Telegram Web Link
Sagantaa qormaata biyyoolessaa

Barattoota Saayinsii Hawaasaa
👉26-28/1/205 Seensa Yuunivarsitii
👉29/01/2015 Oorenteeshinii
👉30-01/2015-02/02/2015 guyyaa qormaataa
👉03-04 /02/ 2015 barattoonni gara iddoo dhufanii deebi'u.

Barattootaa Saayinsii Uumamaa
👉05-06/02/2015 Seensa Yuunivarsitii
👉07/02/2015 Oorenteeshinii
👉08/02/2015-11/02/2015 Guyyaa Qormaataa
👉12-13/02/2015 barattoonni gara iddoo dhufanii deebi'u.

@Gadaapost
@Gadaapost
Rakabootii dheerina meetira 34.1 fi bal'ina meetira 4 Finjaala 10,000 fi jabanaa 100 akkasumas Buna daakamaa kg 100 qabatu Irreechaa 2015 iratti dhihaatee galmee riikoordii Afrikaa iratti galmaahee jira

@Gadaapost
@Gadaapost
Irreechaa2015

Ayyaanni Irrchaa bara 2015 Hora Harsadeetti Haala miidhagaa ta'een kabajamaa jira.

Namoonni malkaa Hora Harsadeetti duraa duubaan Irreeffachuun waaqa galateeffachaa jiru.

Qeerroofi Qarreen erga irreeffatanii booda tuuta tuutaan dhiichisaa jiru.

@Gadaapost
@Gadaapost
Wal-dorgommii kubbaa miilaa Indooneziyaatti wal-dhiibuufi walirra bahuun namoonni 129 lubbuun darbuun badii hamaa akka addunyaatti isteediyeemii keessatti yeroo dhihoo keessatti mudate jedhameera.

Wal-dhiibuufi walirra bahuun kan mudate kanneen jeequmsa uuman jedhaman bittimsuuf gaasiin imimmaanessitu erga biifameeti.

Namoonni 180 tahan balaa kanaan kan madaa’an yoo tahu, kunis erga gareen Areemaa FC morkataasaa Surabaayaa Baha Jaavaatti mo’aten booda dha.

Hogganaan ministeera nageenyaa namoonni 4000 tahan humna isteediyeemichi danda’uun ol dabalamaniitu tapha daawwachaa turan jedhan.

 Pireezidant Jookoo Widoodoo  dorgommiin liigiiwwan mummee gidduutti taasifamu hamma dubbiin kuni qoratamutti akka hin adeemsifamne ajajan.

 Viidiyoowwan gadhiifaman akka agarsiisanitti deeggartoonni dorgommiin erga xumuramee booda gara dirreetti yeroo fiigan agarsiisu.

 Kana booda poolisiin gaasii imimmaanessu gadhiise, kunis wal-dhukkaamsuufi walirra yaabuu fidee jedhan hogganaan poolisii Baha Jaavaa, Nikoo Afintaa.

 ‘’Namni hundi seera maleessa hin turre, kanneen 3000 tahaniif gara dirreetti fiigani dha rakkoo kan uuman,’’ jedhe.

 Deeggartoonni baqachaa turan hundi,’’gara balbala bahumsaatti fiigaa turan,’’ akkasiin namni dabalamaa deemee namni iddoo tokkotti gaafa kuufamaa deemu oksijiiniin hanqachaa dhufe jedhan.
 
Viidiyoowwan iddichaa gadhiifaman akka agarsiisaniitti deeggartoonni miliquuf jecha dallaa yaaban fa’i mul’ata. Viidiyoon kaan immoo reeffa lafa kukkufe mul’isu.

 Qaamni kubbaa miilaa addunyaa hogganu FIFA’n gaasiin imimmaanessu iddoo taphaatti biifamuu hin qabu jedhe.

 Waldaan Kubbaa Miilaa Inooneziyaa(PSSI) dhimma kana nan qoradha erga jedheen booda,’’waan mudate maqaa kubbaa miilaa Indooneeziyaa balleessee,’’ jedhe.

 Kubbaa miilaa Indooneeziyaa keessatti hokkorri waan haaraa miti.

 Deeggartoonni Peersebaayaa Suraabaayaa sodaa hokkoraa irraan kan ka’e tikeetii bituurra dhorkamanii turan.

 Balaan kuni seenaa hokkora isteediyemii keessatti mudatuun isa dhiyeenyaati.

Bara 1964tti Arjantiinaatti haala wal-fakkataan namoonni 320 yoo du’an kanneen 1000 ol tahan miidhamanii turan.

 UK’tti immoo deeggartoonni Liivarpuul 97 Shafiild, isteediyemii Hiilsboorootti lubbuun isaanii darbeera

@Gadaapost
@Gadaapost
Gadaa Post bara haaraa kana irra caalaa isinitti dhiyaachuun odeeffannoo haaraa saffisaan isiin biraan gahuuf qophaa’e jira isinis rakkoowwan hawaasa naannoo kessan jiraan qaama dhimma ilaalatu biraan akka isiniif gahu barbaaddan ragaa qabatamaa waliin kara @Yaadakeenya_bot nuun gahu dandeessu.
Haleellaa Horroo Guduruu namoota hedduu galaafatee, kumaatama buqqise

Naannoo Oromiyaa Godina Horro Guduruu Wallaggaatti haleellaa walduraa duubaan aanaalee garagaraa keessatti raawwatameen namoonni dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamuu isaanii namoonni ijaan arganii fi haleellaa kana baqatanii gara naannoo biraatti ce’an BBC’tti himan.

Namootni haleellicha baqatanii gara naannoo Amaaraatti deemanii fi Yuunivarsiitii Wallaggaa Kaampaasii Shaamuu keessa buufatan akka jedhanitti, haleellaan kun erga jalqabamee torban hedduu lakkoofsiseera.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Fulbaana 16/2015 Ibsa baaseen, Hagayya 25, 2014 irraa eegalee aanaalee Amuruu, Horo Bulluqii fi Jaardagaa Jaartee keessatti torban sadiin keessatti haleellaa raawwatameen lammiileen nagaa 100 ol ta’an ajjeefamaniiru.

Komishinichi haleellaa kanaaf itti gaafatamtoota  jechuun Waraana Bilisummaa Oromoo (ABO-Shanee] hidhattoota Faannoo fi namoota dhuunfaa eereera.

Komishinichi hidhattootni haleellaa saba irratti xiyyeeffate lammiilee nagaa irratti raawwachuu akka hin qabne hubachiisuun, haleellaan kun itti fufee babal’achuu danda’a jechuun yaaddoo qabus ibseera.
Namootni ijaan argine jedhanii fi baqachuun naannoo Amaaraa galuu himan, miseensota maatii isaanii dabalatee namoonni nagaa hedduun hidhattootaan ajjeefamaniiru.

Keessattuu, Kamisa, ALI Fulbaana 12/2015, ganama sa'aatii 11:00 irraa eegalee, Aanaa Jaardagaa Jaarteetti haleellaan haaraan kan raawwatame yoo ta'u, namoonni hedduun, kan lakkoofsa isaanii hin beekamne, ajjeefamuu isaanii himaniiru.

Akka namoonni ijaan argan kunneen jedhanitti gareen hidhattootaa haleellaa kana raawwate "ABO-Shabee’’ yoo ta'u, haleellaan kun ''eenyummaa irratti hundaa'uun'' akka ta'e dubbatan.
Isaan kana haa jedhan malee haleellaa naannicha keessatti qaamolee adda addaan raawwateen lubbuun namoota sabaan Oromoo tahanii hedduun darbeera.

Namootni hedduun hidhattoota Faannoon ajjeefamuun kaan ammoo qabeenyi isaanii saamamee kaan gubatee qe’ee isaanii irraa buqqa’uun gara aanaalee ollaa fi gara magaalaa godinichaa- magaalaa Shaambuutti baqachuu namootni BBC’n dubbise himaniiru.

Biiroon Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaa Fulbaana, 14/2015 Ibsa baaseen, ''gareen hidhattootaa godina Horroo Guduruu keessatti haleellaa bananiin namootni nagaa fi miseensotni milishaa’’ ajjeefamuu hime. Lakkoofsa namoota du’anii garuu hin ibsine.

Waraanni Bilisummaa Oromoo, kan mootummaan ‘’shororkeessaa’’ jechuun labse garuu namoota nagaa irratti haleellaa akka hin raawwanne himu.

Hidhattootni Faannoo aanaalee naannoo Oromiyaa karaa Godina Horroo Guduruu daangaa irra jiran galuun yeroo hedduu haleellaa raawwataa turuu mootummaan naannoo Oromiyaafi jiraattotni naannichaa irra dedebiin ibsaniiru.

Kan ammaa kana irratti garuu mootummaan naannoos ibsa bal’aa hin kennine.

Ji’uma darbe keessa aanaa Horroo Bulluq galuun namoota nagaa 40 ol ajjeesuu namootni BBC’n dubbise himaniiru.

Akkasumas hidhattootni Faannoo aanaa Amuruu magaalaa Hagamsaa galuun haleellaa rraawwataniin yoo xiqqaate namootni 60-70 ol ajjeefamuu komishiniin mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibseera.

@Gadaapost
@Gadaapost
Humnootiin Tigraay naannawa Walloo Kaabaa, kan baatii tokkoo oliif to’atanii turan, gadhiisanii bahuu ibsan.

Komaandiin Jidduugala Tigraay ibsa karaa TV naannichaatiin baaseen, haala qabatamaa waqtaawaa jiru hubannoo keessa galchuun, humna waloo Itoophiyaa fi Ertiraa ‘‘haala amansiisaa ta’een qolachuuf kallattiifi eddo ittisaa irratti jijjirama taasisuun barbaachisaa ta’uun argameera,’’ jedhe.

Tarkaanfii humnootiin Tigraay fudhadhe jedhe kana ilaalchisee gama mootummaa Itoophiyaatiin hanga yoonaatti kan jedhame omtu hin jiru.

Humnootiin Tigraay guyyoota sadan darbaniif naannawa Walloo kaabaatii gadhiisanii bahuu fi loltoonni Tigraay murtee kana hojiirra oolchaa akka turan ibsameera.

Ibsichi dabalunis waraana tokko malee ofiidhuma isaanitiin eddicha gadhiisanii bahuu kaasuun, ‘‘adda Kanaan haleellaan kan banamu yoo ta’e ammo jireenya keenyaaf jecha deebinee seenuu dandenya,’’ jedhe.

Erga gargaarsa namoomaaf jecha waliingalteen dhukaasa dhaabuu taasifame diigamuun waraanni deebi’ee ka’een booda, humni raayyaa ittisa Itoophiyaa dhuma baatii Hagayyaa keessa Qobboo gadhiisee bahuu beeksisee ture.

Yeroo sanattis raayyaan ittisaa ‘dhumaatii ummataa’ hambisuuf jecha magaalaa Qobboo kan Waloo kaabaatti argamtu dhiisee bahu beeksisuun isaa ni yaadatama.

Humnootiin Tigraay gama isaanitiin, ‘‘duula yeroo sanatti haleellaa irratti baname qolachuuf taasiseen’’ eddoowwan kannen qabanne jedhee ture.

Humnootiin Tigraay eddoowwan to’anneerra jedhe tures magaalaa Qobboo dabalatee, Guguwudo, Fokiisaa, Zoobil, Mandafaraa, Roobiiti, Takulaashiifi kanneen fa’i ture.

Waraanicha eegaluudhaaf qaamni kaan isa biraa himataa kan ture yoo ta’u, ibsa humnootiin Tigraay kaleessa galgala kennaniin, ‘‘karaa Qobbootiin haleellaa kan bane ture humna Maqalee to’achuu kaayyeffateedha’’ jedhe.

‘‘Lafa Amaaraa qabachuufis ta’e laficha dirree waraanaa taasisuuf karoora hinqabnu’’ kan jedhe ibsichi, ‘‘jireenya ummataa mirkanneessuuf haleellaa ofiirraa qolachuuf dirqiisiifamne kan itti seeneefi humna waloo dadhabsiisuun gara marii nagaatti fiduufidha’’ jedhe.

Mariin nagaa hoggansa ergamaa addaa Gamtaa Afriikaatiin baatiiwwaniif yaalamaa tures bu’aa osoo hin argamsiisiin waraanichi deebii’e ka’unsaa ni yaadatama.

@Gadaapost
@Gadaapost
#Eeruu uumataa
Godina Bunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti Namoonni hidhatan gara magaalaa seenuun ummata rakkisaa fi saamicha irraan gahaa akka jiran eeruu jiraatoota bira nu gaheeraa mirkaneeffachuu dandeenyeerra. Haaluma kanaan qaamni dhimma ilaalatu iddootti argamuun furmaata hatatamaan akka laatamuu hubachiisuu barbaanna.

@Gadaapost
@Gadaapost
Atileet Taayyee Girmaan dorgommii kamirraayyuu waggaa 5fi baatii 4’f dhorkame

Atileet Taayyee Girmaa qoricha  si’eessituu qaamaa fudhachuusaatiin gosa dorgommii ispoortii   kamirraayyuu waggaa 5fi baatii 4’f dhorkamuu Abbaan Taayitaa Farra Sieessituu Ityoophiyaa beeksise.

Bu’aan atileetichi baatii Bitootessaa 28, 2013 irraa eegalee galmeessise akka haqamaniifi badhaasonni argate akka deebifaman murtoo dabarsuu abbaan taayitichaa eereera.

Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Ityoophiyaa 50ffaa Bitootessa 28, 2013 gaggeeffameefi dorgommii fiigicha kiilomeetira 10 Xaaliyaanii magaalaa Teeleesee Teermeetti adeemsifameerratti atileetichi qoricha si’eessituu qaamaa ‘Erythropoietin’ jedhamu fayyadamuu qorannoon bira gahamuu eeramuu TOI gabaaseera.

@Gadaapost
@Gadaapost
Gadaa Post
Photo
Hawwii Maatiwoos:
Muuxannoo Gidaamii hanga biyya Indiyaa dorgommii bareedinaa injifachuuf gumaache


Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa dorgommii ‘Miss Tourism Oromia’ jedhuun dorgommmii bareedinaa waggaa waggaadhaan qopheessaa jiruun dorgommii baranaa kan injifatte Shamarree Hawwii Maatiwoosi.

Dorgommii kana injifachuusheetiin badhaasa Birrii kuma 200 argattees jirti.

Hawwiin waa’ee Dorgommii bareedinaa kanaa fi muuxannoo jireenyashee ilaalchisuun addatti BBC waliin turtii taasiftee jirti.

Ofii Hawwiin eenyu?
Godina Qellam Wallaggaa Gidaamiitti akka dhalatte kan himtu shamarreen Hawwiin, daa’imummaarraa kaasuun kan guddatte garuu Magaalaa Finfinneetti.

“Dhaladhee waggaa tokkottin Finfinneetti Gale. Kanin baradhes kanin guddadhes Finfinneedhumatti. Kutaa 12 fixee Yunvarsiitii Jimmaattin ramadame. Achitti waggaa tokko akkuman baradheen qabxii olaanaa waanin Fideef carraan barnoota biyya alaa naaf kenname” jetti.

Bara 2010 irraa eegaluun waggoota Afuriif biyya Indiyaatti ogummaa Faarmaasii barattee gara biyyaatti deebi’uun Finfinneetti dhaabbata qoricha omishu tokko keessatti qacaramtee hojjechaa akka jirtus himti.

Waggoota afur biyya hindii turte kanattis afaan warra Indiyaa akka gaariitti dubbachuu fi dhagahuu akka barattes dubbatti. Afaan Oromoo, Amaaraa fi Ingilizii akka gaariitti akka dandeessuu fi Afaan Kooriyaa ammoo akka dhageessu himti.

@Gadaapost
@Gadaapost
Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaaf qophii gahaan taasifameera-BBO

Biiroon Barnootaa Oromiyaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa Fulbaana 30 irraa eegalee kennamuuf qophii gahaan taasifamuu Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon ibsan.

Barana Naannoo Oromiyaatti barattoonni kuma 393 fi 981 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa kan fudhatan yoo ta'u, qormaatichis Yuunivarsiitiiwwanitti kan kennamu ta'uun walqabatee, hanga danda’ameen barattoonni naannichaa Yuunivarsiitiiwwan Naannoo Oromiyaa keessatti argaman 14’n jiran kan naannawaa isaanitti dhiyootti akka ramadaman taasifamuu ibsaniiru.

Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa Fulbaana 30 hanga Onkoloolessa 2, 2015 barattoonni Saayinsii Hawaasaaf, Onkololeessa 8-11, 2015 baratoonni Saayinsii Umamaaf akka kennamu Ministeerri Barnootaa beeksisuun kan yaadatamuudha.

@Gadaapost
@Gadaapost
Gadaa Post
Photo
waraanaa Yugaandaa 'Keeniyaa qabachuuf torban lama qofa nutti fudhata' jechuun barreesse ijoo dubbii ta'e

Ilmi Pirezidaantii Yugaandaa Let. Janaraal Muhoozi Kainerugaba karaa toora tiiwiitara isaanitiin, ''Aniifi waraanni koo Naayiroobii to'achuudhaaf torbanoota lama qofaa nutti fudhata'' jechuun barreessuun lammiilee Keeniyaa dheekkamsiiseera.

Abbaan hogganaa waraana lafoo Yugaandaa, Yuwerii museveniin waggoota 40tti siqaniif biyyattii bulchaa jiru.

Hogganaan waraanaa kun guyyoota lama dura waa'ee Itoophiyaa irratti yaada falmisiisaa kennanii ture.
Muhooziin '' Tigiraayiin ni ittisna,'' jedhanii osoo hin turiin ammoo, ''Minilik II'n akaakayyuu keenya,'' jechuun fuula tiwiiterii isaanii irratti maxxansanii ture.

Amma immoo ''Naayiroobii qabachuuf anaafi waaraana koo torban lama qofa nu fudhata'' jechuun fuula Tiwiiterii isaanii irratti barreessuun falmii guddaa kaaseera.

''Rakkoon koo tokko obboleesikoo hangafaa yeroo sadaffaaf dorgomuu dhiisuu isaati, silaa salphaatti mo'anna ture,'' jechuun waa'ee pirezidaantii duraanii Uhuuruu Keeniyaataa aangoo karaa nagaa Wiiliyaam Ruutootti dabarsanii barreessan.

Muhooziin abbaa isaanii Yuwerii Museveenii irraa aangoo pirezidaantummaa fudhatu jedhamuun eegamu.

Fuulli Tiwiiterii kun tarii kan sobaatii jedhamee yaadamus kanuma dhuunfaa isaaniiti.

Ministerri Dhimma Alaa Yugaandaa hariiroon biyya keenyaa fi Keeniyaa dubbii miiidyaa hawaasaa irratti kan bu'uureffame miti jechuun ibsa baase.

Biyya ollaa keenyaa walaba taate Keeniyaa wlaiin duudhaa fi aadaa waloo waan qabnuuf ollaa gaarii wal tumsan tahuu barbaanna malee imaammatni alaa keenya dubbii miidiyaa hawaasaa irratti hin hundaa'u jedhe.

Madda #BBC

@Gadaapost
@Gadaapost
Kutaa magaalaa Qirqoositti balaa sigiga lafaan lubbuun namoota 2 darbe.

Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Qirqoos aanaa 03tti balaa sigiga lafaan lubbuun namoota 2 darbuu ibsame.

Balaa sigiga lafaa Kaleessa galgala halkan keessaa naannoo sa’aatii 10:00 naannoo Wangeelaawwiit jedhamee beekamutti mudateen lubbuun namoota 2 darbuufi namoota 2 irratti ammoo miidhaa salphaan ga’uun wal’aansa yaala fayyaa argachaa jiraachuu  ibsameera.

Dabalataanis manneen 4 irra miidhaa guddaan qaqqabuu hogganaan waajjira nageenyaa kutaa magaalichaa obbo Taayyee Shifarraawu ibsaniiru.

Ka’umsi balichaa poolisiin qoratamaa jira jedhame.

Maddi:- Kominikeeshinii kutaa magaalicha.

@Gadaapost
@Gadaapost
Ayyaana Mawuliidaa sababeeffachuun Hordoftoota Amantaa Islaamaa qormaata kutaa 12ffaa qoramaniif haalli mijate

Hordoftoonni Amantaa Islaamaa qormaata kutaa 12ffaa qoraman Fulbaana 28 ayyaana Mawuliidaa kabajuun Fulbaana 29 haala addaan akka seenaan haalli mijachuu Ministeerri Barnootaa beeksiise.

Qormaata biyyaalessaa 12ffaa bara 2014 Fulbaana 30 eegalee barattoota Saayinsii Hawaasaaf laatamuuf barattoonni Fulbaana 26 – 28, 2015tti iddoolee ramadamanitti argamuun Fulbaana 29, 2015  dhimmoota qormaatan walqabatanirratti ibsi akka laatamu ibsamee ture.

Yaa ta’uutii hordoftoonni Amantaa Islaamaa Fulbaana 28 ayyaana Mawuliidaa kabajuun Fulbaana 29 haala addaan akka seenaan haalli mijachuu Ministeerichi beeksiiseera.

Ibsi dhimmoota qormaatan walqabatanirratti Fulbaana 29,Dilbata weeree booda kan laatamu ta’uu eereera.

Hordoftoonni Amantichaa kana hubachuun yeroo jedhametti argamuun ibsicha akka hordofan yaadachiiseera.

@Gadaapost
@Gadaapost
2025/10/22 13:54:12
Back to Top
HTML Embed Code: