Telegram Web Link
Hello Members🖐

@Miiju
🔴Yeroo tokko bulchaan biyya Uummata Isaatiin:-

💢" Diinni hunda keessanii du'eera.kanaafuu akka barumsa isiiniif tahuuf koottaa ilaala.Saanduqa reeffaa keessa jiraa " kan jedhu labsii baase.

🔵Diina hunda keenyaa ta'uu kan danda'e kun Eeenyu? Jechuudhaan dinqisiifachaa namticha du'e jedhame san ilaaluuf gara iddoo sanaa dhaqan.baay'een isaanii waan argan dinqisiifachaa kaan immoo bitaa itti galee ture.

Namoonni sun saanduqa reeffaa keessatti maal argan isinitti fakkaata?

🔹Saanduqa reeffaa keessa kan taa'e seexana,shororkeessaa,
ykn nama hamaa Osoo hin taane kan bifa isaanii mul'isu saanduqa of ilaallee(Daawwiti)qabu ture.isaanis achii keessatti of ilaalan.Mootichis kan kana godhaniif Namni hundi diina mataa isaa akka ta'e barsiisuuf ture.

♦️Kanaafi edaa kan farfataan ''Foon koo raammoo ta'e na nyaate' kan jedhe...
♻️Namoonni baay'eenis yoo rabbiin kadhatan'',Dabarsitee mataa kootti nan laatiin''Yoo jedhan ni dhageenya.
❇️Baay'onni keenya diinni natti baay'ate jechuu malee diinan baay'ise hin jennu.Namni natti hin tolu jechuu malee ani namatti hin tolu jechuun nutti Ulfaata.Dogongorafi dadhabbii ofii beekuun Waan guddaadha. Ogummaadhas

🔵Dhuma irrarti Ogeessi biyya chaayinaa tokko''Kan namoota to'atu Cimaa yoo ta'u kan ofii isaa to'atu garuu #beekaa dha.kan nama biroo beeku gamna too ta'u, kan ofii isaa beeku garuu #hubataadha.''nuun jedha

Ofii keenya bituudhaan mataa keenya irratti haa moonu!

#Share

@Miiju @Miiju @Miiju
Rabbiin Ogummaa isaa isa dhuma hin qabne sanaan waan inni siif kenne yoo amantee fudhatte....
Waan namoonni baay'een dhaban #nagaa fi #gammachuu argatta!!

Suuricha sirritti ilaalaa..

Dilbata Gaarii

@Miiju
Lammiiwwaan itiyoophiyaa warreen biyya alaa jiraatan....Tibba kana hiriira ba'uun!!

Dhaadannoo #AbiymustGo jedhu yoo dhageessisan kan isaan immoo #Abiymust_Go_forward jechaa jiru!!

Anii fi hiriyoonni koo warri qorraa fi roobaan rakkachaa jirrus #Summer_Must_Go
Jechaa jirra.😊

@Miiju
Ilmi Namaa kennaa uumaan uumamaan isaaf kenne kan Uumama biroo irraa ittiin Adda tahu waa sadi qaba.

1Sammuu; ittiin waa yaada,ittiin xiinxala fi wantoota waliin maadala.
2Miira; ni jaallata, ni jibba, ni morma ni deeggara fi ni gammadaani.
3Eeyyama; Dandeettii waa tokko hojjechuu fi hojjechuu dhiisu ittiin murteessinudha.

Egaa ilmi namaa maashina wanti arge garaa barbaadetti oofu osoo hin taane; Uumama dandeettiiwwan sadan armaan olii qabu kan bifa waaqayyootiin uumamedha.

Kanaan achii kan namni ka'i waan jedhe qofaaf ka'anii hoomaadhaan bahanii; lubbuu namaa fi qabeenya namaa libsuu ijaa keessatti barbadeessuun magaalota keenya libiiyaa fi Sooriyaa fakkeessaniin akkamitti nama jennaaniin?

Ani waa jedheeraanii isin waan barddaan jedhaanii☺️

Comment @yomi_man

@Miiju
Koronaan wali irraa siqaa(hiiqaa) jedha!

Qorri Ganna walitti siqaa jedha.. innimmoo inumaayyuu walitti maxxanaa jedhayyu☺️

Egaa kam dhageenya nuti🤔

@Miiju
Obbelewwan keenya hordoftaata amantaa muuslimaa maraan Baga ayyaana ID Al adaha nagaan geessan,geenye.

Kan baranaa kan bara Egeree🖐

Eid Mubarak

@Miiju
Filannoon bara kana Naannoo tigiraayitti geggeeffamuuf jedhu..

A, Debretsion

B,Deebiin isaa 'A' dha

C,Debretsion kan jedhu irratti xiyyeeffadhu.

D,Hunduu deebidha

😂😂

@Miiju
Tokko yoo dhufee ''Teedros kaasahuun Sirba qeenxee haaraa gadi dhiiseem jedhaniim'' maal maal jedhee sittii himuu eegalu
.
.
Aboo teedros ati jettu kun kami😳 Ani Teddy Afroo qofan beeka😊

Current Affair

@Miiju
Buli QEEYRRoo🙏

ቡሊ ቄሮ Siif safuu'a!

@Miiju
Yeroo hiriyaa keetiin ''Hidha laga abbayyaatiif #8100 irratti #A jedhii qarshii 1 ergiif'' yeroo jettuun..

He be like👇👇

'Karaa gama kiyya haa yaa'u, hin hidhiinaa'

😂😃

@Miiju
Roobaa gannaa guuyyaa guutuu roobu kana Namoonni siyaasa yeroo yeroo xiinxalaalan.....

1,Paartiin badhaadhinaa ; Roobni kun qaama jijjiirama waggaa lammaa asitti dhufedha!

2,Paartii TPlF...paartii sirna Nafxagnaa geeggeessutu halkanii guyyaa biqiltuu dhaabuudhaan biyya keenya roobaan balleessa jira.kana uummanni cichee mormuu qaba.....😂😜

#Summer

@Miiju
Roobaa fi qorra gannaa kana Midiyaaleen biyya keenyaa Yeroo gabaasan

#OBN;- Roobni baranaa kun Oomisha boqqoollootiif baay'ee mijataa ta'uu isaa qonnaan bultoonni ganda foollee qondaallee himan
🌽🌽 😂😂

#OMN; Roobni fi qorri gannaa kun Uuggura gabaa fi qooqqobbii dinagdee qeerroon oromoo geggeessa jiru kanaaf humna guddaa akka ta'e Roogeessonni siyaasa gameeyyiin dubbatan ☺️

Kan hafe itti guuta isin....

#Summer

@Miiju
Tokkommoo fashina hordofuu isaatii Maskii ciccitaa keewwatee ''koronaa waliin haa ittiifnu' jedha.

Tu😂

@Miiju
Miseensi channalii #Mijuu hundi kessan!

BAGA BOOQAA BIRRAATTI Nagayaan Ceetan!

Ayyaana Gaarii🌼🌼🌼

@Miiju
Bara haaraa kanatti, haala adda ta'een walitti deebi'uuf jeenna!


Kan darbeef na Ofkalcha🙏

Admn @yomi_man

@Miiju
'Yoo nuti yaada keenya hin jijjiiree barri jijjiirramera jechuu hin dandeenyu! Bara haaraa kanatti wantoonni nu waliin darbuu hin qabnes akka jiran beeku qabna!'

Yoonaatan Akliluu

@Miiju
Ani akka kiyyatti wanti bara kanatti nu faana tarkaanfachuu hin qabne; yoo tarkaanfates kan of duuba hanbisuu qabnu:-

#1, Wal abarsaa social media irraati. kuni waan akka dhuunfattis tahee akka sabatti nu hin madaalledha. sababii namni dhaaba siyaasa nuun faalla tahe hordofuuf,sabaan nurra adda taheef Abaaruun seeras sirriis miti. kunimmoo baay'inaan facebook irratti mul'ata.

Bara itti nama ijaa inni nama tahee qofaaf itti kabajnu fi itti jaallannuu nuuf haa tahu
🙏🙏

@Miiju
What's on your mind?

Jijjiirraa qarshii vs Irreecha 2020

@Miiju
Noottiin AbbaaQarshii #5 gara saantimaatti jijjirramuufi gaafa jedhan....
.
.
Nuti gonkumaa qarshii kiisii keessaa dhabuuf deemnakaa😞😞

#cents

@Miiju
2024/05/16 11:09:33
Back to Top
HTML Embed Code: