Baarumsafi bate baarumsan alaa tate???
............................
Barumsa barachufi
nagan mana batee
borii na darba jette
maatii kee jijjirufii
haadhafi abba kee
manati dhifte batee
barumsa ke dhabde
maatii kee hanqate
alaganii si nyaate
dhiigaa kee lolafte
kiichu abdii biyyaa
Atii malii yaakkite
karaati sii hambifte???
..............................
Ijoollummaa ketiin
dadhabde baarate
bakka gaarii ga'ufii
dadhabde gubatee
danfa ijooIlummaa
cufa irratti fixatee
maatiin sii baarsifte
waan qabdu fiixate
ebbaa kefi qophofte
ado sii egatu reeffa
ke argatee??
.................................
Sila dooti hin oltuu
ni du'a namii cuftii
osoo naga hin dhamane
maalifi achiin aftee???
................................
Nii deebi'aa jetee
nagaan mana bate
deebini ke hin tane
wayii carraa kee
Jirenyani alaa tate??
...............................
Barumsaf yo demtu
maatiin ke gammade
wan qabdu gurgurte
nagaan deemii jette
kaampasa si ergiite
nagaan gali jette
abdiin sii eegacha
hunda daabarsite
nafxanyan si nyate
maatii sii ega jiru
gadda itti galchite
qa'ee warra ketii
mana boo'aa tolchite!!
................
RIP RIP RIP RIP
Bikrisa Biyyeen sii sabalatu!
Omaa sii godhu hin daanda'u bolla ke naadhiin ha gutu!!

Barattoonni keenya
Maalumaaf jeeqamaa?
Kottaa tokko taanee
Barataaf birmannaa
Baratataan oromoo
Maaliif ajjeefamaa?
Kaanis ari'amee
Barumsa dhowwamaa
Kaanis cicciramee
Dokmentiin jalaa gubama
Saba oromoo ta'uuf
Badii maalii qabnaa?
Nuti yoo callisne
Sodaa fakkeeffama
Maalumaaf callisna
Maal taatan yaa jamaa?
Maaliif akkas taatu
Woliin birmattanuu?
Haqaaf falmattanii
Mirga hin gaafattanuu?
Qabsoo durii sana
Harran yaadattanuu?
Adaraa oromoo
Woliif haa birmannu
oromummaa keenya
Mee Of ha yaadannu
Rakkoo barattootaaf
Maaliif hin yaaddofnuu?
Anis barataadha
Hojii kootu kana
Atis barataadha
beeka anis kana
kottaa rakkoo jiru
Woliin mari'annaa
Woliin mari'annee
Furmaata barbaannaa
🖐Ajjeechaan nurraa hadhaabbatu join to @SabbooGoona

#Dubbisii _Nama_guutuu_si_godhaa_dubbisi Dubbisuun Gaaridhaa
---------------------------------------------------
▶Jiraachuun Gaaridhaa Qarshii Nuu Lakkofsisuu Battus
Guyyaa Nuu Lakkofsiseera.
▶Jirachuun Kee Enyuunuu Yoo Hin Fayyanee Duu.uun
kee Enyuunuu Hin Midhuu
▶Jireenyii Fi konkolaataan Yoo Obsaan Maalee Dafee
Hin Guttuu
▶Namaa Sammu Madooshaa Qabuutii Namnii Hundinuu
Mismaraa Fakkataa.
▶Tokkoo Jaallachuun Dirqama, Lamaa Jaallachuun
Daldalaa, Sadii Jaallachuun Garuu Kontorobaandidha.
▶Shamarran Herregaa Yoo Baraan Malee Yoo Basaan
Agarree Hin Beknuu, Dhiira Basisuu.
▶Hojettee Kan Hin Bashannanne Harree Qofa.
▶Sammuun Qulqulluun Boraatii Gaariidha.
▶Manaa Hiiyyaassaati Xiqsii Manaa Sooressaatii
Xibsiin Hin Dhabamuu
▶Gadii Jettee Yoo Hojettee Waantii Hundinuu Gadii
Jedhee Sitti Mul'ata.
▶Akkaa Garbbichaatii Yoo Hojettee Akka Mootiitti
Jiraattaa.
▶Dubaarii Fi Lotoorin Kan Issaan Hin Barbaanneef
Malee Kan Issaan Barbaaduuf HinBa.an.
▶Dhagaan Ganama Sii Dha.ee Guyyaaa Dabalee Sii
Dhoofnaan Sittu Dhagaadha.
▶Walitti Sissiqaa Taaksii Kessaattin Walbaree Bay.eetu
Walfuudhee Waliin Barare.
KANI DUBISSEE IRRAAA
▶▶ @SabbooGoona ☑☑

ODUU DURI
📖📖📖📖📖
Duri durii jedhan jedhan
Gaafa tokko jaartiin tokko sangaa looni gabbaa guddaa tokko
qalattee jedhani. Jennaan akka tasaa ta’ee halkanuma isiin
sangaa qalattee sun barraaqa ollaan isaanii godaansaa ka,e
jedhani. Jaartiin taan foon kaan bira goodanu dadhabdee ittiin
godaanuuf waan itti faattu dhabdee dhiiftee deemuuf garaan
tolfachuu didee waan qabattee gadi dhiiftu dhabdee yaadaan
sagal olkaatee sagala taawaa wareera turte.
Jennaan wanni gaafa bineessi cufti dubbatu kaani waraabessi
“ka garaa malee ka maqaa yoomi nu dhibe” jedhee gara jaartii
tanaa dhufee,”omaa inrakkatinii atummaan jajii fooni tokko
qofa afaan naa kaa'i malee nattu si baataa” jedheen.Duuba
jartiin tun intala diqqoo aka dabaa qaroo tokko qabdi. Akka
warabeessii haadha isii gowwoomsee fooniin jala badu fedhu
dubbiin galteefii jennaan intaliti haadhaan, "aayyoo warabessa
kan foon itti infa'ini gulana foon kanaan ca'ee nu jalaa badaa"
jetteen. Jennaan waraabessi akka jaartiin daallee waan
beekuuf iltalatti ila babaasee akkana jedheen. “HAATII FEETE
RARATTEE ABBAAN FEDHEE RARAAN EJJEE TANA INTALA
DIQQOO MAANTI QABAA kUTE” jedhe. Jennaan intaltii waan
dubbattu dhabdee ufirraa callifte. Jaartiin gorsa intala isiitiif
gurra kennuu diddee waraabessa dhugeefattee jaji kuttee
afaan keetteefii rara irra keette foon sangaa kaan cufaa itti
faatte. Waraabessi yokanaa qaraa mala foon kanaan jaartii
jalaa baduun dhaachuutti jira.
Jaartiin foon itti faatee irraa baatee jennaan waraabon jaartiin
waan jedhe “yoo oduma yaanuu fincaan na dhufanii anin
fincaaniif muka duuba goree, tafa okkola”jedhii na yaamii
jedheen. Waraaboon yoo diqqumaa deemanuu muka duuba
goree foon jaartii tokko tokkoon keessaa luqqisaa nyaata.
Yeroo kana duuba jaartiin “TAFA OKKOLA TAFA OKKOLA”
jettee yoo yaamtu Waraabessilleen deebisee “JAARTI QOOFTU
BAGA OKKOLE BAGA OKKOLE” jedhaan jedhan. odoo
akkanuma infincaa’a jechaa muka duuba goree foon jaartii
kaan malaan nyaachuma nyaatee gama tokko irraa fixe.
Jennaan odum demuuma deemanuu diida guddaa tokkoon
baanaan waraabessi mukii duubatti dhokatee foon nyaatuu
waan injirreef malii biraa injiruu jedhee foon hafe kaniinn
baqate. Jennaan jaartiin nama fardaan deemu tokkotti iyyitee
waraabessatti foon kiyyaan na jalaa baqachuutti jiraa farad
Kanaan reebi irraa naa buusi jetten. Namichi kaan fardaan
waraabessa kaan reebee reebee dhaqqabuu geennaan
waraabessi baqachaa abba fardaa ufduuba laalaa innii
dhaqqabuu geennaan akkan jedhee boo’e
“Diidii amaan ka gufuu inqabnee maani?,
Fardii amaan gufatee incabne maaniI?
Abbaan fardaa ka lichoo inqabne maani?
Lichoon amtuun ta buutee imbanne maani?
Daaraa hadhee barbadeesse,
Daari huddu dabbaseesse
Daaraa onaa buh tolche
Daari udduu luf tolche
Waraabu badee waraabu badee”
jechaa odumaa boo’aa baqatuu namichi fardaa dhaqqabee
foon kaan irraa buuse Waraabessallee waraanaan waraanee
ijjeesee jedhan jedhan.
kanaaf ilma namaa diqqaa jedhanii gorsaa isaa/isii tuffachuu
inqabnu jechuudha dhaamsii odu durii tanaa.
Akka barumsa irraa barattan abdii qaba
Yoo maachitan waliif qoodaa
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👇. @borananews 👈join 👇 @borananews
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Contact @konichabifa

Forwarded from Borana Insiders (Tache Jilo (Tachiti))
LOQODA BOORANAA KHA GARA AFAAN FARANJIITII FI OROMOO WALTAWAATTI HIIKAME.
********************************
English------ Loqoda Booranaa ------ Oromoo Walta'aa
***************************
1. A while ago -------- Qaataa -------- Yeroo xiqqoon dura
2. A lot ------- Gurmuu , Dhuuga ------- Baay'ee
3. Abortion ------- Salleessa , Garaachii irraa ba'uu ---------- Da'umsa yeroo hin eeggatin.
4. Above -------- Gararroo; Gubbaa -------- Oli
5. Act slowly ------- Baballacchuu - ------- Suuta hojjachuu.
6. Add ------ Daruu ---------- Dabaluu
7. After ------ Eegii ; Dudduuba, ------- Booda.
8. Afternoon ------- Saafa'a -------- Waareen booda.
9. Afterwards ------- Gulana; --------- Yeroo xiqqoon booda.
10. Age-set --------- Hariyyaa ------ Hiriyyaa (kan umriin walitti dhiyaatu).
11. Agile -------- Sablaa, Sablo o -------- Salphaa
12. Align ------- Corooruu ------- Tarree galuu.
13. Ally ------ Khalchaa ------- Gurmaa'uu
14. Alone -------- Callaa; Khopha a ------- Qofaa, Qeenxee
15. Alongside - Dhaattuu --------- Cinaa, Bukkee
16. Aluminium --------- Saldaqaa ------ Almuuniyeemii
17. Amazed ------- Mamuu; Qunqumfacchuu ------- Dinqisiifachuu
18. Another -------- Kha dhibii ------ Kab biraa
19. Area -------- Fulaa , ------- Bakka
20. Arrange ------- Coccokhuu ------- Sirreessuu.
21. Arrogance ------- Khooruu -------- Ofi tuuluu
22. Arrow ------- Laawwee -------- Xiyyaa
23. Ashamed ------- Ceeruu, Fokkifachuu --------- Qaanfachuu
24. Assembly ------- Khora , Gumii ------- Walgayii, Yaa'ii.
25. Aversion ------- Balfuu ------- Jibbuu
26. Axe ------ Sookkaa; Agaraa ------- Dhagaraa
27. Backbone ------- Dugunguruu ------ Lafee dugdaa.
28. Bag ------- Khareerrisa , Subba -------- Borsaa
29. Bandit ------- Sargoo; Shiftaa , ------- Shororkeessaa.
30. Bangles ------- Qilqillee -------- Faaya harkaa dubartii.
÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷
Horaa Bulaa Deebanaa!
©Vincent G. Stegman, C.S.Sp.
#_Xachee_Jilootiin!!
@XachishaBorena

#Hariyyaa_booranaa_jalqaba_irraa_kaasse_hanga_ammaatti_jiran_kan_armaan_gadiiti.
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
1.Wakoora Dureetti
2.Dambala Bilii
3.Hanfa Dagaa
4.Barbaara Daalachaa
5.Dambala Godaanaa
6.Gamasii Duubaa
7.Wakoora Liiban
8.Dambala Haagurro
9.Wakoora Malluu
10.Dambala Guyyoo(udaan Buukko)
11.Wakoora Diidaa
12.Dambala Dhaddachaa
13.Wakoora Soraa
14.Dambala Areero
15.Wakoora Liiban
16.Dambala Bulee
17.Wakoora Waaqoo
18.Dambala Diidaa
19.Wakoora Guyyoo
20.Dambala Duubaa
21.Wakoora Diidaa
22.Dambala Dhaddachaa
23.Wakoora Soraa.
24. Dambala Areero
Hariyaan itti aantu ijoollee kuuchu jedhamti. waan dubbiftaniif #horaa_Bulaa.
By: Boruu sabboo Goona
WAAN BEEKANI FI KABEENELE WALII IRRAA BARUUNI CUBBUU OMAATU HIN QABUU KANAAFI GOSAA #Forward #Forward
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@SabbooGoona

This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
🏊🏊🏊🏊🏊🏊🏊🏊🏊🏊🏊
Mee naa Dammaqii gosa tiyya!
°==========================°
Gochii Muraa hin qabnnee
Isiittuu murttii hin qabnee
Gosaa murttiin irraa diigattee
Isiittuu namaa hin qabnee
Namii gosaa hin beenne
Isattuu #bacii hin qabnee
Namii baciin dhalatee
Isattuu tan hin dhamnnee
Namii #waa barbaaduu
Isattuu bulee hin rafnee
Namii yaada hin qabnnee
Isattuu irriibaa hin dhamnee
Yoo atin kaatee #hin barbaadin
Simattii waan badee hin garree
Badiin barbaada qabduu
Isumattii galuu hin dhamnee
Gosaa #walii galttee qabdduu
Rakkomuttii kaarra hin gallee
Gochii waligalttee hin qabnnee
Rakkumattii jidduu hin baane
Gochii #malaa marii hin qabnnee
Isiittuu #Gaaddisaa hin qabnee
Dubbiin gaadisatii fulaa dhabdee
Isiittuu dhugaa hin qabnee
Warrii dhugaa hin qabnnee
Isattuu Finnaa hin qabnee
Warrii finnaa hin qabnnee
Isattuu bultii hin qabnee
Bultii tee balleesuuf
Nyaaphii kee bulii ramnee
Eelii Afaan hin qabnnee
Isattuu obaa hin qabnee
Karaan #daando hin qabnee
Isattuu namaa hin qabnee
Karritii #cufanaa hin qabnnee
Isumattii #Adiyyoo hin dhamnee
#Tokkummaan kee cufanaa keeti
Kha Namuu irraan cabssee hin galle
#Laftii tee#Lafee teetii
Nuu maaf tan ta'uu hin garree???
#Laawween tee #ibsee keetii
Maaf akkaa dansaa #hin qarree??
Daba #Killichaa harkaa sii qabuu
Maaf millattee hin garree?????
Rakkoon #gaaffii hin qabnnee
Isumattii #Deebii hin qabnee
Gochii #Sagalee hin qabnnee
#Takkaayyuu #Tuffii hin dhamnee
Waan nuu ufii goone malee
#Yaruu waaqii waliin nu hin dhallee
Nuu Warraa ufii irraa #Waaree
# kha Soqellee ufii hin dhamnnee
Mee #Dammaqaa#Gosa tiyyaa
Akkii kun siif hin mallee!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!..
©©©HORAA BULAA©©©
🔽🔽🔽🔽🔽🔽🔽🔽🔽🔽

Forwarded from Borana News, Knowledge and Fun via @Kaachuuyebot
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
Sobuun Admaleedha
Enyumtuu Kabaja ati ofiif hin Lanne siif hin laatu. Afaan Oromoo guddisuun Itti gaafatamummaa oromoota maraati. Nutis kana hubachuun chaanaalota isin join gochuu qabdan siniif dhiyeessineerra. Join godhaa Itti gammaddu
Yaada keenya fudhattanii waan nu faana taataniif galatooma. Isa argattan ammoo waarreen jaalattaniif qooda. @Kaachaalluu

WALII HAA BARRUU!
#Ani_enyuu🙅 #Atu_eenyu💆
ani muca hortee kushitiki
Oduu kitaba malee
Hin beeku semetik
#DNA oromoo qaba
Hin jijjiru minilikiti
Ofii ta'eeni jiradha
Hin fakadhu Fashinisti
Seenaafi aadaa qabaa
hin alchuu faranjiti
Intalaa sanyii tiyyaa malee
Hin jaaladhu amaartiti
Galata aalo beeka
Hin gaafadhu aktivisti
Ado ka yakka jiru
Hin adabu ergamtiti
Sodaa seenaa malee
Hin qabuu sodaa qalitti
Sabaa kootini alaa
hin barbadu siyaasa dhibi
Ta'eeni argama malee
Hin afuu agaa afaaniti
Duuba addoo ka aalo bojii jiru
Qublaa qalee hin geeraaru Lafe kootitti
Kiyya yoo hardhaa fixadhe
naafi hin ergamu borii nafxanyichi
Yoosi #gaara taate dhalatte
Gudachuu hin mallee gara xuxiti
Yeroo tuula baadalatti
Yarachuu hin mallee silaa angaftichi
Kanaafi anaafi ati tokkoo
Wali haa qussannuu akkaa nama ofiitti.
#BY_Boruu_sabboo_Goona
🔽🔽🔽#please_join🔽🔽🔽
🔜 🔜🔜 @SabbooGoona
🔜🔜🔜 @SabbooGoona

©© Shalom BG Jato
Magaalaa_Nageellee_Booranaa
Murnya qaraa!
Nageellee Booranaa: Nageellee Booranaa dira guddaa Booranaa Liibaniiti. Magaalli Nageellee Booranaa magaalaa kibbaa bahaa Xoophiyaa kan ganna dheeraa qabdu keessaa tokko. Magaalaan Nageellee Booranaa akka enna Xoophiyaatti naannoo bara 1910 keessaatti hundeeffamte. Magaalaa tun magaalaa Booranaa tan angafaati jedhu Oromoon Booranaa. Sababani isaas akka ummannii Booranaa amanutti:
Lafaa Liibeen angafa
Waaqaa Boruun angafa.
Kanumaafuu magaaloonni biraa hundeeffama umriitin dursaniyyuu sababa ardaa Liibaniitin magaalaan Nageellee Booranaa magaala Booranaa isii angafaati. Haalli teessuma lafa Nageellee Booranaa baddaa daree fi qilleensaa badhaadha. Horsiisaa horii fi qotiisaafis baayyee mijooftuudha. Dheedii Nageellee Booranaa yookaan Liiban Golbaa fi Diida qaba. Magaalii Nageellee Booranaa quftuma gama diida Liiban kanaan gara baddaa Liiban gulaan argamtti. Nageellee Booranaa magaalaa gurra guddaa qabduudha. Keessumaattu yeroo Warraaqsota Xoophiyaa keessaatti baayyee beekamti. (Wikepedia). Baroota 1960 keessaa tajaajjiloota Ibsaa, Teleephoonaa, Poostaa, Manneen Barannoota sadarkaa 1ffaa fi Marsaa 2ffaa argatte. Tajaajila Dirree Xayyaaraa (diida Xuyyuuraa) bara 1961 keessaa argatte. Kunis ummataaf osoo hin tayin tajaajila humna Waraanaa Xoophiyaatiif miyooftuu waan taateef Kaampiin waraanaa Xoophiyaa 43ffaa Xoophiyaa kibba Bahaa magaalaa Nageellee Booranaatti hundeeffamte.
Kanaaf buufata Xayyaaraa Nageellee Booranaatin akkas jedhu “Ethiopian Milatarry Based Airport” jedhan. Qorataan seenaawwan Bahaa Africaa kan Philiphi Birigger jedhamu magaalaa Nageellee Booranaa akkana jechuun ibse “Nagelle Borana town is something of a frointer town, a cultural boiling pot that’s predominantly Borana (Oromo), but also has strong Somali, Borana, and muslims influence, …….” Kana jechuun magaalaan Nageellee Booranaa magaalaa fiixee ykn qarqara daangaa taatee handhura Aadaa oowwitu irra guddinnaan Booranaan guutamte yoo taatu qoxxeen jajjbduun Soomalii, Booranaa fi Islaanaa irraa itti calaqqqiftuudha.
Magaalaan Nageellee Booranaa akka maanguddoonni Booranaa ibsaniitti dheeda Booranaa isaa ila boruutti dira guddaa yoo taatu; Fiiltuu keessaa baatee dabartee galaanaa Daawwaa fi Gannaalee of keessaatti qabachuun galaanaa Jubaa qaxxaamurtee aga biyyaa Soomalii ammaaatti dheeda Booranaati. Kunis dhugaa akka taye ragaaleen barreeffamaa tokko tokko marsaariiti fi toora interneetaa irra ni jiru. Akka namni qorataa seenaa lammii biyya Swiidish Dr. F Hylander jedhamu bara 1934 keessaa oduu afaan Amaaraa (Amaaraa News) jedhamtuuf ibsa kennannitti “magaalli Nageellee Booranaa jaarraa 20ffaa keessaa kan dhaabbabaatte yoo taatu aga Laga Jubaa fullaate kan argamtu fi daandii bahiisaaf seenisaa Jubaalaandiiti”. Akka Jaarroleen Abbaa Liibee jedhaniitti namtichi Habashaa kan Dastaa Daamxoo jedhan yeroo waraana Xaaliyaanii fi Xoophiyaa ka lammeessoo cibraa isaa magaalaa Nageellee Booranaa keessa tolfate.
Boorani ammoo fardoolee yaabbatee waraanaa wanteen aga Fiiltuu fi Dooloo ardaawwan dhuuga keessaatti Xaaliyaaniin wal hadhaa ture. Kunis akka enna Xoophiyaatti Onkololeessa 04, 1935 waraanni lammeessoo Xoophiyaa fi Xaaliyaanaa irba walitti kaachise.
Waraanni Xoophiyaa kan Raas Dastaa Daamxoow magaalaa Nageellee Booranaa yoo maandheffatu waraani Xaaliyaanaa kan Jeneraal Rudoolfoo Giraaziin durfamu achuma dheeda Booranaa ka Dooloo maandheffate. Waraanni kun waraana Booranaa kan Waraanaa fi wantee qofaa raaba doorii Gannaaleetti lolee dabsate. Achumaan Gaannalee Dooriyaa jedhanii moggaasan. Achuma Dirree Gannaalee Dooriyaatti waraanii Jeneraal Rudoolfo Giraaziin waraana Raas Daastaa Daamxoow dabasachuun waraana kibba bahaa Xoophiyaa dadhabsiisuun magaalaa Nageellee Booranaa qabate.
Bitootessa 27, 1941 magaalaan Nageellee Booranaa garee koloneeffattoota Ingiliizii kan Dooloo irraa karaa mirgaatin dhiibamanii dhufan “Biriitishi Gooldi Koosti Birigedii (Britsh Gold Coast Brigade)” jedhamaniin qabatamte. Tokkummaan kolonneeffattoota Ingiliizii Nageellee Booranaa dhufuun dura guyyoota kudhaniif kolonneeffattoo

tni Xaaliyaanaa yeroo kaambii gad dhiisaan Booranii ona Xaaliyaanaa sun cufaa gubee akka bardeessee waan hubatteef hidda jabeeffannee ummata Nageellee Booranaa qabanna yaada jedhu murteeffatan. Taatullee gootonni Nageellee Booranaa kan waraanaa wanteen lolan kolonneeffaattoota Ingiliizii kannallee quphansuu dhowwan.
Akka namichi ‘Daviid Buuksixooni (David Buxton)’ jedhamu bara 1943 Nageellee Booranaa daawwate jedheetti humni lafoo waraanaa Xoophiyaa ona caccabaa Xaaliyaanaa kan gama tokko daheeffatanii humna jabeeffachuu jalqabaniiru. Ammallee Daviid Buuksixooni humni waraanaa Xoophiyaa sun Booranaa malee akka of hin dandeennee fi Booranii gosa gootaa warrii inni goleef milkaawuu fi warri inni irraa gore dhukkaawu ta’u himeera jedhu (Wikepedia, Nagelle Borana @British Gold Coast Brigade)
Dhugumaanu akkuma faranjichi bisii dhufeelleen dubbate Booranii gootummaan eennuunu wal hin gitu. Keessumattu warri Liiban jannummaa isaatin maqaa Nageellee Booranaa kolonneeffattoota biyya keessaa sanyii habashoota Minilikii fi Hayilee Sillaasee jijjiiruu dhowwee; maqaan magaloota Oromiyaa fi kutaalee Xoophiyaa kanneen biro gara maqaa Habashaatti yeroo jijjiiraman Nageellee Booranaa maqaa seenaa qabeessa kan qabattee jaarraa 21ffaatti fullaate. Kun gootummaan Booranaa Liiban gootummaa eennuutiniyyuu qixxee akka hin taanee fi maqaan Nageellee Booranaa maqaa seenaa cimaa qabu fii wareegama qaaliin turee hardha ga’e ta’uusaa nuuf mirkaneessa.
Garuu kun kanaan adoo jiruu wayyaaneen yookaan bulguun Xoophiyaa nyaattuun sanyii ilmaan namaa Oromoo walitti buusuuf jaarraa 21ffaa keessaa maqaa Nageellee Booranaa dhoqqee dibuuf yaaliin isiin hin godhin hin jiru. Ammayyuu addaan hin cinne.
Oromoo baayinnaan naannoo Magaalaa Nageellee Booranaa jiraaatan Booranaa fi Gujii walitti buusuun bara 2014/15 lubbuun ilmaan Oromoo Booranaa fi Gujii waliin raasaatti dhumte. Eegii mootummaan Qoodhabee akka ennaa Xoophiyaatti bara 1983 Xoophiyaa qabatee booda ganna 13eessootti (1995) godini Booranaa akka lama ta’u OPDOn tolchite. Godini tokko Booranaa jedhamee dira guddaa Yaaballaa ka gama Dirreetti bula. Godini lammeessoo godina Gujii jedhamee diri guddaan isaa ammoo Nageellee Booranaa jedhame. Ummata kana adoo inni nagaan jiraatuu eegii ganna 9 bahan akka enna Xoophiyaatti bara 2004 keessaa wayyaanoonni yeroo qabsoon Oromoo itti cimtee kufaatiif of soodataniitti shira xaxuudhaan maqaa Nageellee Booranaa jedhu biraa Booranaa haquun Nageellee kan jedhu qofa lakkisan. Kun akkuma maqaan atin ittiin yaamamtuuyyuu yoo falman falmiisisaa ta’u falmii fuula hin qamneef karaa banuun namoonni shiri wayyaanee kun hin galiiniif irratti hirmaachuun dhibi kun uumame.
Dhiba kanallee Oromoon lamaan dhugaa fi Aadaa, Gadaa fi seeraa badhaadhaa qabuun hiikachuuf daandii qajeelaa imala tokkummaa jalqabaniiru. Gochoota san keessaa kanneen harkaa qaba bulchiinsota godina lamaanii kan yeroo sanaa (2006 ec) akkasums miiltoowwan isaanii seenaan Oromoo fi dhiigii ilmaan Oromoo akka warra ha gaafatu.
Dhaamsii kiyya ka lammeessoo ammoo Ummanni Oromoo jaarraa 21eessoo kana keessaatti shira wayyaanee kan kallattii kamiinuu dhufu ofirraa eeguudhaan yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaa isaa cimsachuu akka qabuudha.
Nageellee Booranaa burqa ilmaan goototaa
Nageellee Booranaa guddayyoo ardaa jilaa
Liiban ardaan jilaa gaaddisa bonaa gannaa
Ardaa seenaa qabeessaa angafoota Oromoo
Keessaa maqaa dhayaa maaloo
Angafa gootota Oromoo!
Diidoo Gaawwalee Diidoo
Salleessaa Jaloo Boqoo
Boruu Dinnee Saakkoo
Ibroo Dooyyoo Urjii
Loltuu akka kanniisaa
Madha Boruu Daadoyii
Jabaa akka dhakaachaa
Liiban Waata Nafurii
Qaroo akka Billaachaa
Walee Waaccuu Roqaa
Janna ila Qeerramsaa
Dhaddacha Guyyoo Dhaddachaa
Gootota Nageellee Booranaa
Seenaan isanyaadata sanyii warra angafaa!
Ganna 1949 keessaa lallaabbabadoonni dubbii Waaqaa kitaaba qulqulluu (wengelaa) lammii biyya Noorweyii (Norwegian Lutherian Mission) kan Waldaa Warra Wengelaa Makkaanaa Yesuus magaalaa Nageellee Booranaa qubatan. Wanni ila nama guutaa dubbii Waaqaa himuun wengela namaatti haasa’un alaatti kan isaan ummataaf tolchan ona waraanii Xaaliyaanii keessaa

baqateetti buufata Fayyaa ummataaf banuudha. Buufati fayyaa kun aga bara 1956 Ministeera Fayyaa Ummataa jala galuutti akka dansaa ummataaf tajaajila kennaa ture.Bara 1958tti magaalli Nageellee Booranaa magaaloota Xoophiyaa kan sadarkaa duraa irratti argaman 27 keessaatti ramadamte. Magaalli ganna 50eessoo kanaa magaaloota gugurdoo Xoophiyaa keessaatti ramadamtee turte tun magaalaan Nageellee Booranaa hardha maal fakkaattii, akkam jirtii jennee yoo ilaalle waan nama ceersuu irra dabree of nama dhaajifachiisa. Mani Fayyaa sun aga ammaatti Qoollajjii Fayyaa takkatti achi keessaattii banamteen ala akkuma ganna jatamoota dabranii sun jira. Safuu! Magaalaan Nageellee Booranaa mootummaa bulguu xoophiyaa wayyaaneedhaan akka lama miidhamte. Ta qaraa baroota 1990 G.C keessaa mootummaan Wayyaanee yeroo Dargii irraa aangoo fudhatu ture. Yeroo kana magaalaa Nageellee Booranaa Waraanaa Adda Bilisummaa Oromootu jiraa jechuun gama kaaniin ofii isaati waraanaa gama kanaaniin loltoota Soomalii horsiisee bultoota Booranaatti bobbaasaa magaalaa Nageellee Booranaa dirree waraanaa taasise.
Ardaawwan akka Boobaa fi Goda Ookkoo, Qilee Akkoo Aamanoooyyee fi Baddaa mana-quubsaa keessaa yeroo hedduu namaaf lubbuun qabeeyyiin dhuugii biqiloota dabalatee waraana wayyaanee kanaan miidhamaniiru. Haalli kun daandii daldaltoonni magaalaa Nageellee Booranaati fi karaa Dooloo hojjatan akka balaaf saaxilaman gochuun haala sochii dinagdee magaaliitti yeroo adda addaatti kan qabbanneesseedha. Lammeessoo magaalaan Nageellee Booranaa eegii bara 1995 dheeda Dirreetin adda baatee waan isiin hin eegiinitu qunname. Nageellee Booranaa magaalaa guddittii godinaati. Magaalaan guddoon godina ammoo misoomaa magaaloota godinaaf dhufan mataa qaraa waan argattuuf carraa kana eegaattee turte. Wantichi garuu, akka magaalli Nageellee Booranaa eedde hin turre. Akkuma ilmaan Diidaa Bittaataa karra ceersinee fuloon horii bobbaamne jette taate. Misoomni maqaa qabuufi ila guutuu marti Nageellee Booranaa dhufee gara boodaatti deebiya. Tokko tokko ammoo ‘akkuma gara Finfinneetii dhufaniin wantoonni magaalaa Nageellee Booranaa ijaaruuf dhufan karaatti liqimfamanii hafuu’ jedhu. Eega akkuma namnis waan isaa male dhabuu hin malin, Nageellee Booranaalleen waan isiif dhufe dhabuu hin malle.
Haala kanaan guddinnii magaalaa Nageellee Booranaa fi miidhaginni isii gannaa fi haala teessuma isiitin daalateenna qorqoorotin irraan kan hafe walmorma.
Hamtuun garuu, dhaabbabaatanii hafuudha. Kanaafuu amma dhaloonni qubee magaalaa seenaa qabeetti kana wantoota isiif barbaachisan guutuufiif yoomiyyuu caalaa carraaquu qaba. Gaafii
1. Magaalaan guddoon godina tokko yoo bisaan dhugaatii hin qamne, yoo mana fayyaa ka maqaa malee hin qamne akkam ha taatuu?
2. Magaalaan ganna 50n dura magaaloota Xoophiyaa keessaa sadarkaa qabdu hardha silaa yoo akkam diqqaate akka Afrikaatti sadarkaa qabaachuu malteeniiti? Garuu, Nageellee Booranaa hardha magaaloota gugurdoo Xoophiyaa keessaatti ramadamuu miti gabayaa isaaniitu dhaxxii? Bittaa ibboo Oromoon akka guubee dabde!
Ammajii 12, 1974 namoonni muraasni kolonneeffattota Ingiliizii kan Birigaadeer 4ffaa waraanaa Xoophiyaa kan Nageellee Booranaa kaambii 43eessoo waliin haala jireennaa irratti waldhaban. Loltoonni haala cimaa fi womtu namaaf hin mijanne keessa oolaa turaaniyyuu womaa hin taanee jedhan. Garuu warroota Ingiliizaa kanneen Maarinaa fi Daviid Ottoowaa jedhamaniif, sagaleen, bisaanii fi haalli qilleensaa tolaa hin turre. Keessmmattu bisaan dhabuun guddoo warra duute. Yeroo butteen bisaan waraana Xoophiyaa fooqqatee fi takka duraa caccabxeetti warrii beeroo Ingilizootaa kun waraana Xoophiyaa bisaan dhowwatan. Eela warraa akka hin waraabbanne harkuma biyyee keeyyatanii gussuu jalqaban. Gochaan kun loltoota Xoophiyaa ila dhiiga facaafachiise. Sababa dallansuu tanaatin waraanni nyalee nyanyee bisaanii midhaan dhabe kun geggeessitoota Ingiliizaa kanneen hidhuudhaan, xaalayaa akka warroota kan adabanii fi waan warrii irraa fittee qabu guutaniif gara mootii Haayilee Sillaasee ergatan.
Mootiin Haayilee Sillaaseen akkuma xaalayaa kan argateen nama ajajaa Kumaa ta’

👍1
ee Jeneraala Dubbaalee Dheeressaa (Lieutenant- General Dubale Deresse) rakkoolee tana akka qoratuuf erge. Loltoonni nyaliisaaf lubbuu hin qamnee kunakkuama Kumaalaa Dubbaalee Dheeressaa dhufeen atis waan nu garre argii jechuun hidhan. Akkuma inni waan warri nyaate nyaatee, waan warri dhugu dhuugee rakkinna warraa hubatuuf harka wayaa jalaatin ministera humna ittisaa biyyaa waliin waliigaluun saatii saddeetiif akka finqilaa horii mukaatti oolchan. Mootiin Hayilee Sillaasee ka dallansuu ijjeeftee ogeeyyoota bombii harkaa fi leenjiin hedduu qaban gara waraana lafoo kanatti erguun Kumaalaa Dubbaalee akka gad dhiisan tolche. Tarkaanfii kun yeroof sodaachiisaa ta’us loltoonni tokkolleen akka hin adabmne mootichii ofumaa isaati waan dhaameef haalli ture martii yeroof qabbanaa’e.
Ganna 1977 loltoonni Ogaadeenaa fi waraanni Soomalii guddaan Soomalii gudditti ijaarra jedhu magaalaa Nageellee Booranaa qabachuuf lola cimaa bane. Taatullee gootonni ilmaan Booranaa fi milishoonni gandaa kanneen moonaa waraanaa Xoophiyaa 43eessoo keessaa yeroof jiran waliif hirmaachuudhan loltoota diinaa waan arganii dhaban fakkeessanii qileetti naqan. Akkanaan gootonni warra Liiban magaalaa Nageellee Booranaatti cibranii lubbuu qaalii itti wareeganii harka diinaa seenuu dhowwan. Eessaattis ta’u yoomiyyuu tanaan yoo maqaa Nageellee Booranaa yaaman gootota Booranaa kanneen magaalaa seenaa qabeetti tana tissanii dhalootan gahan yaadachuun barbaachisaadha.
Ammaayyuu dhaamsi kiyya magaalaan Nageellee Booranaa akka seenaa,maqaa fi ganna isiitti haqqii dhaloota Qubee kana irraa argachuu malte akka argattu hirriba aga Aadaa malee ka hiyyummaa guddaa lagachuu malle.
Ka’ii ka’ii hin rafini jamaa
Guddinni biyyaa keetii
Simalee hin qabu ka biraa
Dhaloota Utuu bira dabrii
Kankee yeroon ammaaa
Wannii gumaata keetii
Akka sirraatti hin hamne
Hirribaa dammaaqii
Kayiimee barraaqaan
Ol jedhi utaalii banii karraa saayyaa
Hidhaanaa hidhadhii ariyii hiyyummaa"
@XachishaBorena
@XachishaBorena
+++++++++++++++

#KFO
#BOORANA , #WALLO & #DIRRE_DHAWAA
★★★★★
Waajjira KFO torbaan tokko yeroo hin caallee keessatti kan saaqnu ta'ee hangasiif qindeessitoonni kunooti. Bilbilaa, dubbisaa, gargaaraa woliin haa saaqnu.
1. Boorana, Yaa'aa Balloo, Boruu Dabbasoo, 0934139383
2. Wallo, Kamisee, Taaddesee, 0913484628
3. Dirre Dhawaa, Anuwaar Saanii, 0954595225
Kan dura maxxansinee sun iddoo koree dhaabbatee fi waajjirri itti saaqame malee waajjira banuuf sochiin achirratti dhaabbata jechuu miti. Magaalotaa fi aanaalee adda addaatti akkuma saaqneen ifa goonaa. Oromoon Tigraay, Kibba, Beenishaangul Gumuz fi Gambeellaa keessallee waan jiruuf waajjira banuun itti fufa.
Nuuf Obsaa.
©Addisu Bullalla'tiin
https://www.tg-me.com/taphaakoblabooranaa

Telegram
GAADDISA BOORANAA
KHAAYOO GAREE TANAA :-
❤ DAA'IMTUU GURRA WAL BUUSUUF,
💙 WALIIN KIBUUF,
💚 QOOSAA FI QOOMMIIF,
💛 AFAAN KEENNA GUDDISUUF,
💜 TOKKO TA'UUF,
💗 DHALOOTA TEEKNOLOOJJIITTI OL-FIDUUF,
🖤 WAAN CUFAAN WAL JAARUUF YAYYABAMTE.
Yaada qabaannaan = @Xachisha
❤ DAA'IMTUU GURRA WAL BUUSUUF,
💙 WALIIN KIBUUF,
💚 QOOSAA FI QOOMMIIF,
💛 AFAAN KEENNA GUDDISUUF,
💜 TOKKO TA'UUF,
💗 DHALOOTA TEEKNOLOOJJIITTI OL-FIDUUF,
🖤 WAAN CUFAAN WAL JAARUUF YAYYABAMTE.
Yaada qabaannaan = @Xachisha
Forwarded from Gadaa Post
Guyyaan Sirni Gadaa Oromoo Dhabbata Saayinsii, Barnootaa fi Aadaatti hambummaan itti galmaa’e waggaa 3ffaan godina Booranaa magaalaa Yaaballootti kaleessaa eegalee kabajamaa ture har'a xumurama. Ayyaanni sirna Gadaa kaleessaa eegalee sirnoota addaddaan kabajamaa ture guyyaa har'a bakka keessummoonni kabajaa fi abbootiin Gadaa Oromiyaa guutuu jiranitti sirna ho'aan kabajamee ni xumurama.
Madda: BDhKMNO
@Gadaapost
@Gadaapost
Madda: BDhKMNO
@Gadaapost
@Gadaapost
Forwarded from Borana News, Knowledge and Fun via @toolkitbot
MM Dr.Abiyyi Jabdu uummata Booranaa saade, jabduu
leellisee maadeffate, Booranii aadaa .. itti Fufaa
Join 👇👇👍
@borananews

leellisee maadeffate, Booranii aadaa jajjabaa fi beekkumsa
addaa ka akka daawwitii namii cuftii keessatti laalee irraa
barachuu qabu qaba. Booranii haasaa isaa keessaa Nageenni
Badhaadhaa indhabu, kun ammoo akkam nagaa akka jaalatuu
fi madda nagaa akka ta’e mirkaneessa jedhe. Nulleen Nagaa
Booranaa kana bu’uura godhannee labsuun Addunyaa biraa
Badhaasa Nagaa ( Nobel Prize) arganne jedhe. Kana qofaanit
Maqaa Paartii teenna haaraayyuu aadaa nagaa Booranaa ka
“Nageenni Badhaadha” jedhu irraa fudhanne “Paartii
Badhaadhinnaa” jennee moggaafanne jedhe. Addunyaa tana
gubbaa uummata akka Booranaa Bulchaa dhufu ganna 21 dura
filatu takkaa garree indhageenne kun waan maadee ka nama
cufaa barumsa ta’uu qabu jechuun guddoo dinqisiifate. Nu
ganna diddimaa dhiisii ganna tokkoo dursinee bulchaa dhufu
filachuu indandeenne, Booranii garuu abbaa Gadaa ganna 21
duuba Baallii fuudhu ammaa ya filatee kun guddoo nu
mamsiifte jedhe. Muummichii Ministera Biyyaa akkana dhufee
aadaa uummata keennaa saaduun jaalachuun akka malee
nama gammachiisa. Namii kanatti in gammannee waan jiru
inse’u.
Garuu akkuma Booranaa saade kana rakkoo uummata kanaa
furuuf ojjachuu qaba. Saadaan afaanii nama oolchiti malee
nama inbulchitu, gurra namatti horti malee liqimsaa taatee
beelaa dheebuu nama imbiiftu. Kanaaf akkuma Afaaniin
uummata keennaa faarse hojiin rakkoo uummata kana yoo fure
nulleen isa faarsina. Kanaaf Kabajamoo Muumicha Ministeraa,
bulchoota Naannoo fi Goodinaatiif wannii nu dhaamnu akkuma
aadaa fi duudha uummata Booranaa kana jaalattanii faarsaa
saadaa ooltani rakkoolee bu’uura ka hanqinnoota misoomaan
wal qabatanii ka uummata kana miidhaa jiraniif xiyyeefannoo
kennatanii kutannoon akka hojjataniidha. Yoosi uumatilleen
onnee irraa isan saadaa.
Horaa bulaa deebanaa
Join👇
Join👇
Join👇
@borananews
+++++++++++

#BAGAA_GEESANI_HORDOFTOOTI_AMANTAA_CHIRISTANA_HUNDII.
>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>
Baga Geessan Qillee
Ayyaanna waggaa
Ayyaantutu argaa
Baga geessan hunduu
Yaa ta'u kan nagaa
Guyyaa dhalatetti
Mootiin samiif lafaa
Gaarii qofa argaa
Dhippuu irraa afaa
Faarsoodha unattuu
Daadhidhaaf birillee
Maatiin kiristaanaa
Baga geessan qillee
✍✍✍✍✍✍
@SabbooGoona
>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>
Baga Geessan Qillee
Ayyaanna waggaa
Ayyaantutu argaa
Baga geessan hunduu
Yaa ta'u kan nagaa
Guyyaa dhalatetti
Mootiin samiif lafaa
Gaarii qofa argaa
Dhippuu irraa afaa
Faarsoodha unattuu
Daadhidhaaf birillee
Maatiin kiristaanaa
Baga geessan qillee
✍✍✍✍✍✍
@SabbooGoona