Telegram Web Link
Ayyaana gaarii πŸ™Œ
❀2πŸ₯°1
-Nama Koo: Namoota harka tokkoon si deeggariin harka tokkoon immoo gara duubatti si harkisan ofirraa eegii. Namoonni sun of-jibbuu keetif sababni guddaan isaani.Halkan gaarii qabadha
❀2πŸ‘2
Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha.

Macaafa Fakkeenyaa 3:5-6
πŸ‘3
Yaa lubbuu jiraattuu Waaqayyo guyyaa kee maqaa Yesusiin haa eebbisu.
πŸ₯°1
βœ… These three points:
● Waaqayyoon Jaalladhu, Biyya Lafaa miti.
● Waaqayyoon Tajaajili, Ofiikee miti.
● Waaqayyoon Sodaadhu, Nama miti.
πŸ₯°3❀1
#HAA_TA'U!πŸ§ŽπŸ™ŒπŸΏ
✍️🏿
Qofaa ko yoon ba'e gala hin beeku
Ayyaanni ke cimsee naan haa eegu
Anoo wallaalaa dha yoo siin alaa
Akkamittan beekee ba'ee galaa
x2
Na geessa
Utuun siin qabuu hir'uu hin lakkaa'u
Sidha qabeenyi ko innan ol-kaa'u
Natti hin qaawwu karaa ke onee
Siinan qaanii beeqa irraa oolee
🎢
01
Haa ta'u yaanni kee
Akki karoora kee
Isatu naaf caala
Waan hundumaa dhiisee
Haala qaxxaamurseen
Garuma ke ilaala

Mi'eeffannaa hin qabuu
Garaan ko hin beela'uu
Waanna garaa garaa
An sirraa adda hin ba'uu
Si haaluu hin danda'uu
Hamma baraa baraa

Akka ati jette naaf haa ta'uu haa ta'uu
Akkas malee akkamuu ta'uu hin danda'uu
Inni ati jette naaf haa ta'uu na ga'aa
Akkas malee akkaman ta'uu danda'aa
🎢
02
Jaalalli ke haa ta'uu akkuma yaada kee isa qofaan hawwa
Karaa hundaan guutee afuuraan yoo hir'atee jireenyi ko in qaawwa
Barbaachi ko haa baduu inni ati hin jaallannee hawwiin fooniif dhiigaa
Ijoo waamicha koof ajajameen darbaa maafan waadaa diiga

Yesuus!
Sittan maxxanee hafaa
Karaan biraa nan baasu
Sittan hirkadhee rafaa
Bubbeen baraa nan raasu
Si qabaannaan na ga'aa
Akki baraa nan aarsu
Siinan dheebuu ko ba'aa
Waan biraan nan bohaarsu
AMEEN!
❀3
Narra bayyaatte obsa na dhowwe
Jalaali kan Kee ana dhunfaattee

Garummaan kan Kee Dahoo naf ta'e
Abbuummaa kemo galmaan nu ga'e

Ilaalchaa agartuu keen Aduunyaa to'ata
Takkaa sagalee keen dachee romsistaa

#Ati Guddaadhaa πŸ’ͺ
Hawine✍️
β™₯⁠╣⁠[⁠-⁠_⁠-⁠]⁠╠⁠β™₯(⁠ β Λ˜β  β Β³β Λ˜β )⁠β™₯
πŸ”₯3❀1
πŸ₯°2
SIN LAALA
Natnael Tamene
Sin Ilaala - Natinael Tamene || New 2025
πŸ—¨οΈ Hammam dadhabbii hafuuraatti jiraattan iyyuu; Jireenya keessaniin Waaqayyoon barbaaddachuu hin dhiisiinaa!. Inni ijaa Qulqullumaa isaatiif Jireenya keessan dadhabbii isin keessa jirtan keessaa kaasee ulfina isaatiif in godha.
πŸ₯°2
πŸ•Š Nagaa isa dhugaa!

● Nagaa dhugaan haala fi naannoo mijataa irraa hin dhufu, Garuu Waaqayyoon abdachuu fi amanachuu irraayi.

● Yeroo haalonni fi waantonni naanno keenya jiran waan hin to'atamne fakkatan iyyuu Waaqayyo nu hin dhiisu, nu wajjiini.

● Argamuun Waaqayyoo nuyiif iddoo jireenyaati, Jaalalli isaas nagaa keenya.

● Nuyi isa keessatti; nagaadha, eegamoodhas. Yeroo hundumaas jireenyi keenya isa fuulduratti mul'ataadha.

πŸ“– β€œYaa Waaqayyo, akka ani qoofniitti sodaa malee jiraadhu situ godha; kanaafis ani akkuman ciiseen nagaatti nan rafa.”
  β€” Far. 4:8
πŸ₯°1
Waan namni si irraa barbaadu qofa miti, waan Waaqayyo sirraa barbaadus raawwadhu!
❀2πŸ₯°2
Waaqayyoon isa garaa keenya qoree ilaalu gammachiisuudhaaf in dhamaana.



1 Tasaloniiqee 2
------------
3 Wanti nuyi isin gorsinu jal'ina keessaa, xuraa'ummaa keessaas hin baane; haxxummaas hin qabu.
4 Akka isa Waaqayyo qoree nu ilaalee, wangeela hadaraa nutti kenneetti in dubbanna; namoota utuu hin ta'in, Waaqayyoon isa garaa keenya qoree ilaalu gammachiisuudhaaf in dhamaana.
πŸ‘2πŸ₯°1
LUBA AMANAMAA
EYASU BAYISA
LUBA AMANAMAA : EYASU BAYISA (Official New Afaan Oromo Gospel Song 2025)
πŸ‘1
Haloonni tokko tokkoo yommuu nama mudaatan waan hin darbamne ykn waan nu ballessuu fakkatu gaaruu akkas mitti nu cimsuu nu barsiisuu ni qaromsuu Akka siibilati nu jabessuβœοΈπŸ™
❀2πŸ‘2πŸ₯°1
● Jireenyi keenya kan bifa dhabu, gaafa nuyi Ija Jireenya keenyaa, Waaqayyo irraa kaafnudha.
πŸ”₯1
Dhuguma Yoo Kiristaana Sirrii Taate Dhugaa jiru Baruuf Baradhu Ykn Tattaaffadhu!
Ati Yesuusitti kan amante Gatii maatiin kee Duriin kaasanii pheenxee ta'aanii keessatti dhalatteef qofa ta'uu hin qabdu! Hiikkaan pheenxummaa keetii beekuun qabda! Maaliif Akka pheenxee taatee fi maaliif Akka Yesuus duuka deemtu!
Hiika Jara kanaa hin beektu taanaan na'amani osoo Amantaa Musiliimaa keessatti dhalattees ati Akka jaraa Yoona Yesuus Gooftaa miti jettee Mormita turte!

Kanaafiyyuu maaliifan Yesuusitti Amane? Maaliifan Yesuus duukaa bu'aa Jira kan jedhu Sirriitti beeki!


Naaf himaamee maaliif Yesuus Duukaa deemaa jirtu? Comment irratti naaf barreessaamee Yoo dhuguma Dhugaan Siif gale!
❀2
Nama qurxummii siif kennu caalaa, akkamiin qurxummiin akka kiyyeeffamu warra sitti himan barbaadi. Sababiin isaa, inni qurxummii siif kennu harkike akka garasaatti diriirfatu sibarsiisa. Inni tooftaa kiyyeessuu sitti himummoo, laphee fi oogummaa hojichaa sikeessatti guddisa!
❀5πŸ₯°2😁1
2025/10/18 08:34:33
Back to Top
HTML Embed Code: