Ustaaz Ahimaddiin Jabal filannoo keessaa bahuu beeksisan!

Filannoo Biyyooleessaa marsaa 6ffaa guyyoota 7 booda (Waxabajjii 14, 2013 ALI) gaggeeffamu irratti magaalaa Jimmaatti dhuunfaadhaan mana maree bakka bu'oota uummataaf (Parlaamaaf) dorgomuuf galmaa'anii kan turan Ustaaz Ahimaddiin Jabal 'sababa dhuunfaan' kaadhimamaa dhuunfaa ta'anii filannicharra hirmaachu akka hin dandeenye beeksisan.

@abdataa3
Walgahiin biyyoota dureeyyii torbanii, G7 jedhame waamamu dhimma Itiyoophiyaa keessattuu dhimma naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa baasee jira.

"Haala beela namoottan kumaatamaan lakkaawwan keessaa seenan dabalatee Tigraay keessaatti jeequmsa adeemaa jiruun halli gaddisiisaan namoomaa hedduu nu yaaddeseera."

"Hookkora saalaa dabalatee badiinsa raawatamaa jiru hin balaaleffanna. Wareen yakka raawwatan qorachuudhaan itti gaafatamummaatti dhiheesuudhaaf komishiiniin olaanaan mirga namooma adduunyaa yaalii inni gochaa jiru nu deggarra," kan jedhe ibsi kun, diinummaan atattamaan akka dhaabatu, gargaarsaaf karaan akka banamu, waraanni mootummaa Eertiraa akka Tigiraay keessaa bahu gaafateera.

@abdataa3
Forwarded from QUBE JENRATION(DQ) (Ā/műhšēň)
Hayyuu Duree Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Daawud Ibsaa ji'a 1 fi walakkaaf mana jireenya isaani keessatti hidhaa dhaabbirra jiraachu isaanii dhaabbata falmaa mirga namoomaa kan ta'e Amnastii Intarnaashinaal ibsa har'a baaseen beeksiseera.

Poolisiin hanga yoonaa Obbo Daawud irratti himannaa tokkollee akka hin banne kan ibse Amnastiin, atattamaan hidhaa dhaabbirraa akka gadi lakkifaman hubachiiseera.

Gabaasa guutuu dubbisaa 👇
https://www.gadaapost.com/oduu/obbo-daawud-ibsaa-a-2021-06-15-171511568766
Obbo Jawar Mohammadfaa mana murtii osoo hin dhiyaatiin hafan!

Obbo Jawar Mohammadfaa akkaataa beellama har'aa qabameefiin dhaddacha mana murtii federaalaa osoo hin dhiyaatiin hafaniiru.

Himatamtoonni kun dhaddacharratti kan hin dhiyaanne sababa nageenya ofiisaanifi hawaasa bal'aaf jecha akka ta'e ibsameera.

Kunis filannoo biyaaleessaa Wixata dhufu gaggeeffamuun walqabate yaaddoo nageenyaa jiraachusaarra kan ka'e akka ta'ees eerameera.

Abbaan Alangaa, "ragaa baatonni koo yaaddoo nageenyaa qabu" jechuun iyyannoo dhiyeeffate irratti Abukaatonni himatamtoota har'a deebii waan hin laanneef, Waxabajjii 21 bara 2013 akka dhiyeeffatan ajajameera.

@abdataa3
Forwarded from Fursaan Media (Fares Muhamed)
Dubbiin Paul Pogba fi Christiano Ronaldo Miidiyaalee Addunyaa girgirsuu jira

Taphatan kubbaa miilaa beekkamaan muslimaa lammii Faransaayi ta’e Paul Pogba dorgommii kubbaa miilaa Awurooppaa kan bara 2020 irratti tapha biyyi isaa guyyaa lama dura Jarman waliin goote ilaalchisee yeroo ibsa miidiyaaleef keennetti, beeksisa qaruraa Farshoo Heineken kan minjaala gubbaa fuula dura kaawame ofduraa kaasee miila ofii jala ka’e. Sababni immoo amantaa Islaamaa keessatti Farshoo dhuguu fi gurguruun (beeksisuun) haraama waan ta’eef kana godhe.

https://www.google.com/amp/s/www.mirror.co.uk/sport/football/news/paul-pogba-follows-cristiano-ronaldo-24329031.amp

Guyyoota sadi dura taphataan beekkamaan lammii Poorchugaal Kiriistiyaanoo Roonaldootis haaluma walfakkaatuun, qaruraa Coca Cola kan omisha Isra’eel ofduraa kaasee ture, sababni inni ofduraa kaaseef immoo deggarsa Falisxiin qabu ibsachuuf.
Sababa Kiriistiyaanoon qaruraa san ofduraa kaaseef dhaabbanni Coca Cola Yuuroo miliyoona lama ol guyyaa tokko keessatti kaasaaru himama.

https://www.mirror.co.uk/sport/football/news/cristiano-ronaldo-portugal-coca-cola-24329888

Heineken hoo hagam kaasare lata/🤔
Shuumii Itaamaajora Raayyaa Ittisa Biyyaa kan turan Janaraal Sa'aare Mokonniin fi Mejar Janaraal Gazaa'i Abarraa ajjeesuun mana murtiitti 'balleessaa' kan jedhame Kumalaa Masaafint Xigaabuu du'aan akka adabamu Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa gaafate.

@abdataa3
#Gaarummaa

➫ Nama tokko gargaaruuf dirqama ati nama jabaa/humna qabeessa ykn #sooressa namaa ta’uun sirraa hin eeggamu!, nama gargaaruuf gaarummaan kee qofti gahaadha.
لكي تساعد أحد ليس بالضرورة أن
تكون قويًا أو غنيًا يكفي أنك طيب.
Join👇
@abdataa3
Filannoo bara 2013 fi hirmaannaa namoota siyaasaa muraasa!

• Ministira Muummee Abiy Ahimad Godina Jimmaa Aanaa Gommaa buufata filannoo Bashaashaa Sokoteetti argamuun sagalee laataniiru.

• Pirezdaantii Itoophiyaa Saahilawarq Zawudee magaalaa Finfinnee, kutaa magaalaa Qirqoos, Aanaa 7tti filataniiru.

• Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Magaalaa Giincii, buufata filannoo Giincii 01'tti argamuun sagaleesaanii kennaniiru.

• Kantiibaan Itti-aantuu magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee fi dursaan paartii IZEMA Birhaanuu Naggaa (PhD) Finfinnee, Kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftootti filataniiru.

• Ministirri Ministeera Albuudaa fi Boba’aa Injiinar Taakkalee Uumaan filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaaf sagalee laataniiru.

@abdataa3
Oduu #Filannoo

Lammii Ameerika filannoo taajjabuuf kan dhufe hoteela Raadisan keessatti du'ee argameera.

Namichi gurraacha_lammii Ameerikaa ta'e kun karaa 'carter center' filannoo taajjabuuf kan dhufe yoo ta'u sababa du'a isaatiis qoratamaa jira.

Namni kun ajjeefame jedhamaa jirus garuu wanti mirkanaa'e tokko illee akka hin jirreefi dhimma kanaan kan walqabatu Koomishiiniin poolisii magaalaa finfinnee guyyaa harraa ibsa akka kennu himee jira.

@abdataa3
እስካሁን የ2013 አዲስ ገቢ ተማሪዎች መግቢያ ቀን ያሳወቁ ዩኒቨርሲቲዎች

1.#AddisAbaba university

📌ሰኔ 19 ና 20

2.#Wolaita Soddo university

📌ሰኔ 26 - 30

3 #Woldia University

📌ሰኔ 29 እና 30

4. #jigjiga university

📌ሰኔ 28 -30

5. #Gonder university

📌ሰኔ 23 ና 24

6. #Wollagga university

📌ሰኔ 28 ና 29

7 #Injibara University

📌ሰኔ 28-30

8. #Wachamo university

📌ሰኔ 29 ና 30

9. #Assosa university

📌ሰኔ 26-30

10. #Wollo university

📌ሰኔ 29 ና 30

11. #Hawassa Univeristy

📌ሰኔ 21 ና 22


12. #DebreTabor Univeristy

📌ሰኔ 28 ና 29

13. #Debark Univeristy

📌ሰኔ 26-30

14. #AASTU

📌ሰኔ 24 ና 25


15. #DebreBirhan Univeristy

📌ሰኔ 25-30

16 #Jimma University

📌ሰኔ 24 እና 25

17. #Selale Univeristy

📌ሰኔ 24 ና 25

18. #Wolkite Univeristy

📌ሰኔ 28 ና 29

19. #MekdelaAmba Univeristy

📌ሰኔ 27 - 29

20 #Mekelle Univeristy

📌ሰኔ 21 - 26

21 #Dirre Dawa Univeristy

📌ሰኔ 27 - 30

22 #Dilla Univeristy

📌ሰኔ 22 ና 23

23 #ASTU

📌ሰኔ 24


26. #Samara university

📌ሰኔ 26 ና 27

@abdataa3
Baga rabbiin cinqaa san fure

Lammiilee Itoophiyaa Saa’udi Arabiyaa jiran gara biyyaa deebisuu har’a balallii 6 eegalamuu Riyaaditti Imbaasiin Itoophiyaa beeksiseera.

Mootummaan Itoophiyaa fi Saa’udi Arabiyaa waloon ta’uun lammiilee Itoophiyaa iddoo tursaa garaagaraa keessatti argaman kuma 40 torbee lama keessatti gara biyyaa deebisuuf har’a hojiin eegalameera jedhame.

Daa’imman, dubartoota fi dhukkubsattota dursa argachuun gara biyyaa kan deebi’an ta’uu eerameera.

Haaluma kanaan har'a ganama lammiileen Itoophiyaa 380 gara biyyatti deebi’aniiru. Amma kan galan dabalatee godaantoonni 2000 ta’an guyyaa har’aa Sa'uudi Arabiyaarra gara biyya isaanitti ni deebi’u jedhame eegama.

@abdataa3
#Xalayaa

Obbo Jawar Mohaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Dajanee Xaafaa fi Obbo Hamzaa Adaana xalayaa Mana Murtii Federaalaa dhaddacha Heeraa fi Farra Shororkeessummaa 1ffaatti barreessaniin fedhii isaanin ammaan booda mana murtii dhiyaachu akka hin barbaanne ibsan.

Xalayaa kanaan, "Mootummaan karoora durumaanuu morkattoota ciccimoo filannoo keessaa baasee filannoo fuulduratti isa eeggatu kophaa moo'uuf qabaachaa turerraa kan ka'e, ajjeecha Artisti Haacaaluu akka sababaatti godhatee ega mana hidhaa keessatti ugguree nu kaa'ee kunoo waggaa tokko tahee jira," jedhan.

"Yeroo kana keessatti kabajaa sirna haqaa biyyattiif qabnurraa kaanee, himannaa nurratti dhiyaate karaa seeraatiin falmannee qulqullummaa keenya mirkaneessuuf jecha dhaddacha hundarratti argamaa, lammiilee seera kabajnu tahuu keenya agarsiisuuf yaallee jirra," jedhan.

Haata'u malee, ajajni manneen murtii karaa seeraan ala ta'een cabuun itti fufuurraa ka'uudhaan har'a irraa eegalee dhaddacha irratti argamu akka lagatan ibsaniiru.

@abdataa3
#AMMEE

Mootummaan Federaalaa gaaffii waliigaltee dhukaasa dhaabuu bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay dhiyeesse akka fudhachuun har'a Waxabajjii 21, 2013 irraa eegalee naannichatti waraana dhaabuu akka labse beeksiseera.

@abdataa3
#Maaliifi_laata⁉️

Aarsan nuti kaffallu guddaa injifannoon nuti galmeessinu xiqqaa

Qabsoo sabni keenna gaggeesssaa tureefii aammas gaggeessaa jiru aarsaa guddaa hangana hin jedhamne itti kafaalaa jirra.

Aarsaan hangana gahu kuni yeroo hedduu injifannoo xiqqoo wahii galmeessaa inumayyuu qabsoon ganamee of duuba deebi'uun takka jedhee eegalama.

Mee ollaa keenna irraa fkn haa laalluu.

#Suudaan
Sirna Mootummaa Umar Al bashiir kan waggaa 30 ol isaan irra ture ofirraa kuffisuuf qabsoo gaggeessaniin ji'oota muraasa keessatti lubbuu 300 hin caalle itti gabbaruun injifannoo goonfatan.

#Tigray
Erga qabsoo qeerrootiin aangoo irraa ari'amtee maqaleetti galtee booda lola Abiyyiin hoogganamuun wal waraansatti erga seenanii booda miidhaan hagana hin jedhamneefii badiinsi lubbuu dhiittaan mirga namoomaa hedduun ummata tigraay irratti gaggeeffamus tokkommaan tahanii waraana biyya lamaa ka isaan waraanu dura dhaabatanii hinjifachuun guyyaa kaleessaa magaalaa guddoo teessoo mootummaa tigraay ta taate maqalee galan.

Aarsaan nuti kafallu maaliif kana hunda tahe ? maaliif galma qabsoo teennaa gahuu dadhabne ? Haga yoomii hayyuu keennaafii qabsaawota keenna lubbuun dhabaa jiraanna ?

Nuti hoo maal taaneeti laata kan bilisummaan akka kooraa gaalaatti nurraa fagaatte ⁉️


@abdataa3
#Oduu_Gaddaa
Abukaatoofi Gorsaan Seeraa Obo Abdujabbaar Huseen lubbuun
darbuun dhaga'ame.
Gorsaa seeraafi Abukaatoon hidhamtoota siyaasaa Oromoo Obbo Abdujjabbaar Huseen galagala har'aa jechuunis Hagayya 11, 2021 magaalaa Adaamaa keessatti lubbuun isaani darbe.
Obbo Abdujabbaar du'uun isaa utuu hin dhaga'amin sa'atii 3 duratti marsaa Hawaasummaa Facebook dhuunfaa isaaniitiin, dhimma walii galtee Waraana Bilisummaa Oromoo fi TPLF ilaalchisee yaadasaanii qoodanii turan. Guyyaa har'aa fayyaa guutuutiin socho'aa kan turaniifi nagaatiin akka oolan namoonni itti dhiheenyaan beekan marsaa Hawaasummaa irratti maxxansaa jiru.
Obbo Abdujabbaar Huseen abukaatoo hidhamtoota siyaasaa Oromoo ta'uun dhaddacha Federaalaa fi naannoorratti falmuun hidhamtoota siyaasaa hedduuf abuksttummaa dhaabbachuun beekamu. Jawaar Mohammadfaa dabalatee qondaalota ABOfis gurmuu Abukaattotaa waliin ogummaa isaaniin saba ofii nama tajaajila turanidha. Sababa lubbuun darbuu isaanis hin beekamne.

@abdataa3
Ameerikaatti balaa obomboleetti muudateen lubbuun namoota 45 darbe!

Ameerikaa bulchiisoota Kaabaa fi Lixaa afur keessatti balaa obomboleettii muudateen lubbuun namoota 45 darbeera.

Preezdaantiin biyyatti Joo Baayidan dhimmicha hordoofee ibsa laataniin, jijjiirama qilleensaa Ameerikaa hordofee rakkoowwan adda addaa muudata jiraachuu ibsanirru.

Maddi: BBC
@abdataa3
@abdataa3
Barattoonni yuunivarsitii walloo mooraa akka gadidhiisanii ba'an murteeffame


Guyyaa harraa kaasee barattoonni waggaa jalqabaa akkasumas barattoonni gannaa mooraa gadhiisanii akka ba'an seeneetiin yuunivarsitii Walloo murteesse.

Kombolchaattis ta'e Daseetti waanti mudate hin jiru, haa ta'u malee dhiheenya adda waraanaaf jecha akkasumas haala yeroo ammaa jiruun miira barattootaa irraatti dhiibbaa xiinsammuu ga'u ilaalcha keessa galchuun murtee kana akka murteesses seeneetichi ibseera.

1. Barattoonni harra qormaata qabdan akka qormaataa baataniin ariitiin Clearance fudhadhaa
2. Qorumsaafi koorsii warri hin xumurin mooratti yeroo deebitan xumurtu

@abdataa3
#Haajaa

وإذا أراد الله إتمام حاجةٍ
أتتك على سفرٍ وأنتَ مقيم.
Rabbiin yaadaa muraada kee guutuu yoo barbaade,...haajaan tantee osoo ati biyya teessu biyyoo meeqa imaltee sitti dhufti!.
#Rabbiin_haajaa_tee_siif_haa_baasu.
Join👇
@abdataa3
#Irreecha2021

Abbootiin Gadaa fi Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa akkaataa sirni Ayyaana Irreechaa bara 2014 itti kabajamu irratti Adaamaatti mari'ataa jiru.

Marii kanarratti Abbootiin Gadaa wiirtuuwwan Gadaa mara irraa bakka bu'anii fi hoggantoonni Biiroolee Oromiyaa irraa dhufan argamaniiru.

Mariin kun guyyaa tokkoof kan turu ta'u OBS gabaaseera.

@abdataa3
2024/05/29 15:49:37
Back to Top
HTML Embed Code: