Telegram Web Link
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp xalayaa pirezidantii Ertiraa Isaayyaas Afawarqiif barreessuu Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaanee Gabremasaqal hime.

Akka odeeffannoo Yamaanee Gabremasqal fuula X irratti baasetti, ergaa Tiraamp gaafa Adoolessa 30,2025 Pirezidantiif erge kun "Waashingiten Asmaraa waliin hariiroo wal kabajuufi wal ijaaruu deebistee jalqabuu barbaaddi".

"[Hariiroon] dhugaafi wal kabajuurratti hundaa'e carraa nagaa Gaanfa Afrikaa fi Galaana Diimaa keessa jiraachuu fooyyeessa," jedhan aanga'aan Ertiraa kun.Akka Yamaaneen jedhutti taanaan, Tiraamp miidhaafi rakkoo bulchiinsi Baayidan addunyaarratti uume deebisee foyyeessuuf" jira.
Bulchiinsi Joo Baayidan yeroo Waayit Haawus turetti, waraana Tigraay keessa tureen wal qabsiisee ejensiiwwan nageenyaafi biizinasiiwwan Ertiraarra qoqqobbii kaa'ee ture.Qoqqobbiin kun ajajaa waliigalaa Waraana Ertiraa Jeneraal Filiip Waldeyohaannis dabalatee aanga'atoorra kaa'ameera.
“Naayiroobii - Finfinnee gatiin imalaa deemsaa fi deebiin Shilingii Keeniyaa kuma 15 ( Birrii Itoophiyaa kuma 16 ) dha! “ Mikaa’el Jeems


Dhaabbanni dhiyeessii Tajaajila Tiraanispoortii “Absiiniyaa Leegizsari Kooch” jedhamu magaala guddoo Keeniyaa Naayiroobii irraa gara Finfinnee imaltoota Awutoobisiidhaan deddeebisuu Eegaluu beeksise.

Daarektarichi Maal Jedhan?

“Imala tokkoof Shilingii Keeniyaa kuma 7 fi dhibba 5 kaffalchiifna. Gatiin imala deemsaa fi deebii Shilingii Keeniyaa kuma 15( Birrii Itoophiyaa kuma 16 jala dhufa) dha.

Ammatti baasi 8 dha, Karoorri keenna 16 ta’uu qabaadha. Baasiin 16 kunis Itoophiyaa keessa haa taa’uu barbaanna.

Guyya guyyaan gara Finfinnee fi Keeniya ni imala.

Awutoobisichi namoota 46 qofa qabata.Awutoobisichis:-
-Keessummesitoota
- mana fincaanii dhiira fi dubaraa
- Interneetii fi Iskiriiniin tajaajila bashanna of keessa qabu.

Imigreeshiniin haga banamuu imaltoonni ni boqatu. Ganama sa’aatii 2:30 Mooyyaalee irraa ka’ee galgala sa’aatii 1:00 tti Finfinnee gala.
2
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraampii fi Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin guyyaa har'aa wal arguuf jiru.

Sodaa nageenyaa fi dhiphinna yeroo irraa kan ka'e wal gahiin Doonald Tiraampii fi Vilaadmiir Puutin Kaampii waraana Ameerikaa keessatti adeemsifama. Mariin kunis, Tiraamp Raashiyaadhaaf yeroo dhumaaf gaafii walii galtee dhukaasa dhaabuu erga dabarsanii torbee tokko booda kan dhufeedha.

Tiraamp mariin kun bifa gaariin kan adeemu yoo ta'e, osoo hin turin Pireezidaantii Yukreen Zaalaniskii waliin wal gahii mootummoota sadeeni taasisu akka danda'an eeraniiru.

Haa ta'u malee, Yuukreen marii kanatti afeeramuu dhabuu isheetiin aariidhaan deebii kennitee jirti. Akka ibsa isheetti ''Waliigalteen nagaa nuun ala taasifamu kamiiyyuu, Putiniif moo'uu dha" jedhaniiru.

Walumaagalatti, Walgahiin Alaaskaa marii nagaatiif carraa banuu danda'us, walgahichi fuulduree waraana Yukreenii fi Madaalli humna Addunyaa irratti dhiibbaa akka godhu himameera.
1
Walgahiin pireezidaantii Ameerikaa Doonald Tiraampii fi Pireezidaantii Raashiyaa Vilaadmir Puutin Alaaskaatti wal arguun mari'ataniiru.

Haa ta'u malee jarri lameen waa'ee Yukreen irratti osoo walii hin galin addaan deemaniiru.

Waa’ee lola Yuukreen dhaabuurratti marii kan gaggeessan yoo ta'u, walii galtee male xumurameera.

Gaggeessitoonni biyyoottan lameenii mareen kun bu’a qabeessa jechuun dubbatanus, Mooskoon waraana Yuukreen keessatti taasisaa jirtu yeroof dhaabuu ykn fala dhumaa taasisuuf walii galuu ishee waanti ibsame hin jiru.

Dabalataanis, gaggeessitoonni kun lameenuu waa’ee maree isaanii gad fageenyaan hin dubbanne, gaaffilee gaazexeessitoonni bakka kanatti argaman kaasaniifis deebii hin laatne jechuun Rooyiratrsi gabaasee jira.

Tirampi, “nagaa buusuuf jecha haga ta’e fuulduratti deemneerra” jedhan, Itti fufaniis, “haga walii galteen nagaa bu’utti walii galteen hin jirus” jedhan.

Mariin kunis waantota ammaaf ibsamuu hin dandeenye irratti akka waliif galan ifatti dubbataniiru.
1
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gitnisaanii Chaayinaa Shii Jiinpiing hogganoota Raashiyaafi Kooriyaa Kaabaa waliin ta'uun US irratti shira xaxaa jiru jechuun himatan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/osL0YBH
Itiyoophiyaan tapha Ijiptiin wal-qabatee FIFA'f himannaa galfatte.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itihoophiyaa rakkoolee naamusaa tapha Ijipt irratti mul'atan ilaalchisee himata Koree Naamusaa FIFA'f ergeera.

Federeeshinichi himata kanaan, deeggartoonni Ijipt kabaja faaruu biyyaalessaa Itiyoophiyaaf malu, kennuu dhiisuu fi ifaa ija nama haguugu (laser pointers) fayyadamuu isaaniin himannaa naamuusaa dhiheessee jira.

Yeroo faaruun biyyaalessaa Itiyoophiyaa faarfamu deeggartoonni mallattoolee gara garaa agarsiisaa turuu himuun, Ifaan ija haguugu taphattoota akka jeeqellee Federeeshiiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa eereera.

Kanaafis korichi taatee kana jiddu-galeeffatee qorannoo akka geggeessuufi Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ijipt itti gaafatamummaa isaa akka fudhatu FIFA gaafatee jira via Ethiopian football Federation.
1
Itoophiyaatti hidhi anniisaa elektirikii maddisiisu inni jalqabaa bara 1932 laga Aqaaqii irratti kan hojjetame, Hidha Abbaa Saamu'eel jedhamudha.

Hidhi kun hanga bara 1970tti tajaajila kennaa ture. Waggaa 85 booda yeroo ammaa biyyattiin hidha bishaanii anniisaa meegaa waatii kuma 5 caalaa maddisiisu hojjechuurra geesseetti.

Humni aannisaa Itoophiyaa akkamiin meeggaa Waattii 6 irraa jalqabee meeggaa waattii 60,000 ol dhaqabe?

👇👇 https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/c79l53nw757o?at_campaign=ws_whatsapp
Bu'aan qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa boru ifooma

Bu'aan qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 boru ifooma.

Qabxicha ilaalchisee boru waaree booda sa'aatii 10:00: eegalee ibsi kan kennamu ta'uu Ministeerri Barnootaa himeera.
Manneen barnootaa 1,249
barataa tokkollee hin dabarsine.


Qabxiin qormaata biyooleessa kutaa 12ffaa ifoomuu hordofee oduu gammachiisaa fi yaaddessaan dhaga'ameera.

Bara kana Saayinsii Uumamaan qabxii 591/600 kan galmeesse Mana Barumsa Ifa Boruu Sadarkaa 2ffaa DODOLAA-ti. Qabxiin kun qabxii akka biyyaatti isa olaanaa ta'edha. Kan itti aanu Saayinsii Hawaasaatiin 562/600-tu galmaa'e. Kun haalaan gammachiisaadha.

Garuu, wanti nama gaddisiisuu fi nama yaaddessu tokkos dhaga'ameera. Manneen barnootaa 1,249 barataa tokkollee hin dabarsine. Manni barumsaa tokko barattoota meeqa akka qabu tilmaamaa. Hedduu gaddisiisaadha. Yaaddessaadhalee!
3🤣1
#Irreecha2018

Ayyaanni Irreecha Hora Finfinneefi Hora harsadee fulbaana 24 fi 25 akka kabajamu Gamtaan Abbotii Gadaa Oromoo beeksise.
1
Faransaayi Filisxeemiif beekamtii kennite!

Faransaayi dabalatee hoggantoonni biyyoota ja'aa biyyoota Filisxeemiif biyya akka taatuf beekamtii kennuu isaanii Walga'ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Niwu Yoorki keessatti gaggeeffame irratti ifoomsaniiru.

Biyyoonni akka Andooraa, Beeljiyeem, Luzanbargi, Maaltaa fi Monaakonis Filisxeemiif beekamtii ni kennina jedhaniiru.

Awustiraaliyaa, Kanaadaa, Biriiten fi Poorchugaal dursanii Filisxeemiif beekamtii kennaniiru.

Pirezidaantiin Faransaayi, Imaanu'eel Maakroon haasaa taasisaniin, “ kan asitti walitti qabamneef yeroon waan ga’eefi. Furmaanni biyya of danda’a lama ta’uu akka kennamu gochuuf waan dandeenyu hunda goonee itti gaafatamummaa keenya ni baana,” jechuun “Faransaayi ifatti Filisxeemiif beekamtii kennitee jirti” jedheera.
1
#AASTU
#ASTU

Bara 2017 qormaata Kutaa 12ffaa fudhattanii qabxii darbiinsa %50 ol fiddanii yuunivarsitii Saayinsii fi teeknoolojii Adaamaa fi Finfinnee seenuu barbaaddan qormaata seensaaf guyyaan galmee ifoomeera.

Guyyaan galmee:-
Fulbaana 13-18/2018 yoo ta'u,

Hanga Fulbaana 18 halkan Sa'aatii 6:00tti Onlaayiniin galmaaha👇
https://stuexam.astu.edu.et/

Guyyaan qormaanni itti kennamu galmeen yoo xumurame ni beeksifama.

Iddoon qormaanni itti kennamu yeroo galmee yunivarsiitii isin filattanitti qaamaan dhiyaachuudhaan ta'a.

Galmee fi Qormaataafis kaffaltiin tokkos hin jiru.

Iyyattoonni qormaataaf gosa barnootaa Baayoloojii, Kemistirii, Fiiziksii, Herregaa fi Ingiliffaa (Kutaa 9-12) irratti akka qophooftan jedhameera.

Yunivarsiitiin saayinsii fi Teknooloojii lamaan muummeewwan Injinariingii fi saayinsii Appilaayidii jala jiran akka kennan kan beekkamuudha.
1
#NGAT

Galmeen iyyattoota Qormaata biyyaalessaa seensa Sagantaa Digirii Lammaffaa (NGAT) Fulbaana 20- 25/2018 akka gaggeeffamu ministeerri barnoota beeksiseera.

galmaa’uuf
https://ngat.ethernet.edu.et

Gaaffii galmee waliin walqabatu kamiifuu sa’aatii hojiitti imeelii [email protected] ykn lakkoofsa bilbilaa 0920157474 fi 0911335683 ibsa gaafachuu akka dandeessan ibsameera.

Qormaataaf 'USER NAME' fi 'PASSWORD' karaa poortali galmeetiin kan ergamu yoo ta'u, kaffaltiin galmee birrii 750 karaa Teeleebirrii qofaan akka kaffalamu ibseera.

Ministeerri Barnootaa yeroo qormaatichaa galmee booda akka beeksisu ibseera.

#MoE
#Irreechaa

Irreechi Waltajjii Tokkummaafi Miidhaginaa Oromooti!

Ayyaanni Irreechaa dirree jaalalaa, dhiifamaa,tokkummaafi miidhaginaati.
Waltajjii uummanni Oromoofi sabaafi sablammoonni miliyoonotaan lakkaa'aman miidhaginaan irratti hirmaataniidha.
3
Pireezidaantiin Masrii Abdel Fattaah Al-Siisii ​​akka jedhanitti, Masriin Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa laga Abbayyaa irratti ijaaramee fi eebbifame ilaalchisee, dantaa biyyaalessaa fi nageenya bishaanii ishee eegsisuuf tarkaanfii barbaachisaa ta'e hunda ni fudhatti jedhan

https://ift.tt/86w3IVD
#Earthquake : Daqiiqa dura Finifinnee fi naannawa gara garaa dabalatuun magaalota birootti rifannoonni sochii lafaa uumameera.

Keessattu jiraattoonni gamoowwan irra jiraatan rifannoonni kun baayye itti dhagahamu isaanii ibsaniiru.
Har'a ganama Irra deebi'uun naannoo Awaash Fantaalleetti kirkirri lafaa muudachuun ibsame.

Yuunivarsiitiin Finfinnee Naannawaa Awaash Fantaalleetti kirkirri lafaa reektar Iskeelii 4.8 mudateera jedhe.

Har’a ganama Sa’aatii 2 fi daqiiqaa 24 tti kirkirri lafaa reektar Iskeelii 4.8 dhagahamuu Yuunivarsiitii Finfinneetti Itti Gaafatamaan Kutaa Barnoota Seesmooloojii Piroofeesar Attaalaay Ayyalaan himaniiru.

Kirkira lafaa muudateen Magaalaa Finfinnee dabalatee naannawaa garaagaraatti hoollannaan dhagahamuu Piroofeesar Attaalaay ibsaniiru.
2025/10/27 02:21:48
Back to Top
HTML Embed Code: