Telegram Web Link
📬Baankii Siinqee
Waamicha Qormaata gaaffii qomaa (Interview).

Gita hojii ''Graduate Trainee'' iratti Baankii Siinqeetti Qacaramuuf qormaata barreeffama fudhattanii Interview eegaa jirtaan guyyaan qormaata kan bahe ta’u hubattanii akka qophooftan isiin hubachiisuu barbaanna.
#Maqaa fi guyyaa qormaata liinkii kana gadii keessatti argattu

https://www.tg-me.com/+TvWCGmhc3kLLI_9L

@Gadaapost
@Gadaapost
Qormaata biyyoolessaa kutaa 12n walqabatee iddoo Yunvaristoonni fi dameewwan itti argamaan haala armaan oliin ifoomera.

@Gadaapost
@Gadaapost
Gadaa Post
Photo
TPLF affeerraa marii nagaa Gamtaa Afrikaan dhihaate fudhachuu ibse

Gamtaan Afrikaa mariin nageenyaa akka eegalamuuf qaamolee walwaraaniif xalayaadhaan waamicha dhiheessuu hordofee mootummaan Itoophiyaa affeerrichi akkaataa fedhii mootummaatiin ta'uu ibsuun simateera.

Erga mootummaan Itoophiyaa affeerraa kana fudhachuu ibdee booda ibsa kan baase TPLF gamasaan, marii araaraa Sanbattan dhufu Afrikaa Kibbaatti adeemsifamu irratti hirmaachuuf qophii tahuu himeera.

Pireezidantiin Naannoo Tigraay Dabiratsiyoon Gabramikaa’el xalayaa Komishinarii Komishinii Gamtaa Afrikaa Musaa Faakiif barreessaniin, ‘’waraana kana karaa nagaan furuuf qophii dha,’’ jedhan.

TPLF ibsa Fulbaana 11,2022 baaseen lolli hatattamaan dhaabbatee gara mariitti akka adeemamuuf gaafachuusaa yaadachiiseera.

Kanaanis Gamtaan Afrikaa ‘’lolli dhaabbachuu qaama ajandaasaa akka godhatu,’’ TPLF gaafateera.
Garee marii kanarratti hirmaatu gara Afrikaa Kibbaa erguuf qophii tahuu ibsuun booda TPLF dhimmooti ifa hin taane jiraaachuu himuun gamticharraa ibsa gaafateera.

Kunis hirmaachuu,’’ taajjabdootaa akkasuma gaheen hawaasa addunyaa maali?’’ kan jedhu gareen TPLF ibsa kanarrtti dhiyeesseera.

Mootummaan Itoophiyaas marii nagaa waraana kaabaaa Itoophiyaatti humnootii Tigraay waliin gara waggaa lamaatiif gaggeeffame karaa marii nagaatiin furuuf Gamtaa Afriikaan waamicha dhiyaateef fudhachuu beeksiseera.

Gamtaan Afriikaa qaamolee wal waraanaa jiran Mootummaan federaalaa fi humnootiin TPLF gara marii nagaatti akka deebi’aniif torban darbe keessa xalayaa barreessuun barameedha.

Mootummaan Itoophiyaa ibsa karaa Tajaajila Komuunikeeshinii Mootummaatiin baaseen, qaamooleen marii nagaa kana hoogganan, guyyaafi eddoon marichi itti gaggeeffamu ibsamuun waamichi akka dhiyaateef himeera.
Mootummaan Itoophiyaa ibsa Roobii Onkolooleessa 5, 2022 baasee kanaan, ‘‘Walitti bu’insicha furuudhaaf tarkaanfiiwwan furmaataa gosa kamuu fudhachuudhaaf sochaa turuunsaa kan yaadatamu yoo ta’u, ammas cimsee kan itti fufuu ta’e jechuun’’ marii nagaatiif qophii ta’u ibseera.
Rooyitarsi maddeen dippiloomasii wabeeffachuun akka gabaasetti, mariin kun dhuma torbee kanaarratti Afrikaa Kibbaatti eegalamuuf karoorfame.Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Redwaan Huseen, mootummaan marichi haal-duree malee akka eegalamu duraanuu ejjannoo agarsiisaa waan tureef amma affeeraa dhihaate ni simata jechuun tiwiitara isaaniirratti barreessan.

Xalayaa waamichaa Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahamatiin mallattaa’uun Onkolooleessa 1, 2022 bahe irratti akka caqafameetti, mariin marsaa tokkooffaa Dilabata Onkolooleessa 8, 2022 Afriikaa Kibbaatti eegalama.

Maddi Oduu Rooyitarsi gamasaatiin madden dippilomaatootaa eeruun, Gmataan Afriikaa dura taa’aa TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliif xalayaa affeerraa erguu gabaaseera.

Affeeerraa jedhame kana ilaalchisees Rooyitarsi dubbi Himaa TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa irraa mirkanneeffachuuf gaaffii dhiyeesseen, waa’ee marii dhiheenyatti gaggeeffama jedhameerratti omaa akka hin beekne ibsuu dabaluun gabaaseera.

Waraana waliinii Kaaba Itoophiyaa karaa marii nagaa furuuf jaarsummaa Oliseegun Obasaanjoo fi marii Gaaddisa Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffamu didaa kan turan humnoonni TPLF, waraanni bifa haaraan akkuma eegaleen Gamtaa Afrikaa jalatti mari'achuuf fedha qabaachuu ibsanii turan.

@Gadaapost
@Gadaapost
Pireezidaant Wiiliyaam Ruutoon daawwannaa hojiif Finfinnee galan

Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon daawwannaa hojiif Finfinnee galan.

Pireezidaantichi wayita Finfinnee gahan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Simataniiru.

Turtii isaaniin dhimmoota gamlameerratti ni mari’atu jedhameetu eegama.

@Gadaapost
@Gadaapost
Barattoonni kutaa 12ffaa qormaataaf gara Yunversitii seenuu eegalaniiru.

@Gadaapost
@Gadaapost
Godina Booranaa Aanaa Waacilee Ganda Weebitti kan dhalateefi barataa kutaa 8ffaa kan ta'e Aadan Huseen Diidaa rakkoo uummata naannoo isaa hubachuun waantota naannoo isaatti argaman kanneen akka dhoqqee Loonii, Ashaboo, shiboo elektirikaa, pilaastika fi sibiilota caccabaa walitti qabuun ibsaa hojjateera.

Barataan umuriin isaa ganna 15 ta'e Aadan kalaqa isaa kanaan bakka dhaloota isaa kan taate Ganda Weebiif ibsaa gumaachuun abbootiin warraa 28 tajaajila ibsaa sa’aa 24 akka argatan taasisee jira.

Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa haasaa taasisaniin "namoonni akkanaa yoo baay'atan guddinna biyyaa keessatti gahee olaanaa qaba jechuun kalaqaan cinattis barnoota idileenis cimuun murteessaa ta'uu himaniiru.

Gara fuulduraattis Mootummaan Naannoo Oromiyaa namoota dandeettii kalaqaa akkanaa qaban cinaa dhaabbachuun kan jajjabeessu ta'uu dubbataniiru.

@Gadaapost
@Gadaapost
Saafaariikoom Finfinneetti tajaajila neetiwoorkii maamiltootaa jalqabsiise

Saafaariikoom Magaalaa Finfinneetti tajaajila neetiwoorkii maamiltootaa jalqabsiiseera.

Sagantaa jalqabsiisa tajaajilichaa hoggantoonni hojii dhaabbatichaa fi keessummoonni biroon bakka argamanitti jalqabsiiseera.

Hoji Raawwachiisaan Saafaariikoom Ityoophiyaa Anuwaar Saa’uuluu, dhaabbatichi hojii akka jalqabuuf tumsaa mootummaan Ityoophiyaa fi qaamoleen dhimmichi ilaallatu biroo taasisaniif galateeffataniiru.

Saafaariikoom Ityoophiyaan, Ityoophiyaatti diinagdee dijitaalaarratti gahee isaa bahachuu fi waliin gahiinsa  isaa babal’isuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan akka hojjetu dubbataniiru.

Saafaariikoom Dirree Dawaa, Mojoo, Harar, Adaamaa , Bishooftuu, Baahirdaar, Awwadaay, Goondar fi Dabira Birhaanitti yaalii tajaajila neetiwoorkii jalqabuu ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.

@Gadaapost
@Gadaapost
Qormaati biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2015 baatii Caamsaa keessa kan kennamu Ministeerri Ministeera barnootaa pirofeeser Birhaanuu Naggaan himan.

Barattoonni bara kana gara kutaa 12ffaatti darban qormaata seensa yuunivarsiitii baatii Caamsaa keessa ni fudhatu. 

Dhiibbaa Koovid 19 fideen sirni barnootaa ji'ootaan duubatti hafee ture bara kana bakkatti ni gala.

@Gadaapost
@Gadaapost
Ayyaana Mawuliidaa sababeeffachuun guyyaa boruu madfiin si’a 9 ni dhukaafama.

Ayyaanicha sababeeffachuun boruu ganama sa’aatii 12:00tti madfiin si’a 9 kan dhukaafamu ta’uu ministeerichi beeksiseera.

Akkasumas, Ayyaana Mawulida yeroo 1497ffaa ayyaaneffamu sababeeffachuun Eejensiin Qulqullinaa Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Addis Katamaa waliin ta’uun, naannawaa ayyaanichi ayyaaneffatamu sagantaan qulqulleessuu gaggeeffameera.

@Gadaapost
@Gadaapost
Baratoota qormaata kutaa 12 fudhatan irra balaan qaqabe.
Konkolaataan barattoota qormaata fudhatan fe'ee gara Yunversitii Bahaardaaritti imala ture konkolaataa uumata fe'ee deemaa turee waliin walitti bu'uun midhaan salphaa hanga midhaa jabaa qaqabuu Koomnikeeshiniin Godina Kaabaa Meeccaa gabaasee.

@Gadaapost
@Gadaapost
2025/10/21 16:50:31
Back to Top
HTML Embed Code: