Telegram Web Link
Gadaan Muuda! Oromoon Sirna dimookiraasii Addunyaa durse qaba, Karaa Nagaatiin Aangoo waliif dabarsa....

Sirna wal-harkaa fuudhinsa
Baallii Gadaa Oromoo Booranaa 72ffaa.

BAGA GEESSAN BAGA GEENYE!
Qananii Addunyaa! - Du'aan Addunyaa kanarraa darbuu obboleettii keenyaa asuma Marsaalee hawaasaa irratti arge.

Dargaggeettii bareeda dhoollee, kichuu lafaa ol-adeemaa jirtu kana Qaamaanis tahee itti dhiyeenyaan hin beeku, garuu ammo Sabboontuu fi Ambaasaaddara Aadaa Oromoo ta'uu ishee raga bahuuf ishee beekuun dirqama natti hin fakkaatu Miidiyaalee fi marsaalee hawaasaa irratti Faaya Aadaa fi bareedina Uumamaani qabdu walitti fiddee Ayyaana Irreechaa, Aadaa fi Duudhaa Oromoo yeroo beeksiftu argaa turre, suuraaleen kunneenis ragaadha waan taheef.

Boodarra inumaayyuu, Artistii hedduu Jaalannu Artist Andu'aalam Gosaa wajjiin hiriyyooma qabaachuu fi waliin waltajjiilee heddu irratti waliin arguu erga eegallee akkuma maatii keenyaa ykn garee Aartii Oromoo tumsuuf aarsaa kafalu kamuutti namoota nutti dhiyoo jiranitti miireffachuu eegalle waan ta'eef Dubree kana hin beeknu jechuu hin dandeenyu natti fakkaata.

Hanga argee fi hubadhetti, Dubree taasgabbooftuu, akka nama bara kanaa na argaa hin jenne, Ogummaa, dandeettii fi bareedina uumaan isheef kenneen waan dandeessu hojjachuu qofatti amantu wayii tahuu suursagalee fi adeemsa ishee marsaalee hawaasaa irraa argaa tureen nan tilmaama.

Hardha garuu yoo hirribaa kaanu Oduu Gaddaa addaa waa'ee ishee Marsaalee hawaasaa irra naannawu argine. Anis akkuma nama tokkoo waan adeemaa jiru hanguma human kiyyaan namoota beekurraa qulqulleeffachuuf yaalii taasisaa ture.
Odeeffannoo argadheen Rakkoon uumameen 'Qananiin Lubbuu Ofi Galaafachuu...' malee qabatamaan maaltu akka tahe namni adda baafate hin jiru, Hunduu Miira dhuunfaarra dhaabbatee Marsaalee hawaasatti oduu facaasaa ture. Gariin ammoo rakkoo uumame guutumatti akka arganitti dubbatu garuu qabatamaan waan nutti himan hin jiru, tilmaamaa fi shakkii dhuunfaa dubbatu. Sunis badooma hin qabu, Yakki raawwatame yoo jiraate ykn qaamni ol-adeemtuu kanarratti miidhaa qaqqabsiisee ykn lubbuu ishee galaafachiise yoo jiraate Gaafatamuu qaba, Olaantummaan seeraa kabajamuu qabas. Nuti Garuu akka dhuunfatti jarjaraan murtee hin qabnu natti fakkaata. Walnutaajjabsiisas waan ta'eef!

Dubartiin haadha, Obboleetti, Intala ofiiti, Haadha Manaati ta'uu hundumti kenya sirritti hubachuu feesisa. Sana booda miidhaan, dabni ykn yakki Obboleeyyan keenya Dubaraa irra gahu yoo jiraate nutti dhagahamuu qaba, tumsa nurraa eegamu taasisuu qabna. Haqni sunis akka hin dabne waliin taanee falmachuun dirqama ta'a. Obboleeyyan dubaraa keenyaaf gaaddisaa fi eegumsa ta'uu qabna jechuudha.

Gama biraatiin ammoo Rakkoolee walfakkaataa uumamu hundumaaf miira walfakkaataadhaan kakaanee dubbachuu fi tumsuun dirqama yoo tahu osoo #Dhiiras ta'ee Miira walfakkaatuun tumsuu fi falmachuu qabna, santu namummaadha.

Walumaagalatti rakkoo obboleettiin keenya ofgalaafatte jedhamu Kanaan walqabatee Qaamotni seeraa(Poolisiin, Abbaan Alangaa fi Caasaan Nageenyaa) fa'a duuka bu'anii haqa baasuu qabu, Namootni dhuunfaa raga fi odeeffannoo qabatamaa qabdan ammoo qorannoo qaamota seera kana tumsuudhaan raga fi odeeffannoo qabatamaa ofharkaa qabdan yoo jiraate ammoo marsaalee hawaasaa irratti burjaajjii uumuudhiisaa qaamota seeraa kanaaf kennuudhaan gargaaraa.
Ala dhaabbannee murteessuun yoo nuuf akka salphatti ilaalames maatii fi firoottan, hiriyyootaa fi aantee dubree kanaatiif gaarii hin ta'u waan ta'eef.

Asumaanuu namni keenya gaafa du'uu fi gaafa rakkoon uumamu qofa waliif booyee boochisuu bira darbee osoo jirus walkunuunsuu haa aadeffatuun dhaamsa kooti!

Irra-deebiidhaan Moodelaa fi Ambaasaaddara Aadaa, Dubree Qananii Addunyaa Biyyoon itti-haa-salphatu jechaa, Jaalallee ishee Artisti Andualem, Maatii fi Firoottan ishee hundaaf jajjabina haa kennu jenna.

GALATOOMAA
@abdisabancha
2025/06/28 13:13:08
Back to Top
HTML Embed Code: