Telegram Web Link
Akka jaarroleen horsiisee bulaa horii gurgurattee beessee baankii keeyyattu guddoo carraaqaa ture. Fkn Oromoo Booranaa keessaa (aabba Jiloo Guyyoo, aabba Dheengee Gurraa, aabba Diqqaa Waaqoo …) Gujii keessaa (Godaanaa Uddoo, Shukkee Kamee, …) Gabraa keessaa (Goolee Waariyoo ….) namoota gorsa Shalaqaatin horii gurguranii baankii keeyyachuu eegalan keessaa warra mataa qaraati jedhu maanguddoon. Tokkummaa ummattoota kibba Oromiyaa irratti shalaqaan waan guddoo hojjate. Booranaa, Gabraa fi Gujii akka isaan walkeessa godaanaan tolchuun dheeda isaanii walitti make. Isan nama tokkoo, isan lafee tokkoo, isaan ilmaan haadha tokkooti waldhabdaniiyyuu garii gargar dhaxxan hin jiru jechuun ummata kana caalaatti walitti fideera. Yoo nami tokko wa baleessee gama tokkollee adoo hin irra hin ciimnee Dhugaan jidduu dhaabbachuun murtii haqaa kennaa ummata garaa qabanneessuun caalaatti akka tokkummaan isaanii cimuu tolchee jira.
Waluma galatti oolmaa Shalaqaa Jaatanii Tandhuu ummataaf oole akka armaan garjalootti gabaabsanii kaawu hariyyooni isaafi bareessitoonni isaa aabba Huqqaa Garsee, Aabba Taadhii Liiban fa’an.

Shalaqaa Jaatanii Alii Tandhuu eegii gara Booranaa dhufee halkanii fi guyyaa adoo hin boqotinuu onnee tokkoon uummata isaatii hojjachaa turuun, hojii misoomaa ta’a mootummaan yeroo suniitti gara ummataa gadi buuse cufaayyuu gogeessa qaraa keessa bu'e hojjachaa gumiif fakeenna guddaa ta'e. Gumii sirna mootummaa Dargiitiin Cunqurfamte tana hintuffatu, hin jarjarsuu, inkarkarsa, inkunuunfata. Jaalalaa gumii waan qabuuf garaa tokkoon onnee irraa tajaajilaa ture.
Ummata isaa barsiisuu qofa adoo hin ta'inuu akka namii waan hedduu irraa baratu waan fuula qaba waan gugurdoo hedduu hojjate. Afaan yeroo suniitin Bulchaa “Awuraajaa Areeroo ta’e yeroo hojjachaa tureetti ummata horsiisee bulaa ila banuun finna fi jireenna isaa jijjiirun gudinnaafi bu'aa qabatamaa fidee ummataaf garsiiseera. Faayidaalee uummataatiif jecha baazaarii qoopheessuun horsiise bulaa “Awuraajaa Areeroo’ jiru cufaa amansiise kakasuun akka gumaachan tolchee, bu'uuralee misoomaa gugurdoo lafti teenna duraan hin qamne lafa irratti hundeessee haga ammaallee qabatamaan ummata keenna tajaajila jiran.
Fakeennaaf:
- Mana Barannootaa Sadarkaa tokkeessoofi lammeessoo fulaa akka akkaatti
- Buufata fayyaa magaalaa Yaaballoo kan yeroo ammaa gara hospitaala Yaaballootti guddate
- Hosteelii Ijoollee Booranaa
- Hosteelii Jaarman
- Hosteelii Katoolikii
- Baankii Daldala Xoophiyaa
- Istaadiyoomii gudditti magaalaa Yaaballoo
- EDDC(.Ididiisi )
- Galma Wal-ga’ii Bulchiinsa magaalaa Yaaballoo
- Humna Ibsaa Xoophiyaa(ELP) fi kanneen biraalleen ni jiru
- Hundaa caalaa Dhaaloota Haaraa sabaaf uumeera.
Gama Nageennaatiinis ga’een shalaqaa Jaatanii Alii Tandhuu taphate kan madaallii qabuu miti. Biyyittin Xoophiyaa gama nageennaatin yeroo maraa booruuftuudha. Booruu tana qulleessuu keessatti shalaqaa Jaataniin dhimbiibboo guddoo tayee sabaaf bisaan qulloo tolche. Eegii Jaatanii Alii mootummaa yeroo sun biyya bulchuun muudamee lafa Booranaa dhufee waraana afurti adeemsifame. Isaanis:
1. Waraana abbootii lafaatin (nafxanyootaan) geggeeffame
2. Waraana Iyeeppaan (Ethiopian Revolutionary Party (ERP) uumte
3. Waraana luboomaa Jaatanii Alii irratti agaamame
4. Waraana Baballifachaa daangaa ka Soomalii yookaan saffaraan geggeeffame
5. Dhufiisa Mootummaa Wayyaaneetiifi wareegamu shalaqaa Jaatanii Alii
Waan aniin tuqee yookaan himee bira gahuu hindandeenne ummata isaatiif kan hojjate shalaqaa Jaatanii Alii Tandhuu lellequu finna Dargiitiifi jabaachuu lola wayyaaneetiin imaltuu keessaa deebii hin qamne imaluu hin oolle.
Shalaqaa Jaatani Alii bara jireenna isaa keessati haala kamiinu kan gargari nama hin qoonneefi ilaalcha dhiphinnaa kan hin qabne ture. Sababa kanaaf akka ummanni Oromoo jijjiiramee sadarkaa guddaa irra dhaqqabuf hojjachaa ture.
Haa tahuu malee; jarrii guddinaafi jijjirama ummata Oromoo hin barbaanne, keesumattuu ummata Booranaatiif ilaalcha jibba addaa kan qabdu wayyaaneen carraa lafa bulchuu waan argatteef kaayoofi mul’ati guddaan inni jalqabe akka galma hin geenneef abdii sabaa dukkaneessite. Atin hoo kaayoofi mullata isaa sun maal godhaa jirtaa?
Akkuma Booranii”Mataan dhalootaa lafa hin hanqatin du’aaf lafa hin hanqatu, Eegii dhalootii hin oolin dootii hinooltu”jedhu dubbiin mammaaksa kanaa shalaqaallee hin hanqanne. Taatullee dootiiisaa adda taatee nu mamsiifte. Bara 1991 keessa akkuma mootummaan Dargii kufe Wayyaneen lafa Xoophiyaa qabatte. Wayyaaneen baruma sana ilmaan Oromoo kan lafaaf biyya isaaniitii falmaa turan irratti shira hojjachuun Adda Bilisummaa Oromoo biyyaa baafte. Yeroo kanatti Oromiyaan lafa fardaan gulufaan taate. Adiyyoo abbaan raasaatti keessaa baqate keessaa gulufuun wayyaaneen adamoo ilmaan Oromoo mukaa diidaa baate. Shalaqaanis warra warra wayyaaneen barbaaddu keessaa nama mataa qaraa tayee argame. Yeroo kana aangahoonni Dargii Waardiyyaa mana gandaati aga Mangistuu mana mootii jiruu biyya gad lakkisanii baqatan. Garuu, Shalaqaa Jaataniin ji’a kudhan guutuu baadiyyaa Booranaa keessatti dhokatee dhossan ummatasaa mariisisaa ture. Dhuma irratti haalli garamalee jabaatee wayyaaneen OPDOtti fayyadamuudhaan baddaa gammoojji Booranaa cufumaa qabannaan gara biyya Keeniyaatti baqate. Shalaqaa Jaataniin akka abbootii aangoo isaan biroo baqatee hin teennee oliif gadii fiiguun akka humna qoodhabee deebi’anii fulaa kaasan socho’uu itti fufe.
Sochii isaa kan sodaattee Wayyaaneen mootummaa Xoophiyaa mootummaa Keeniyaa bulchuu Daani’eel Tirootichaa Arab Moo’ii waliin walii galuun mala ijjeecha Shalaqaa maluu jalqabde. Mootummaan Keeniyaas dabarsee nyaaphaa kennuun ji’a Adoolessaa 02, 1992 aduu galgalaa magaalaa Naayirobii hoteelaa Nigaraatti humniti lootuun mootummaa wayyaanee Imbaasii Xoophiyaa isaa Keeniyaa waliin ta’uudhaan Shalaqaa Jaatanii Alii Tandhuu galaafatte. Adoolessii lama gannii 1992 guyyaa nu ilmaan Oromoo jannaa jabaa keenna dhamneedha. Humniti lootuun mootummaa wayyaanee ittuma fuftee nama Booranaa jajjabaa abukaattoo Shalaqaa Jaatanii Alii Tandhuu dhaabatellee abbaa seeraa Huseen Soraa bara 1996tti summii nyaachisuun achuma biyya Keeniyaa magaalaa Naayirobiitti galaafatte.
Shalaqaa Jaatanii Alii Tandhuu hojii isaatiin cinaattis jechoota hedduun yaadatama! Beekaan, Jannii, Ilmii, Dhugaan, Horiin, Madditii maaliin akka toltu, saba tokkoof maal akka barbaachisan dubbii bira qabaatin yoo sabaaf ibsu jechoota armaan garjaloo kanneen fayyadama.
Ilma tokko dhaluun dhiphuu, Dhalanii dhabuun dhiphuu agas irraati
Gosti beekaa hin qamne dhiphuu Beekaan fulaa hin qamne dhiphuu agas irraati

Hayyuun jecha hin qamne dhiphuu Jechi dhugaan keessa hinjirre dhiphuu agas irraati

Horiin dheeda hin qamne dhiphuu Dheedii madda hin qamne dhiphuu agas irraati”.
Gorsa shalaqaa Jaataniin gaafa jiru ummata isaatii dabarsaa ture, jaarroleen Booranaafi ummati Booranaa ballaan akka asiin garjaloo kanaan himu. Isuma kana obboleetti teenna Saafiyaa Sheeqa Adaan gabaabsitee bareesite awwaala isaa ka magaalaa Marsaabeetiiti argamu irra keettee warra hin beennees barsiifte. Saafiyaa Sheek Adaan galata guddaa Booranaa Guutuu fi Oromoo balloo biraa qabda.
Laftti teessani lafe teessan!
Lafe teessan jabeeffadha!
Afaan biyyaa baradha!
Ijoollee barsiifadha!
Mana diratti jaarradhaa!
Beesse Baankii keeyyadha!
Warra shalaqaa waliin hojjachaa turaniif seenaa isaa dhalootaaf dabarsan keessaa Aabba Huqqaa Garsee, yoo waan shalaqaan jedhu irra dhaabbatee ummata keennaaf ergaa dbarsu akkana jedhan:
Wal jaaladha irree wal tolfadhaa
Sabaa cufaan harka walqabadhaa
Dukkana keessa ba’uuf jabeessaa baradha
Oolan naasuu hin qabdu horii gurguradha
Waljalaa gurguraa gara beesseetti deeffadha
Kaloo waliin qabdan jabeessa jaarradha
Dongoraa seeraatin murtii jabeeffadha!
Yaadannoo Shalaqaa Jaatanii Alii Tandhuu haatooTuukkee Godaanaa akka asiin garjaloo kanatti barreessan:
Hin irraanfadhu!
Jaatanii Alii Tandhuu dhalata Booranaa
Aanaa Dirree keessaa ijoollee Meelbanaa
Gaaf lubbuun jiruu ummata dadammaqsee
Guddina dinagdee biyya dhageesisee
Daandii jiruu borii akeekaa garsiisee.
Yeroo bulchiinsa isaa waan barumsaa labsa
Warra ummata dabsuu barcumaa irraa gussa
Dhartoota miinyaan laalee ofirraa fageessa
Malaamalteefi hattuu guuree seeraa geessa
Hin hatinaa jedhee nama cufaa barsiisee
Tokkoo tahaa jedhee harka walqabsiise.
Sirni jijiiramnaan maanguddoon dhossitee
Akka diinni hin nyaannee ilduraa gorsitee
Jaatoon miira hammaatee biyya ormaatti bahullee
Ummata ofii dhiisee irraa fagaatullee
Yaaddoon ummatichaa isa hinfoorfachiimne
Baqataa ta’uun isaa isa hin gammachiimnee!
Booranii eennu qabaa jedhee adoo yaaduu
Biyyatti deebi’uuf osoo falaa barbaaduu
Fala barbaadullee osoo hin xummurin
Waan garaa qabullee osoo hin cuuqqisin
Oduu biyya Booranaa siif finnee isaan jettee
Maallaqaan bitamtee barbaadaa isaa dhaqxee
Diina isaa guddayyaa balbalaa duraa bante
Sareen inni guddise harkaasaa kutatte
Eblaa guyyaa lamaa dootii dhaga’amtee
Saba isaa guddaa abdiin dukkanoofte.
Haga innii fagaatee dhiphuun biyyatti galtee
Buqqaatoota Saffaraatiin laftii weeraramtee
Tulaan sallan keessaa agiin gurguramee
Qabeennii ummataa harkaa fudhatamee
Saamichii jabaatee misoomii haphatee
Biyyi Booranaa guddachuu dadhabdee
Seenaan jijiiramee aadmaleen heddannaan
Ummatii ni hoodee ni boo’ee isa ofduraa dhabnaan.

Rakkoofi dhiphuu tan baguma hin argin
Hamtuu ummata isaa baga hin dhagahin
Bu’aa hedduu buusee yaadannoo kadhabe
Ganna diddamii torbaa dagatamee ture
Galata waaqaa kunoo hardhaa maqaan ka’ee
Tokkocha Booranaa hin doonee inboqotte.
Tuukkee Godaanaatin bara 2017, Yaaballoo
Waan shalaqaan Booranaafi ummata naannoo Booranaati taye nami lafa Boornaa jiraatu cuftummaan bammisiisee dubbata. Nama adii mana amantaa Kaatolikii fi manneen baranootaa hosteelii kaatolikii bara shalaqaa bulchaan turan keessaa mana barannoota Dhaddiim gubbaa kana turan qeessiin Kaatoolikii aabba ‘Iideen’ dhaamsa armaan garjaloo kana Booranaaf dhaaman!
- “Booranii Iyeeyyii of se’aa malee akkamalee dureeyyi!
- Lafti aga lafa Boorana qabeenna beelladootaa qabdu Xoophiyaa keessa hinjirtu. Tanaaf horii horsiisee ofduratti daawwachuu adoo hin taanee akka daldalattis itti fayyadame bu’aa gudda irraa argachuu danda’a. Tanaaf loon gurguradhaa beessee olkeeyyadhaa akkuma Shalaqaa Jaatanii Alii jedhe.
- Seenaa Shalaqaa Jaatanii Alii qaabachuun dansaa. Waan innii jalqabee irraa du’e eenti irraa fuudhee?” Paster Iidee
Abbaan Gadaa Booranaa 71eessoo aabba Kuraa Jaarsoo waan Seenaa Shalaqaa Jaatanii irratti akka armaan garjaloo kana gabaabsanii jedhan.
- ‘Dubbiin Shalaqaa Jaatanii Alii cuftii ergaa guddoo ilmaan Oromoo hundaaf dabarsite.
- Hojiin isaalleen cuftii guddoo ilmaan Oromoo malkaa dabarsite. Keessummattu Booranaaf riqicha taatee laga hedduu ceesifte.
- Kaayoo isaa galmaan gahuuf carraaquu qofa adoo hin taanee; ilmaan teennaatti dhaamanna.
- Siidaa Shalaqaa Jaatanii Alii Tandhuu onnee teenna keessaatti dhaabanna’. Abbaa Gadaa Booranaa 71eessoo Kuraa Jaarsoo
- Shalaqaa Jaatanii Alii ergaa wareegamee ganna 30eessoo guutee jira. Eegi ganna kanaa cufumaa sabani isaa dukkana sillimii keessaa jira. Akkuma gosa dhiphisan moo’aa ijjeesan jedhan eegii moo’a Booranaa kan dhabdee gochi isaa dhiphattee hin dandamanne. Akka Booranni du’a isaa irraa miidhame walaloo buufata lamaa kanaan ibsuu yaaleera.
Du’a Shalaqaa irraa Booranii hin hamne
Adoo innii du’uu baatee bultiin isaa hin banne
Adoo innii jiraattee akka hin dhokanne
Wanni deemaa cuftii akkana itti hin taphanne
Nami siribii reebe takkumaa hin dhaqqamne!
Namuma keenna yaaman Jaatoo gadhafa isaa
Gobbaa fa’a nyaachisan beessee dillaala isaa
Adoolessa 2, 1992 urjiin dhaamteen gosaa isaa
Waaroon guyyaa sunii aga ammaa irraa hin kaane
Biyyeen siif sabalattu boottii namuu hin kaamnee!
Source: ABUURUU (2019 by Jatani Bonaya) LEGACY AND BIOGRAPHY OF JATANI ALII (2010 E.c by Tadhi Liban)


@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
#Barataa_Raajii_Ashannaafi👩‍🎓👩‍🎓
#Raajiin ‘Raajii hojjete!’

Dargaggoo Raajii Ashannaafii Yuunvarsittii Saayinsiifi teeknooloojii Adaamatti barnootaa isaan koorsiiwwan 60 fudhate hunda A+ (60+) galmeesisuun raajii hojjeteera.
Dargaggoo Raajiin Ashannaafii amma dargaggoo umurii 25 Godina Qellem Wallaggaa Gidaamiitti kan dhalatee guddate, mana barnoota bultii addaa Oromiyaarraa kutaa 10ffaatti gosa barnoota hundaan 'A' galmeesise.
Raajiin kaayyoo isaaf duubatti hinjennee. Qormaata seensa Yuunivarsitti qabxii 647 galmeessuun milkaa’ee, bara 2010 Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa kan seene.
Yuuniversiitii Saayinsiii fi Teekinooloojii Adaamarraa har’a Raajiin guyya tokkootti barnoota Fiiziksii fi Herreegaan qabxii olaanaan eebbifame.
Hayyuu qaxalee kanaaf Addunyaarraa Yuunvarsitootaa saayinsii fi teeknooloojii adda duree keessaa Ameerikaatti Yuunvarsitiin MIT jedhamu sagantaa barnoota PhD akka baratuuf afeereera jedhan Pirezidaantiin Yuunivarsitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaa Dooktar Lammii Guutaan.


@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
Forwarded from Borana Insiders (Sora Jirma)
Artistiin Gameessii Oromoo Booranaa Keenyaa🇰🇪 Salaad Duubaa fayyaa dhabee diirama kan Hospitaala Isi'ollo lubbuu dhabe jedhan. Artist Salaad Duubaa nama hariyyaa Artist Abdullaah Jirma Kinatooti. Nama Aadaa fi seenaa Uummataa gama sirbaatiin mullisuuf gahee Nyeencaa taphachaa ture keessaa mataa qaraati.

Akkasumallee Boorana Keenyaa fi Xoophiyaa walitti fiduu keessatti nama gama sirbaatiin guddoo hojjate. Hujii inni bara jireenna isaatti hojjate cufaafu seenaan isa haa yaadatuu.

Maatii fi dinqisiifattoota isaa, akkasumallee Hawaasa kheenna kha Booranaa cufaaf jajjabina hawwina. Waaqi Biyyee sabliseefi fulaa isaatti horatinna!
Aadaafi Seenaa Oromoo keessatti Maalummaa Odaa!

Odaan aadaa Oromoo keessatti bakka Waaqni hariiroosaa nama wajjiin itti haroomsate jedhama.

Aadaafi Seenaa Oromoo keessatti Odaan, akka madda nagayaafi mallattoo eenyummaa,tokkummaa Ummata Oromootti ilaallama.

Faayidaa amantiifi siyaasaa Oromoof qaburraa kan kahe Odaan Mukoota jiran keessa baayyee kabajamaadha.

Ardaan jila heddu maqaa Odaatiin yaamama. Fakkeenyaaf Odaa Nabee,Odaa Bisiil,Odaa Bulluq, Odaa Bultum, Odaa Roobaa, Odaa Garaadoo, Odaa Girjaafi kkf. Odaawwan gurguddoon ni jiru.

Bifa kanaan Odaalee ( Ardaa Jilaa) gara 300 caalan jiraachuu ni danda'u. Yaa tahu malee, namoonni hedduun odaan shan qofa jechuun dubbatu.

Kun garuu seenaa Ardaalee jilaa beeku dhabuurra madda, jedhu hayyoonni dhimma kanarratti qoratan.

Ardaalee jilaa kamirrattu Odaatu moggaafama, yoo Odaan dhabamellee Mukuma biraa itti moggaasu.

Odaa tokorratti miseensi Gadaa shananuu Odaa ofii ni qabaatu. Kanaaf Odaan shanan gaaddisa Gadaa shanan kana jala taa'anii kan mari'ataniidha.

Oromiyaa keessatti odaalee Gurguddoo Gosaa:

Odaa Nabee- Tuulama.
Odaa Bisiil- Macca.
Odaa Roobaa- Arsii
Odaa Girjaa- Gujii yoo tahan, lafa Odaan hin jirreetti Gumii jedhama.Fakkeenyaaf Gumii Gaayoo,Gumii Mi'ee Bokkoo.

Gadaan maqaa miseensa Odaa malee,Alangaa shan, Barcuma shan,Waraana shan,Miseensa Gadaa Shan waan qabuuf, seerri tumamu kamiyyuu maqaafi beekamtii shananiin kan deeggaramu tahu ittiin ibsa.

Odaaleen Gurguddoo kunniin Eessatti argamu?

Odaa Nabee- Bulchiinsa Magaalaa Galaan.
Odaa Roobaa- Godina Baalee.
Odaa Bisiil- Godina Shawaa Lixaa.
Odaa Bultum- Godina Harargee Lixaa.
Odaa Garaadoo- Oromoo Walloo.
Gumii Gaayoo- Godina Booranaa.
Gumii Mi'ee Bokkoo- Godina Gujii.

Sirni Gadaa odaa jaarraa 12ffaarra eegalee raawwachaa kan ture yoo ta'u, hanga dhuma jaarraa 19ffaatti giddugala siyaasaa,diinagdee fi hawaasummaa Ummata Oromoo tahe tajaajilaa akka ture hayyoonni seenaafi aadaa qorannoon mirkaneessaniiru.

@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
Wal Dorgommii Fiigicha Maraatoonii Dhiirotaa Ameerikaa Origoonitti geggeeffaneen Taammirat Tolaa 1ffaa ba'uun injifateera.
Maqaa Dooktara Kabajaa Artiist Alii Birraan Paarkiin moggaafame

Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dhawaa maqaa Dooktara Kabajaa Artiist Alii Birraan Paarkii moggaasuu ibsame.Paarkiin kana dura Paarkii Mii
Maqaa Dooktara Kabajaa Artiist Alii Birraan Paarkiin moggaafame

Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dhawaa maqaa Dooktara Kabajaa Artiist Alii Birraan Paarkii moggaasuu ibsame.Paarkiin kana dura Paarkii Miiliniyeemii jedhamaa ture maqaa Mootii Wallee Dooktara kabajaa Artiisti Alii Birraan moggaafameera.

@SabbooGoonaa
#Qormaata Biyyaalessaa

Qormaanni kutaa 12ffaa Fulbaana 30 bara 2015 irraa eegalee ni kennama.

Qormaanni kun Fulbaana 30, 2015 irraa eegalee yunivarsiitiiwwan mootummaa keessatti akka kennamu Tajaajilli Madaallii fi Qormaata Barnootaa beeksiseera.

#Dambii qormaataa cabsuun seeratti nama gaafachiisa.

Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara barnootaa 2014 kennuu bira darbee gowwoomsaafi hanna ittisuuf koodii 12n (composition of questions) kennuuf qophiin taasifamaa akka jiru guyyoota muraasa dura beeksisuun ni yaadatama .

Ministirri Ministeera Barnootaa Prof. Birhaanuu Neegaa; Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa akkuma duraanii koodii 4 (bakka ta'umsa adda addaa 4) osoo hin taane hanga 12tti hojjetamaa jiraachuu ibsani turan.

Kunis tarkaanfiiwwan qormaataa gowwoomsuu ittisuuf fudhataman keessaa tokko yoo ta’u, tartiiba gaaffilee qormaata keessatti barattoota itti aananii fudhataman tasumaa walitti dhufeenya akka hin qabne gochuuf yaadameeti.

@SabbooGoonaa
#Breaking_News
#MoE

Qormaanni Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014 Fulbaana 30/2015 irraa kaasuun marsaa lamaan akka kennamuuf karoorfameera.

Qormaanni biyaalessaa kutaa 12ffaa yuunivarsitiitti akka kennamu murteeffamuun isaa ni yaadatama.

Qormaatichis Fulbaana 30, 2015 irraa kaasee eegaluun #Marsaa_lamaan akka kennamu karoorfamuu Deetaan ministeeraa Dr.Saamu'eel Kifilee mallatteessuudhaan yuunivarsitii 42'f ergeera.

Kanuma sababeeffachuun Fulbaana 28 irraa kaasuun hanga Onkoloolessa 17, 2015tti Yuunivarsitiiwwan keessatti:-

1.Nyaanni idilee barattoota akka hin jiraanneefi akka hin qopheeffamne.
2.Itti aansuun lakkoofsa barattoota ibsamuun nyaata qopheessuuf qophii akka godhu.
3.Bakka turtii qormaataa akka qopheessan fi
4.Akkaataa kenniinsa qormaatichaa irratti Perizadaantiin yuunivarsitichaa, Diiniin kaapaasiiwwanii, Aangawwonni Ol'aanoon Yuunivarsitichaafi qamoleen nageenyaa waliin ta'uun haala akka mijeessan ergaan dabarfameera.


@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
2025/07/06 18:11:47
Back to Top
HTML Embed Code: