Telegram Web Link
وَٱجۡعَلۡنيِ مِـن وَرَثَـةِ جَنَّـةِ ٱنلَّعِيمِ
👍21
Obboleewwan keenya warra Gazzaa du'aa'ii teeysaniin yaadadhaa
Akka nama tokkicha warra gazzaa du'aa'ii isaatiin isaan eeggatuu fii too'atuutti isaaniif kadhadhu. Akka waan si malee nama kadhatuuf hin qabneetti of lakaaii du'aa'ii godhiif
👍155
عيدكم مبارك تقبل الله منا ومنكم
18👍4
عيدكم مبارك ♥️🌸🌺
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
8
Dogoggoroota takbiirtaalee salaata boodaatiin wal qabattu keessaa tokko; akkuma salaata rraa bahaniin takbiirtaa eegaluun zikriilee salaata boodaa dagachuudha. akka zikrii salaata booda kee sababa takbiirtaa salaata boodaatiin hin daganneef jecha dura zikrii salaata boodaa fixadhu eegasii takbiirtaa tee karaarra deemaatiis ta'u teeysee yookiin eega manatti galte gochuu dandeeysa. Bakka kana itti dammaquun hawaasa dammaqsuu nu feesisa. Namni hedduun eega takbiirtaa salaata booda jedhe booda ka'eetuma masjiidaa bahuu malee Zikriilee salaata boodaa hin yaadatu.»


Zul-Hijjaah 10,1446H
👍145
۞- Takbiirtaan Salaata booda qofatti hin gabaabbattu. Gariin keenya takbiirtaa tan salaata booda qofa jedhamtu malee takbiiraa guyyoota iidaa hunda yeroo hunda jedhamtu irraa dagataa jirra. Yeroo masjiidaa baatan,yeroo masjiida seentan,yeroo manaa baatanii fii seentan,yeroo magaalaa keessa deemtan,kophaa jirtanii fii gareen teeysanillee bakkaa fii yeroo hunda takbiirtaarraa heddummeeyfadhaa. Takbiirtaan iida ad'haa waliin wal qabattu gosa lama. 1ffaan takbiirtaa guyyaa arafaa ganama salaata fajrii irraa eegalamtee hanga asrii guyyaa 13ffaa booda salaata shanan booda godhamtuudha ( التكبيرة المقيدة) jedhamti. Takbiirtaan isiin 2ffaan immoo takbiirtaa salaataa shanan qofaan wal hin qabanne kan yeroo hunda jedhamtuudha. Kuniis guyyaa jalqabaa ji'a Zul-Hijjaah irraa jalqabee hanga Aduun guyyaa 13ffaa ji'a Zul-Hijjaah seentuutti kan itti fuftuudha. Innis (التكبيرة المطلقة) jedhamti. Kuni yeroo fii bakka kamittuu kan jedhamuudha.

✓. Allaaha Allaaha obboleewwan takbiirtaalee salaata booda jedhamtuu fii kan yeroo hunda jedhamtu irraa baay'ifachuu keessatti. Takbiirtaa salaata booda jedhamtu qofarratti akka hin gabaabbanne baarakallaahu fiikum. Rabbii keessan guddisaa zikrii isaa baay'isaa. Guyyoonni iidaa hangi kun guyyoota nyaataa,dhugaatii fii rabbi ﷻ keessatti zakkaraniidha.»ღ



عيدكم مبارك تقبل الله منا ومنكم

Zul-Hijjaah 10,1446H
11👍3
«Ifni,gammachuu,bashannanaa fii dasiin iidaa takbiirtaa fii zikriilee rabbii keessanii irraa isin hin dagachiisin.»

Guyyoonni iidaa hangi kun guyyoota nyaataa, dhugaatii fii rabbi ﷻ keessatti zakkaraniidha.»ღ

Zul-Hijjaah 10,1446H
6👍2
۞- Haalli kee hadiisoota Rasuulaa ﷺ wajjiin akkami?.»
Sheikh Al-Islaam Sufyaan ibn Sa'iid Al-Sowriin Rahimahullah " hadiisni rasuulaa ﷺ tokkolleen na bira gaheetuma kaniin yeroo tokkoof illee taatu itti hin dalagne gonkumaa dhiisee hin beeku.» kan jedhu ture. Ati Hadiisoota Rasuulaa ﷺ si gahan wajjiin haalli kee akkami?.

۞ Sunniyyoota dhugaa kanneen sunnaa Rasuulaa ﷺ jaalatan,baratan,itti dalagan,guddisanii,barsiisanii,tamsaasanii,babal"isanii,kunuunsanii fii itti nama waaman nuhaa taasisu.»ღ

عيدكم مبارك ♥️


Zul-Hijjaah 10,1446H
8
Irra caaltuun khidmaa hojjettoonni rabbii isaanii qofaaf dalagan ummataa fii biyya isaaniitiif dhiheeysan kheeyrii barsiisuu fii tarbiyaa gaariidha. Isaan kun lamaan sullama jireenyaatii fii qoricha milkiiti.»

Sheikh Bashiir Al-ibraahiimii في آثاره


۞- akhii kan Rabbiin ﷻ ilmaan islaamaa tarbiyaa barsiisuu fiu dhimma diin isaanii isaan leenjisuu irratti si ramade; wawallaahi bakka fii qaawa qulfii fii hangafa khidmaa diinaa islaama irra rabbiin ﷻ si kaa'ee jira. tolchii bareechii ilmaan islaamaa diin isaanii aqiidaa isaanii akhlaaqa islaamummaa fii khaayyoo jireenya isaanii isaan keessa gad dhaabi. firii achirraa biqiltu hanga guyyaa qiyaamatti irraa funaannattaa.»ღ

✓. Qabatamni ilaalcha hawaasa keessa jiru kan isaan nama ijoollee bu'uura diin isaanii barsiisuu fii nama aqiidaa isaaniitirratti daa'imman guddisuuf qaban si lallaafisee qaawwaa fii hojii hangafaa irra jirturraa hamilee si cabsee of boodatti si hin deebisin.

Zul-Hijjaah 11,1446H
7
Kaleessa mu'azzinni masjiida tokkoo tokko salaata jumu'a dura daqiiqaalee muraasa dursee eeguma masjiida seenee booda osoo tahiyyaa masjiidaa salaatuu jiruu du'e.»

✓. Subhaanallaahil aziim umrii isaa guutuu masjiida keessa ture achuma keessatti du'e. Rabbiin ﷻ rahmata haa godhuuf. Nutillee khaatimaa nuhaa tolchu.»ღ
😢6
«Namni guyyaan arafaa isa dabare; guyyaan guddaan har'aa guyyaan Qarrii ( guyyaan 11ffaa) isa hin dabrin».

۞- Guyyaan har'aa guyyaan 11ffaan guyyaa jalqabaa guyyoota sadeen tashriiq kan du'aa'iin isa keessa kadhatamtu hin deebifamneedha. Guyyaan har'aa kun irra gurguddoota guyyootaa Rabbi ﷻ biratti caalmaya qaban keessan tokkoodha. Du'aa'iin isa keessaa hin deebifamtu. Rasuullii ﷺ " irra guddaan guyyaa rabbi ﷻ biratti guyyaa 10ffaa guyyaa qalmaati,eegasii guyyaa Qarriiti ( guyyaa 11ffaa)dha.»jedhan. Obboleewwan keenyaa Gaz*z*aa dabalatee isin hunda waan jaalattaniin rabbiin ﷻ isin gammachiisee das isin haa godhu,cinqii teeysanii fii tan isaanii rabbiin isiniifii isaaniif haa furu. Nasrii jabduu fii guddoo isaan haa nassaru.»

Duaaii,zikriilee fii takbiirtaa irraa him dagatin.»ღ


Zul-Hijjaah 11,1446H
iida keessaniin gammadaa. Mallattoo diin keessanii guddisaa. Firoota keessan maxxanfadhaa. Dhabaa keessan nyaachisaa.»💜

عيدكم مبارك
4
Yeroo,rizqii,laffaatii,yaadaa fii jechoota keessan keessa akka rabbiin ﷻ barakaa isiiif kaa'u isa kadhadhaa. Namichi salaata fardii isaa yeroon,sunnaa raatiba salaata hunda,qiyaama leeylii,salaata duhaa salaatu kan qur'aana haffazu,muraaje'aa godhu,barnoota diin isaa baratu,barsiisu,kan dhimma shari'aa islaama,dhimma maati isaa fii mana isaatti laffa'uu kan yeroolee duaaiin keessa qeebalamtu eeggatee duaaii isaa heddummeeysa kan zikriile ganamaa,galgalaa,hirriiba duraa fii booda kan yeroo mana bahanii fii seenanii qara'atu kan magaalaas dhaqee warra manaa isaatiif wayiis goggodhu isaan gargaaru sun akkuma keenya sa'aa 24 tu kenname. Daqiiqaaniis kanuma si bira jiru santu isa bira jira. Iccitiin jabduun isa rabbiin yeroo isaa keessa barakaa kaa'eefiiti yeroo isaa hunda akka inni waan inni jaalatuu fii kheeyrii keessatti fixu taasiseef.»

Yeroo kana duaaiin Rasuulaa ﷺ " اللهم بارك لي فيما أعطيت" kan jettu fii kadhaan gariin keenya aadaa godhanne kan " baarakallaahu fiik" jennu sun hagam guddoo akka taate siif galti.»ღ

✓. Akka rabbiin waan isiniif kenne keessa barakhaa isiniif kaa'u kadhadhaa. Rabbiin ﷻ bakka,yeroo fii haala hunda keessatti barakeeffamoo nuhaa taasisu.»

✓. Yoo rabbiin si barakeessee siif barakeessee barakaa isaa sirratti buuse waa siif tolee!.

Zul-Hijjaah 11,1446H
👍53
۞- Haqqan! akhlaaqa baduun hawaasaa,amanti-maleeyyummaan( ilhaadni),sha'aaira diinaa islaamaatiif bakka dhabuun, wahyiif butamanii guddisuu caalaa ustaazootaa fiu sheekkan hedduu guddisuu fii kabajuun garii hawaasaa irraa mul'atu, dargaggeeysi heddumminaan bakka darsii fiu muhaadaraa caalaa bakkeewwan fiilmiin itti laalamtu,kubbaan itti eegamu,haasawni siyaasaa fii dubartii itti bunaan dhugamutti argamuu baay'isuu fii kanaaf bakka guddaa kennuun amma hawaasa keessa faca'ee jiru,namoonni hedduun addatti dargaggeeysi sooshaal miidiyaarra jiru daa'ii kheeyrii fii sharrii addaan wallaalee duaata shirkii fii bid'aa hordofuun isaaniif harka dhawuu baay'isuun,yaadaa fii ilaalcha isaanii isaan waliin qooddachuun,duaatoota haqaa ,towhiidaa fii sunnaa akka aduwwii diinaa islaamatti ilaaluun,inumaa nama isaanii waliin walitti dhiheenya qabu diinoomfachuu fii isaan irraa fagaachuun,namni qaanfii fixatee beekamtii barbaaduuf jecha sadarkaa waan owraa fii waan ajaa haasa'uu bira kutee dirree baasee dhimmaa ku*f*rii keessa nama buusuun diinaa islaamaa irraa nama baastu haasa'uu fii dalaguu fii kkf kun hundi eeysaa dhufee hawaasa kana keessatti akkanatti faca'e? eenyuutu waan kanaaf sababa guddaadha?. Mee kommentii jala kaayaa baarakallaahu fiikum.

✓. Ani deebiitiin tiyya:- Dadhabina gama TOWHIIDAatiin argamteedha.»


Zul-Hijjaah 11,1446H
👍122
Qulqullinni qalbii nama tokkoo dhiheenyaa fii hariiroo inni kitaaba qulqulluu Qur'aana baaxilaa fii waan fokkottuu hunda irraa qulqulluu ta'ee waliin qabu irratti hundooyti. Namni isa qara'uu,keessa gad lallaaluu fii itti dalaguu heddummeeysuu fii baay'isu haguma hariiroo qur'aanaa waliin qabuutiin baaxilaa fii fokkottuu hunda irraa fagaataadha. Qulqulluu ta'uu fii qulqullaa'uun namni isa hawwisiisee fii isa jaalachiise isa qara'uun,gad lallaaluun,itti dalaguu fii isa jaalachuun kitaaba qulqulluu qur'aanatti haa dhihaatuu isatti haa laffa'uu !.».ღ


﴿رَسولٌ مِنَ اللَّهِ يَتلو صُحُفًا مُطَهَّرَةً﴾ [البينة: ٢]



۞- Kitaaba Allaahaa irraa hin fagaatin.»ღ
Zul-Hijjaah 13,1446H
8👍5
Nama qajeelfamaa fii hordoffiin barbaachisu isaaf godhama karaa online qur'aana haffazuu barbaadu hundaaf......
👍42
۞- Qur'aana haffazuu yaada qabdaa?.»

Hawwii yeroo dheeraa kan kitaaba Allaahaa haffazuuf itti hiixataa turtee haalli yeroo deemtee haffazuu irraa si dhoorkee sun akka milkaa'u ni barbaaddaa?.

✓. Markazni Tanziil nama bakkuma jiru taa'ee qur'aana haffazuu barbaadeef galmee Marsaa 2ffaa karaa Online eegalee jira.

Qur'aana haffazuun isaa waliin jiraachuun hawwii nama hedduu ta'ullee namoota muraasa malee hedduun hawwii kana galmaan hin ga'an. hordoffiin adda ta'e siif godhamaa qajeelfamni siif kennamaa haffazuutu hifzii irratti gargaarsa jabaa siif ta'a. Markazni Tanziil kana siif godhee hayyama rabbiitiin si haffazsiisa.»

✓. Liinkiilee armaan gadiitiin galmaa'uun adeemsa galmee xumuruun bakka hifziitti makamuu dandeessu.

✓. Maqaa keessan guutuu
✓. Bakka jireenyaa
✓. Dhiira moo dhalaa
✓. Qur'aana Suuraa nuur aayat 54-58 qara'uun sagalee waraabuun ergita.
✓. Kaffaltii Qaba.

Karaa Liinkii bootiilee armaan gadiitiin


@MrkazTanzilBot
@MrkazTanzil
@Kunalabesira_bot
4👍3
۞- yeroo kamiyyuu caalaa kan nuti dhimma diin keenyaa qixa sirrii ta'een,bifa qulqullina qabuu fii bifa gad fageenya qabuun barachuu,hubachuu,barsiisuu fii tamsaasuutti laffa'uu qabnu; Bara amma keessa jirru kanaadha.»ღ

Zul-Hijjaah 14,1446H
3👍2
2025/07/08 20:35:32
Back to Top
HTML Embed Code: