Telegram Web Link
🔖ʜᴀʀ'ᴀ ǫᴀʟʙɪɪɴ ᴊɪʀᴀᴀᴄʜᴀᴀ; ʙᴏʀɪɪғ ʏᴀᴀᴅᴀᴀɴ ǫᴏᴘʜᴏᴏғɴᴀ !
@labatamagazine
@labatamagazine
#QARRUU_QAROOMINAA
Kitaaba haaraa Gutu Indaashawun barreeffame yeroo ta'u kitaaba yeroo kanatti dubbifamuu qabuufi iccitiiwwaan teekinooloojii haaraa amma mul’ataa jiraniifi gara fuulduraattis tolfamuuf karoorfamaa jiran duuba jiru haalaan barreessee jira.

👉 Argannoowwan Saayinsii qaroomina dhala namaa agarsiisan garuu badiisa isaan booda dhufan:- Argannoo Ibiddaa, Baaruudaa, Boombii Atoomaawaa, Space Flight, Genome Editing, Cryptocurrency , Cloud Computing fi kkf hangam quba qabduu? Fi Abbootiin Argannoo kanahoo eenyuu fa'i?

👉Qarruun Qaroominaa waa'ee dhaloota Interneetaas waan caqase qaba (Internet Generation: 0G, 0.5G, 1G, 2G, 2.5G, 2.7G, 3G, 3.5G, 4G) 5G, 6G hoo garamitti nu geessaa?

👉Iccitii Teekinooloojii 5G duubaan jiru hangam quba qabduu? Waa'ee:-
~>IOT (Internet Of Things)
~>AI (Artificial Intelligence)
~>RFID (Radio Frequency Identification)
~>Cloud Computing
~> Cryptocurrency (BitCoin)
~>Nanotechnology
Bal'inan #Qarruu_Qaroominaa keessatti caqasameera......#QQ dubbisi!

👉Akkasumas waa'een #META maqaa kaampaanii #Facebook gara #METAtti jijjiiramee fi kalaqa haaraa hawaa #Metaverse jedhamu qabatee dhufaa jiru kana boodahoo galmi isaa maali? Fi iccitiiwwan hedduu haala gaariifi ifa ta’een Gutun katabee jira. Dhugaa dubbachuuf kitaaba dubbifamuu qabudha. Kitaaba kana bitaa dubbisaa! Walumaagalattis waan addunyaan bultee kaatee nuuf dhiyeessitu akkasumaan calisnee fudhachuu keenya dura hubannaan xiinxaluun abshaalummaadha.
Dubbisuun, barreessuun itti fufa.....
© Abdii Margaa
@abdiidhiigakoo

🔖ʜᴀʀ'ᴀ ǫᴀʟʙɪɪɴ ᴊɪʀᴀᴀᴄʜᴀᴀ; ʙᴏʀɪɪғ ʏᴀᴀᴅᴀᴀɴ ǫᴏᴘʜᴏᴏғɴᴀ !
@labatamagazine
@labatamagazine
#KENNAA
Luwis Armstrong ijoollummaa isaatti mana muuziqaa seenee barate. Guyyaa tokkos dhaggeeffattoota isaa duratti akkanni faaruu dhageesuuf iskeeliiwwan muuziqaa isaaf kennaman. Innis iskeeliiwwan muuziqaa lama qofaan sirbe. Boodarra wanti muuziqeessaa si jechisiisu hin jiru ittiin jedhame. Sagantaa muuziqaa keessaas nii haqame. Sababa kanaafis luwis baayyee gaddee hin boo'e. Booda hiriyoota isaan garuu akkana jedhe "Muuziqaan keessa koo jira isaan isa keessa koo na keessaa baasuu hin danda'an" jedhe. Suuta suutas muuziqeessitoota jaazii keessaa warra haalaan jaallatamoo ta'an keessaa isa tokko ta'e. Innis muuziqoota hedduu waraabee namoota muuziiqaadhaan baayyee beekamoo ta'an caalaatti gurguratee. Seenaa muuziqaa keessattis bara baraan yaadatama.

Luwis namoota yeroo sanatti dadhabina isaan hamilee isaa cabsaniif bakka kennee irbaata kufaatii ta'e osoo hin taanee yeroof itti dhaga'amee dadhabina isaatti gaddus garuu kennaa ishee keessa isaa jirtuuf bakka olaanaa waan kenneef abdiifi kutannoon hojiisaa itti fufee bakka olaanaa ga'e. Kanaafin kennaa keetiif bakka kenni siin jedhe.

Namoota haala keetiin, jireenya keetiin, qabeenyaa keetiin, dhaba keetiin, bifa keetiin, ulaagaa jireenya keetiin, si madaalanii humna kee dadhabsiisuuf yaalaniif osoo hin taanee kennaa kee isa ibsaa garaa irraa si taasisee bakka hundatti si ibsu, isa eenyuummaa kee Isa dhugaadhaan si golgu, isa kafana hin taane tarsaasee sirraa mancaasuuf bakka kenni. Yeroos kabaja siif malu maqaa siif malu beekamtii siif malu gonfattee bara baraan yaadatama jiraatta. Kanaafuu kennaa kee bakka hin dhowwatin, kunuunsitee guddisuuf abdii hin kutatin. Kennaa keef yoomillee, eessattillee bakka kenniif innis bakka siif kenna.

© Isaayyaas Ittafaa
🔖ʜᴀʀ'ᴀ ǫᴀʟʙɪɪɴ ᴊɪʀᴀᴀᴄʜᴀᴀ; ʙᴏʀɪɪғ ʏᴀᴀᴅᴀᴀɴ ǫᴏᴘʜᴏᴏғɴᴀ !
@labatamagazine
@labatamagazine
🔖ʜᴀʀ'ᴀ ǫᴀʟʙɪɪɴ ᴊɪʀᴀᴀᴄʜᴀᴀ; ʙᴏʀɪɪғ ʏᴀᴀᴅᴀᴀɴ ǫᴏᴘʜᴏᴏғɴᴀ !
https://www.tg-me.com/Labatamagazine
ʙɪʟᴄʜɪɴᴀ

Nuyi si'a baay'ee dandeettii namaa malee bilchina namaa ilaaluuf yeroo hin fudhannu.
Dandeettii bilchinni keessa hin jirre immoo isa tolche balleessaa deema waan ta'eef hin amansiisu. Dandeettiin dandeettii bu'aa buusudha jedhamee abdatamuuf murteessaan, bilchina. Yoom illee dandeettii hin mullanne, isa keessa Kee jiru baastee ittiin jiraachuufi argisiisuu kan ati qabdu bilchina wajjin ta'uu qaba.

Sababni isaa namoonni bilchina qaban, dandeettii Kee qofaan osoo hin taane, bilchina keetiinis si madaalu. Dhala namaa Isa ati beekaadha, dandeettii guddaa qaba jettee waamtu miira isaatu akka inni ta'uu hin qabne Isa godhee argita.
Namni dandeettiin isaa bilchina hin qabne miira aarii keessa seennaan, Isa itti dadhabee tolche jechaa fi gocha tokkoon al tokkotti balleessa.

Hubatee waan hin ilaalleef Isa har'a jaje osoo hin turiin tuffateetu, Isa tuffatee ture ammoo ol kaasee jaja. Kun hunduu bu'aa dandeettii dhabuu miti, bu'aa bilchina dhabuuti.

@jechoota_gamnaa
@jechoota_gamnaa
Forwarded from JECHOOTA GAMNAA (MAAL MALLIISAA)
Maxxansa 11ffaa
🔖ʜᴀʀ'ᴀ ǫᴀʟʙɪɪɴ ᴊɪʀᴀᴀᴄʜᴀᴀ; ʙᴏʀɪɪғ ʏᴀᴀᴅᴀᴀɴ ǫᴏᴘʜᴏᴏғɴᴀ !
https://www.tg-me.com/Labatamagazine
Maxxansa 11ffaa
🔖ʜᴀʀ'ᴀ ǫᴀʟʙɪɪɴ ᴊɪʀᴀᴀᴄʜᴀᴀ; ʙᴏʀɪɪғ ʏᴀᴀᴅᴀᴀɴ ǫᴏᴘʜᴏᴏғɴᴀ !
https://www.tg-me.com/Labatamagazine
ɴᴀᴀᴍᴜsᴀ /ᴅɪsᴄɪᴘʟɪɴᴇ/

🎴Si'a tokko tokko akkuma utuu ilaalluu hin argine, waan sirrii dhiifnee waan nun madaalle hojjenna.
➯ Amala jijjiirree mo'achuuf jennu santu mo'atee nu jijjiira.
🧶Isaan butamnee, namoota jiraachuu keenyaan gammadan mufachiifnee; namoota dhimma keenya hin qabneef waan taanu dhabna🥴

🎯Bakka yaanne ooluu dadhabnee, bakka jirru jibbina.
➯ Waan hojjennu filachuu dagannee, waan hojjenneen qabamna. Jireenyicha nuffina 🤮

Dhimmichi akkuma dawaa dhibee yaaluuf liqimfamuuti, barbaannee miti.
➯ An akkas hin ta'u hin jedhamu🙂

➯ Garuu, amala gaarii kunuunfachaa, kan ofirratti jibbinuu ammoo jijjiiraa gara namummaa Waaqayyo uumeetti guddachuun nii danda'ama.

💎 Naamusni dhuunfaa hundee eenyummaan irratti bu'uureffamu keessaa isa angafa.
➯ Waadaa ofiif ykn nama biraaf galle eeguun,
➯ Haalota utuu hin eegiin nu mudatan keessatti jechaa fi gocha ofii filachuun anummaa to'annaa jalatti eeguun qooda keenya haa ta'u.
Labata maxxansi 13ffaan sirriitti mi'aa isaa eeggatee har'a galgala (Gurraandhala 21, 2022) isin bira ga'a.

@labatamagazine
@labatamagazine
Labata maxx. 13ffaa.pdf
2.4 MB
Labata Magazine
Maxxansa 13ffaa

Monthly Afaan Oromoo Digital Magazine 13th Edition.
@labatamagazine
@labatamagazine
Labata Afaan Oromoo Digital Magazine 13th edition is now online.
Dubbisuuf madda gaarii filadhaa.
ᴀʙᴅɪɪ

Abdiin hamileefi jabina maashaalee
qaamake baatee bakkati yaaddeen si
ga'a. Kanaafuu abdiin Kee cinnaan
boba'aan kee inni tabbaaf bowwaa
si qaxxaamursu dhume jechuu dha.

Ofii keef waan gaarii yaadi, namaafis
waanuma gaarii hawwi, gaariin ati
namoota si miidhaniifis ta'e si
jaallataniif gootu galaakee bara
namoonni gaarii sirraa fudhachuu
malee siif qooduu dagataniiti,
gaaddisa Kee guyyaa qofummaati.
Jiidhakee lafa onaa, Ifa Kee dukkana
walakkaati.

© Isaayyaas
@labatamagazine
@labatamagazine
Labata Magazine
Monthly Afaan Oromoo digital magazine 13th Edition.

@labatamagazine
@labatamagazine
Labata Magazine
Baga guyyaa Dubartoota Addunyaa #March8 geessan.
Maxxansa 10ffaa👇👇
https://www.tg-me.com/Labatamagazine/660
2025/06/30 20:04:06
Back to Top
HTML Embed Code: