Telegram Web Link
彡• Harki ofii madaa’ullee, muranii hin darban.

彡• Alagaa fi dukkanatti ija hin babaasan.

彡• Sanyiin buqqee miiciraantu hadhaa’a.
彡• Horii eegee hin qabne, cirriin hin sodaattu.

彡• Bobbaa yoo tolan, gala tolan.

彡• Du’arraan baqadhatti, mana du’aa seente.
彡• Ilmi kama dayatanii, gabaanis tama bayatanii.

彡• Haadhaa fi Adurree hin dhaanan !

彡• Hantuunni haadha jalatti, gumbii uraa barti !
彡• Intala geettii hin hodhani, deettii hodhanii.

彡• Namni dhukkubsataa manaa qabu, du’a gahii namaa hin oolu !

彡• Maraattuu keessi gamna !
彡• Afaan lafa taa’u lafee alalcha!

彡• Horiin deegaa qilee irra dheeda!

彡• Lafa itti hin deebine maqaaf hin badadan!
彡• Baraan barruu horan.

彡• Jaarsi du’uu ka’e si hin abaarin daa’imni guddatu si hin jibbin!

彡• Waaqatu nu eega jedhanii balbala banaa hin bulan!
彡• Harkaan dhaabatan lukaan dhiitan!

彡• Waanyoon yoo kufan waan caban nama seeti!

彡• Namni farda koorse galgala kooraa baata!
#Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━💞━━━━━━━━┓

#Hubannoon Yaada waliin jalqaba.

#Bu’uurri jiruu hubannoodha, bu’uurri waa hojjachuu beekudha.

#Jireenya fuunduraa keessan bulchuu yoo barbaaddan, jalqaba sammuu keessan ilaalaa. Wanta gara fuunduraatti hojjachuuf yaaddan tarkaanfi tarkaanfin karoorsaa. Wanta hojjachuuf yaaddan hunda hin hojjattan, garuu wanta hojjachuuf gonkumaa itti hin yaadiniin milkaa’u hin dandeessan. (Wanta baay’ee hojjachuuf ni yaaddu, wantoota yaaddan kanniin hunda hin hojjattan.

Garuu wanta tasuma hin yaannen hin milkooftan. Fakkeenyaf, doktora ta’uuf yoo hin yaadin, doktora ta’uun hin milkooftan.) Sirrii mitii?

Mata-dureen sammuu keenya keessa jiru akkuma ittii yaannun ibsa bal’aa argata. Wantoonni yaannu suutuma suuta gochoota keenyarratti dhiibbaa uumu.

Kanaafi, gochoota, filannoowwanii fi yaadota keenya deddeebisuun sammuu keenya keessatti tarkaanfi tarkaanfin ijaarra.

Jireenyi dhaamtu (dukkanooftu) tan taatuuf yaanni dhaamaa waan ta’eefi. Kuni qarummaa waliin wal hin qabatu. Kana irra, yaadu waliin wal qabata. Addunyaan teessan hanga yaadu dandeessaniin bal’atti.
彡• Soddaa jiru, sanuu balbala jiruu, wal hin lolan!

彡• Aak jedhan waa tufan, mammaakan waa himan.

彡• Ol kaayan malee, ol ka'aniif waa hin fuudhan.
彡• Abbaan daadhii dhugeef, ilma afaan hin urgaayu.

彡• Abbaan iyyatu malee ollaan, namaa hin birmatu.

彡• Kan kunootii hin argine, kuunnotii hin argu.
彡• Dhiirti re'ee hin elmitu, garuummoo malaan haga baatu hin wallaaltu.

彡• Lolli firaa dhiiga ilkeeti, hanga tokko ni tufta, hanga tokko ni liqmsita.

彡• Haa teessu garaa, haa nyaattu coraa.
彡• Namni dhadhaa afaan kaa’an dhagaa afaan nama kaa’a.

彡• Adeemsa abbaatu oftolchaa, fuula Waaqatu nama tolcha.

彡• Afaan gaariin, afaa gaarii caala.
彡• Garbittiin gargaarsa argatte majjii dhoksiti jedhan!

彡• Jarjaranif Abbaa dura hin dhalatan

彡• Aartu qotadhu” jedhe namichi saree biddeen dhoowwatee.
彡• "Ajjeechaarra sukkuummaan sodaadha" jette tafkin.

彡• Of-jajjuun loon lamaa, tikseen kudha lama.

彡• Nama fardaan barbaadan lafoo argatu
彡• Ijaa fi ijoolleen tika baddi.

彡• Afaan gaariin, afaa gaarii caala.

彡• Ani badeen waan bade hin galchitu
彡• Ameessi okolee dide, okkotee hin didu.

彡• Namatti himu malee, namatti hin hidhan.

彡• Okkoteen waaqa hin beekne, eelee bishaan kadhatti.
#Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━ 💞 ━━━━━━━━┓

Hojii danuu hojechuu barbaaddu, garuu yeroo muraasa qabdu taanaan...

"Hojii hojjatamu baay’ee yoo qabaattan, karoorsudhaan yeroo baay’ee ni argattu."

Hojiin keessan hanga fedhellee osoo baay’atee, yoo karoorsitanii fi saganteessitan, yeroo hojii hundaa itti hojjattan ni argattu.

Garuu yoo hojii hin karoorsinii fi yeroo hin saganteessin, osoo hojii baay’ee hin hojjatin yeroon keessan gubata. Hojiiwwan keessan karoorsuun, yeroo haala bu’a-qabeessa ta’een itti fayyadamuudha.

Namoonni yeroo isaanii haala bu’a-qabeessa ta’een itti hin fayyadamne, umriin isaanii ni
koloneefama. Kanarraa kan ka’e, hojiiwwan kaayyoo isaanii keessa jiranis hojjachuu hin danda’an.
#Namni qotiyyoo hin qabne qacceen qalqala guutuudha.

#Namni kokkolfaa nama miidhuu fi bokkaan aduu baasaa roobu tokko.

#Niitiin marii malee fuudhan marii malee baati
2024/05/18 00:03:07
Back to Top
HTML Embed Code: