Waaqayyo Waliin Nagaa Qabaachuuf Tarkaanfiiwwan Fudhatamuu Qaban!

1. Akeekni Waaqayyoo: Nagaa fi Jireenya

Waaqayyo si jaallata; kanaafis jireenya irraa hafaa fi kan bara baraa akkasumas nagaa akka ati argattu barbaada.

Kitaabni Qulqulluun akkas jedha:
“Kanaafuu amantiidhaan qajeeltota erga taasifamnee nu karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa wajjin nagaa qabna.”
  — Roomaa 5:1 —
“Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.”
  — Yohannis 3:16 —
“...Ani garuu akka isaan jireenya qabaataniif, jireenya irraa hafaas akka qabaataniif dhufeera.”
— Yohannis 10:10 —
Namoonni baayyeen nagaaf jireenya irraa hafaa Waaqayyo nuuf qopheesse maaliif hin argatanii?
1
Yesuus Kiristoositti Amanuu Qofaan:

• Jireenyi Bara Baraa Akka Argamu
• Boqonnaa fi Aara Galfiin Akka Namaaf Kennamu
• Biyya Lafaa Irratti Gammaduun Akka Danda'amu
🥰1
🌅 Uffata Haaraa

🪞Uffata isa moofaa kaleessa uffachaa turte, amma jireenya haaraa Kiristoos waliin qabdu keessatti uffachuu hin dandeessu.
Jireenyi inni moofaan foon keetti toluu danda'a ta'a, garuu cubbuu, saalfii fi gaabbiidhaan kan guutamedha.

🎈Yesuus gaafa gara isaatti si waamu, akka ati Jireenyake isa moofaa irratti isa dabalattuuf miti, garuu akka ati uffannaa isa moofaa hundumaa ofirraa baaftee; uffannaa qajeelummaa isa inni kennu uffattuufi.

⬅️ Inni darbe, inni moofaan kana booda si hin ibsu. Hidhaan biyya lafaas kana booda qabee si hin dhaabu. Cubbuunis aangoo si irratti hin qabaatu.

🎈Kiristoos uffata araaraa sitti uwwiseera. Ayyaana isaatiinis si golboobeera. Jireenya isa moofaa inni kaleessa keessaa si baase deebitee hin ilaaliin. Uffata moofaa, jireenya haaraa isa ati karaa Kiristoosiin qabdu hin madaalle deebistee uffachuuf hin yaaliin. Ati Kiristoos keessatti haaraa taateetta. Ati miiccamteetta. Ati adda baafamteetta.

🎉 Jireenya haaraa Kiristoosiin qabdu keessatti jabeessii ejjedhu. Boquukees olqabadhu, kunis sababii ofii keetiif osoo hin taane, sababii kan Kiristoos taateefi!. Inni moofaan darbee, inni haaraan dhufeera. Kun jireenya isa akka ati jiraattuuf uumamtedha.

2Qorontoos 5:17
17 Kanaafis namni kan Kristos yoo ta'e, uumama haaraa dha; inni moofaan darbe, kunoo, inni haaraan dhufeera.

Efesoon 4:24
24 Namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti, fakkaattii Waaqayyootiin uumame uffadhaa!
🔥2
Ani kophaatti isin hin dhiisu, gara keessan nan dhufa.
Yohaannisi 14:18
🔥2
YOO DUBBISTEE SII FAYYAADA!
◈▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰◈

Namni obsa qabuufi mukti firri qabu gadi jedha!
Gaafa jedhannu nan dhaga,a!
Kannafu obsuun kee walalummaa mitti gadii jechuunis gowwumma oso tanee
Obsii furtu jirenyatti obsa qabaadhu!

Nama kabajuun gadii of qabuun soda ykn walalummaa osso hin taane bekkumsa rabbitii toluuf namas barsisudha !
Nama kabajaama taa' uuf nama kamiyyu kabajji!

Amala gaarii qabadhuu wantti hundii gaarii siif hin ta,aa!

Beekumsa hedduu qabachuu
Irraa amala gaarii qabaachuutu
bakka gaari sii jirachiisa!
Nama hundaa bukketi kabajaaf jaalala siif laate sii jirachiisa !
Amala gaarii qabadhuu!

Amala gaarii obsaa fi amanamummaa yoo qabaate eenyun caala akka jaalatamtani jiraatan of beeka!

Bareedin nama tokkoo bifaa
Isaa yokin deemsaaf dhaabii isaa osoo
Hin taanee amala gaarii fi
Yaada gaarii yoo qabatee
Namaa hundumaa biraatti
Kabajaa ilaalcha gaarii qaba!

Namumma tasgabba,ee qabadhuu
Gammada ta,ii amalii gaarin nama bukkeeti jaalatamumma sif kenne siif iyyu boqoonna sammuu siif laata! gammachu gaari keessa sii jirachiisa!

Seexana yoo ta,ee malee diinan qaba hin jedhiini!
Kan sii midheef dhifama gochuun mo,atamuu kee osoo hin taane jalala barsisuu kedha !

Kufaatii obbolesa keessaniti hin gammaadina.
kufaatii keesanitiis hin gaddina
sababiini isaas namota iddo atti kufte ol sii qabanifi kan siibira darbaan adda baafata !

Icciitii hiriyaa kessani hin baasiina nama sii jaallatuu hundaaf amanama ta,ii
Namas hin hamattini gorsii male!

Dhabess jette hin gaddini bor ni argataa qabeenya qabeenya caaluu fayyaadha Fayyaa qabanaan iddo yaadee ni geessa!
Qabeenya qabbatefis hin boniini bor dhabuu akka dandessuu yaadadhu!

Kaayyo keessan hin dagatina.
obsii waadaf kaayyo kee ganama
kabajja
namas wal hin caalchisiina
Nama tokko hiyyeesa jetanni hin tufattina
Kan tufataamu hiyyummadha male hiyyessa miti!

Icitii keessan nama hundatti hin
himatinna!

Himuu dura sammuuu kee qofaan Mari,adhu!

Iccciiittii ofi nama hundatti hin himin

..... JOIN
.....GODHA

... @HawinetAsaffa
🥰41
Hawiyee waaqaayyoon sihaa ebbisuu waan bayyee siraa baradher jiradhuu💕
3
Ammas yaa ijoollee ko! Yeroo Kristos mul'atutti ija-jabina akka qabaannu malee, guyyaa dhufa isaatti yeelloodhaan akka hin rifanneef, isumatti jiraadhaa! [1Yohaannis 2:28]
🥰2
Museen garbichi Waaqayyoo erga du'ee booddee, Waaqayyo kunoo, Iyaasuu ilma Nun gargaartuu Museetti in dubbate. Inni, “Museen garbichi koo du'eera; egaa amma atii fi sabni kun hundinuu ka'aatii laga Yordaanos kana ce'aatii gara biyya isa ani saba Israa'eliif kennu sanaa dhaqaa*! Ani akkuman Musee abdachiisetti lafa faanni miilla keessanii irra ejjetu hundumaa isiniif nan kenna*. Daariin keessan lafa onaa kanaa ka'ee Liibaanoniin ba'ee hamma laga guddichaa laga Efraaxiisitti, gara lixa-biiftuutiin immoo biyya Heetotaa hundumaa qabatee hamma galaana guddichaatti in adeema. Bara jireenya kee hundumaatti namni si dura dhaabachuu danda'u hin jiru; Musee wajjin akkuman ture sii wajjinis nan ta'a; ani si hin dhiisu, si hin irraanfadhus*! Biyya ani isaaniif kennuuf abboota isaaniif kakadhe akka isaan dhaalan waan gootuuf cimi, ija jabaadhu*! Cimi, ija jabaadhus! Seera Museen garbichi koo si abboome hundumaa eeguudhaaf of eeggadhu! Iddoo dhaqxu hundumaatti wanti ati gootu akka wal siif qixxaatutti isa irraa gara mirgaatti yookiis gara bitaatti hin jal'atin*! Macaafni seeraa kun afaan kee keessaa hin dhabamin! Halkanii fi guyyaas waa'ee isaa yaadi! Karaan kee akka siif qajeelutti, wanti ati gootus akka wal siif qixxaatutti, wanta isa keessatti caafame hundumaa gaarii godhii eegi*! Ani Waaqayyo gooftaan kee, ‘Iddoo ati dhaqxu hundumaatti sii wajjinan jiraatii ati cimi, ija jabaadhu, hin sodaatin, hin na'inis!’ jedhee si hin abboomnee ree?” jedhe.
Macaafa Iyaasuu 1:1-9
4🥰2
“Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhi'oo dha, warra yaadni isaanii caccabee bullaa'es in fayyisa.”
— Far. 34:18


#Read_Bible
#Unmute_our_Channel
#Share_with_ur_friends
🥰1
Waaqayyo Jireenya keenya keessa jiraachuu isaarraan kan ka'e jiraanneerra!
Anaaf Waaqayyoon ala jireenyi hin jiru! Isiniifo?

#Read_Bible_and_Pray
#Unmute_our_Channel
#Share_with_ur_friends
#React_using_emojis
🥰1
Sin jajaadha abbaa hunduma
Sin dhisuu ani gongumaa

Kella koo kan jigee bososnee
Jireenyaa kottu siin naf bilisoome

Abdi koo mana Isa galgala
Ani sii qofatan koluu galaa

Onna kottu misoomera
Boruun carii naf ta'era

Golgaan cubbuu siin tarsaa'ee
Isan kufee Sinaan ka'ee
Nama ta'ee tarree dhaphee
Lafan ka'ee sii qabaadhe

Thanks father🥰🙏

@HawinetAsaffa

#Join shere tasisaa
3🥰1👏1
“Namni jal'aan immoo jal'ina hojjete sana irraa deebi'ee, wanta dhugaa fi qajeelaa yoo hojjete, jireenya isaa in oolfata.”
— His. 18:27
YOU CREATE A GOOD FUTURE BY CREATING A GOOD PRESENT.
1
Life is like a book. Some chapters are sad, some are happy, and some are exciting But if you never turn the page, you will never know what the next chapter holds.
4
Rom 1:14-15
Far. 119
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁴¹ Yaa Waaqayyo, akka ati jettetti, gaarummaan kee, gargaarsi kee inni fayyisus anaaf haa dhufu,
⁴² yoos isa anatti ga'isuuf deebii ga'u nan kenna, anoo dubbii kee nan amanadha.
⁴³ Dubbii dhugaa matumaa ana duraa hin fudhatin! Anoo wanta qajeelaa ta'ee si duratti fudhatame abdiidhaan nan eeggadha.
Yesus itti fufee bartoota isaatiin,

“Garaan keessan hin raafamin, Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa

Mana abbaa koo keessa iddoon jireenyaa baay'eetu jira; utuu inni hin jiru ta'ee, isinitti nan himan ture; iddoo jiru sana isiniif qopheessuudhaaf nan adeema.

Yommuun dhaqee iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif, deebi'ee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha.


Lafa ani dhaqu, karicha achi geessus in beektu” jedhe

Yohannis 14:1-4

iyasuus inni bakka keenya bu'ee ba'aa cubbuu keenyaa baatee fannoo irratti nuuf du'e ulfinaan immoo duumessaan simatamee inni wal fudhatame
borus ulfina guddaadhaan deebi'ee dhufee nu fudhata🙏


Eebbifamtanittu halkan gaarii isiniif haa ta'u
3
🙌 Yaa Waaqayyo Abbaa keenyaa, nuyi baay'ina Araara keetiif dhuga baatuudha! Baay'inni araarake nu jiraachiseera!😊
Gaarummaa Na Lakkoofsise
Eeliyaas Bantii
"Gowwuma Ko Miti Kan isaa ta'uun koo Jaalalli isaa bite Mo'ee Lubbuu koo.."

Gaarummaa Na Lakkoofsise - Eliyaas Bantii

✝️JOIN:
@HawinetAsaffa
2025/10/17 02:04:43
Back to Top
HTML Embed Code: