Gadaa Post
Photo
Maanguddoon Umrii waggaa 85 qormaata kutaa 12ffaa fudhachuuf gara Yuunvarsiitii imalan.
Maanguddoon Umrii waggaa 85 qormaata kutaa 12ffaa fudhachuuf gara Yuunvarsiitii Walaayittaa Sooddoo imalan.
Yuunvarsiitii Walaayittaa Sooddootti barattoonni kumni 30 ol qormaata kutaa 12ffaa fudhachuuf gara Yuunvarsiitichaa seenaa jiru jedhame.
Barattoota qormaata fudhachuuf gara Yuunvarsiitichaa seenaa jiran keessaa jiraataan Godina Walaayitaa aanaa Baayiraa Kooyishaa Maanguddoon Umrii waggaa 85 Obbo Baafaa Baagaajaan isaan tokko.
Maanguddoon kun barattoota marsaa jalqabaan qormaata fudhatan keessaa isaan tokko Yoo ta'an Kaayyoon koo barachuun beekkumsaan argadhuun biyya kiyya tajaajiluudha jedhan. Abbaa ijoollee 8 kan ta'an Obbo Baafaan sababa dhiibbaa jireenyaan bra 1949 kutaa 7ffaa keessaa barnoota isaanii adda kutuu ibsaniiru.
Waggoota 60 booda bra 2009 Man Barumsaa sadarkaa 2ffaa fi qophaa inaa Baayiraa Kooyishaatti irra deebiin barnoota isaanii itti fufuu himaniiru Obbo Baafaan beekkumsa horachuun umriin hin daangeffamu ejjennoo jedhu qabaachuu ibsaniiru
@Gadaapost

Barattuun Qormaataa Kutaa 12ffaa Qoramuuf Yuunivarsiitii Dirree Dawaa Seente Ilma Dhiiraa Deesse
Barattuun Godina Harargee Lixaarraa Yuunivarstii Dirree Dawaatti Qormaataa Kutaa 12ffaa qoramuuf imalte ilma dhiiraa nagaan oofkalte.
Barattuu Tsiggereedaa Abarraa mana barumsaa Qophaa’inaa Burqaa Diimturraa Qormaata biyyaalessaa Kutaa 12ffaa fudhachuuf Yuunivarsiitii Dirree Dawaa erga geessee har’a sa’aatii 7:00 irratti ilma dhiiraa nagaan oofkaluu ishee ibsameera.
Yeroo Ammaa Barattuu Tsiggereedaa fi daa’imni ishee haala gaariirratti kan argaman ta’uu himameera.

Ayyaanni Mawulidaa Magaalota Harariifi Gondaritti kabajamaa jira
Ayyaanni guyyaa dhalootaa Nabiyyuu Mahaammad 1497ffaan Magaalota Harariifi Gondaritti kabajamaa jira.
Magaalaa Hararitti hordoftoonni amantaa musliimaa hedduun Nabiyyuu Mahaammadiin galateeffachaa ayyaana guyyaa dhaloota isaanii kabajaa jiru.
Jaalalaafi garaa laafummaa Nabiyyuu Mahaammad dhala namaaf qaban akkasumas obsa isaaniirraa dhaloonni ammaa barachuu akka qabu hordoftoonni amantichaa ayyaanicharratti hirmaatan ibsaniiru.
Bifuma walfakkaatuun Ayyaanni Mawulidaa magaalaa Gondaritti masjiida Jaamii Alkabiiritti kabajamaa jira.

Barattoonni bilbila qabatanii gara Yunversitii dhufan to'annoo seeraa jala jiru jedhame.
Barattoonni bilbila fi meshaalee elektrooniksii akka hin qabannee dhorkamanis karaa adda addaan qabatanii warri argaman to'annoo seera jala kan jiran yoo ta'u qormaata irra akka haqaman dhabbanni barnoota olaanaa ibseera.

" Barattoonni qormaataaf deemanii yunivarsiiticha keessatti dahan, bara dhufu akka barattoota idileetti akka qoramaniif carraan ni kennamaaf" - Tajaajila Qormaata fi Madaallii Barnootaa
Qormaatamtoota kutaa 12ffaa ulfa irra jiranii fi harma hoosisaniif sirni qormaataa isaaniif ta'u yeroo dhufutti akka qophaa'uu Tajaajilli Madaallii fi Qormaata Barnootaa beeksise.
Kanaafuu qormaata Fulbaana 30/2015 irraa eegalee kennamu kana qoratamuun isaan hin barbaachisu jedhame.
Kunis ji'oota dura sadarkaa aanaa irraa kaasee ibsameera. akka qajeelfamaattis akka bu'e ibsaniiru.

'Ani Siif Jira'- Waldaa hawaasa harka qalleeyyii bira dhaabbachuuf hundaa'e
‘Ani Siif Jira’ waldaa walgargaarsa hawaasaa Godina Wallagga Lixaa magaalaa Gimbii keessatti dargaggootaan ijaarameedha.
Waldaan hojiilee gargaarsa namoomaa magaalicha keessatti hojjetuun beekamtii gonfachaa dhufe kun, bifa qixaa’een gurmaa’ee hojii erga eegalee ji’oota jaha lakkoofsiseera.
Waldichi magaalaa Gimbii keessatti miseensota barattootafi hojjettoota ta’an 33 qaba.
Itti Gaafatamtuun Waajjira Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa magaalaa Gimbii Aadde Amsaalee Waaqtolaa, “Kan dargaggoonni kunneen hojjataa jiran kunis waan dargaggoota birootiif fakkeenya ta’udha. Baay’ee tattaafatu, hawaasa birattis jaalala kan qabu,” jechuun miseeensota waldaa Ani Siif Jira ibsan.
Jaalala nama gargaaruu
Hundeessaan waldaa ‘Ani Siif Jira’ dargaggoo Yooseef Garramuu magaalaa Gimbii keessatti dhalatee guddate.
Yeroo ammaa boqonnaaf magaalattii keessa jiraatullee Yunivarsiitii Ambootti barataa waggaa afraffaati.
Jaalallii fi fedhiin namoota rakkatan gargaaruuf qabu waan yeroo ijoollummaa isaatii kaasee waliin guddate ta’uu hima.
“Namoonni gammachuun ofii qabu, nagaan ofii qabu hinqabne akka jiran waanan beekuuf namoota sana gargaaruu wanti jedhu keessakoo bule,” jedha.
Haaluma kanaan bara 2014 Yunivarsiitii Amboo Kaampaasii Gudaritti osoo baratuu, barattoota irraa maallaqa walitti qabuun namoota gargaaruu akka eegale dubbata.
“Yeroo jalqabaaf qarshii 915 walitti qabuun harmee harka qalleessa deemsa sa’aa lamaa deemuun qoraan cabsitee jiraattu gargaarre,” jedha.
Sana boodas dargaggoota biroo of cinaa hiriirsuun ji’oota jaha dura waldaa walgargaarsa hawaasaa ‘Ani Siif Jira’ hundeesse.

#HawassaUniversity
Ganama har’aa barattoonni kuta 12 qormaata biyyaalessaa fudhachuuf Yunvarsiitii Haawaasaa kessa turan Riiqichi kaampaasii tokko irra gara kaampaasii biraa geessu cabuu isaan barattoota ira midhamni gaheera.
Barattoonni miidhamni irra gahe qormaata itti aanu iratti akka qoraman gabaafameera.
Sababni balaa kana barattoonni humnaa ol riqicha gubbaa ba'uu isaanittiin akka ta'es dabaluun gabaafameera.

#Hawassa
Maatiin barattoota tasgaba'a bulchiinsa magaalaa Hawaasa.
Balaa ganama kana muudaten barattoonni miidhaman haala gaariin yaaliin godhamaafii sababi jiruuf maatiin barattoota akka tasgabaa’anii ta'an Bulchiinsi maagaalaa Hawaasaa gaafateera.

#Kuta_12
Barattoonni Kutaa 12 Yunversitii Walaayittaa kessatti ramadaman qormaata haala kanaan fudhachaa jiru.

#Yunversitii_Hawaasa
Odefannoo hanga ammaa jiruun balaa Yuniversitii kessatti qaqabeen lubbuun nama tokko yoo darbu midhaa hamaa lamaa fi midha sasalphaa gahuun ifa godhameera.

Mootummaan Itoophiyaa adeemsa marii TPLF waliin jalqabe akka itti fufu beeksise
Mootummaan Itoophiyaa nagaa buusuuf jecha TPLF waliin marii taasisu akka itti fufu Pireezidant Sahaalawarq Zawudee ibsan.
waliinii mana maree bakka bu’oota uummataafi federeshinii jalqabaa bara hojii waggaa lammaaffaa irratti pireezidantittiin haasaa taasisaniin dhimmoota bara kana mootummaan irratti xiyyeefatu yeroo ibsan kana dubbatan.
'‘Haala faayidaa biyyattii kabachiiseen,’’ akkasumas '‘akkaataa waaraa,’’ taheen marii TPLF waliin taasifamu akkatti fufu ibsaniiru.
Pireezidantittiin akka jedhanitti mootummaan marii itti fufu illee,’’karaan nagaa dhiisamee qoccollaan yoo raawwate tarkaanfiin ni fudhatama,’’ jechuunis ibsaniiru.
Dabaluunsi mootummaan haal-duree tokkoyyuu malee, marii’achuuf fedhii qabu ibsun,’’hulaan nagaa hin cufamu,’’ jechuun jala muraniiru.
Garaagarummaan kamiyyuu hiikuuf,’’ haal-duree tokko malee marii’achuuf ammallee mootummaan waamicha dhiyeessa,’’ jechuun pireezidantittiin dubbataniiru.
Waamicha marii Gamtaa Afrikaa torbee darbee hordofee mootummaan Itoophiyaa haal-duree iddoo fi yeroo kamittiyyuu marii taasisuuf qophii tahuu affeerraa marii nagaa fudhachuu beeksisee ture.
Haala wal-fakkaataan TPLF illee jaarsummaa Gamtaa Afrikaan marii Afrikaa Kibbatti taasifama jedhamerratti hirmaachuuf qophii tahuu ibsee ture.
Haa tahu malee mariin sabattan darbe taasifama jedhame rakkoo loojistiksiin otoo hin adeemsifameen hafeera.
Pireezidant Sahaaliwarqeen bara kana biyyattiin waraana keessaa akka baatuuf fedhii akka qabdu eeranii, Gamtaan Afrikaa tattaaffii nagaa taasisu akka itti fufus abdiin akka jiru himaniiru,
Kana malee haasaa mana maree lameeniif taasisaniin, marii TPLF waliin taasifamuun dabalataan Komishinii Marii Biyyaalessaa garaagarummaa yaadaa akka biyyaatti jiru furuuf tattaaffii taasisu mootummaan akka deggaru ibsaniiru.
'‘Waraanni dhiiga dhangalaase hammeenya uumeefi marammartoo lolaa keessa bahuuf,’’ koomishinicha cina dhaabbachuun akka barbaachisu himaniiru.
Walgahii har’a sa’aa booda taasifameen, dhimma siyaasaa, hawaassummaa akkasumas diinagdee irratti karoora mootummaan qabate pireezidantittiin ibsamaniiru.