Oduu Riifaasisaa:
Jawar fi Baqqalaan faa hatattamaan yaala barbaachisa. Garuu manni murtii torbee dhufu, Kibxata dhimma yaala isaanii laaluuf beellame. Jarri hanga Kiibxata dhufu eeguu dhiisii saa’aa muraasa keessatti waan ta’an hin beekamu. Beekaa beellama dheeressani. Oromoo hoggantoota kee dhaqqabadhu!

AMMEE:
Gara Jabina Abbaa Alangaa walii Galaa
Manni Murtii Olaanaan Federaalaa har’a bulchitoota Mana hidhaa Qaallittii qaamaan waamee Obbo Baqqalaa hospitaala dhuunfaa akka geessan ajajee ture. Haaluma kanaan bulchiinsi Qaallitti Obbo Baqqalaadhaan “qophaayi” jedhee, doktoroota isaanis karaa maatiitiin yaamsisee yeroo Obbo Baqqalaa baasuuf jedhu, Abbaan Alanagaa Federaalaa konkolaataan kamiyyuu akka mana hidhaa Qaalittii keessaa hin baane waan uggureef deemuu hin dandeenye. Kanaafu har’as shira Abbaa Alangaa Waliigalaatiin xaxameen Obbo Baqqalaan yaala hatattamaan isa barbaachisu osoo hin argatin hafee jira.
@abdataa3

ABO'n filannoo dhufurratti dorgomuu akka hin dandeenye beeksise!
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) sababoota adda addaan filannoo baatii Caasmsaa dhufu keessa gaggeeffamuuf karoorfame irratti dorgomuu akka hin dandeenye beeksiseera.
Hayyuu Dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa har'a akka jedhanitti karaalee addichi filannoorratti ittiin hirmaachu danda'u hunda jalaa cufameera. Waajjiraalee bakkeewwan hunda keessa jiran cufamaniiru, hoggantoota fi miseensota addichaa hidhamaniiru jedhan.
ABO'n filannicha irratti dorgomuuf bara darbe kaasee qophaa'aa kan ture ta'uus, amma garuu filannoo kana irratti akka hin hirmaanne "dhiibameera" jedhan Obbo Daawud Ibsaan.
Maddi: DW

#JawarMohammed
Seenaataroonni biyya Ameerikaa kutaa bulchiinsa Minisootaa Jawaar Mohaammad hatattamaan mana hidhaarra gad lakkifamee gara maatiisaa Minisootaatti argaman akka deebifamu gaafatan.

#ABO
Hayyuu Dureen Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Daawud Ibsaa "ABO'n filannoo dhufurratti hin hirmaatu" oduun jedhu dogoggora qaba jedhan. Hirmaachuufi dhiisuu isaani hanga ammaa akka hin murteessine BBC'tti himan.
Obbo Daawud hogganoonni dhaabbichaa ol'aanoo fi kan godinaalee 178 ta'an hidhamu kan himan yoo ta'u, waajjirri isaanii muummee kan Gullalleetti argamu erga Waxabajji 25, 2020 kaasee poolisiin cufamee eegamaa jiraachuu himan.
Haaluma gabaasa of harkaa qabaniin godinaalee hanga aanaaleetti waajjiraaleen dhaabichaa 103 cufamusaanii himu Obbo Daawud.
''Filannoo bara kanaarratti hirmaachuuf waan lama guutamuu qabu. Tokko waajjirri keenya cufame hunduu banamuu qaba. Lammaffaan hoggantoonni, deeggartoonnii fi miseensonni keenya gita hojii adda addaa irra turan hiikamuu qabu,'' jedhan.
Gaaffii yoo ulaagaalee kunneen guutamuu baatan filannicharraa hafuu dandeessuu? jechuun dhiyaateefis, Obbo Daawud ''Yoo didan miseensotaa fi uummata mariisisuun yeroo sana murteessina'' jedhan.

#MohammedDeksiso
Barataan Yunvarsiitii Jimmaa Mohaammad Deeksisoo sirna eebba barattootarratti ''Jawaar Mahaammad hiikaa, hidhamtoota siyaasaa hiikaa,'' jechuun waltajjiirratti dubbate, qaama hidhate waliin hariiroo qaba jedhamuun shakkamee yeroo 2ffaaf mana murtiitti dhiyaate.
Barataa kana waliin barataan digirii 2ffaa guyyaa eebbaa sanaa wal-tajjii irratti sirba sirbee fi hojjetaan Yunvarsiitii Jimmaa tokko hidhameera.
Barataan Mahaammad mana murtiitti waa'ee qabiinsa mirga namoomaa mana hidhaa keessatti isa muudate ilaalchisee, ''ergan waajjira poolisii Jimmaa na geessanii waan narra gahe hin jiru. Garuu gaafan qabame poolisiin Federaalaa bakka Jireen jedhamutti na geessuun na reeban,'' jechuun himateera.
(SUURAA: Barataa Mohaammad Deeksisoo fi nama isa waliin hidhame wayita kaleessa mana murtiitti dhiyaatan)

Waa’ee yaala fayyaa Baqqalaa fi Jawar faa ilaalchisee Abiy diraamaa taphataa jira. Manni murtii Federaalaa olaanaan (Federal High Court) akka hospitaala Landimark’tti yaalaman ajaje. Mana Murtii Waliigala Federaalaa (Federal Supreme Court) akka hospitaala Landimark deemanii hin yaalamne ajajee garuu ogeeyyin fayyaa hospitaala Laandmaark jiran meeshaalee barbaachisaa ta’an fe’atanii bakkuma hidhamtoonni jiranitti dhaqanii haa yaalan kan jedhu ajaje. Meeshaa hospitaalaa keessaa guuranii mana hidhaa ammoo geessuuf hin deeman. Sababnis dhukkubsattoota biroo hoo maaliin yaalu? Waan hin fakkaanne. Osoma geessaniyyuu danqaa biraa uumu waan diraamaa taheef. Amma diraamichi akka isaaniif tolutti yeroof burjaajii uumaa jira. Miidiyaaleen dhadacha lidataa hordofan akka hospitaala dhuunfaatti yaalaman manni murtii ajaje jedhanii gabaasan. Diraamaan Abiy dalage mootummaan akka hospitaala dhuunfaa hin dhoorgin fakkeesse. Kana jidduutti hoggantoota irra miidhaan gahaa jira. Abiy kana barbaada.
@abdataa3
@abdataa3
AMMEE:
Guyyaa obbo Baqqalaa Garbaa dirqamaan ajaja mana murtii cabsanii hospitaala waraanaa geessuuf yaalan, komishinarri bulchiinsa mana hidhaa Qaallittii obbo Girmaa Adaree bakka mootummaan barbaadu obbo Baqqalaa fuudhee waan hin geessiniif ajaja sirnaan hin raawwanne jedhanii har’a akka hidhamu ajaja irratti dabarsan. Amma Girmaa Adaree bakka jiruu barbaadamee poolisii federaalaan hidhamee guyyaa Kamisaa akka dhiyaatu dhaddacha har’a ooleen ajajni dabree jira.

Oolmaa dhaddachaa kan biraatiin ajajni hidhaa kennameera. Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Lidataatti argamu aangawaan Mana Hidhaa Qaallitti sababa bu'ura ajaja armaan dura kennameetiin Obbo Baqqala Garbaa yaalchisuu hanqateef dhiyaatee akka ibsu ajajee ture.
Dhimma yaalumsaarratti, manni hidhaa Qaallittii armaan dura yeroo shanii ol ta'uuf ajaja mana murtii raawwachisuu waan hanqateef hooggansi manichaa dhiyaatee akka ibsu gaafatamus aangawaan dhiyaate ibse hin jiru. Itti aanee ammas Gargaaraa Komishinaraa Girmaa Adaree kan jedhaman dhiyaatanii akka ibsa kennan ajajamanis har'a (16/06/2013 ALH) dhaddachatti hin dhiyaanne.
Kanarraa ka'uun Koomishiniin Poolisii Federaalaa aangawaa kana hidhee gaafa 18/06/2013 ALH Sa'aa akka dhiyeessu jechuu Manni Murtii Olaanaa Federaalaa - Lidataa jiru ajajeera.
OPPDT irraa

#UPDATE
Barataa Mohaammad Deeksisoon yeroo sadaffaaf har'a (Guraandhala 23, 2021) sa'a saddeet irratti mana murtii aanaa 1ffaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti dhiyaate, manni murtii gaaffii guyyaa dabalataa poolisiin qorannoof gaafatee kufaa taasisuun Mohaammad wabii qarshii kuma lamaan (2000) akka gad lakkifamu ajajeera. Haata'u malee hanga ammaatti osoo hin gadhiifamiin jiraachu beekameera.

Jawar faa har guyyaa 28ffaa nyaata akkuma lagatanitti jiru. Yaalas hin arganne. Manni murtii kan duraan akka Hospitaala dhuunfaa Landimaark deeman ajajee ture Abiy akka haqamu godhe. Ogeeyyonni hospitaalichaa meeshaa fe’atanii akka mana hidhaatti waldhaanan ajaje. Garuu hanga saa’aa kanatti manni murtii hospitaala Landimaarkitti xalayaa barreesse hin qabu. Kana jechuun meeshaa fe’anii mana hidhaatti haa waldhaanaman kan jedhus diraamaa tahuu kanaan hubanna. Yaaddoon kiyya guddaan osoo haala kanaan lafarra harkisan hoggantoota kana akka hin dhabne. Addunyaa irratti warreen nyaata lagatan guyyoota 30 booda kan orgaaniin isaanii akka malee miidhamee gara lubbuu galaafachuutti kan geessu. Dhimma akka salphaatti ilaalamuu hin qabne dubbiin kun.
#Breaking
Manni Murtii Ol'aanaa Federaalaa dhaddacha har'a ooleen namoota ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan shakkaman keessa tokko kan taate Laamroot Kamaal irratti 'ragaa qabatamaa waan hin dhiyaanneef' jechuun bilisaan gaggeesseera.
Ajjeechaa Artiist Haacaaluu irratti shakkamaa tokkoffaa ta'ee to'annoo jala kan argamu Xilaahun Yaamii garuu ajjeechaa kana akka raawwate ragaa gahaa waan jiruuf adeemsa mana murtii itti aanuu irratti ofiisaa akka ittisu ajajeera, manni murtichi.
Shakkamtoota biroo Kabbadaa Gammachuu fi Abdii Alamaayyoo ajjeechaa kana irratti kallattiin hirmaachuu isaani ragaan agarsiisuu hin jiru kan jedhe manni murtichi, garuu lamaanu yakka 'hatuuf yaaluu' fi 'yakka raawwatame poolisiitti himu dhabu' jedhuun waan himatamaniif ofiisaanii akka ittisan gaafatamaniiru.
Maddi: Beka Atoma Boru (BBC)

#Irra_deebiin
Tibbana Seenaataroonni biyya Ameerikaa kutaa bulchiinsa Minisootaa erga Waxabajjii 30 bara 2021 to'annoo jala oolfaman kaasee mana hidhaa biyya Itoophiyaa keessatti kan argamu Obbo Jawaar Mohaammad hatattamaan mana hidhaarra gad lakkifamanii gara maatii isaani Minisootaatti argaman akka deebifaman gaafatan.
Miseensa mana maree kan ta'aan Joon Hofmaan dhimma kana ilaalchisee haasaa taasisaniin, "Jiraataan Minisootaa, kan ilmisaa asitti dhalate, kan haadha warraansaa asitti argamtu, adeemsa seeraa sirri hin taaneen mana hidhaa keessatti tursiifamuun gonkumaa sirri miti," jechuun hatattamaan gad lakkifamu akka qabu hubachiisaniiru.

Haqni Hacaaluu asitti dhokate. Garuu dhokatee hin hafu!
1. Laamrot erga qabamtee bakka interneetiin hin jirretti FB isii banamee deactivate ta’ee suuraaleen addaaddaa keessa haqaman. Yeroo sanatti mootummaa qofatu internet qaba ture. Yeroo Haacaaluun ajjeefame kan bira jiru utuu lamroot ta’ee jiruu maaliif abbaan alangaa utuu himannaa irratti hin baniin ture. Maaliif erga Oromon hedduun waa’ee isii iyyaa turanii bubbulanii himata irratti baname?
2. Reenfa Haacee utuu seeraan hin qoratamiin maaliif atattamaan hospitaala baasanii ariitiin awwaaluun barbaachisee?
3. Maaliif Haacaaluu kabajaan akka hin awwaalamne godhame?
4. Maaliif erga awwaalamee awwaalcha isaa yeroo murtaaweef polisiin eeguun barbaachise?
5. Ummanni Oromoo bal’aan mootummaatu ajjeesse jedhee amana, mootummaan ammoo warra isa mormutu ajjeesse jedhee siyaasa ittiin daldala, erga kana ta’ee qaama walaba ta’een yakki kun akka qoratamuu mootummaan maaliif dide?

Naannoo Amaaraatti qophii cidhaa tokkorratti boonbii dhoheen lubbuun nama 1 yoo darbu namoota 15 irra miidhaan qaama gahe
*
Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa aanaa Mirtuu fi Jirruu qophii cidhaa tokkorratti boonbii dhoheen lubbuun nama 1 yoo darbu namoota 15 irra miidhaan qaama gaheera.
Cidha kanarratti namoonni walitti qabamanii sirba irra otuu jiranii boorsa nama dhuunfaa keessaa kufee dhohuu danda’eera.
Namni boonbii qabatee bakkichatti argame too’annoo seeraa jala ooluun qoratamaa jiraachuu ibsameera.

Ilhan Omar - walgahii kaleessaa goote irratti haalli hidhamtoota siyaasaa Oromoo hedduu na rifaasiseera jetti. Akkasumas dheengadda haadha warraa Jawar Arfaase Gemeda waliin akka haasoftee haalli hidhamtoota siyaasaa Oromoo ammallee akkuma baay'ee na yaaddessetti jira jetti. Dubbii Amb Fitsum Araggaa akka waan hidhamtootni yaala argatanii kijibee Ameerikaa dogongorsiisuuf yaale kijiba tahuu sirriitti hubattee jirti.
Shimallis, “tokkummaa paartiilee siyaasaa Oromootiif baay’ee hojjanne” jedhe. Akkasumas “yaada dulloomaa keessa bahuu dhabuu paartiilee siyaasaatu gufuu nutti tahe” jedhe. Kana malees “dirree dhiphaa Wayyaanee keessatti dorgomanii dirree baldhoo PP keessatti dorgomuu didan jedhe.
AMMEE:
Hospitaalli Landimaarki meeshaa fe’atee mana hidhaa deemuun mana hidhaa keessatti Baqqalaa faa yaaluu akka hin dandeenye abukaatoo isaanii beeksiseera.
Murtiin dheengadda manni murtii dabarse murtii shiraa akka tahe kuni ragaadha. Ajaja raawwatamuu hin danda’amne ajajee lafarra harkisuun lubbuu hoggantootaa irratti rakkoon akka gahu barbaadu

Haalli yeroo ammaa Jawar, Baqqalaa fi Hamzaa faan keessa jiran baay’ee sodaachisaadha. Warri deemtanii ilaaluu dandeessan ija keessaniin mirkaneeffadhaa. Isaan bahanii isin dubbisuu dadhabanis barandaarra ciisanii jiru. Hamzaan dhukkubsatee kophaatti baafamee jira. Jarri kun waldhaansaan malee nyaatas kana booda nyaachuu akka hin dandeenye hubadhaa. Baay’ee nama dhukkubsa haalli isaan keessa jiran!