Forwarded from TIKVAH AFAAN OROMOO
#Update
Har'a Piritooriyaatti, Waliigaltee nagaa mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti mallattaa'e qabxii 12 of keessaa qaba.
Waliigalteewwan kana keessaa:
- TPLF hidhannoo hiikkachuuf walii galtee irra gahameera.
- Mootummaan Itiyoophiyaa fi TPLF abbaa biyyummaa fi qulqullina naannoo Itoophiyaa mirkaneessuu fi heera mootummaa federaalaa kabachiisuuf waliigalaniiru.
- Itoophiyaan humna ittisa biyyaa tokko qofa akka qabdu waliigalteen mallattaa'eera.
- Haala nageenyaa lafarra jiru ilaalcha keessa galchuun qabsaa’ota TPLF hidhannoo hiikkachuu, qabsaa’onni waraana keessaa ba’anii hawaasatti akka makaman gochuuf waliigalteerra ga’ameera.
- Sagalee dhukaasaa yeroo dheeraaf akka dhaabbatu waliigaluudhaan waraana kana xumuruuf waliigaltee dhukaasa dhaabuu dhaabbataan mallattaa’eera.
- Olola jibbiinsaa dhaabuuf waliigaltee irra ga'ameera.
- Tajaajila bu'uuraa naannoo Tigraayitti deebisuuf walii galteen taasifameera.
@tikvahethafaanoromoo

#Oduu_Gaddaa
Aartiistiin Gameessi Oromoo Abbaan Artiistota keenyaa dooktarri kabajaa Alii Birraa hospitaala adaamaati yaalamaa turus har’a galgala boqotanii jiru.
boqochuu isaaniitti gadda guddaa N

Aartiistiin Gameessi Oromoo Abbaan Artiistota keenyaa dooktarri kabajaa Alii Birraa hospitaala adaamaati yaalamaa turus Har'a galgala boqotanii jiru.
boqochuu isaaniitti gadda guddaa Natti dhagahame ibsaachaa maatii, firoottanii fi hiriyoottan isaanii maraaf jajjabina hawwa.
Aartiistiin Gameessi Oromoo Abbaan Artiistota keenyaa dooktarri kabajaa Alii Birraa hospitaala adaamaati yaalamaa turus Har'a galgala boqotanii jiru.
boqochuu isaaniitti gadda guddaa Natti dhagahame ibsaachaa maatii, firoottanii fi hiriyoottan isaanii maraaf jajjabina hawwa.
Forwarded from TIKVAH AFAAN OROMOO
Kabajamoo Dr. Artist Alii Muhammad (Alii Birraa) eenyu ture?
- Artist Alii Birraa kan dhalate (bara 1940 Dh.K.D) fi kan guddate Magaalaa jaalalaa, tokkummaa kan taate dirre dawaatti.
- Maqaan haadha fi abbaan isaaf moggaasan Alii Muhammad jedhama.
- Maqaan "Alii Biiraa" jedhu bara 1963 magaalaa DirreDawaatti, yeroo dargaggoonni dandeettii muuziqaa qaban, ofii isaa Alii Mohaammad dabalatee, walitti qabamee gurmaa'anii muuziqaa Afan Oromoo taphachiisuf turetti, garee sana keessa Alii saditu ture (Ali Shebo, Ali Ahmed Ali / Ali Tuche, fi ofii isaatii Alii Mohammed) adda baasuuf, Hojii muuziqaa isa jalqabaa fi dinqisiifamaa "Birraan Bari'ee" jedhuun maqaa Alii Birraa jedhu argateera. Kana booda paaspoortii, ID isaa irratti Alii Biiraa jedhamee waamamuu eegale.
- Artiist Alii Birraa; Umurii isaa waggaa 14tti garee muuziqaa Dirredawa "Afranqalloo (The Four Children of Qallo)" jedhu keessatti hojii muuziqaa jalqabe. (Miseensonni baandichaa dargaggoonni garee B keessaa umuriin didiqqoo turan. Alii Birraan hojii isaa isa jalqabaa keessatti baay'ee beekamaa waan ta'eef garee A tti makame.)
- Artist Alii Birraa bara jireenya isaa waggaa 50 muuziqaa keessa ture. Albamii fi sirboota tokkicha hedduu hojjateera. Biyyoota addunyaa keessa naanna'ee hojiiwwan muuziqaa isaa dhiheesseera.
- Artist Alii Birraan Afaan Oromoo, Hadar, Somaalee, Amaariffa, Afaar fi afaan biyya alaa irraa afaan Ingiliffaa fi Ispeeniin sirbuu irratti dandeettii ajaa'ibaa qaba ture. Meeshaalee muuziqaas taphachaa kan ture yoo ta'u, qindeessaa sirbaa fi walaloo ture. Afranqalloon alatti garee muuziqaa adda addaa keessattis hojjetee jira.
- Afaan guddinna Afaan Oromoo keessatti gahee guddaa kan qabu yoo ta’u, artistoota hojii aartii isaa waliin itiyoophiyanota walitti hidhuudhaan, jaallachuu fi wal bira qabuun ummata Oromoo guutuu fi ummata Itoophiyaa guutuu biratti artistii gammeessa jedhaman keessaa isa jalqabaati.
-Gumaacha gaarii bara jireenya isaa keessatti taasiseef; Biyya keessaa fi biyya alaa keessatti badhaasa hedduu badhaafameera.
Fkn: Dirredawaa fi Jimmaa irraa Doktarummaa kabajaa argatee, Dirredawaatti paarkiin tokko moggaafameef, Adaamatti daandiin tokko moggaafamefi jira. Naannoo Oromiyaatti badhaasni addaa Nishaan kennameef... Beekkamtii fi badhaasa biroo hedduu argateera.
-Kabajamoo Dr. Artist Alii Birraa haadha warraa isaanii waliin ta'uun dhaabbata naamusaa "Birra Children's Education" jedhamu hundeessuun "barnoota daa'immaniif" deeggarsa taasisaniiru.
- Dr.Artist Alii Birraa kaleessa umrii waggaa 75tti addunyaa kanarraa boqote.
Kana qofa miti....Kun gabaabinnaani...

Preezidaantiin Oromiyaa duraanii Doktar Lammaa Magarsaa boqochuu Artist Alii Birraatiin gadda itti dhagahame ibsan.
Aliin bu’uureessitoota qabsoo Oromoo ammayyaa bifa ammayyaan muuziqaadhaan qindeessan keessaa hayyuu hangafa jedhu Doktar Lammaan.
Ummatoota gaanfa Afrikaa keessati cunqurfamaa turaniifis sagalee ta’uun nama jaalala horate jechuun ibsan.
Walaloo fi yeedaloon isaa sagalee kiilolee isaatiin dhiyaachuun qilleensa bilisummaa fi jaalalaa ta’uun Oromiyaa jaarraa walakkaaf tajaajilaa tureera kan jedhan Doktar Lammaa Magarsaa, Oromiyaa fi jaalala biyyaa qora qalbii uummataa keessatti ijaareera jedhan.
Preezdaantiin duraanii Oromiyaa kun Aliin barsiisaa Oromummaati jedhu.
“Barsiisaa Haqaa fi obbolummaati, Baran Oromiyaa gaggeessaa turetti hayyoota dhiyeenyaan na gorsaa, na utubaa, na sirreessaa turan keessati” jedhu.
Oromoo fi Saboonni biroo hayyuu guddaa dhabani, ta’ullee Aliin ilmaan hedduu guddiseera, sanyiin inni facaaase ija godhatee jira jedhan.
Hojiiwwan isaatiin tarree duraa gootota keenyaa keessatti yaadatamaa tura. Ni leellifama. Qaaliiwwan akka Haacaaluu Hundeessaa, Nuhoo Goobanaa, Daadhii Galaan, Usmaayyoo Musaa, Eebbisaa Addunyaa fi kannee biroo waliin bara baraan faarfama jedhan doktar Lammaan Magarsaa.
@SabbooGoonaa

Wollo University KIOT 2022G.C Graduation Ceremony || ወሎ ዩኒቨርሲቲ 2014E.C KIOT Fully Program Vedeo
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://youtu.be/CCYDWylX9Hk
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://youtu.be/CCYDWylX9Hk
YouTube
Wollo University KIOT 2022G.C Graduation Ceremony || ወሎ ዩኒቨርሲቲ 2014E.C KIOT#SaboGonaTube
#JOIN_MY_CHANNEL_ON
➖➖➖➖➖
▶#YUOTUBE:-https://www.youtube.com/channel/UC200SmqhWqZtjjKp--uDD2g
➖ ➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖
▶#FACEBOOK:-https://www.facebook.com/BoruuSabbooGoonaa
➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖
▶#TELEGRAM:-https://www.tg-me.com/joinchat-VCPSZjlLLl_GW-4O
➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖…
➖➖➖➖➖
▶#YUOTUBE:-https://www.youtube.com/channel/UC200SmqhWqZtjjKp--uDD2g
➖ ➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖
▶#FACEBOOK:-https://www.facebook.com/BoruuSabbooGoonaa
➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖
▶#TELEGRAM:-https://www.tg-me.com/joinchat-VCPSZjlLLl_GW-4O
➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖…
Forwarded from TIKVAH AFAAN OROMOO
🏆 #Arjentiinaa
Arjentiinaa tapha waancaa addunyaa FIFA injifatte.
Gareen biyyaalessaa Arjentiinaan biyya tapha waancaa addunyaa bara 2018 injifatte Faransaayin rukuttaa adabbiitiin injifachuun #shaampiyoonaa ta'eera.
Liyooneel Meesiin tapha kubbaa miilaa isaa keessatti waancaa addunyaa isa jalqabaa injifate.

Abba Gadaa Gujii Duraani Dr kab. Yuubaa Aagaa Xenxanoo Boqotani.
Abbaa Gadaa Duraanii Aagaa Xenxannoo Godina Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaatti dhalaatani kan Guddaatan yoo ta'uu, Nama Cimaa, Hayyuu Jaarraa 21ffaa fi Mana Kitaaba Aadaa Oromoo fi Itoophiyaati.
Bara Baallii(Aangoo) Isaani fi Erga Yuubaa ta'aniis Obbolummaan akka dagaagu, Wal qixxummaan akka mirkaana'u, Nageenya Biyyaatiif gahee ofii bahaa turaani, Dabalataniis Aadaafi Bulchiinsa Sirna Gadaa akka lafa qabatuuf Dhaloota kana bira gahuu, biyyaa keessa fi biyyaa alaatti akka beekamuuf Sirna Dimookiraasii Dhugaa akka ta'ee akka hubaatamu nama hojii Guddaa fi Boonsaa hojjetaaniidha.
Hojii Seena Qabeessa fi Oonnee Ummaata keessatti hafuu hedduu erga hojjetani Guyyaan Oolchaa hin qabduu Addunyaa kana irraa du'aan boqotaniiru.
Maatiif firootan isaaf Jajjabina hawwina.

Bu'aan Qormaata kutaa 12ffaa yoom ifooma?
Akka odeeffannoon Tikvah, Ministeera Barnootaa irraa argateen Qabxiin qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa kan bara 2014, Ji'a Ammajjii walakkaa booda ni ifooma jedhamee eegama.
Yeroo ammaa kana Sororamni qormaata marsaa lammaffaa xumuramaa jira.
Bu'aan waliigalaa qormaata kanaa walakkeessa baatii kanaa irraa eegalee ni ibsama jedhamee eegama.
Yeroo jalqabaaf barattoonni kuma 900 ol ta’an yunivarsiitiiwwan keessatti marsaa lamatti qormaata kana fudhataniiru.

Rakkinii Ha Rakkatuu
~
Rakkoon Rakkoo Dhaltee
Sitti Jaarratusi Dallaa
Samiin Waaqa Dukkanooftee
Ado Fakkaatee Ballaa
Jalaa Ibiddaan Gubattee
Ado Ququncaate Nafaa
~
Guyyaa Hardha Laaltee
Hin Kutatinii Abdii
Ciniinadhuu Tarkaafadhuu
Rakkinii Ha Rakkatuu!
Boruu Sabboo-Goonaatiin!
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
~
Rakkoon Rakkoo Dhaltee
Sitti Jaarratusi Dallaa
Samiin Waaqa Dukkanooftee
Ado Fakkaatee Ballaa
Jalaa Ibiddaan Gubattee
Ado Ququncaate Nafaa
~
Guyyaa Hardha Laaltee
Hin Kutatinii Abdii
Ciniinadhuu Tarkaafadhuu
Rakkinii Ha Rakkatuu!
Boruu Sabboo-Goonaatiin!
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
RAMADAN KAREEM!! 🕌 🕋
Maatiiwwan Fi Hiriyyoota Keenya Kan Musliimaa Maraan Baga Isiniin Gahe!!
Sooma Nagaa Kan Wanti Yaaddan Hundi Itti Isiniif Milkaa’u Isiniif Haa Ta’u!!
Join and share

'MUL'ATAAFI MULLACHUU'
Mul'ata Jechuun waani hin jirree ykn hin mullanee ka ilaan hin garree tokkoo, fuula duraaf akka inni ta'uu ka barbaadduu ofi keessatti arguu jechu. Mullachuun ammoo woma jiraa diqqoo tokko na argaafi jechaa akka waan guddoo hojjateetti ofi laaltee ofiin dhaaduu jechu. Mul'ati deemsa karaa dheeraa ka hojjiif beekumsaan hoogganamu ka abba mul'ata dabree dhalootaafi fayyaduudha. Mullachuun ammoo deemsaa karaa gabaabaa ka beekkamtiif carraaqu, ka jechuu ykn godhuu malee waan jedheef godheef hin beenne, ka dhalootaa nitii abbichuma galaafatuudha!
*AMALOOTA NAMA MUL'ATA DEEMUU'
✓Beekkumsaaf dharra'a°
✓Jecha isaa gocha(hujjii) isaatti caala°
✓Garaa dura gurra dursa°
✓Dubbachuu caalaa dubbisuu filata°
✓Kaayoo jiraatuufi qaba, suni irraa garuu hin leellequ, hin raafamuu, hin bubbisuu, hin girrisuu, hin shaakkisuu, hin dhuqqisuu, aarsaa barbaachisuu cufaa inkaffalaafi°
✓Wannii diqqoof guddoolleen gammachiiftee hin dallansiiftuu, waan qabu caalaa ka dhabeefi carraaqaa°
✓Ofi hin tuuluu, ofi hin tuffatuu, nama hin tufatuu, ofiitti amanammumaa qaba°
✓Iccitii beekaa, iccitii eega, ofi hin shakkuu, amanammuma qabaa dhalootaani jaalatama°
✓Nama irraa wa eeguu caalaa ofii hojjata°
✓Na argaaf ado hin taanee seenaaf hojjata°
✓Fulaa dhufeefi beeka, bakka jiru beeka, bakka itti deemuu beeka°
✓Yeroofi bakkaa jiruutti fayyadamaa.
✓Waan dubbatu beeka, akka itti dubbatuuf yeroo itti dubbatu beeka, waani dubbateeti amana°
✓Obsa guddata, namummaatti amana, kufaatiiti hin amanu, waani fedheefuu abdii hin kutatu°
✓In turaa garuu in ura°.......fi.k.k.f.
*AMALOOTA NAMA MULLACHUUF DEEMUU'
•Beekkumsa caalaa beekkamtiif carraaqa°
•Gochaa(hujjii) isaa jecha isaatti caala, yeroo hedduu godhee caalaa akkas jedhee fayyadama°
•kaayoo jiraatuufi hin qabuu hawwiin hogganamaa, gara qabattuuni hin qabdu, Inlelleqaa, inraafamaa, inbubbisaa, ingirrisaa, inshaawwisaa, indhuqqisaa°
•Qaroo qara ofi sehaa garuu daalleeni akka isa hin jirtu°
•Dubbisuu caalaa dubbachuu filata°
•Nammumaa ado hin taanee (Horii, Angoo, Beekkamtiif) bakka kenna, adunyaani tuni guddoo itti miyoofti°
•Ofi omaa hin hojjatuu nama irraa wa eegaa, waan ati hojjatteeti amo si inaafa°
•Waan diqqoo tokkoo fuudhee gaaraan dhaha, waan dhabeef carraaquu caalaa diqqoo qabuun dhaada°
•Ofi tuulaa, nama tuffataa, waan jedheef godheetti amanammuma hin qabu°
•Garaatti gurraa qolcha°
•Ofii hojjachuu caalaa akka nami alaa hojjatuuf fedha°
•Gubbaani isaa warqii keessii ammoo carqii°
•Diqqoo hojjatuu na argaafi hojjata, seenaan isa biraatti na argaa, jannaaf qaroon isa biraatti wallaalaa°
•Fula jiru malee fula dhufeefiifi gara itti deemuu hin beeku°
•Waan dubbatuu na argaafi dubbata, sunuu itti amantummaa hin qabu°
•Obsaa hin qabuu, nammumaan isa biraatti kabaja hin qabdu, ofi tuulaa(nama tuffata)°
•Hin ceya malee fulaa ce'eefiif fulaa itti cehuu hin beeku, Fiigicha dhuma hinqabnee fiiga°
°In jarjaraa in kiinta'a, garuu jarjaraani ree'e hin horuun duruu dabartee°......fi...k.k.f.
Cufaafuu ka mullataa deemuu mullachuuf hin jarjaru, dhalooti amma kun hedduun isaa hojjiif beekkumsa malee dafee horee dafee qoruu fedha. duuba inceyaa malee garaa itti ce'uu hin beeku waan ta'eefi ufumaan humnaaf yeroo qabuu fixatee fulaa isa madaaltuuti deebiya haa fiiguu.
Waan hedduu gumii dhaloota amma kana ammoo ka mul'ata ado hin taanee, ka mullachuu deemuutti dhaloota salphise, Ka horii hiyyoome ado hin taanee, ka sammuu hiyyoomeetti eegee biyyaatti nu hambise, ka inbaratini caalaa ka barate hedduutti nyaatee nu qallisee, tamuufuu rabbiin nama hundaaf sammuu dhalootaafi fayyadduu haa kennuu!
✍️ Boruu Sabboo-Goonaa tiin!
👇👇👇👇
👇👇👇
👇👇

OFIITTI AMANAMUMMAA
"Eennunuu sitti amanuun duraatti, Dursaa ati ofiitti amantii qabaadhu"
Ofiitti amanuu jechuun of-tuuluu ykn nama tuffachuu jechuu niti. Ofiitti amanuu jechuuun waan tokko godhuuf humnaaf dandeetti gaha akka qabduu beekuu jechuu. akkasumaa jechaaf gocha gootuu cufaatti ofiitti amanta qabaattee sodaa dudda duubaa namii maan naan jedhaa keessaa baatee waan itti amantuu godhuu jechuudha. Ofiitti amantaa horachuun fedhii nama cufaati, Keessattu namaan ajaa'ibsiifamuu, Namaan jaalatamuuf fudhatama nama biraatti argachuun waan nami cuftii alchuudha! Kun cuftii ka tawuu garuu yo ati jechaaf gocha ke cufaatti amantaa qabaateedha. Ofiittii amanta kana horachuufi...
1. KEESSA KEETIITTI AMANI!
Ofiitti amantumaan alaa ykn nama biraa irraa sitti hin dhufu, Keessa ke irraa jalaqaba. Keessattu haasaan dadansaani ati ofii ke waliin gootuu gahee guddaa taphata. Eennuleen jireenya keetiif ofiitti amantummaa kee jijjiiruu hin danda'u kan danda'u ammoo si mataa ke qofaadha. Eennuullee caalaa akka ofi jaalatuuf eennulle caalaa akka ofiitti amantuu ofii keetiitti himi.
•••
2.OFI QOPHEESSI
Sodaan ofiitti amantummaa dhabuu hedduuni jalqabii isii beekuu dhabuudha. Waan tokkoo beekkumsa isaa guutuu yo hin qabnee insodaatta. Yo ani waan kana godhee maan tawa, Maanti na mudata, Maan naan jedhani jettee sodaa keessa galta. Rakkoon namii hedduun jijjiirama ofiraatti godhuu sodaatuuf kanaaf. Kana cufaa moo'achuuf ammoo woma cufaan ofi qopheessitee muuxannoo gabbifachuu qabda. Beekkumsaaf ofi qopheessuu, Qabbeenna horachuuf ofi qopheessu, Yaada xin-sammuu gabbiifachuuf ofi qopheessu qabda. Jireenna jiraattu cufaa keessaatti yo qophii hin qabaannee carraan gaabbii keessa galuu keetii guddaa waan taheef OFI QOPHEESSI.
•••
3. *'GUDDACHUU' fi 'KENNUU'*
Jijjiiramii guddina jireenya keetii irratti dhufuuf akkasumaa Waan qabdu irraa namaaf kennuun gammachuu keetiif ofiitti amantummaa ke horachuuf gahee gudda taphata. Guddachuu jechuun jijjiiramii jireenna ke guyyaa hardhaa yo guyyaa kalee siif caaleedha. 'Kennuu' Jechuun ammoo qabeenna qofa namaa kennuu miti. Yeroo, Humnaa, Beekkumsaaf k.k.f nama kennusi ni gaafata. Kanaaf ofiitti amanta horachuuf 'guddachuu' fi 'kennuu' qabda.
•••
4.*MUUXANNO GAARII HORACHUU YAALI*
Akkumaa muuxanno gaarii horachaa deemtuuni ofiitti amanammumaa ke gabbifachaa deemta. Muuxanoo gaarii ammoo guyyaa tokkoof ji'a tokkootti hin argatu adeemsaaf shaakkallii yeroo dheeraa si gaafata. Muuxannoo gaarii jechuun fakkeennaa Dubbisuu, Ganamaan kawuu, Ispoortii hojjachuu, Waani si fayyadaa laaluu, dhagawuuf hojjachuu, Suusii irraa fagachuu, Cubbuu lagachuu, Nama kabajuu, Ejjannoo qabaachuuf, Amanta keetiitti jabaachuuf k.k.f godhuudha.
•••
5.*MULLATA QABAACHUU*
Cuftii keenna ka uumamneefi eenyumma keenna dhokataa barbaanne argannee isaaf jiraachudhaaf. Kaayoof mullata keessi ke itti amaneef tahuu feetuu baaftee fayyadamuuf ammoo ofiitti amantumaa qabaachu qabda. Kaayoof mullata jiraattuuf ofiitti amantaa qabaattee fuula duraatti yo imaltee eennulleen addunyaa kana irraa namii si caaluu hin jiruu MULLATA qabaadhi!
#JABAADHI!
"YO JABAATTE JIBBAA OOLAANIILLE JABAA DUUBII JAALALAA, JAALACHA OOLAANIILLE YARAA DUUBII JIBBAA"
✍️Boruu Sabboo-Goonaa

#HIN_DHAGAYINI!
Durii raachota sadiitti fulaa deeggartoonni isaanii miliyoonaan laakkamtu jirtuutti dorgomiif dhiyaatani jedhani! Dorgomiin tuni ammoo dorgommii muka oli koranii fulaan baatee yo deebituu moo'atuudha. Duuba raachoti tuni sadanuu amala garagaraa ka wal hin fakkannee qabani. innii tokkoffaa daafanaa, inni lammaffaa janna, innii sadaffaa ammoo duudaadha.
Amma warrii sadanuu dorgommiif ofi qopheessee deeggartooti warraalleen nama deeggartuu harka dhaanaa(jajjabeessaa), ka hin deeggareetti ammoo iyyaa(sodaachisaa) dorgommichii jalaqabe. Dorgomaan jalqabaa Raachi 1ffaan(daafanaan) dorgomiif muka koruu jalaqabee deeggartooti isaa harkaa dhaanaafii mormitooti isa ammoo itti iyyaa mukaa kaan koruu jalaqabe, Deemuuma deemee yo jidduun bayee iyyanna taaniif harki dhaananiif kaalleen dhiibba itti tayee sodaatee ado fulaan hin bayini lafa dhaye. Dorgomaan lammaffaalleen Raachi 2ffaan(Jannii) dorgommiif muka kaani koruu jalaqabee akkuma ka duraanii deeggartoon gamisaan harka itti dhaanaa(jajjabeessaa) kaanii itti iyyaa(sodaachisaa) dorgommii jalaqabee inniilleen deemuma deemee jidduun baanani roqomee(miira keessa galee) lafa dhaye. Dorgaamaan sadaffaa Raachi 3ffaan(duudaan) kaani ammoo akkuma beekkamuu gurraan hin dhagawu waan ta'eef harka dhaanichaaf iyyantii taani ado itti hin dhagaamini fula barbaadamuun bayee dorgommii injifannoon xummure!
Kanaaf ergaan barreefama kanaa gabaabumaatti eennullee yo innii mullataaf kaayoo ofi bira gawuufi tarkaanfi tokko jala qabuu iyyannaaf harka dhaanichaatti itti baayyata. Ati ammoo harka sii dhaananiif jettee sitti oowwitee, Yo sitti iyyani ammoo sitti qorruu hin qabu. Mullata ke bira gahuufi kaayoo keetti cichitee DUUDAA fakkaatte imala ke itti fufuun alaatti. Gaafasi yo ati deemte bakka yaaddeeni baatuu ka harka sii dhaaneefi ka sitti dhaaneelleen dabaree wali eegatee waraqaa kabajaa ka (Gootumaaf, Qarummaa) fula ati jirtuutti sii fidaa! HIN DHAGAYINI!
"Adoo mortuun mortuu inhoraa abbaan horu"