Telegram Web Link
Deebitee kaleessa ke hin jiraattu. Waan ati feetu fuuldura malee duuba kee hin kaa'amne.
"Nama eenyummaa isaa beekuuf gatiin isaa waan isa keessa jiruun malee, waan isa marsee jiruun hin tilmaamamu. Namni of beeke of kabaja, mul'ata guddaaf of qopheessa."
"Namni maal of keessatti qabatee garaam akka deemaa jiru beeku, gufuu bu'aa ba'ii jireenyaaf harka hin laatu. Dhiitamuu, reebamuufi darbatamuun isaa ibsituu guddummaa kaayyooo isa malee sababa karaa irraa deebi'uusaa miti."
Filannoo sirrii tokkittiin jireenya hin jijjiiru, murtoo sirrii irra deddeebiin yoo filanne garuu, of ta'uu barbaanne san ni taana.
ⒼⓐⓇⓐⓐⓖⒶⓇⓤⓂ️Ⓜ️ⒶⒶ
@labatamagazine

Waatu na ajaayiba! garaagarummaa yaadaafi akkaataa namoonni itti waa ilaalan; akkasumas dalagan na dinqisiisa, al tokko tokko immoo baay'ee na aarsee ibsuuf jecha na dhabsiisa !
Inni tokko gaafa dhaabu, inni tokko in buqqisa.
Inni tokko gaafa ijaaru, inni tokko in diiga.
Inni tokko gaafa jaalatu, inni tokko in jibba.
Inni tokko gaafa walitti qabu, inni kaan immoo in bittimsa.
Inni kun dhugaarratti cichuun yoo du'u, inni kaan immo sobaan ajjeesa.
Inni tokko gaafa hammatu, inni tokko immoo in hammaata.
Inni tokko gaafa ofitti qabu, inni tokkommoo ofirraa dhiiba.
Inni kun in hiika, inni kaan immoo hiika jal'isa ykn in hidha.
Inni sun qajeelinaan dubbata, inni kun jallinaan hubata.
Inni tokko yommuu simatu, inni tokkommoo in balaaleffata.
Inni tokko yommuu fulduratti dhiibu, inni kaan immo duubatti harkisa.

Bowwaa yaada namootaa gidduu jiru ilaaleen kophaa haasa'a. Uggum, dubbii wal xaxaa akkasiif ! Dubbii koorratti wantan haasa'aa jiru kun garaagarummaa namoota gidduu jiru qeequuf ykn komii kaasuuf yaaduun miti. Inni kun dhugaa ganamuu hin dandeenyedha, garaagarummaan ni jiraata, jiraachuus qaba. Kanin jedhu, garaagarummaa keenya waan hamaaf olchuu osoo hin taane; ittiin wal oolchuuf haa fayyadamnuu dha.

Asirratti garuu namni yaada dogoggora ta'een gaggeeffamaa ture tokko, yaadi caaluu(foyyaa'aan) kan isa mudatu yoo ta'e, abbaan yaada caalmaa maddisiisee "na oolchaa jira" hubannoo jedhuun yoo fudhate malee "na balleessuuf jedha" jedhee ilaalcha dukkanaa'aan namarratti ka'uun hin barbaachisu. Kana jechuun amalootaa fi ilaalchota akkasuma akkaataa hojii keenyaa dhiibbaa hamaaf (wal-miidhuuf oolchuu) hin qabnu.

Qooda kanaa otoo araarsuu dandeenyee(garaagarummaa) walitti dabalanne; inni diiguu jaalatu isa ijaaruu jaalatu wajjin otoo walitti dabalatee tarii dirree irratti waa ijaaruu yaade sanarraa wanti diigamuu qabu jira ta'a ... Akkasitti jarri kun wal gargaaranii ijaarsaa gaarummaa tokko ol baasanii mul'isuu danda'u. Kanaaf garaagarummaa keenya ijaarsaaf, miidhaginaaf, cehumsaaf itti fayyadamuu haa barru.

Dubbii kana fakkeenyaan otoo ilaallee, akkuma wantoonni qabiyyeedhaan garaagara ta'an kanneen akka dhagaa, cirracha, simintoo, muka, sibiila, fuullee, halluu fi kkf kan biroon walitti qabamuun gamoo ija guutu tolchaan, nuyis ilaalchaafi amala garaagaraa qabnu walitti fiduudhaan jireenya keenya ijaaruu danda’uu qabna.

HUNDUMTUU IDDOOSAATTI BARBAACHISAA DHA. Waliif danda’uu, waliif obsuu, qabeenya walii ta’uu, waliin fayyadamuus haa barruun dhaamsa kooti. Uggum, safuudha kun hunduu garuu wal-faana jiraata... Ajab, Uumaa kana hundumaa danda'ee wal-faana jiraachisuuf.

©Galaanaa Amantee
GADI JECHUUN KEE FE'AMUUFII ?

Dhalli namaa olee buluuf qofa jireenyaan wal'aansoo qabuun yerootti dirqama ta'u qaba. Ba'aa hin baatamne baatee, tulluu qaari'ee laga ce'aa oola.

Al tokko tokko immoo koosoo jireenyaa isa akka Eebichaa hadhaa'u sana dhandhamaa jiraata. Kun hunduu takaallaa rakkinaa, cancala gadadoo of irraa ciree bar tokko gammadee jiraachuufi.

Gariin ammoo har'uma waan qoonqootti darbatu argatee buluudhaaf, muka rakkinaa yaabee qoraan cabsee, laga rakkinaa seenee bishaan waraabee, qorra halkaniif bulluqa guyyaa dandamatee jireenya amma hojjetanii amma nyaachuu jiraata.

Kaan immoo kana hundumaaf harka kennee gaaddisa rakkinaa jala buufatee maaddii harka namaa; hambaa qodaarratti hafte funaannatee, bishaan booruu habbuuqqatee bula. Kunis jireenya.

📌 Boollaa oliif qananii gidduu kan jiru hunduu jireenya.

©Isaayyaas Ittafaa
@labatamagazine
Maxxansa 12ffaaf barreeffama ergaa jabaa of biraa qabduu ?
Eenyuuf..Yoomiif keessu ?
Nuuf qoodaa, qindeessinee dhaloota keenyaaf dhiyeessina.
@labata_elo
...Hordoftoota hubatan waan turaniif gaggeessaa cimaa ta'ani.
〽️ Agarsiiftuu gaggeessummaa sirrii:-

1. Jabina eenyummaafi hojii irratti hunda'e.
2. Of bituu.
3. Miira haqaafi madaalawaa qabaachuu.
4. Murtoof gara-kuteessa ta'uu.
5. Karoora sirrii qabaachuu.
6. Hamma kaffalamuu ol hojjeechuu shaakaluu.
7. Dhaga'uufi hubachuu
8. Itti gaafatamummaa guutuu fudhaachuuf hayyamuu.
9. Wal tumsuu:- kanneen hordoftoota wajjiin walitti dhufeenya kallattii qaban.
🆚
Sababa kufaatii gaggeessaa

° Tokko tokkoon qindeessuu dhabu.
° Tajaajila barbaadamu kennuuf fedha dhabu.
° Beekumsan kan hojjetaniif osoo hin taane, hamma beekaniif akka kaffalamu eeguu.
° Morkii hordoftootaa sodaachuu.
° Galma ifaa dhabuu.
° Of jaallachuu.
° Dheekkamuu.
° Amanuu dhabu..warreen waliin hojjetan.
° Aangoo gaggeessummaa dhaadhessuu.
° Itti waamama bakkaa dhaadhessuu.

@labatamagazine
📖Kitaaba "Think and Grow Rich" irraa akkan hiiketti.
"A good affirmation has 5 basic ingredients:

🔸It's personal
🔹It's positive
🔸It's present tense
🔹It's visual
🔸It's emotional.

Instead of living out of the scripts given to me by my own parents or by society or by genetics, I will be living out of the script I have written from my own self selected value system."
@labatamagazine
𝙢𝙖𝙙𝙖𝙖𝙡𝙖

Gammadee jiraachuun filannoo kooti. Guyyaan naaf dabalamu, waan haaraafi yaadan kaleessa qopheeffadheef kennaa dha.

Gaarummaan nama ta’uun argadhe of bituun namootaaf qooduuf; sammuufi onnee kootti nan fayyadama.

Jabina argachuun murtoo koodha. Dhawatuman deemsa gara bilchinaa itti fufeen garuu karaan isaa salphachuu hin dandeenye.

Yaada koo irraa eegalee waanin barbaadu kanaaf waantan baasuu qabu hin dhorkadhu. Wal'aansoo gidduu jabinaa jibbus; bu'aa isaa isan of kennuuf jecha numan dhandhama.

Haalota jijjiiraman gidduutti amalan ittin dandamadhu horachuuf gammaduu qofa miti, gadduun yoo narra jiraate nan miiradha.

Isa duraa caalaas deebi'ee nan haara'a.
@labatamagazine
🪡Jireenyaaf dhiphachuu osoo hin taane xiqquma yaaduu,
🌅 Natti barfateera jechuu osoo hin taane,
bakka jiran beekanii amantiin fuulduratti deemuu,
📈 Guyyaa tokkotti 10% dabaluuf dhama'uu mannaa, guyyaatti 1% dabaluuf carraaquu wayya.
@labatamagazine
Ga'umsa Nam-tolchee
/Artifical Intelligence /
kutaa 2ffaa, Maxxansa 11ffaa
Bulchaa Abdii
@labatamagazine
Ga'umsa Nam-tolchee
/Artifical Intelligence /
kutaa 2ffaa, Maxxansa 11ffaa
Bulchaa Abdii
@labatamagazine
Ga'umsa Nam-tolchee
/Artifical Intelligence /
🔗kutaa 2ffaa, Maxxansa 11ffaa
© Bulchaa Abdii
@labatamagazine
Guyyoota muraasa booda maxxansa 12ffaa isiniif dhiyeessina.
Labata irraa maal fayyadamtan, isin gargaaraa jiraa ?
Yaada keessan baru feena. Kan irratti hirmaachuuf yaaddan @labata_elo waan beektan, barattan irraa waliif yaa qoodnu.
🔖ʜᴀʀ'ᴀ ǫᴀʟʙɪɪɴ ᴊɪʀᴀᴀᴄʜᴀᴀ; ʙᴏʀɪɪғ ʏᴀᴀᴅᴀᴀɴ ǫᴏᴘʜᴏᴏғɴᴀ.
Barruu Dijitaalawaa Afaan Oromoo
@labatamagazine
🥀 ɢᴜʏʏᴀᴀ ➀

Namoonni Si (waa'ee kee) beekan waan ta'e amanuu dadhabu. Maatiin, hiriyootni keef namoota ati jiraachuu keen qofa wal barte sagantaa ho'aa tokko irratti wal argu.

Maatii keessaa namni tokko, hiriyoota kee warra akka mataa keetti jaallatu bakka bu'ee namni tokko..namoota addunyaa hojiin si beekan dabalatee, warreen utuu imalli dheeraan hin eegalamiin dura hafuura keef ciminni, lubbuu keetiif boqonnaan as jira jechuun; Isa si uume waliin hariiroo akka qabaattuuf si gorsan keessaas inni tokko ol ka'ee jecha Si ibsu dubbachuuf namoota walitti qabaman fuuldura ni dhaabbata. Jireenyi Isaa/Ishee nuuf kana ture jedhu !
Amalaafi sabriin, sirnaafi fakkiin eenyummaa ke laphee cabsee isaan boossisa ta'a. Guyyichi guyyaa jireenyaaf kenname isa dhumaati.

➭Waan ta'uun si ibsuuf
➭Carraa siif kennameef
➭Jaalachuufis ta'e dhiifama gochuuf
➭Hojii sitti kennameef 𝙜𝙪𝙮𝙮𝙖𝙖𝙣 ➀ har'a !

🔖ʜᴀʀ'ᴀ ǫᴀʟʙɪɪɴ ᴊɪʀᴀᴀᴄʜᴀᴀ; ʙᴏʀɪɪғ ʏᴀᴀᴅᴀᴀɴ ǫᴏᴘʜᴏᴏғɴᴀ.
@labatamagazine
@labatamagazine
2025/07/01 13:31:22
Back to Top
HTML Embed Code: