mana (Dhaabbii) keessa akka turan gareen Boordii Filannoo Biyyaalessaa qulqulleessuun ni yaadatama.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#KFO

Koongireensiin Federaalawa Oromoo Hoteela Waabii Shabaleetti Kora sabaa 2ffaa adeemsisuu eegale.

Bitootessa 17, 2014 Koongirensiin Federaalawa Oromoo Hoteela Waabii Shabalee Finfinnee naannoo Caffee Aannaniitti aragamu keessatti, kora sabaa 2ffaa bara 2014 adeemsisaa jira.

Kora 2ffaa KFO kanarratti hirmaattonni hedduun kan argaman yoo ta'u, hooggantoota dhaabichaa dabalatee keessummoonni dhaabbilee siyaasaa kan biroorraas afeeraman irratti argamanii jiru.

Korichirratti hirmaannaa siyaasaa KFO baroota darbanii qoratamuun, jabinaafi hanqina paarticharratti ni mari'atama jedhamee eegama.

Yeroo ammaa kana hirmaattoonni Kora sabaa kanarratti hirmaachuuf Godinaalee Oromiyaa adda addaafi naannoowwan biyyattii kan biroorraa dhufanii, Galma sagantaa keessatti argamu.

Via: Ubuntu
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
2025/07/04 23:01:21
Back to Top
HTML Embed Code: