Telegram Web Link
Oduu Gammachiisaa

Arsiii Roobee

JBMAN (Jama'aa Barattoota Muslimaa Aamunnasrii) guyyaa borii irraa eegalee barattoota harka qalleeyyii ta'aniif uffata yunifoormii waan Arjoomuu heduuf barattooni kamuu amantaadhaan osoo adda hin baafamne dhuftanii galmaahuu ni dandeettu
Eaddoon Ittti nu argattan dallaa Masjida Imaamu Shaafi'ii Keessatti Argamna
Odeeffannoo Dabalataatiif

Lakk Bil 09-82-03-85-18
09-54-66-67-41
kanaan yoo bilbiltan nu argatuu dandeettu

Amiira Faaynaansii JBMAN

๐Ÿ‘‰ @bimilla
@Qabsahaa
Oduu Gammachiisaa
Arsii Roobee

Jama'aan Barattoota Muslimaa Aamunnasrii sagantaa isaa sababa koronaatif adda citee kan ture Guyyaa 18/4/2013 irraa eegalee waan eegaluuf dhuftanii qooda irraa fudhachuu ni dandeettu hiriyyoota keessanis akka nuuf affeertan kabajaan isin gaafanna.

Koree Qindeessituu Sagantichaa Irraa

@telegiraamaJBMAN
Injifannon Erdogan guyyaarraan galmeeysaa dhufe yahuudootaf lubbu fiduu irraa kan ka'e American biyya Turkey irra qoqqobbii kaahe jatti. Ani kaniin ja'u qoqqobbiin tun waan akka koofiyaatimo waan akkami๐Ÿ˜‚

Gama biraatiin Pakistan biyya Falasxin akka deggartu ministerri dhimma alaa biyyatti beysise. Yaa Pakistan tenya jabo Turkey wajjin dhaadatta American ๐Ÿ˜ก usme American tun hanga yoom oduu tartiibaan himuu nudhoorkiti? ๐Ÿ˜‚ horaa bulaa.
@Qabsahaa
#Shaam(Suuriyaa)

Bineensa tokko caakkaa keessatti ajjeesuun yakka araarama hin qabne,
Garuu ummata guutuu dachee tanarraa barbadeessuun dhimma marii gaafatu... !!

Yaa Rabbi tumsa kee

#ุณูˆุฑูŠุง ู„ูƒู… ุง
Oduu Ammee

Jama'aan Muslimaa Torban Diida'aa (JM7'nD)
Walgahii isaa kan idilee marsaa 10ffaa guyyaa har'aa Magaalaa Roobee Arsii irratti taa'ee jira walgahii kanarratti gabaasa hojii ji'oottan darbanii fi koroora fuula duraa irrattis mari'atamee jira.
Namoota walgahii kanarratti argaman keessaa muraasni

1.A/hakiim Namoo Adaamarraa Amiira waliigaalaa JTD kan ta'e

2.Muddiin Umar I/Amiiraa JTD Balerraa

3.Sh/Ismaa'il Musa Miseensa JTD Damee Arsii Roobee

4.Sh/Gazaal Miseensa JTD Damee Arsii Roobee
fi keessummoonni birootis argamanii jiru.

@oromooGNN
Breaking News

Hooggantoonni JMTD Amiira walii galaa
A/hakiim namootiin durfamu dhimma marii Jama'aa Aanaa suudee tii fi Sagantaa du'aa'ii Jama'aa Torban Diida'aa Damee Aanaa Suudee irratti hirmaachuuf Guyyaa 14/5/2013 gara magaalaa Kullaa akka imaluu hedan dhagahamee jira

Affeerri waamichaa Amiirri Jam'aa Muslimaa Torban Diida'aa Damee Aanaa Suudee godheef sababeeffachuun gara magaalaa kullaa Jum'aa dhufu ni imalu

Hoogantoonni kun Sababa hidhamuu Barattoota Muslimaa Aanaa Suudee gadi fageennaan ni qoratu jedhamee eeggama
Dabalataanis dhimma Jama'aa irrattis gadi fageennan ni mari'atu.

๐Ÿ‘‰kan gabaase Tajaajila Oduu JM7'nD ti
#Masjida Nuur kan magaalaa Haalaabaa Quliitootti Haleellaan
raawwatame Naannoo Kibbaa godina Halaabaa magaalaa Halaabaa Quliitootti kan argamu masjida Nuur irratti haleellaa raawwatamuu fi muslimoonni hedduun miidhamuu gabaafame.

Haleellaan kun dargaggoota hordoftoota amantaa Ortodoksii, Ayyaana Ximqataa kabajanii deebi'aa turaniin dhagaadhaan kan raawwatame tahuu odeeffannoo ni addeessa.

Daraggoonni Finxaaleeyyiin gurmaawanii sochoโ€™an kun
hawaasa muslimaa yeroo saniitti naannawa san ture irrattis reebicha raawwachuun miidha dhaqqabsuu gabaafame.

Guyyaa lama duras haaluma walfakkaatuun dargaggoonni
Finxaaleeyyiin gurmaawanii fi Poolisootni Masjida Taqwaa kan magaalaa Finfinnee naannawa Beteeliitti argamutti Sababa
walfakkaatuun Masjidaa hawaasa muslimaa irratti haleellaa raawwachuu ni yaadatama.
๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚๐Ÿ™…โ€โ™‚

@Sammaan
Breaking News

Jama'aan Muslimaa Torban Diida'aa Damee Arsii Roobee Dilbata dhufu ykn Guyyaa 16/5/2013 walgahiin akka gaggeeffamu Amiirri waliigalaa Aanaa Roobee She M/nuur Haashim beeksisanii jiran
walgahii kanarratti leenjii Daa'iwwanii fi Dargaggoota horannaa miseensatiif Magaalotaa fi Baadiyaa garagaraa keessa bobbaasuu hedaniif akka kennuu hedan dubbatan
Dabalataanis warroota sochii hedan kanaaf waraqaan eenyummaa akka kennamuu hedus himanii jiran

Namoota walgahii kanarratti Affeeraman keessa muraasni
1.She zubeer maga/Hindatoo irraa
2.She Gazaal maga/ Jeenaa irraa
3.She Ismaa'il Musa maga/ Roobee irraa
4.She A/rahiim Bayaan maga/ Roobee irraa
5.She M/Awwal maga/ Roobee irraa
6.She A/jaliil Aliyyii maga/ Roobee irraa
.
.
.
Keessummoonni birootis Affeeramanii jiru

๐Ÿ‘‰Kan gabaase Tajaajila Oduu JM7'nD
@JM7nD
Oduu Ammee

Jama'aan Muslimaa Torban Diida'aa Damee Arsii Roobee guyyaa har'aa marii gaggeesse marii kanarratti Daa'iwwanii fi dargaggoonnis kan irratti hirmaatan yoo ta'u namoonni walgahii kanarratti hirmaatan JMTD
Bira dhaabbatuu fi hojii isaanitti kenname mara hiftoo tokko malee akka hojjatan waadaa galanii jiran Dargaggoonni Magaalaa Jeenatirraa akka walgahii kanarratti hiramaataniif afgeeraman sababa geejjibaatiif walgahii kanarratti hirmaachuu hin dandeenne

Odeeffannoo dabalataa JMTD Damee Arsii Roobee guyyaa har'aa sagataa isaa kan idilee bifa hoo'aa ta'een gaggeessaa oole

Barattoota kutaa 1 hanga kutaa 12 barataniif kitaaba amantaa fi kan akkaadaami raabsaafi oolan Barattoonni kun tilmaamaan 200 hanga 250 ni ta'u
@JM7nD
Forwarded from Abdulhakim Nemo
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
https://www.tg-me.com/JM7nD
Aswrwb
Kun qophii Marii addaa
Jama'aa muslima torban Diida'aaa tin
Kan isin dhiyaatu bifa viidiyyoo
tin waan ta'eef video keenna Share waliif godhuun Sagantaa itti anus nu eeggadha.
Oduu Gammachiisaa

Ministeera Muummee Maynamaar Muslimoota
Burmaa irratti Daguuggaa sanyii raawwataa turte Har'a
guyyaan geenyaan Waraanuma ofii ittiin Muslimoota dararaa
turteen Aangoorraa Fonqolfamuun Mana hidhaa seenteetti!
@oromooGNN
Guyyaa #Hijaabaa Addunyaa

Wantoota mallattoofi naamusa amantii Islaamaa calaqqisiisan keessaa tokko uffannaa hijaabaa yookiin uffannaa naamusaa kan jedhamuudha.

Hijaabni sona amantii irra darbee akka mirga dubartii tokkootti ilaalama jedhu kanneen dhimma hijaabaa irratti quuqamuun hojjetan.
Addunyaarratti garuu hijaabni akka dabaatti hubatameera, dubartii hijaaba uffatte tokko lafumaa ka'anii akka shorokeessaatti hubachuutu ture.

Bara 2013 Guyyaa Hijaabaa Addunyaa jechuun kan eegalte namni Baangilaadish lammummaan Ameerikaa taate #Naazmaa Kahaan kaayyoon guyyichaa hubannoo dogoggoraa dhimma hijaabaa irratti jiru sirressuudha jette.
Guyyaa kana muslimoota qofa osoo hin taane dubartoonni amantii biraa hordofanillee hijaaba uffachuun miira hijaaba uffachuun qabu akka baraniif ni affeeramu.
Guyyaan Hijaabaa Addunyaa wagga waggaan gaafa Guraandhala tokkoo kabajamu kun akka Itoophiyaattis bara darbe yeroo jalqabaaf kan kabajame yoo ta'u baranas yeroo lammaffaaf kabajameera.
@telegiraamaJBMAN
Yaaโ€™iin hundeeffama Liigii Ulamaaโ€™otaa fi Duโ€™aata Oromiyaa guyyaa har'a magaalaa Adaamatti kan taa'ame ibsa ejjennoo armaan gadiin kanaan xumurame๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

1/ Nuti Ulamaaโ€™onniifi Duโ€™aatni Naannoo Oromiyaa gaaddisa gamtaa (Liigii) ulamaaโ€™otaa fi duโ€™aata Oromiyaa guyyaa harโ€™aa Amajjii 30 /5/2013 ijaarree jirra.
2/Akkuma dambiin ittiin bulmaata Caayaa kanaa ibsutti Qurโ€™aanaa fi hadiisa Rasuulaatti (SAW) hojjachuuf, tokkummaa Muslimootaa tiksuufi obbolummaa Islaamaa jabeessuuf ni hojjanna.

3/Buโ€™uura amantii keenyaa qabachuun amantiilee biroo wajjin nagaan jiraachuufi walkabajuu barsiisuufi hojitti hiikuun dirqama amantii keenyaa ni baana.

4/ Hojiilee gurguddoo Manni Marii dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa (Majlisni Oromiyaa) hojjataa jiru ni deeggarra. Fuula duras kana caalaa hojjachuun amaanaa ummataa akka bakkaan gahan humna taanee bira dhaabbanna.

5/Majlisni federaalaa wal dhabbii isaaniifi majlisa naannolee jidduu jiru,
akkasumas waldhabbii ulamaaโ€™otaafi boordii isaanii jidduu jiru tasgabbiifi adaba Islaamummaatiin akka furu ni gaafanna. Akkasumas majlisni Federaalaa alseerummaafi ummata Islaamaa adda qooduu dhiisuun itti gaafatamummaa isaa akka bahuufii ummata Muslimaa kabajamaa kana akka bakka buโ€™u nigaafanna.

6 / Yeroo kamuu ummata Muslimaa addaan qoqqooduu, maqaa garagaraa itti moggaasuu
ni balaaleffanna. Maqaa Rabbiin nuun yaameefi nuu jaalateen Muslima jennee of yaamna.

7/ Liigiin ulamootaafi duโ€™aatota Oromiyaa yoomiyyuu caalaa ijaarsa biyyaatiifi nageenya naannoo keenyaa tiksuufi eeggachuu irratti adda duree tahee ni hojjata.

Allahu Akubar.
30/05/2013 Adaamaa.
Hiriira mormii G/Booranaa magaalaa Yaabellootti harโ€™a geggeeffame
Dabalataanis W/Lixaa Giimbiitti hiriira mormii geggeessaa jiru akkasumas Shaashamannettis yeroo ammaa mormii geggeessaa jiru

Magaalaan Asaboot Hiriira mormii irra jirti magaalota hedduu keessatti guyyaa har'aa hiriira mormii irra jiran yoo ta'u Hriira mormii Magaalaa Qarsaattis adeemsifamaa jira
@oromooGNN
Oduu Ammee

Jilli JTD Damee Arsii Roobee guyyaa kaleessaa Magaalaa hindatoo irratti waan guddaa hojjataa oolee jira hawaasa waahee JTD barsiisuu,Dargaggoo fi Dargaggeettii ijaaruu fi horannaa miseensaa irra oolee jira

Dabalataanis guyyaa har'aa magaalaa Saddiiqaa irra kan oolan Magaalaa Saddiiqaa irratti sababa gabayaatif gandoota baadiyyaa hedduu irraa gara saddiiqaa waan dhufaniif ganda heddutu waahee JTD hubata jedhamee abdatama
Sababa Networkitiif wal qunnammuu waan dadhabneef galgala har'aa ykn bor subii gara magaalaa Jeenaa ni imalan jedhamee eeggama

Imala keeyrii isiniif haa ta'u
@JM7nD
Carraa Gaarii Isiniif Hawwa

Carraa Barnoota Biyya Alaa Turkii irraa kan Kennameedha .
Carraa kana liinkii asii gadii kanaan Odeeffannoo hundaa ilaaluun Guutaa .
Carraa Gaarii dha Barnoota Diinii fi Idilees Wal Bira kennama .
Guyyaa Muraasatu Hafe Guutaa carraa keessan Yaalaa .
Barattoota kutaa Sagalii Olii qofaafi .
#TรผrkiyeMezunlarฤฑ Duyuru!

Start of Islamic Sciences Applications for Undergraduate and University students within the Tรผrkiye Diyanet Vakfฤฑ of Turkey.

If you want young people in your country to study at Imam Hatip High Schools and faculty of Theology in Turkey, you can have them apply at the application link below:
https://diyanetburslari.tdv.org/
@Qabsahaa
Boonni (oftuulummaan)

Haalaa fi amala ilma namaa Rabbi biratti akkaan jibbamaa keessaa tokko Boona yokaan oftuulummaadha!

Ergamaan Rabbii ๏ทบ "Namni hanga firii xiqqoo takkaa (Misqaalazarraa) boonni qalbii isaa kheeysa jiru jannata hin seenu jennaan, gurbaan tokko Yaa Rasuulallaah ๏ทบ Ilmi namaa huccuu babbareedduu fi kophee babbareedduu uffachuu jaalata" jedheen. Hoggaa tana Rasuullinis ๏ทบ akkana jedhan "Rabbiin bareedaadha, waan bareedduu jaalata, boona jachuun haqa diduu fi nama tuffachuudha."

ูˆุนู† ุนุจุฏ ุงู„ู„ู‡ ุจู† ู…ุณุนูˆุฏ ุฑุถูŠ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ ุนู† ุงู„ู†ุจู‰ ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… ู‚ุงู„‏:‏ โ€œู„ุง ูŠุฏุฎู„ ุงู„ุฌู†ุฉ ู…ู† ูƒุงู† ููŠ ู‚ู„ุจู‡ ู…ุซู‚ุงู„ ุฐุฑุฉ ู…ู† ูƒุจุฑโ€ ูู‚ุงู„ ุฑุฌู„โ€ ุฅู† ุงู„ุฑุฌู„ ูŠุญุจ ุฃู† ูŠูƒูˆู† ุซูˆุจู‡ ุญุณู†ุงู‹ ูˆู†ุนู„ู‡ ุญุณู†ุงู‹‏ุŸ‏ ู‚ุงู„‏:‏ โ€œุฅู† ุงู„ู„ู‡ ุฌู…ูŠู„ ูŠุญุจ ุงู„ุฌู…ุงู„ ุงู„ูƒุจุฑ ุจุทุฑ ุงู„ุญู‚ ูˆุบู…ุท ุงู„ู†ุงุณโ€ ‏(‏(‏ุฑูˆุงู‡ ู…ุณู„ู…‏)‏)‏.‏

Muslimtu gabaase
Hadiisa biraa keessattis Rasuulli ๏ทบ akkana jedhan "irra caalaan keessan, irraa tolaa keessani haalaa fi amalaan"

Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa
Forwarded from Dawaa Qalbii (Sammaan Seman)
Salawaata Nabirratti Heddummeessi ๐Ÿ’ซ๐Ÿ’ซ๐Ÿ’ซ๐Ÿ’ซ๐Ÿ’ซ๐Ÿ’ซ๐Ÿ’ซ๐Ÿ’ซ๐Ÿ’ซโœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…
Sallaallaahu Aleeyhi Wasallam
โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…
Sallaallaahu Aleeyhi Wasallam
โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…
Sallaallaahu Aleeyhi Wasallam
Join godhi nutti makami
๐ŸŒน @Sammaan ๐ŸŒน
๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†
Rabbiin Zaalima nurraa haa kaasu nurraa haa qabu ๐Ÿ’ซ๐Ÿ’ซ๐Ÿ’ซ
2025/07/13 18:39:46
Back to Top
HTML Embed Code: