Telegram Web Link
Ragaa qabatamaa! Waan ajaa’ibaa!

Abbaan Alangaa walii Gala Federaalaa Geediyoon miseensa paartii PP ti. “Ani miseensa paartii kamuu miti” jechaa ture. Garuu haasofni isaatii fi gochi isaa miseensa PP tahuu isa ibsa ture. Dubbiin Itoophiyaa akkana taate.
Hospitaalli Laandimaark meeshaalee wal'aansaaf barbaachisan fe'ee gara mana sirreessaa Qaallittii geessuun Obbo Baqqalaa Garbaa fa'atti wal'aansa laachuu akka hin dandeenye xalayaa mana murtiif barreesseen beeksiseera.

@abdataa3
Guyyaa 32ffaa nyaata akkuma lagatanitti jiru. Afrikaa keessatti namni yeroo dheeraaf nyaata lagate nama Afrikaa Kibbaati. Bara 1989tti guyyaa 38 nyaata lagatee ture. Garuu rakkoo hedduutu irra gahe. Sammuutu miidhame, orgaaniin isaa hedduun barbadaa’ee ture. Haalli hidhamtootni siyaasaa Oromoo keessa jiranis kanaan wal fakkaata. Amma Baqqalaa, Jawar fi Hamzaan faa haala hamaa keessa jiran. Gogaan isaanii ciccituu, arrabni ciccituu, fi waan hedduu rakkoo orgaanii isaanii irra gahu tilmaamuun ni dandayama.
Dhaddacha!

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddacha har'a ooleen dhimma wal'aansa Obbo Baqqalaa Garbaa faa ilaalchisee murtii laachuufi jecha amantaa waakkii dhaggeeffachuuf beellame ture beellama jijjiiramaa Bitootessa 06/2013'f laachuun xumurameera.

* Bal'ina oduu kanaaf daqiiqaa muraasa booda nu eegaa!

@abdataa3
'Obbo Jawaar Mohaammad fi Baqqalaa Garbaafaa qaamni laafee mana murtiitti dhiyaatan'

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa jecha amantaa fi waakkii namoota 24 galmee Obbo Jawaar Mohaammad jalatti himatamanii fudhachuuf har'atti [Wiixata] beellamee turus guyyaa biraatti dabarseera.

Obbo Jawaar Mahaammad dabalatee namootni galmee himataa isaanii keessatti himataman 20 guyyaa har'aa Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa dhaddacha Farra Shororkaa fi yakkoota dhimma heeraa tokkoffaatti dhiyaataniiru.

Manni murtichaa jecha amantaa fi waakkii himatamtootaa fudhachuuf har'atti beellama qabatee turus, haala himatamtootni irratti argaman ka'umsa gochuun jecha isaanii osoo hin fudhatin hafeera.

Abukaatootni himatamtootaa maamiltootni isaanii Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Dajanee Xaafaa fi Obbo Hamzaa Adaana erga nyaata lagatanii guyyoota 33 ta'uufi jecha kennuu akka hin dandeenye mana murtiitti himan.

Gabaasa BBC👇
@abdataa3
AMMEE‼️

Shira abbaa alangaa Geediyoon fi Abiy xaxaa turan Manni murtii walii galaa Federaalaa (Federal Supreme Court) kuffise. Akka Jawar faa mana yaalaa dhuunfaa Hospitaala Laandimaarki deeman ajaja dabarse. Ammas mee ajaja Manni murtii walii galaa Federaalaa (Federal Supreme Court) akka deebi’anii cabsanii fi hojiirra oolu laalla!
AMMEE:

Jawar faa yeroo ammaa Hospitaala Landmark geeffamanii jiru. Kunis erga shirri Geediyoonii fi Abiy kaleessa mana murtii waliigala Federaalaa dhaddacha ijibbaataa irratti jalaa fashale booda .
Share👇
@abdataa3
Laamroot Kamaal makiinaa mootummaatiin eega mana hidhaa Soostanyaa keessaa baasanii maallaqni isiin baankii keessaa qabdus dheengadda baafamuu maddeen qabatamaa irraa dhagayeera. Akkasumas maatiin isii kan duraan mana hidhaa Soostanyaatti deddeebi’anii gaafatan takkaa gaafatanii hin beekan. Kana jechuun bakka isiin jirtu quba qabu. Erga baatee maallaqaa baankii keessaa baasuun maaliif barbaachise? Miliqsaniiru moo maliqfamaa jirti? https://www.tg-me.com/abdataa3
AMMEE:

KFO ibsa amma baase keessatti ammas irra deebi’ee:

- Waajjiraleen KFO humna mootummaatiin cufaman akka banaman,
- Miseensoti KFO akka hiikaman,
- Sagantaan filannoo amma dhihaate akka fooyya’u,
-Dirreen siyaasaa lammilee hundaaf mijataa tahe akka banamu,

cimsee gaafatee jira!
@abdataa3
Abiy Ahmad 📞 Biliinken

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii J Biliinken har'a Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad (PhD) waliin akka haasaa taasisan ministeera dhimma alaa US'tu beeksise.

Akka dubbi himaan ministeerichaa Need Piraayis jedhanitti, Antoonii Biliinken MM Itoophiyaa Abiy Ahmad waliin yaaddoo gargaarsa namoomaafi mirgoota namoomaa naannoo Tigiraay ilaalchisee US qabdurratti xiyyeefannaan dubbataniiru.

Biliinken sarbama mirgoota namoomaafi miidhaawwan qaqaban ilaalchisuun qorannoon walaba, qaama idil-addunyaarraafi amanamaa ta'een gaggeeffamee warra yakka hojjetan itti gaafatamtoota taasisuuf haala mijeessuu keessatti Itoophiyaan hawaasa addunyaa waliin akka hojjettuuf gaafataniiru, jedhan dubbi himaan ministeera dhimma alaa US kun.

Gargaarsi namoomaa guutuu dhorkaa tokko malee akka gara Tigiraay seenu Itoophiyaan dhiyeenya beeksiste waan gaariidha jechuun, ammas taanaan mootummaan Itoophiyaa waadaa gale kabajuu akka qabu BIlinken gaafataniiru jedhan Need Piraayis.

(BBC)
@abdataa3
KFO'n filannoo ala ta'uu beeksise!

Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) filannoo biyyaaleessaa marsaa 6ffaa barana gaggeeffamuuf karoorfame irratti akka hin hirmaanne murtoo irra gahuu beeksise. Murtoo kana kan dabarse koree hoji raawwachiistuu dhaabicha ta'uus eerameera.

Hogganaa waajjira KFO Obbo Xirunah Gamtaa DW'f akka himanitti, filannoon dura wantoota guuttamuu qaban (waajjiraalee akka deebi'anii banaman, miseensota KFO hidhaarra jiran akka gad lakkifaman) waan hin raawwatamneef filannicha irratti hirmaachuun bu'aa hin akka buusne dubbatan.

Guyyaan galmee hanga bor Guraandhala 25/2013 dheereeffamuus KFO'n hanga ammaatti kaadhimamaa tokkollee kan hin galmeessifne kanumaan walqabata jedhan, Obbo Xirunah.

@abdataa3
KFOn filannoo keessaa dhiibamee bahuu itti gaafatamaan waajjira KFO obbo Xurunaa Gamtaa beeksise.

“Wajjira olaanaa irraayyuu namoota filannoo kana qindeessuuf ramadaman shan keessaa namootni afur mana hidhaa jiru. Kanaaf afaan guttadhee kanan dubbachuu danda’u, filannoo kana keessaa dhiibamnee ba’uu keenya sabni keenyas, hawaasi addunyaas akka nu beeku ibsuun fedha. Miseensonni keenya aanaalee fi godinaalee adda addaa keessa jiran kan filannoo kana qindeessuu danda’an, kan taajjabdootallee filachuu danda’an mana hidhaa keessa jiru” jedhe. Maddi BBC https://www.tg-me.com/abdataa3
Poolisiin magaalaa Jimmaa eebbifamtoota Univarsiitii Jimmaa kan ta'an Mohaammad Deeksisoo fi Mulugeetaa Shittee akkasumas hojjetaa Yunivarsiiticha kan ta'an Obbo Wandimmuu Laggasaa Abbaa Daffaar irratti himata haaraa "haleellaa boombii baatii Onkololeessa 2013 ALI magaala Jimmaatti raawwatame irratti harka qabaachuu" jedhu akka bane abukaatoon isaani Obbo Obsinaan Girmaa himan.

@abdataa3
Barattoota 12tiif
Share godhaa obboleeyyan keeysaniif

Rabbiin isin haa gargaaru firii keeysan lafa bada isin jalaa hin godhin. Inni irkoof tolu isin waliin haa jiraatu.
❤️Akka dhaamsaatti👇
1,Sa'aa ammaan tanaa irraa kaasaa online irraa fagaadhaa akka tasgabbooyatniif.
2,Qormaataatu hatame, yeroo isaatu dabre... ka ja'u hin dhagahinaa.
3,Barana akka tolutti akka isin hin baratin ni beeyna kanaaf suuta ja'aa waan dandeeysan yaalaa.
4, Deebiin qormaataa akka tasaa yoo isiniif ergame jarjartee itti lixxee akka sin dogongorsiifne.
5, Deebii alaa irratti irkoo takka hin godhatin haga dandeeysu yaaluuf if amansiisi.
6, yerotti fayyadamii ariitiin xumuruuf yaali. Deebii hedduu sitti ulfaate irra hin turin.
7, Ganamaan qa'ee mana barumsaa sanitti argami.
8, qormaata duraas tahee boodaas waa'ee qormaataa namootaa waliin hin odeeysin.
9, Wantoota guuttachuu qabdu duursii guuttadhu tasgabbiin bobbahi.
#Akka jabaa👇
❤️Ganama san dhiira yoo taate subhii jammaan salaati, achuma turi Qur'aana haga siif laafe qara'i, zikriilee jajjabduus godhi, du'aa'iis godhadhu, yeroo aduun ol baatee xiqqo ol jatte sunnaa lama irra buufadhu masjiidaa bahi, haadhafi abbaa kees fitti tufsiisi. Isaan yoo hin jiraannees namuma bira jirtu, akkasitti manaa bahi, haga karaa mana barumsaa deemtuus zikriilee godhaa deem, yeroo qorumsa jalqabdees "bismillaah" Yaa Rabbi na gargaari ja'iitii jalqabi. #Shamara yoo taatees bakka takkitti Subhii jammaan masjiidatti deemu san malee kanuma hordofta.
Iinshaallaah fadha Rabbiitiin irra aantanii abdii Rahmaaniin guutamaa !
BY: Qorii_Qaroomaa
#ODUU_AMMEE

Obbo Jawaar Mohaammad fa’i lagannaa nyaataa dhaabuuf waliigalan!

Lagannaa nyaataarra kan jiran himatamtoonni Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Adaanafaa turtii lagannaa guyyaa 39 booda lagannaa nyaataa itti jiran borurraa kaasanii dhaabuuf 'waliigalaniiru' jechuun abukaatoon isaanii Obbo Gammachuu Guutamaa himan.

Watwaata hakiimoota isaanii dabalataan, qaamoleen hawaasa gara garaa yaaddoo cimaa lubbuu hiimatamtoota kanaaf qaban dhaggeeffachuun jaarsoliin biyyaa itti deddeebiyuun kadhachaa turan jedhan.

Jarsoliin biyyaa kaleessa hospitaala Laand Maark, deemanii akka hin seenne dhorkamanis, har'as deebiyanii deemuun jaarsolii keessaa namoonni lama (Atleet Daraartuu Tulluu fi leenjisaa atleetiksii Suppar Intedant Huseen Shiboo) akka seenan hayyamameef seenanii isaan kadhachuu himan.

''Gaaffii hawaasa bal'aa dhiisnee kanaan itti fufuu hin dandeenyu jechuun fudhataniiru,'' jedhan.

Maddi: BBC
@abdataa3
@abdataa3
Forwarded from QUBE JENRATION(DQ) (Ā/műhšēň)
Warroonni enteransi fudhattan suura tana yeroo sadi sadi qara'udhan gara fatana tessani deema
Http://www.tg-me.com/Abdekso3
Filannoo kan qopheessaa jiru boordii filannoo osoo hin taane paartii Bilxiginnaati. Ragaan kunooti. Dirrees isaantu qopheessa. Kan keessatti taphatus isaanuma qofa. ABO fi KFO’n keessaa dhiibamee bahee jira.
#AMMEE

Ameerikaatti Imbaasii Itoophiyaa keessa hogganaa itti-aanaa ergama Ameerikaa kan ta'an Obbo Birhaana Kidaanamaariyaam "duguuggaa sanyii lola Tigraay keessatti raawwataman akkasumas dararaan mootummaan Itoophiyaa bakkeewwan biyya Itoophiyaa hafan keessatti raawwataa jiru" jedhan mormuun hojii isaani fedhii isaaniin gadhiisuu isaani beeksisan.

"Ergamaa ykn dipplomaatii ta'een biyya koo tajaajiluu koo nan jaalladha, garuu hojii koo kana osoo ummanni koo miidhamaa jiru gonkumaa hin hojjedhu...MM Abiy Ahimad waldhabdeewwan jiran karaa mariin hiiku mannaa, garaagarummaa ilaalcha siyaasaa karaa sirna haqa cabseen akkasumas waraana fayyadamuun mormituu isaani bulchiinsa ofii jalatti godhuuf yaalaniiru" jechuun qeeqaniiru Obbo Birhaana Kidaanamaariyaam ibsa mata duree "Statement on the Current Situation in Ethiopia" jedhuun baasaniin.

@abdataa3
Qormaanni biyyooleessa kutaa 12ffaa xumurame!

Bara 2012tti sababa weerara dhibee COVID-19 osoo hin kennamiin kan ture qormaanni biyyooleessaa kutaa 12ffaa Guraandhala 29 hanga Bitooteessa 02 bara 2013 ALI guyyaa afuriif kennamaa ture har'a xumurameera.

@abdataa3
@abdataa3
2025/07/07 20:15:16
Back to Top
HTML Embed Code: