#AmboUniversity

Yuunivarsitiin Amboo guyyaa seensaa fi galmee barattootaa haaraa Caamsaa 11 fi 12/2014 akka ta'e beeksise.

Barattoonni wayita galmeef dhufan:

• Ragaa barnootaa orijinaala kutaa 8ffaa, 10ffaa fi 12ffaa kooppii isaa tokko waliin qabattanii argamuu qabu.

• Tiraaniskiriptii kutaa 9ffaa hanga kutaa 12ffaa orijinaala fi koppisaa tokko waliin

• Suuraa 3×4 waraqaa eenyummaaf ta'u baayina 8 qabattani dhufuu qabu.

• Uffata qorraa, uffata sireefi boraatii akkasumas uffata ispoortii qopheeffanii akka dhufan beeksiseera.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#JaataniiJireenyaa #Ungulaalli

Eebbi kitaaba 'Ungulaalli' fi agaarsifni Fiilmii 'Jaatanii jireenyaa' Dilbata dhufu Galma Giddugala Aadaa Oromootti ni dhiyaata.

Ogeessa fayyaa fi Barreessa fiilmii Jaatanii jireenyaa Yeeyyis Birruu kitaaba matadureen isaa ungulaalli jedhu GGAOtti Caamsaa 07/2014 ni eebbisisaa.

Eebba Kitaabichaa irratti agaarsifni Fiilmii Jaatanii jireenyaa ni taasifamaa.

Kanaaf:
Iddoo: Galma Giddugala Aadaa Oromootti
Guyyaa: Dilbata Caamsaa 07/2014
Sa'aatii: Waaree booda sa'aatii 7:30 affeeramtanirtu!

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#AfaanOromoo

Jaarmiyaan teeknolojii 'Google' afaanota Afrikaa kudhan tajaajila afaan tokkorraa biraatti hiikuu 'Google Translate' jedhamutti akka dabale Roobii kaleessaa beeksise.

Afaanoti Afrikaa tajaajila kana akka fayyadaman dabalamanis Afaan Oromoo, Afaan Tigree, Tiwii, Baambaaraa, Ewee, Kiriyoo, Lingaalaa, Lugaandaa, Sepedii fi Tsoongaa jedhamanii dha.

'Google Translate' tajaajila af-danuu 'Google' dhaan kalqame yoo tahu barreeffama, sanadoota fi marsariitiiwwan afaan tokkorraa gara kaanitti hiika. Tajaajilichi marsariitii fi appii mobaayilii irratti argama.

Abdiisaa Bancaan ogeessa ICT yooo tahu, bara 2006 dhaabbata 'oroict.com' jedhamu hundeessee hojiiwwan teeknolojiin walqabatan hedduu hojjechaa ture.

'Google Translation' irratti Afaan Oromootiin tajaajilli akka jalqabuuf hiikaa jechootaa irratti namoota afaanicha hiikan qindeessaa jira.

Gareen Abdiisaan qindeessu, 'adeemsa hiikkaa jechaa kanarratti, keewwataafi gaaleewwan gara kuma 280 irra geenyeerra,'' jedha.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
Godaantonni seeraan alaa saba adda addaa ta’an 300 ta'an Liibiyaatti to’annoo jala oolfamuun himame.

Liibiyaa magaalota lixaa Zuwaraa fi Surmaan keessatti godaantotni seeraan alaa 300 to’annoo jala oolfamuun isaanii ibsameera.

Liibiyaatti Godaantonni seeraan alaa saba adda addaa ta’an 300 to’annoo jala kan oolan yoo ta’u, Godaantota seeraan alaa kanneen keessaa 110 galaana ce’uuf bidiruu yaabbachaa osoo jiranii qarqara galaanaatti to’annoo jala olfaman.

kanneen hafan ammoo magaalota keessatti bakka adda addaatti to’annoo jala kan oolfaman ta'uun ibsameera.

Bara 2021tti godaantotni 32,425 baraaramanii gara Liibiyaatti kan deebi’an yoo ta’u, 662 ammoo qarqara galaanaa Liibiyaa irraa karaa Giddugaleessa Meeditiraaniyaaniitiin lubbuun isaanii darbuun 891 kan ta'an ammoo achi buuteen isaanii dhabamuu Dhaabbanni Godaansaa Idil-addunyaa (IOM) gabaaseera.

Maddi:- CGTN Africa
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Somalia 🇸🇴

Paarlaamaan federaalaa Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad pirezidaantii biyyattii 10ffaa ta'uun filate.

Pirezidaantiin haaraan Fulbaana bara 2012 hanga Gurraandhala 16, 2017tti Pirezidaantii ta'uun tajaajilaniiru.

Hasan Sheek Mohaammad seenaa biyyatti keessatti nama jalqabaa yeroo lama irra deebiin filataman ta'aniiru.

Pirezidaantii aangoorraa bu'an Mohaammad Abdullaahii Farmajoo injifachuun isaanii ni yaadatama.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#OduuAmmee

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Dooktar Tewodiroos Adihaanoom Daayreektaraa Olaanaa dhaabbaticha gochuun irraa deebiin marsaa 2ffaaf filateera.

Ammajjii darbe Dr. Tewodroos marsaa lammaffaaf akka dorgoman Boordii Daayirektarootaatiin kaadhimamanii turan.

D.r Tewodiroos Hagayya dhufu aangoo isaanii marsaa lammaffaa ni eegalu. Mootummaan Itiyoophiyaa Dr. Tewodiroos Wayyaanee deggareera jechuun deeggarsa dhorgataniiru.

Biyyoonni biroo hedduun garuu Dr. Tewodiroos weerara vaayirasii koroonaa kanaaf deebii yeroon kennuudhaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf hoggansa yeroo kennuu isaaniif galateeffataniiru.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#UNHCR

Addunyaarratti namoonni miiliyoona 100 ol humnaan buqqa'uu gabaasni 'UNHCR' ibse.

Addunyaa irratti namoonni miiliyoona 100 ol ta’an qe’ee isaanii keessaa buqqa'uu isaanii Dhaabbanni baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNHCR) ibseera.

UNHCR ragaalee haaraa namoota jeequmsa, walitti bu’iinsa, ari’atamaa fi sarbama mirga namoomaa jalaa miliqan wabeeffachuun akka ibsetti Addunyaarratti namoonni miiliyoona 100 ol humnaan qa'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.

Waraanni Yuukireen keessatti geggeeffamaa jiru namoota miiliyoonaan lakkaa’aman akka baqatan kan taasisan keessaa tokko ta'uu UNHCR ibseera.

Walitti bu’iinsa yeroo dheeraa bakkeewwan akka Itiyoophiyaa fi Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo (DRC) keessattis lakkoofsa ol- aanaa kana duuba akka jiru dhaabbatichi ibse.

Maddi:- AL Jazeera
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#ColonelGemachuAyana

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa hidhaa irraa hiikaman

Qondaalli ABO Olaanaa koloneel Gammachuu Ayyaanaa hidhaarraa hiikamuun gara mana isaaniitti galuun himame.

Qondaalli ABO Olaanaa koloneel Gammachuu Ayyaanaa hidhaa irraa akka hiikaman Manni murtii ijibbaataa Federaalaa Murteessuun isaa kan yaadatamuudha.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Grade12EntranceExamResult

Bu'aan Qormaata kutaa 12ffaa yoom ifooma?

Akka odeeffannoon Tikvah, Ministeera Barnootaa irraa argateen Qabxiin qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa kan bara 2014, Ji'a Ammajjii walakkaa booda ni ifooma jedhamee eegama. Yeroo ammaa kana Sororamni qormaata marsaa lammaffaa xumuramaa jira.

Bu'aan waliigalaa qormaata kanaa walakkeessa baatii kanaa irraa eegalee ni ibsama jedhamee eegama.

Yeroo jalqabaaf barattoonni kuma 900 ol ta’an yunivarsiitiiwwan keessatti marsaa lamatti qormaata kana fudhataniiru.

#Share
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#grade12entranceexamresult

Qabxiin qorumsaa barattootaa kutaa 12ffaa Jimaata boru ykn Sambata Xiqqaa kana akka gadhifamuu himameera.

Odeeffannoo har'a 'TIKVAH ETHIOPIA'n Ministeera Barnootaa wabeeffachuudhaan ibseen qabxiin barattootaa qorumsaa biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014 qoramanii guyyaa boru Jimaata ykn Sanbataa Xiqqaa akka ifoomuu beeksiseera. #share

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#OduuAmmee

Bu'aan Qormaata kutaa 12ffaa halkan walakkaa irraa eegalee online irratti gadhiifama.

Haaluma kanaan halkan sa'aati 5:30 irraa eegalanii ilaalun ni danda'ama.

• Websitee https://eaes.edu.et/ ykn
• Ergaa Gabaabadhaa 👉6284 Registration Number isaani erguun

• Telegiraamidhaan 👉  https://www.tg-me.com/eaesbot
ilaaluun ni danda'ama.

Hubachiisa፡-

• Barattoonni komii qaban Qaaman dhufuun osoo hin barbaachisin weebsitidhaan hanga gaafa Ammajjii 26/2015 qofa 👉  https://eaes.edu.et/  'Compliant' Kan jedhu tuquun iyyachu ni danda'u.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#MinistryOfEducation

Barattoonni bara 2014 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoramanii qabxii 50% ol argataan gara Yuunivarsitiitti darbuu akka danda'an Ministeerri Barnootaa ibsaa har'a midiyaaleef keennen beeksiseera.

Bara barnootaa 2014tti barattoonni kuma 899 fi 520 qoratamaniiru.

Kanneen keessa qabxii quubsaa (% 50 ol) fiduun kan darban garuu kuma 29 fi 909 duwwaa dha.

Kana jechuun dhibbentaa 3.3 qofaatu darbe jechuu dha, akka Proff. Biraanuu Naggaa Ministirri Ministeera Barnootaa qormaata kaleessa lakkifame ilaalchisuun ibsa kennanitti.

Qabxiin Olaanaan Barattoota saayinsii uumamaa dhiiraan 700 irraa Qabxii 666 fi  dubaraa irraa 650 galmeessaniiru.

Saayinsii Hawaasummaatiin 600 keessaa qabxii 524 galmeeffameera.


@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#WaliifTelevision

Miidiyaa haaraan Waliif TV hundeeffame!

Dhaabbanni Tv Waliif Finfinnee Hoteela Internaashinaalii Ililliitti hundeeffamuun isaa ifoome.

Qaawwa gama Miidiyaatiin ummanni Oromoo qabu guutuufi duuchuuf Miidiyaan Oromoo qaama warraaqsa diinagdee sabichaa keessaa isa tokko tahuudhaan hundeeffamuun guyyaa kana bakka hundeessitoonni Miidiyichaa, Boordiin Miidiyichaa, Abbootiin Gadaa, Abbootiin Amantii,  keessumoonni kabajaa , namoonni Miidiyaatii fi barreessitoonni akkasumas qaamni garagaraa argamanitti hundeeffama isa ifa taasiseeti jira.

Bu'uuruma kanaan Tv ' n Waliif toora xiyyeeffannoo isa guddaa bashannansiisuu fi barsiisuu, oduufi odeeffannoo lammiiwwan biraan gahu, akkasumas diinagdee fi kalaqa, hawaasummaa fi qarooma, aadaa fi seenaa, aartii fi muziqaa irratti fuulleeffachuun kan hojjatu tahuu isa himeera.

Dhaabbanni Miidiyaa Waliif hojjattootaa fi gaazexeessitoota Miidiyaa FIB kan duraaniin dhaabbata Tv bu'uureeffameedha.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#EngineerTakelaUma

Injinar Takkalaa Uumaa erga gara US imalanii guyyaa muraasa booda, miidiyaa hawaasaa irratti dubii ijoo wanti isaan godhu mudate.

Mormitootni isaanii qaaman arganii yeroo balaaleffatan viidiyoon waraabame miidiyaa hawaasaarratti qoodameera.

Viidiyoo miidiyaa hawaasaarratti qoodamaa jiruun walqabates irra hedduun Obbo Taakkalaaf kabajatu ta'a jechuun deeggarsa yoo ibsan kaanis ni malaaf yaada jedhu qoodaa jiru.

Ministira Albuudaa Itoophiyaa ta'anii tajaajilaa kan turan Kantiibaan duraanii magaalaa Finfinnee aangoorraa gaggeefamanii amma barnootaaf biyya Ameerikaatti imalanii jiru.

Erga US gahanii guyyoota muraasa kan ta'e obbo Taakkalaan, ''siyaasa Oromoo irraa hin hafu'' yaada jedhu BBC'f kennaniiru.

Read more:- https://ift.tt/Lx7qtw1

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#GadaaBank

Baankiin Gadaa damee isaa magaalota adda addaatti banuun kenniinsa tajaajila saffisaa ta'e hawaasaa dhaqabsiisuu irratti argama.

Haaluma kanaan damee isaa magaalaa Gincii keessatti bane eebbisuun ifatti hojii kan eegalchiise yoo ta’u, dabalataanis hawaasa naannoo fi qonnaan bultoota adda dureef leenjii Intarpirinarshippii fi ogummaa daldalaa guyyaa lamaaf kennaa ture xumure jira.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#OduuAmmee

Ayyaanni sooma hiikkaa Iidaa 1444ffaan guyyaa boruu ta'uu Sa'udi Arabiyaan gabaaftee jirti.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
Oduu gaddaa

Qabsaa’aa fi weellisaa angafa Zarihuun Wadaajoo dhukkubsatee biyya Hindiitti osoo yaalamaa jiruu dhibeen itti hammaatee fayyuu waan hin dandeenyef Ebla 22/2023 du’aan addunyaa kana irraa boqoteera.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#DrAbiyAhimed #WBO

Mariin Waraana Bilisummaa Oromoo waliin taasifamuu Taazaaniyaatti iftaan eegala jedhame.

Mariin nageenyaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin taasifamuu Taazaaniyaatti Iftaan eegala Jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
2024/05/06 12:42:29
Back to Top
HTML Embed Code: