Telegram Web Link
#Yaadannoo_Haacaaluu_Jechoota isaa keessaa:

"Lubbuu akka tasaa baatu
Qaama biyyoon nyaatu
Seenaan sirraa hin baatu
Maaltu lammiif koodeesaa ganaa!"


#Hachaluweek
#torbanHaacaaluu

'SEENAA RIRMI HIN NYAATU!'
1
#Kutaa_12ffaa
#Qormaatni_kennamuu_jalqabee_jira

Qormaatni seensa dhaabbiilee barnoota ol'aanoo bara kanaa ganama arraa waxabajjii 23 barattoota saayinsii uumamaatiin gosa barnootaa afaan English 'in kennamuu eegalamee jira.

Qormaatichi online fi waraqaaniis kan kennamuu eegale yommuu tahu guyyaa arraa waxabajjii 23 irraa eegalee hanga Adoolessa 08/2017 tti kan xumuramu taha.
"Barattoonni qabxii isaanii https://aa6.ministry.et/#/result Ykn karaa @emacs_ministry_result_qmt_bot dhaan ilaaluu ni danda'u":-Ministeera Barnoota

Magaala Finfinneetti barattoota qormaata kutaa 6ffaa qoraman keessa %95 kan ta'an qabxii darbiinsaa %50 fi isaa ol fiduun gara kutaa itti aanuutti darbuu biiroon barnoota beeksiseera.

Bara 2017tti barattoota qormaaticha fudhatan 79,034 keessaa barattoonni 75,085 jechuun %95 kutaa itti aanuutti darbaniiru jechuun Biiroon Barnootaa magaalichaa ibseera.

Bara kana barattoota qabxii olaanaa galmeessan keessaa sadarkaa 1 hanga 4 kan jiran barattoota mana barumsa mootummaatti barataniidha.

Garaagarummaan qabxii mana barumsa dhuunfaa fi mootummaa gidduu jiru walitti dhiyaacha dhufu ibsameera.

Barattoonni qabxii isaanii karaa:-

LINK  ፦ https://aa6.ministry.et/#/result

Telegram Bot : @emacs_ministry_result_qmt_bot
1
Siidaan yaadannoo Artistii Hacaaluu Hundeessaa #Ambootti ijaarame eebbifame
#justice4keneni!

Dhugaan Hacaaluu bahuu qabdi osoo jennu Dhugaan Qananii haa dhokattu Oromoon jedhu jira natti hin fakkaatu.

Artist Andualem rakkoo Qananii irra gahe kallattiin isatu raawwate jechuuf ragaa gahaa yoo qabaachuu baannellee #qananii Gaaddisa isaa jala jirtuuf eegumsa gahaa gochuu dhabuuf ni komanna. Suuraaleen bahaa jiran ragaadha.

Dhimmi kun furmaata akka argatu dhiibbaa gochuun barbaachisaadha.
1) Beekkamtii Badhaasa Hacaaluu Haquu
2) Suuraalee bahaa jiran Qaamotni seeraa maaliif qorateera tarkaanfii fudhachuu dhiise? Adda baasuu
3) Bilbilootni/Marsaalee Hawaasaa Qananii dabalatee Hiriyyaan keenya Shakkame, Andual irratti qorannoon godhame maaltu akka argamee fi ragaan jiru maalture? Hawaasni baldhaan akka beeku ifatti bahuu qaba....

Haqni Haqa! Haqa Qananii baasuu keessatti hundi keenya iftoominaan dhugaa jiru haa baafnu!

#justice4keneni #revoketheaward
2
Ati dhiira mitii?
Ishoo, baga dhiira taate
Garuu, ji’a sagal booda
Garaa eenyuutii baate?
Micireen namooma kee
Hidda eenyuu turee?
Miixuun dhalachuu kee
Dhaqna eenyuu muree?
Dhuka eenyuu madeesse
Dugda eenyuu waraane?
Eenyu siif gadoode
Eenyu siif caraane?
Eyyee gaafa sana
Gaafa dhalachuun kee ga’e
Addunyaa akka argituuf
Eenyu siif tarsa’e?….

(Waan fedheefuu)

Jechoota miidhagoon
Kuultee garaa raftee
Jaalalaan kakachaa
Mana warraa baaftee…
Maaliif jaalallee kee
Imimmaaniin qorta?
Maaliif gidirsita
Maaliif jiruu dhorta?
Dubartiin miidhamtee
Gaafa boossu golaa
Baay’eema gammaddaa?
Dhugaa sitti tolaa?

Safuu!
Leta Kenei Aga

#justice_for_keneni_adugna
Faawundeeshiniin Hacaaluu Hundeessaa badhaasa artist Anduwaalam Gosaaf kenne haquu beeksise.
Faawundeesshinichi sababa badhaasa kana haqeef ibseera.
👍1
Itoophiyaa dabalatee biyyoonni 190 ol Filisxeem biyya walabaa ta'uushee beekamtii kennaniiru.

Biyyoota addunyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN)dhaan beekamtii qaban 193 keessaa Itoophiyaa dabalatee biyyoonni 143 Filisxeem biyya walabaa ta'uusheef ifatti beekamtii kennaniiru.

Biyyoonni Afrikaa, Baha Giddu Galeessaafi Eshiyaa hedduunsaanii Filisxeemiif beekamtii kennaniiru.

US dabalatee biyyoonni akka UK, Faransaayi, Kanaadaa, Jarman, Awustiraaliyaa, Jaappaan, Kooriyaa Kibbaafi biyyoonni Awurooppaa hedduunsaanii garuu Filisxeem biyya walabaa ta'uusheef beekamtii hin kennine.

Haata'u garuu, Caamsaa 23, 2024, biyyoonni Awurooppa sadi: Ispeen, Ayirlaandiifi Noorweey waliin ta'uun ibsa kennaniin Filisxeemiif ifatti beekamtii kennaniiru.

Biyyoonni Awurooppaa sadan waliin ta'uun biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuu hordofee Israa'el ambasaaddarootashee Ispeen, Ayirlaandifi Noorweey irraa gara biyyaatti waamuun ishee kan yaadatamuudha.
Ertaalleetti dhohiinsi muudateera!

Dhohiinsa Ertaalleetti mudateen aarri lafa keessaa ol hurkuun himame.

Dhohiinsa Voolkaanoo Naannoo Affaar gaarreen Ertaalleetti siqanii argamanirratti kaleessa mudateen aarri guddaam mul’ataa jiraachuun himameera.

Aarri kunis bakka hawwata turiizimii Ertaalleetti dhiyaatee gaarreenirraa finiinaa jiraatus miidhaa hin qaqqabsiifne jedhameera.

Aarri mul’ataa jiru iddoo daawwatamuun walqabachuusaarraan kan ka’e adda baasuuf qorattoota garasitti erguus, Biiroon Turiizimii Naannoo Affaar ibseera.
Bu'aan Qormaata kutaa 8ffaa ifoomeera!

Naannoo Oromiyaatti bu'aan qormaata kutaa 8ffaa guyya har'aa ifoomee jira. Barattoonni Qabxii isaanii kara liinkii oromia.ministry.et ilaallachuu ni danda’u jedhameera.

Naannoo Oromiyaatti barattoota qormaata kutaa 8ffaa fudhatan kuma 400 fi kuma 88 fi 458 keessaa dhibbeentaa 78.7 qabxii 50 ol galmeessuun gara kutaa itti aanutti darbuu isaanii ibsameera.

Barattoonni Qabxii isaanii kara liinkii oromia.ministry.et
ilaallachuu akka danda’an  ibsameera.
Waraanni Israa'el haleellaa Gaazaatti raawwachaa jirutti dabalataan dhootuu, buldoozeraataafi iskaavaateroota gargaaramuun gajjigsuun lafa walqixxeessaa jira.Diigumsa karoorfame kanaan gamoowwan guutummaan guutuutti diiganii qulqulleessuuf Ameerikaarraa buldoozeroota D9 jedhaman argateera.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/cWO5AIj
1
Ameerikaan UNESCO keessaa baate

Ameerikaan Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Biyyoota Gamtoomanii (UNESCO) keessaa bahuu beeksifte.

Mootummaan Ameerikaa kana booda UNESCO deeggaruu waan hin barbaanneef dhaabbaticha keessaa bahuu beeksiseera.

Daarektarri ol’aanaa UNESCO Odirii Azuulaay, “Murteen Ameerikaa kan eegamedha” jedhaniiru.

Pirezidaant Doonaald Tiraamp irra deebiidhaan Ameerikaan UNESCO keessaa akka baatu murteessuun isaanii kan isaan gaddisiise ta’uus Azuulaay dubbataniiru.

Pirezidaant Doonaald Tiraamp bara hojii isaanii isa jalqabaa keessa Ameerikaadhaan Dhabbata Fayyaa Addunyaa keessaa baasuu fi miseensummaa UNESCOs akka dhiiftu gochuun isaanii ni yaadatama.

Joo Baayiden ammoo bara 2021 aangoo wayita qabatan murteewwan sun haquudhaan Ameerikaa gara UNESCO fi Dhabbata Fayyaa Addunyaa/WHOtti deebisanii turan.

Ameerikaan baajata waliigalaa UNESCOdhaaf ramadamu keessaa gara dhibbeentaa 8tii kan gumaachitu ta’uu, ‘France 24’ gabaaseera.
👍1👎1
Iraan Niiwukilara gabbisuu hin dhaabu jette

Iraan sagantaa gabbisa Niiwukilaraa ishee akka itti fuftu beeksifte.

Minsitiirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii miidiyaa Ameerikaa, ‘Fox News’ waliin turtii taasisuu waabeffachuun Rooyitars akka gabaasetti, biyyattiin gabbisa Niiwukilaraa itti fufti.

Haleellaa Israa'elii fi Ameerikaa ji'a Waxabajjii keessa Iraan irratti raawwataniin buufataaleen gabbisa Niiwukilaraa Iraan heddu miidhamuu kan himan qondaalli ol’aanan Iraan kun, Haa ta'u garuu haleellaa buufataalee Niiwukilaraa gurguddoo Iranian: Nataanz, Foordoo fi Isfahaan irratti raawwatameen ammatti gabbisni Yuraaniyeemii dhaabbatus gara fuulduraa garuu akka gabbistu dubbatan.

Waxabajjii 13 haleellaa Israa'el Iraan irratti raawwachuun dura, Iraan dhimma gabbisa Niiwukilaraa ishee irratti Ameerikaa waliin marsaa shaniif mari’achaa turte.

Marsaa jahaffaa ammoo Omaanitti walgahanii mari’achuuf yeroo jedhanitti, guyyaa lama dursitee Israa'el haleellaa Iraan irratti raawwaattawwachuun ishee ni yaadatama.
Pir. Isaayyaas Itoophiyaan 'dubbii barbaadurra rakkoo keessooshee haa furtu' jedhan.

Itoophiyaan 'dubbii barbaaduurra rakkoo keessoo ishee furuurratti haa xiyyeeffattu' jechuun Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afarwarqii dubbatan.

Gaaffiifi deebii guyyaa Roobii miidiyaa biyyaalessaa Ertiraarratti darbeerratti kan dubbatan yoo ta'u
Gaaffii fi deebiin isaanii kuni kan torban darbeerraa aaneefi dhimma biyya keessaarratti xiyyeeffata jedhameera.

Turtii isaaniin waa'ee biyya ollaa Sudaan akkasumas michuu Itoophiyaa kan taate Yunaayitid Arab Emireet himachuun dubbatani.

Bulchaan Ertiraa waggoota dheeraaf bulchaa jiran kun torban darbe nuti nagaa barbaanna, waraana ololaa kan nutti bane aangawoota Itoophiyaati jechuun himatanii turan.
Itiyoo Telekoom bara bajatni 2017 xumuramuu isaa sababa gochuun interneetii bilisaa Geegga baayitii 1 (1GB) Maamiltootaf ifa taasiseera.

Taajajilli bilisaas har'a halkan walakkaa sa'aatii 7 irraa eegalanii fayyadamuu kan danda'an yoo ta'u, kennaan kunis kan sagalee, Ergaa fi tajaajila interneetii of keessatti hammata.

Haaluma kanaan har'a Adoolessa 17 halkan sa'aatii 7 irraa hanga Adoolessa 20 sa'aatii 12tti fayyadamu kan danda'anii fi guyyaadhaan sagalee daqiiqa 5, interneetii 341Mb fi SMS 8 bilisaan fayyadamuun ni danda'ama jedhameera.

Fayyadamtoota Interneetii hin daangeeffamne qabaniif Tajaajilli kennaa bilisaa daqiiqa 10 sagalee idil-Addunyaa kan of keessatti hammatu ta'a.

Fayyadamtoota Teelee birri Supper Aappiif dabalataan tajaajilaa interneetii 1GB dhiyeessus ibseera.
1
US biyya kaaba Afrikaa taate Masiriif meeshaalee waraanaa ammayyaa ta'an bittaadhaanis ta'e deeggarsaan kennuufiif kutannoo akka qabdu ammas mirkaneessiteetti.

Meeshaalee waraanaa jajjaboo kanneen akka misaa'eloota lafarraa gara samiitti dhukaafamanii fi loojistikiiwwan waraanaa dabalatee walumaagalatti doolaara biiliyoona 4.67tti tilmaamu kennuuf mirkaneessite.

Garuu maaliif gargaarsa kana kennitiif? 👇👇  https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/c62w5wdwly2o?at_campaign=ws_whatsapp
2025/10/27 16:12:53
Back to Top
HTML Embed Code: