Guyyaa boruu wallootti hiriiratu waamamaa jira jedhan,hiriirri kunis deeggarsaa raayyaa ittisaa biyyaatiifi kan bahamuudha!dhaamsi ani ummata keenyaf qabu carraa argatan kamittu fayyadamaa tokkummaan sagalee keessaan dhageessifadhaa!hiriira kanarratti guutuumaan guutuutti hojii seera kabachiisuu RIB,n humnoota shororkeessitoota naannoo amaaraa irratti gaggeessa jiru akka deeggartan ibsaafi!

Itti aansee immoo ummata keenya badii tokko malee mana hidhaatti waggaa tokko hanga lamaatti dararamaa jiraniifis sagalee keessaan dhageessisaa!kan biran immoo ijoollee keenya osoo imalarra jiranii konkolaata irra buusanii faannoon rashanaman sanas reenfi isaanilleen taatu maatiif akka kennamuuf gaafadhaa!

Inni dhumaa immoo humnoonni naannoo amaaraa faannoo,milishaafi liyuu haayilii dabalatee hundi isaanii shororkeessitoota akka tahaniifi warra biyya diigaa jiru akka tahan saglee keessaan ol fuudha waloodhan qaama mootummaatti hima!akkasuma oromoon walloo kana booda naannoo amaaraa jalas akka hin bulle gadi jabeessaa tokkummaadhan ifatti carraan kanaan ibsaafi!lana booda gateetii shifta naannoo amaaraa ittiin baadhannu hin qabnu!✍️hiriirri kuni ummata keenyaf dhimma lubbuuti malee kan siyaasaa(politica) wahiitiif bahamuu miti!galatooma!πŸ™πŸ’”
Telegram;-https://www.tg-me.com/Voiceofvoiceless3
Hiriirri boru ummanni oromoo walloo bahu dhimma lubbuu,dhimma dhiiga dhangala'aa jiru kan gatii dhabee,akkasumaas hojii seera kabachiisuu RIB shororkeessitoota faannoo irratti fudhataa jiru deeggaruutiifi kan kana fakkaataniidha!kanaan alaatti namoonni bakka garagaraati jechuunis biyya keessaafi alaa irra hiriiricha hordoftan akka waan ummanni daldala siyaasaatiifi bahee akka isinitti hin fakkaanne dursinee isin hubachiisuu barbaadna!walumaa galatti ummanni walloo hiriirri inni daldala siyaasaatiif ammatti bahu kamuu hin jiru,yoo dhimma lubbuu tahe malee!πŸ™πŸ₯°πŸ‘Œ

Umar Sabaa
β€œHiriira guyyaa har'aa godina oromoo walloo keessatti gaggeeffamaa jiru suuraan tuni qofti ibsuu dandeessi!”alaabaa tamiifi tamtu hiriira kanarratti isinitti mul'ataa jira?ummatichi bakka kaleessaa hin jiru,abshaala tahee akkuma dirree lolatti tokkummaan ofirra lolus dirree kaanitis tokkummaan sagalee isa dhageessifataa jira!eeyyee tokkummaan dirree hundatti barbaachisaadha!πŸ₯°πŸ«‘πŸ‘Œ

Umar Sabaa
Suuraa asiin gaditti agartan tanarra waa xiqqoon isiniif ibsa hangan beekutti!maalifiin suuraan tuni namoota tokko tokko biratti gaafii kaasaa jirti,akkamitti finxaalessummaan saba hin qbane jedhe,wanti ummanni keenya hiriira har'aa irrattiβ€œfinxaaleessummaan saba hin qabu”jedheef eenyu akka shororkeessaa tahe walaale osoo hin taane,biyya sana keessaa sabni amaaraa jedhamu akka hin jirreefi seenaa biyya Ethiopia keessatti sabni amaaraa jedhamu asiin dura akka hin jirre kan mul'isaniidha!kana jechuun warri amma ani amaaraa ofiin jettu tuni hundi isheedha warra eenyummaa ofii dagateedha!isaan eenyummaa ofii dagatan sanatu walitti baay'atee wal horee hagana gahee amaaraa ofiin jedhe malee seenaa Ethiopia keessatti sabni amaaraa jedhamu hin jiru!kan addunyaatu beeka!amaaraa wanti jedhamu saba miti of walaalteedha!πŸ’―πŸ‘Œ

-Telegram;-https://www.tg-me.com/Voiceofvoiceless3
Ganama har'aa maatiin ijoollee dhengadda osoo imalarra jiranii shororkeessitoota faannootiin konkolaata irra buusuun ajjeefamanii RIB waliin tahuun karaa bakka ijoolleen keenya itti dhumtee (Shola Meda)imalanii turan!yeroo achi gahan wamaa reenfallee dhabanii galgalaa kana gara qa'ee isaaniitti deebihanii jiru!RIB,nis ijoollee hanga reenfalle taatu agarrutti taaziyaa hin taa'inaa ni barbaadna jechuun maatii ijoolleen jalaa dhumteetti dhaame jira!haqni ijoollee keenya badii tokko malee ajjeefamanii haa bahuu!πŸ’”πŸ™
-Telegram;-https://www.tg-me.com/Voiceofvoiceless3
(Inbox)
======
Guyyaa kaleessaa kampii waraana kan magaalaa shawaa roobii keessaa reenfumallee taatu yoo arganne jennee barbaada oole!garuu wamaa argachuu hin dandeenye,gara Shola Meda,tis dhaqnee raayyaa ittisaa biyya waliin barbaada ooleetuma galle!maatii dhengaddaa ijoolleen isaanii harka faannoo buute!qaamni mootummaa reenfalle taatu barbaade maatiif kennuu qaba!maatiin reenfa yoo argates awwaalatee irraa sabbaruu dandaha!πŸ₯ΊπŸ’”πŸ™
-Telegram;-https://www.tg-me.com/Voiceofvoiceless3
I am so sorry!πŸ’”

β€œDhiyoo nu fixanii reenfa keenyarratti dhiichisan”
amma immoo ajjeesanii reenfallee,lafellee maatii dhorkatanii ofumaaf awwaalan!lubbuun ilmaan walloo barana gatiidhuma dhabde!yaa rabbii koo ati murteessi!ummata wallootiifi maatii ijoolleen jalaa dhumte maraaf obsaafi jajjabina haa kennuu!sila keenya carraatu kana tahe!πŸ˜ͺπŸ’”
β€œUmmata gumaa baafatuun guyyaan itti hin fudhanne,ummata rabbiif malee namaaf gadi hin jenne!”

Gumaa baafatuun jagnummaadha,
itti fufu qabas!πŸ’ͺ✊️πŸ₯°
(Inbox)
=======
Ijoollee keenya hiriira dhengadda sanarratti raayyaan ittisaa biyya agartuu keenya,
faannoon diina keenya jedhan sana Kamisee keessatti hidhuu eegalanii jiru of eeggannoo godha!keessuma warri waraqaa adda addaa qabatanii hiriira sanarratti argamtan of eega!πŸ”Š
-Telegram;https://www.tg-me.com/Voiceofvoiceless3
Namni Saudi Arabia mana hidhaa keessaa turee gara biyya galu waan amma adeemaa jiru kana quba hin qabaatu!kanaafuu yoo akkam goone nama keenya dhumaatii irra baraaruu dandeenye?fakkeenyaaf yoo ijoollee keenya Finfinnee keessaa jiraataniin waan kana irratti hojjadhaa jenneen tarii dandeetii itti qabaachuu dhabu malu waan taheef wanti kuni qaama mootummaa federaala bira malee waan furmaata argatu natti hin fakkaatu!

Kanaafuu mootummaa nageenya lammiilee isa eeguuf mirga osoo hin taane dirqama qaba waan taheef ijoollee biyya alaarra galaa jiran kanaaf eegumsa gahaa godheefi gara maatii isaanitti deebisuu qaba!kana godhuuf yeroo itti hin fudhatu waan taheef mootummaan federaala ummata keenyaf xiyyeeffannoo isaaniif malu kennuu qaba!kunis hin tahu,yeroo sanatti dafee gara maatiitti galchuu hin danda'u yoo kan jedhu tahe mootummaan yeroof immoo achuma Finfinneema keessatti bakka gadheefi achuma tursiisuu qaba!πŸ˜ͺπŸ’”
Jechaa mucaan ijoollee dhumte keessaa hafe dubbate;-Debra Birhan irraa nu fuudhanii kallaatiiman mana dhiigaan badeefi akka malee dukkanaa keessatti guyyaa lamaaf nu ugguran!achi xiqqoo nu tursiisanii booda gara dirree Shola Meda,tti nu fidan!Shola Meda keessatti namoonni hedduun kan qawwee harka qaban nu marsanii rasaasa nutti dhukkaasi eegalan!,yeroo isaan eegalan yaa rabbii na baasi jedheen baqadhe! nama sana keessaa ana qofatu hafe kuun hundinuu dhumee jira!πŸ˜ͺπŸ’”

-Telegram;-https://www.tg-me.com/Voiceofvoiceless3
Rakkoon ummata oromoo walloo akka mootummaa federaala biratti dhageetti hin arganne,yookiinis akka furmaata hin arganne kan godhe hooggantootuma keenya!osoo hooggantoonni keenya aangoo qabanitti fayyadamanii rakkoo ummata keenya mootummaa federaalatti xiqqooma takka waa jedhanii rakkoo ummata keenya ni furama ture!rakkoo keenya kan ukkamsee akka furmaata hin arganne godhe jaruma keenya!walumaa galatti ummanni walloo hooggansa xiqqooma ummata isaatiif yaadu dhabe!rakkoon ummata yoo hooggansi sochii godhe furmaata argata!amma garuu hooggantoonni keenya callisanii harka maratanii ummaticha ilaalaa jiru!kanatu rakkoon ummaticha akka furmaata hin arganne sababa tahe!πŸ’”πŸ’―
Ethiopia keessatti dhugaatu bakka dhabe malee kunoo jarrinu akka ummata oromoo walloo konkolaata irra buusanii fixaa jiran ofumaaf ragaa bahaa jiru!qabsoon keenya,qabsoon ummata amaaraa qabsoo ummata nagahaa karaa deemu,ummata nagahaa kan biyya arabaa irra galaa jiru fixuudha taate jedhanii ofumaaf wal gaafataa jiru!

Yaa dhugaa awwaadhu!πŸ˜ͺπŸ’”
β€œLafas ni qabna,lafees ni qabna!garuu hooggansi yeroo amma lafaafi ummata keenya harka qabu hooggansa dantaa dhuunfaa isa qofarratti xiyyeeffateedha!”dantaan isa jalaa hin tuqamin malee miidhamni ummata isa biratti homaa miti!warra akkasiitu ummatatti taphataa jira!πŸ’―
Tilmaama itti dhiyootin erga mootummaan amma jiru kuni dhufe oromoon walloo qofti lubbuu nama dhibba sagalii(900)oliiti itti gabbarre!kan jechuun lola yeroo garagaraatti ummata walloo irratti banamaa tureefi namni sababa tokko malee mana hidhaarra yaafamee ajjeefamaa ture tilmaaman kana taha jechuudha!kan hanga amma as buuteen isaanii dhabames hedduudha!nuti salphatti as hin jirru!salphattis as hin geenye!waggaa muraasa kana keessatti aarsaa kana hunda kaffalus garuu qa'ee teenya gad hin dhiifne!πŸ˜ͺπŸ™πŸ’”
-Telegram;-https://www.tg-me.com/Voiceofvoiceless3
Waan kana lamaan jabeeffatte tanaan qabsoon kana caalu inuma hin jiru!

1.Amantii kee!
2.Eenyummaa kee!

Wantoonni kuni lamaan it's very important kan tahaniifi eessattu kan diridiriif hin dhiyaaneedha!ummanni oromoo walloo sababa wantoota kana lamaaniitif waggaa shan keessatti godinni tokkichi lubbuu nama 900 olii itti gabbare!
-Seenaa kee qoradhuu,dandeessu barreeessi bifa kitaabatiin dhalootaaf kaahi darbi!barreessuu hin dandeessu tanaan immoo karaadhuma siif danda'ameen jechuunis bifa aartitiin seenaa lafaafi lafee ummata keetii dhalootaa dhalootatti dabarsuuf yaali!kana booda biyyarra bahuun haa hafuu,ummanni seenaa hin qabne gaafa du'es gaafa jirus akka sareeti,sareen yoo duute eenyuutu yaadata?maalin yaadatu?kanaafuu akkas tahuu irra dhalootaa dhufu,lafaafi lafee keenya akkasumaas gootoota keenya haa baraaru!

-Ummata seenaan isa hin barreeffamin jechuun ummata osoo jiru awwaalame jechuudha!gaafa du'e imoo du'a lama du'e jechuudha!akkas tahuu hin qabu of haa yaadannu keessuma ilmaan walloo!biyyarra gaafa baates namuma akka keetii jala dalagda malee baankii keessa hin hojjattu,
kanaafuu hanga dandeesse biyya kee irra ta'i,
seenaa ummata keetii qoradhu,barumsis sittii hafa yoo tahe waan si hafe sana xumuratuuf yaali malee biyya namaatti hin fiiginaa!biyyi nama biyyima namaati!nama baratee hidda gadi fageeffateetu saba ofiitiifis biyya ofiitifiis taha!dhageessanii ijoolleen keenya?πŸ™βœοΈπŸ₯»
-Telegram;-https://www.tg-me.com/Voiceofvoiceless3
The owner of this channel has been inactive for the last 5 months. If they remain inactive for the next 29 days, they may lose their account and admin rights in this channel. The contents of the channel will remain accessible for all users.
The owner of this channel has been inactive for the last 5 months. If they remain inactive for the next 17 days, they may lose their account and admin rights in this channel. The contents of the channel will remain accessible for all users.
The owner of this channel has been inactive for the last 5 months. If they remain inactive for the next 8 days, they may lose their account and admin rights in this channel. The contents of the channel will remain accessible for all users.
2024/05/16 04:09:31
Back to Top
HTML Embed Code: