Telegram Web Link
#ODUU_AMMEE

Sagantaan Ifxaaraa guyyaa kaleessa gaggeeffamuuf karoorfame gufate ture bor Caamsaa 03/2013 bakkuma duraan gaggeessuuf karoorfame (addabaabayii Masqalaatti) akka gaggeeffamu ibsame.

"Sagantaan Ifxaaraa kaleessaa dhorkamee bakkuma sila karoorfameetti bor Caamsaa 03/2013 baasii guutuu mootummaadhaan qaama nageenyaatiin kabajaan eegamaa sa'a 10 irraa kaasee ni godhama. Tokko taanee yoo waliin dhaabbannee gaaffilee keenyas akkasuma deebisiifna." ~ Ustaaz Ahmaddiin Jabal

@abdataa3
@abdataa3
Ijoollee kankeetii fi warra keetiifis uffata Iidaa yoo bitteef, hadaraa sitti haa ta'u ijoollee ollaa keetii kan uffata Iidaa bitachuu hin dandeenyes mee yaadadhu.
Ijoolleen kankee ijoollee ollaa isaanii jiran Aarsuudhaaf/irratti uf dhaaduudhaaf uffata addaa uffatanii akka hin baane, gochi akkanaa qalbii isaanii cabsa waan ta’eef.
Join👇
@abdataa3
Finfinneetti sagantaan Ifxaaraa gaggeeffamaa jira!

Sagantaa jaalalaa, tokkummaa fi waliif yaaduu kan ta’e sirni Ifxaaraa magaalaa Finfinnee daandirratti gaggeeffamaa jira. Sagantichi Baambisii hanga addabaabayii Meeksiikootti bakka hawaasni musliima kumaatamaan lakkaawwamu argameetti sirna hoo’aa ta’een gaggeeffamaa jira.

@abdataa3
@abdataa3
Ammee;
Baatiin shawwaal waan hin mul'atiniif: Guyyaan Iid Al Fixrii may 13 guyyaa kamiisaa taha!
Maddi: Haramain Sharifain
@abdataa3
#ODUU_AMMEE
المحكمة العليا : غدا الأربعاء المكمل لشهر رمضان والخميس أول أيام عيد الفطر
Guyyaan Boruu Xummura Sooma Ramadaanaa ti Guyyaan Kamisaa Guyyaa Iidal Al Fixrii Akka Ta'e Gabaafame .
#Boru Soomana 30 ffaa Itti guutama.
@Abdataa3
Magaalaa Dambi Doollootti uummata fuuldura addabaaba'ii irratti ajjeechaa dargaggoo tokkorratti raawwatame hawaasa gaddisiise!

Jiraataa magaalaa Dambi Doolloo kan ta'e namni OMN dubbise tokko akka jedhutti, har'a ganama toora sa'a 5 hanga 6 gidduu mana manarra deemuun poolisiin humna addaa Oromiyaa 'humnaan' gara Addabaaba'itti uummata yaasuun, "Abbaa Torbee qabnee jirra ija keessan duratti ajjeesna" jechuun, dargaggoo Amaanu'eel Wandimmuu jedhamu harkasaa walitti hidhanii fuuldura uummataa erga dhaabanii booda, rasaasa itti roobsuun ajjeesuu isaanii miira gaddaan hima.

Boodarra uummatni hedduu miira keesaa galuudhaan, utuu poolisiin dhowwuu reeffa achii kaasanii kafanuun har'a waaree booda kana sa'a 8 booda Bataskaana Sillaasee magaalaa Dambi Doolloo ganda 07 keessatti awwallachuu hima.

Dhimma kana ilaalchisee Biiroon Kominikeeshinii Magaalaa Dambi Doolloo "maqaa abbaa torbee jedhamuun lubbuu namaa kan baasaa ture irratti tarkaanfiin fudhatame" jechuun toora FB irratti ibseera.

@abdataa3
Abdeks roo...ki(19):
Diinal Islaam Amaanaa Rabbiin irraa Ilma Namaatiif Kennamee dha.

Rabbiin Islaamummaa keenya Akka Eeggannuuf jecha Amaanaa nutti kennee jira.

Kanaaf Birmadummaa Islaamaa irratti dubbii kaasuun goonkumaa waan hin yaadamneedha.

Rabbiin Rahmata isaaniif haa godhuu Imaamu Bukhaariin Namoota Hadiisa Rasuulaa [s.a.w] walkeessa makuu fi faalleessuuf ka'an irratti jireenya isaanii guutuu osoo qabsaa'anii dha. Jaartii godhatanii bultii osoo hin ijaaratin, Ilma argatanii osoo hin dhungatin, Addunyaa tana irraa du'aan godaanan. "Rabbiin Rahmata haa godhuuf"

Bifa wal fakkaatuun Rabbiin Rahmata isaanii haa godhuu Sheekul Islaam Ibn Teymiyaan Doorsisaafii Dararaa Eennuyyuu jalatti osoo hin jilbiiffatin Namoota islaamummaa Filosoofii Giriikiitiin walitti makuuf socho'an irratti jireenya isaanii guutuu osoo qabsaa'an bultii osoo hin ijaaratin, qananii jireenya osoo hin argin Addunyaa tana irraa du'aan godaanan.
"Rabbiin Rahmata isaanii haa godhu"

Islaamummaa Eegsisuufi Kabajaadhaan Akka dhaloota ammaa kanaaf gahu Aarsaa hedduu kan kaffalanii fi Fakkeenya ta'anii kan dabran Gootonni Ilmaan Islaamaa hedduutu jiru. Kaleessas Har'as.

Kanaaf Yaa Obboleewaan Aakiraa Nutis Amaanaa diin islaamaa jabaannee Tikfachuu fii Qulqullummaa isaa Eegsifnee dhaloota dhufuuf dabarsuutu nurraa eeggama.

Rabbiin nuhaa Qarqaaru!

T.me/Abdekso3
AS WR WB
hordoftoonni channel abdata online hundi baga eid al fitiri bara 1442 tin isin gahe eida milki eida nasri eida gammachu kan bara heegare isini ha ta'u

Yaadachisa. Ollaa keessan waan qabdaniin yaadadha
@abdataa3
Adaba guyyaa iidaa keessaa Muraasni

1.Sadaqaa Fixrii utuu gara dirree Iidaatti hin bahin baasuu.
“Rasuulli (Sallallaahu Alayhi wasallam) Utuu gara iidaa hin bahin dura Sadaqaa fixrii baasuutti ajajan.” Sahiih Bukharii

2. Gara dirree salaata Iida Yeroo deemuudhaaf ka'an dhiqachuu.
3.Uffata qabnu keessaa kan irra bareedaa uffachuu (Dhiiraaf qofa).
4.Yeroo gara Iidaa ba'uuf kaanu timira nyaachuu. Kunis gaafa nyaatamu witrii (habbaa 1,3,5…) godhanii nyaachuutu jaallatama.
5-Yoo Iida Al-Adhaa ta'e immoo yeroo gara dirree Iidaa ba'an nyaachuu dhiisanii yeroo deebi'an yoo udhiyyaa qabaatan isaan faxaruun sunnaadha.

6.Guyyaa kana keessa Sadaqaa baayyisuun jaallatamaadha.
7.Karaa Yeroo Iidaaf bahan irra deeman dhiisanii kan biraatiin deebi'uu
8.Gara Iidaatti yaabbii malee miillaan deemuu.
9.Dubartoonni babbareeffachuu fi Urgeeffachuun maleetti gara dirree iidaa bahuu.
-Dubartoonni Haydii irra jiranis bahuun isaanii barbaachisaadha akka da'awaa muslimtootaa waliin dhaggeffataniif.

10. Guyyaa Iida lamaanii Takbiiraa godhuu.

11.Yeroo nama Muslimaatiin wal qqunnaman TaqabalallaahuMinnaa Waminkum (تقبل الله منا ومنك)Waliin jechuudhaan wal Gammachuisuu.

12.Yoo Iida Adhaa ta'e Udhiyyaa qaluu.

13.Namni Udhiyyaa godhuuf niyyate Eega ji'a Zulhijjaa galee kaasee hamma Udhiyyaa isaa gorra'utti Qeensaa fi Rifeensa isaa of irraa ciruu hin qabu

Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa
Bale robe
Filannoo biyyaalessaa 6ffaan guyyaa sagaleen itti kennamu torban 2 hanga 3n dheereffamuufi!

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa filannoo biyyaalessaa 6ffaan guyyaa sagaleen itti kennamu torban lamaa hanga sadiin dheereffamuuf akka ta'e beeksiisuu miidiyaaleen biyyaa keessaa gabaasan.

Boordichi danqaalee yeroo qabametti raawwachuu hin dandeessifne furuuf jecha yeroon sagalee itti kennan dheereffamuu ibseera.

Sababoota yeroon akka dheeratu barbaachiseef keessaa maxxansa waraqaa sagaleen ittiin kennamuu kan hin xumuramne ta'uufi yeroo dabalataa galmeen filattootaa fudhate ta'uun eerameera.

Guyyaa sagaleen itti keennamu dheereffamuu ilaalchisee Paartilee Siyaasaa waliin mariyatamaa akka jirus gabaafame.

Rakkoolee nageenyaa kutaalee biyyattii adda addatti dhalateen walqabatee yeroon galmee filattootaa hanga torban sadiif dheereffamuun ni yaadatama.

Waltajjichaan hanga Caamsaa 4, 2013 darbeetti galmee filattoota gaggeeffameen lammiileen miiliyoonni 36 ol galmaa’uu aadde Birtukaan ibsaniiru.

@abdataa3
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) yookaan kan mootummaan 'Shanee' jedhe waamu ibsa Caamsaa 15,2021 baaseen waraanichi lammiilee Chaayinaa sadi Godina Wallaggaa Lixaa, naannoo Mandiitti hojii Albuuda baasuurratti bobba'anii jiran sababa hojii Albuuda baasuu kanaan 'qonnaan bultoota naannichaa beenyaa madaalawaa malee buqqisaa jiraniif' butuun to'annoo jala oolchu ibseera. Haata'u malee lammiilee Chaayinaa kunniin yeroo ammaa kana 'fayyaa guutuu fi haala gaariirra' akka jiran himeera, WBOn.
Forwarded from QUBE JENRATION(DQ) (Ā/műhšēň)
#Netblocks

Caamsaa 08/2013 ALH ykn Caamsaa 17/2021 galgala eegale Itoophiyaa keessatti tajaajila Fesbuukii, Instaagraamii fi Waatsaappi akka dhaabate hubatameera. Garuu mosaajii 'VPN' fayyadamuun hojjechaa jiru.

Dhaabbatni bilisummaa itti fayyadama Intarneetii hordofuu 'Netblocks' Itoophiyaa keessatti Fesbuukii, Instaagiraama fi Waatsaappi akka hin hojjenne dhorkamu isaani (restricted) beeksiseera. Sababni isaas dhimma Lola Tigraay fi dheereeffamu guyyaa filannoo ilaalchisee qeeqa hawaasni idil addunyaa mootummaa Itoophiyaarra geessisaa jiruun akka walqabatuu malu ibseera.

"Confirmed: Network data show Facebook, WhatsApp and Instagram restricted in Ethiopia; incident comes amid renewed international condemnation over Tigray conflict and the postponement of elections."

Haata'u malee hanga ammaatti gama mootummaa Itoophiyaarra waan ibsame hin jiru.

@dhalota_qube
@dhalota_qube

T.me/dhalota_qube
#VPN
#VPN

Yeroo ammaa Itoophiyaa naannoo gara garaa keessatti midaayaaleen hawaasaa akka Facebook, Whatsapp, Instagram, hojjataa waan hin jirreef Appilikeeshinii VPN buufadhaatii itti fayyadamaa.

@abdataa3
Maaleziyaa 'n loltoota ishee gara Gazzaa 'tti erguuf qophii xumuruu ishee beeksiste!

Akka walii-galtee Ministeerota Maaleziyaa 'tti "waraana keenya gara baha giddu-galeessaa 'tti erguun keenya cabiinsa seera idil addunyaa osoo hin taane mirga namoomaa kabachiisuu waan ta'eef shoorri keenya jajjabeeffamuu malee qeeqamuu hin qabu" jedha Ministeerri Raayyaa ittisa biyyaa Maaleziyaa.

Ministeerri Raayyaa ittisa biyyaa Maaleziyaa Ismaa'il Saabir ibsa har'a kenne kanaan:-
"Waraana naga kabachiistota keenya kanneen leenjifamoo fi dammaqoo ta'an hojii seera kabachiisuuf gara Gazzaa erguuf qophii xumurree jirra!" jechuun ibsanii jiru.

Israa'il haleellaa Lammiilee nagaa Filisxeen irratti fudhachaa jirtu itti fuftee kan jirtu yoo ta'u, guyyoota 8 kanatti lubbuu Lammiilee Filisxeen 200 ol galaafachuu ishee hordofuun ture Maaleziyaa 'n humna nagaa kabachiisu gara Gazzaa 'tti erguuf kan murteessite.
#Palestine.

Odeeffannoo haala yeroo Muslimaa kan ta'e dhimma Qudsii akkuma nu qaqqabeen wal duraa duubaan kan isin qaqqabsiisnu ta'a, Isinis Share gochuun qoodaa Islaamummaa keessanii ba'adhaa.
#AlQuds2020
#AlQuds

©Jechoota Gaggaarii
Taphataan Pirofeeshinaala Kilabii beekamaa Maanchister Yunaayitidiif taphatu Poul Pogba guyyaa har'aa Alaabaa Filisxeen fudhatee dirree seenuun aantummaa Filisxeenotaaf qabu mul'isee jira.
#Palestine
Dhaddacha!

Mana Murtii Federaalaa dhimma Obbo Jawaar Mohaammadfaa irratti Abbaan Alangaa 'ragaaleenkoo eenyummaansaanii dhokfamee dhaddacha cufaafi golgaa duuba ta'un jechasaanii yaa kennan' kan jedherratti ragaa akka dhiyeeffatu jechuun murteesse.

Kunis Abbaan Alangaa ragaalee namootaa qopheeffatee 146n walqabatee yaaddowwan nageenyaa qaburratti Mana Murtii Olaanaa Federaalaaf ragaa akka dhiyeessu ajaje.

Manni murtichaas ragaa Abbaan Alangaa dhiyeessu akkasumas falmii abbaa alangaafi himatamtootaa/ abukaatoowwan isaanii gidduutti adeemsifamu bu'ureeffachuun murtee kenna jechuudha.

@abdataa3
Obbo Jawaar Mohammad faa ajajni mana murtii kabajamaa waan hin jirreef beellamni yeroo dheeraa waggaa lama boodatti akka qabamuuf mana murtii gaafatan. Odeeffannoo guutuu OMN irraa argattu
#Oduu_Gammachuu
#Falasxiin

Deeggartoonni Filisxeen baga Gammaddan, Israa'il harka kennatte!!!

Ministeeronni ol'aanoo Israa'il fi Jeneraalonni waraanaa Israa'il dhukaasa dhaabuu isaanii labsanii jiru! Walii-galtee waraanaa tokko malee dhukaasa dhaabuun ishee ifatti injifatamuu ishee kan agarsiisu dha!

Hoogganaan warraaqsa Yahuudota Israa'il Itimar Ben Gafr dhimma kana ilaalchisuun akkana jedha:-
" Seenaa Israa'il keessatti halkan kun halkan ulfaataa dha! Walii-galtee tokko malee labsii dhukaasa dhaabuu labsuun injifatamu dha!" jechuun qeeqa isaa ibsee jira.

Gaazexaan beekkamaan biyya Israa'il xiinxala isaa keessatti akka barreessetti;- " Bu'aan duula kanaa ifatti akka mul'isutti; Neetiniyaahoon Filisxeenotaan injifatamuu isaa dha" jedhee jira.

Dubbi himaan Mujaahidoota Hamaas Abuu Ubeydaa 'n ammoo gama isaatiin yaada qoodeen:-
" Humni weerartuu Israa'il naannawaa isheen weeraraan qabatte guutuu isaa haleeluun jilbeenfachiisnee jirra! Kaabaa hanga kibbaatti Hayifaa irraa hanga Raamun 'tti hanga Jumu'aa sa'aatii 2 tti humna weerartuu Israa'il aggaammii keenya keessa galchinee haleeluuf qophii keenya xumurree turre!!" jechuun beeksisee jira.

Guyyaa Iidaa Haleellaa Qilleensa irraa Israa'il'n gadda guddaan dhuunfatamtee kan turte Filisxeen eda galgala irraa jalqabdee gammachuun daandiitti Takbiiraa irra jiru.

#Palestine
©Qilleensi Nasrii Bubbise
Embasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu guyyaa boruu tajaajila hin kennu!

Waajira Haajaa Alaa Ameerikaatti Biiroon dhimmoota imalaa erga tiwiitaraa maxxanseen Embasiin Ameerikaa Finfinnee jiru guyyaa boruu Caamsaa 21, tajaajilaaf banaa akka hin taane beeksise.

Sababni isaa ammoo Embasiiwwan dhiyeenya Finfinnee jiran irratti mormii gaggeessuuf waamicha gama miidiyaa hawaasaan gaggeefamaa jiruudha jedheera.

Lola naannoo Tigraay keessatti gaggeefamuu eegaleen walqabatee mootummaan Ameerikaa mootummaa Itoophiyaarratti ''dhiibbaa'' gochaa jira.

Mootummaan Itoophiyaas dhimma keessoo irratti gidduu seentummaa qaama alaa akka hin simanneefi birmadummaan biyyaa akka kabajamu beeksisaa ture.

Tibba kana ''dhiibbaa'' mootummaan Ameerikaa Itoophiyaarraan gahu mormuun Embasii Ameerikaa Finfinneetti argamu fuula duratti Alaabaa Ameerikaa gubuu dabalatee, hiriirri mormii akka gaggeefamu waamichi dhiyaachaa ture.

(BBC)
@abdataa3
2025/07/05 14:39:11
Back to Top
HTML Embed Code: