GORSA!
▬▬▬▬▬▬
➥ Yeroo Hojjechuu qabdutti yoo hin hojjanne, yeroo kolfuu qabdutti boossa jechuudha. Kanaaf tattafadhu!
■ Sobdee deebitee immoo maqaa waaqatiin hin kakatini yakki tokko si ga'a.
■ Nama si sobu maalif akka si sobu hin gaafatin. Sababni isaas gaaffi kee deebisuuf soba biraa soba waan ta'eef.
■ Oduu Kuntaala 1 odeessaa oolu irra Hojii kilo 1 hojjattee yoo agarsiiste siif wayya. Kanaaf Xiqqoo haasa'i baay'ee hojjadhuu agarsiisi!
■ Gaarummaan ati har'a hojjattu Galaa kee borii siif ta'a. Kanaaf Jal'ina lafa kaa'ii waan gaggaarii qofa facaafadhu!
■ Gaafa ol baatu warra sii gadii hin dagatin! Sababani isaas gaafa gadi buutu isaanuma deebitee argatta waan ta'eef.
■ Lubbuu kee waan hin taanen hin dhiphisin! Sababni isaas akka si darbuuf kan siif barreeffame sin argatu. Akka si argatuuf immoo kan siif barreeffame sin dhabuuti.
■ Namoonni tokko tokko akka axxiffannaati. Jireenya kee keessaa gaafa ba'an galata jedhi malee of hin goolin!
■ Callisuu kee keessatti wantoonni ati hin dubbanne baay'een akkuma jiran kolfuu kee keessa dhukkubni ati dhokfattu baay'eetu jiru.
■ Waan hunduma amanuu dhaaf hin ariifatin! Sababni isaas sobni dhugaa irraa ariifatee gurra si lixaati.
■ Nama balbala onnee kee rurrukutu hundumaaf ariifattee hin banin! Sababni isaas namni tokko tokko akka ijoollee balbala rurrukutee fiiguu jaallata waan ta'eef!
■ Namni kan sitti hin hinaafne gaafa ati rakkatte qofa dha. Gaafa milkaa'inni kee baay'atu hinaaftonni kees lakkoofsan danuu dha. kanaaf si hin dinqin!
■ Nama tokko yeroo jaallattu amma argattutti utuu hin taane amma dhumaatti jaaladhu! Isa har'a akka salbaajii uffatanii boru baafatan dhiisi!
■ Gaafa qabeenya argattu Uumaa kee yaadadhu! Qabeenyi hiyyummaa irraa malee du'a irraa si hin oolchu waan ta'eef.
■ Dandeetti kee kan agarsiisuu qabdu warra si dinqisifatanitti utuu hin taane warra si tuffatanitti haa ta'u!
■ Saree yoo si ciniinte deebitee hin ciniintu. Akkuma kana namoota jal'ina si irratti yaadanis tuffadhuutii bira darbi! Isaan irra wayyaa'uu kee itti agarsiisi!
■ Nama gaarii yaaduuf gaarii hojjatu yoo taate namni ati dhabdu hin jiru. Garuu namni si dhabu immoo jira.
■ Jireenya mataa kee oofuu yoo hin dandeenye jireenya namaa irratti imalaa taata. kanaaf kan ormaa dhiisi kan kee gaggeeffadhu!
■ Maaliif sitti fakkaata Daawwitiin konkolaataa inni duuba agarsiisu xiqqaatee inni fuuldura agarsiisu kan guddaa ta'eef... Isa dudduubaa irra inni fuulduraa waan caalufi dha.
■ Atis Boriin kee har'aaf kaleessa kee caala wan ta'eef kaleessa kee xiqqoo xiqqoo yaadachaa borii kee fageessii ilaali!
■ Kufuu kee caalaa shakkuu keetu Abjuu kee borii dukkaneessa. Kanaaf abdii horadhuu tiradhu ka'i karaa kee itti fufi!
■ Dhalli namaa kan inni hin dabarre guyyaa du'a isaa qofa dha. Guyyaan kun Waaqayyo wajjin ni darbama jabaadhu!
■ Amma hin dhaabbannetti tirachaa deemaa jirta taanan iddoo yaadde inuma geessa. Kanaaf dhaabbachuu irra tirachuun ni caala.
■ Xiyya gaafa darbatan akka inni fagoo deemuf sirriitti duubatti harkisaniitu gadi dhiisu. Atis akkuma kana haalli keessa jirtu gaafa duubatti si harkisu fageessee fuulduratti si darbachuufi waan ta'eef jabaadhu kaayyoo kee irratti xiyyeeffadhu!
▷ Obbolee, jireenyi Guyyaa 3 dha. Isaanis: Kaleessa, Har'aa fi bori jedhamu. Kanaaf:-
➛ Kaleessa kee irraa baradhu!
➛ Har'a kee jiraadhu!
➛ Borii kee karoorsi!
@abdataa3

Joo Baayidan — Abdul Fattaah al - Sisiin
Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidaniifi Pirezidantiin Masrii Abdul Fattaah al - Sisii dhimma Hidha Abbayyaa Itoophiyaa irratti mari'achuun isaanii ibsame.
Waajjiraaleen mootummoota lamaanii ibsa baasaniin akka himanitti, hoggantoonni lamaan marii kana gaafa Wiixataa bilbilaan gaggeessan.
Pirezidant Baayidan marii Sisii waliin taasisan irratti gahee Masriin Israa'eliifi Paalastaayin waliigaltee waraana dhaaburra akka gahan taasisteef galateeffachuun isaanii ibsameera.
Ibsa Waayit Haawus baasen ''Pirezidantichi yaaddoo Masriin waa'ee hidha Abbayyaa qabdu akka hubatan mirkaneessaniiru,'' jedha.
Dabalataan, karaa dippilomasiin fedhiin Masrii, Sudaaniifi Itoophiyaa itti guutamu akka jiraatu akka Ameerikaan barbaaddu himaniiru jedha.
Ibsi waajjira pirezidantii Masrii baaseefi Rooyitars gabaasemmoo Pirezidantonni lamaan ''waliigaltee mirga bishaaniifi misoomaa garee hundaa kabachiisuuf carraaqqii dippilomasii akka cimsan waliigalaniiru,'' jedha.
(BBC)

Har'aa Jawaar Mohaammad'faa N-24 Dhaddachatti Dhiyaatanii Jiru
____
Abbaan Alangaa iyyannoo ragaa dhoksaa ilaalchisee dhiyeeffatuuf beellama dheeraa kan gaafate yoo tahu himatamtoonnis keessattuu Obbo Jawaar fi Obbo Baqqalaan akkuma beellama dheeraa gaafatan beellamni waggaa 2-5 haa kennamuufi jedhaniiru. Dabalataas biyya ajajni mana murtii hin kabajamnetti bilisa jedhame namni butamee gammoojjii keessatti hiraarfamaa bakka jirutti nuti mana murtii deddeebi'uu hin barbaannu jedhaniiru.
Manni Murtichaa gama isaation, bu'ura Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa ajajeen Abbaan Alangaa dhimma ragaa maggaarajaa duubaan dhiyeessurratti iyyannoo fi ragaa qabu karaa rejistiraaraa gaafa Caamsaa 30, 2013 akka dhiyeeffatu, abukaatonni ammoo Waxabajjii 2, 2013 ALH deebii isaanii akka dhiyeeffatan jechuun ajajeera. OPPDT

Pirezdaantii Ameerikaa Joo Baayidan kaleessa galgala dhimma rakkoo siyaasaa Itoophiyaa ilaalchisee ibsa Waayt Haawus irraa baasaniin, tokkummaa Itoophiyaa eeguufi biyyatti gara tasgabbiitti deebisuuf marii siyaasaa hunda hirmaachisaa ta'e gaggeessuun akka barbaachisu ibsaniiru.
#Irra_deebiin
Ameerikaan Itoophiyaa fi Eertiraa irratti qoqqobbii dabalataa akka keessuu akeekkachiifte. Barreessaa Gargaaraa Dhimma Alaa Ameerikaa kan ta'an Robart Godeek marii paanaalii Seenaataroota Ameerikaarratti akka dubbatanitti bulchiinsi Joo Baayidan Itoophiyaa fi Eertiraa irratti qoqqobbii dabalataa kaa'uuf qophaa'aa jiraachu beeksisaniiru.

Jiraattonni Godina Booranaa aanaa Mi'oo 300 ol ta'an sodaa nageenyaatiif baqatanii biyya ollaa Keeniyaa galuu BBCtti himan.
''Dargaggoo ganna 25 uummata fuulduratti ajjeesan. Maaliif akka ajjeesan hin beeknu. Garuu ammallee namootni 17 miseensa shanee ajjeefamuu qabu jedhamee himame. Walii hin beeknu waan taheef sodaannee baqanne,'' jedhan namootni dubbisne.

"Firaans Itoophiyaadhaaf meeshaa waraanaa hin gurgurree!" - Imbaasii Firaans
Firaans (France 🇫🇷) Itoophiyaaf meeshaa waraanaa akka gurgurteetti godhame tibbana miidiyaa hawaasaarra tatamsa'aa jiru dhugaarra kan fagaate ta'usaa Finfinneetti Imbaasiin Firaans karaa Twitara isaatin ibseera.
Waggoota as dhiyaatan kana keessa Firaans Itoophiyaatif meeshaa waraanaa gurgutee hin beektu jedheera Imbaasichi. Firaans seerota idil addunyaa waa'ee gurgurtaa meeshaalee waraanaa ilaalchisee bahan akka kabajjuus ibseera.

Waajjirri Ministira Mummee dhimmoota haala yeroo irratti ibsa ni laata!
Waajjira Ministira Mummee dhimmoota haala yeroo ilaalchisee har'a Caamsaa 26,2013 waaree booda sa'aa 9:30 eegalee ibsa ni laata. Ibsi laatamu kun sa'aa jedhameerra eegalee kallattiin karaa marsaalee Fesbuukii fi Yutuubii waajjirichaan akka darbu ibsameera.

WBO fi waraana Bilxiginnaa (Raayyaa Ittisa Biyyaa) jidduutti lola cimaa wal dura dhaabbannoon Godina Gujii Bahaa aanaa Gumii Eeldalloo keessatti kaleessa geggeeffameen WBO’n Bilxiginnaa irraa loltoota 5 ajjeesee 24 madeessuun injifannoo galmeessuu odeeffannoon achii na gahee jira . WBO’n hojii boonsaa hojjataa jira!
Odeeffannoo akkanaa facebook irratti maxxansuu waan hin dandeenyeef hordoftootni facebook na ofkolchaa.

Iskindir Naggaafaa waraqaa ragaa kaadhimamummaa filannoo fudhatan!
Obbo Iskindir Naggaa dabalatee hoggantoonni paartii Baaldaraas mana hidhaa jiran 4 waraqaa ragaa filannoo biyyaaleessaa 6ffaa barana gaggeeffamu irratti ittiin hirmaatan Boordii Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa irraa fudhatan.

🔥🔥 Over 300,000 views 🔥🔥
Sirba haarawaa Artist Galaanaa Gaaromsaa mata duree 'WAL AGARRA' jedhuun hojjete kaleessa gad lakkifame guyyaa tokko (sa'aatii 24 osoo hin guutiin daawwii si'a 300,000 ol (over 300k view within less than 24 hours) argachuun seenaa haaraa galmeessiseera.
Sirbichi chaanala Yutuubii ofiisaa 'Gelana Garomsa' irratti erga gad lakkifame sa'aa muraasa ta'ullee gamanummaan hawaasa bal'aa bira jaallatamummaa guddaa argateera.
Sirba kan keessatti qindeessummaan Daawwit Taaddasaa, Daayrektarummaa fi Gulaaluun Amansiisaa Ifaa, akkasumas sagalee gad qabuun (choir) Artist Yoosan Geetaahuun fi Artist Andu'aalam Gosaa hirmaataniiru.
Gaafa dhiiraa lubbuun haa dabartu
Eessa abbaashii silas du'a hin haftu
Gaafa giitii lubbuun haa dabartu
Erga Haacaaluu lubbuun na hin marartu!

Baaleetti dhibeen 'hin beekamne beeyladaafi namarraan miidhaa geessisaa jira!
Godina Baalee Baha aanaalee gammoojjii keessatti dhibee hin beekamneen gaalliifi namni miidhamaa jiraachuun sodaa guddoon uumamuu jiraattonni himan.
"Gaalli dhibeen kun irratti argame furrii funyaanirraa qaba, afaaniifi funyaaniin dhiigatu baha, hafuura kuta," jedhan jiraataan aanaa Sawweenaa tokko.
Aanaalee akka Sawweenaa, Raayituufi Beeltoos gara gammoojjii keessatti lubbuun gaala hedduun dhibee kanaan dhumeera. Caamsaa 22 eegalee aanaa Raayituu qofa keessatti gaala 150 ol ajjeesseera.
Dhibeen fayyaa beeyladaafi namootarra miidhaa geessisaa jiru kun yaaddessaa ta'uu kan himu jiraataan kun, “nama osoo gaala elmachaa jiru gaalli kufee du’etu jira," jechuun hangam rifaasisaa akka ta'e ibsa.
Ogeeyyin fayyaa dhibeen kun Covid-19 ta’uu mala jedhan. Haata'u malee, hanga qorannoon adda ba'utti mirkaneessuu hin dandeennu jedhan.
👉 @abdataa3

Itoophiyaa ✈️ UK
Inglaand (UK), Waxabajjii 01, 2013 (June 08, 2021) eegalee balalii kallattii Itoophiyaa irraa gara Inglaand akka jalqabu beeksifteetti. Balaliin kun sababa tarkaanfiiwwan ittisa COVID-19n erga Itoophiyaan tarree diimaa (red list) keessatti qabamte booda baatii lamaaf addaan cite ture.
Maddi: Addis Fortune

#Video 🎥
Pirezidaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon imala gara Kibba Bahaa biyyatti godhaa turaniin ummata harka fuudhuuf wayita yaalan nama tokkoon kaballaan dhahamu isaani oduu ijoo miidiyaalee hawaasaa guyyaa har'aa ta'eera.
French President Emmanuel Macron has been slapped by a man during a trip to southeast France.

'Loltootni Somaaliyaa waraana Tigraay keessatti qooda fudhataniiru' - UN
Loltoota Eertiraatti dabalataan loltootni biyya Somaaliyaa waraana naannoo Tigraay keessatti qooda fudhachuu gabaasni UN akeeke.
Sirna Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii diriirse keessatti qaamoleen 'special Rapporteurs' jedhaman qabiinsa mirga namoomaa biyyootaa of danda'uun qoratu.
Qaamolee akkasii keessaa tokko kan ta'e Mohaammad Abdulsalaam Baabikar haala mirga namoomaa Eertiraa ilaalchisee qorannoo gaggeessee gabaasa dhiyeesseen ''Loltootni Somaaliyaas naannoo Tigraay keessa jiruu'' jedheera.
Gabaasa kana keessatti ''loltootni Somaaliyaa kaampii leenjii Eertiraa jiru irraa gara dirree lolaa naannoo Tigraayitti geeffamuu odeeffannoofi gaabasa argadheera'' jedhe.
''Daangaa Itoophiyaa yeroo ce'anitti loltoota Eertiraan dabalamanii turan.''

Hawaasni Oromoo Ameerikaa magaala Waashingitan DC'tti hiriira mootummaa Itoophiyaa mormuufi tarkaanfii hawaasa idil-addunyaa deeggaru gaggeessan. Hiriirawwan walfakkaatan Awurooppaa UK magaalaa Landaniifi Neezerlaand waajira Mana Murtii Addunyaa (ICC) fuulduratti bahamaniiru.
''Hidhamtootni siyaasaa akka Jawaar Mohaammad fa'aa akka hiikaman, ajjechaan seeraan alaa Oromiyaa keessatti gaggeefamu akka dhaabatu, Filannoon biyyaalessaa Oromiyaa keessatti bakka dhaabbileen filannoof dorgaman hin jirretti gaggeefamu sirrii miti jedhuu dhageessisiifamaniiru.'' - Aadde Seenaa Jimjimoo

Breaking News: Sa'uudiin lammiileen biyya biroo hajjii bara kanaa irratti kan hin hirmaanne tahuu labsite
Ministeerri Hajjii fi Umraa ibsa baaseen, Sirna hajjii bara 1442 lammiilee Sa'uudii fi namoota biyyattii keessa jiraatan qofaaf kan hayyamame tahuu beeksise.
Lakkoofsi namoota Sirna hajjii bara kanaa irratti hirmaatanis Kuma 60 qofa akka ta'uufi akkasumas namoonni hajjii godhuuf jiran hundinuu warra talaallii Covid-19 fudhatan qofa akka tahan ibsame.
Weerara Covid 19 walqabatee bara dabres namoonni muraasni Sa'uudii keessa jiraatan qofti hajjii godhuun ni yaadatama.

As wr wb
Salphinii waa 5 jedhan
1=Biyya Ambaatii dhukkubsatu
2= galgalan waa dhabbuu
3= Ijii erga argitee jaamuu
4= erga bekkanii walaaluu
5 =Dargaggessa abdatan Dhabbu
Salphinii waa 5 jedhan
1=Biyya Ambaatii dhukkubsatu
2= galgalan waa dhabbuu
3= Ijii erga argitee jaamuu
4= erga bekkanii walaaluu
5 =Dargaggessa abdatan Dhabbu
Naftaalii Beenet ministira muummee Israa’el ta’uun sirna kakuu raawwatan!
Ministira Muummee Israa'el Beeniyaamiin Neetanyaahu kaleessa aangoorra kaafamuu isaani hordofee Naftaalii Beenet ministira muummee Israa’el 13ffaa ta’uun sirna kakuu raawwataniiru.
Yaa’ir Laappid immoo itti aanaa ministira muummee Israa’elifi ministira dhimma alaa ta’uun muudamaniiru.
Naftaalii Beenet mootummaan isaanii faayida ummata hundaaf akka hojjatu himanii barnoonnifi fayyaan dhimmoota ijoo dursa argatan ta’uu himaniiru.
Ministirri muummee biyyattii duranii Beeniyamiin Neetaniyaahu hoogganaa paartii Liikuuyid tahuun itti fufu.
Hoogganaan paartii Yaaminaa Naftaalii Beenet hanga Fulbanaa 2023ttii ministira muummee Israa’el ta’uus jedhameera.