Telegram Web Link
Suuraan tun suuraa bara 1913s gaafa minilik du'ee guyyaa booya/taaziyaatti.
Silaa taateefii ilmaan nafxanyoota guyyaa itti dhalatee mitti guyyaa itti du'ee akka biyyaatti silaa kabajjatan gammachuu isaanitti. Garuu kan nama gadisisuu seenaa isa kan dhukate dhisii hiikaa maqaa isaa "minilik " kan ja'uu beeku dhabu isaanitti. Seenaa mootoota habasha kan bara 300 keessatti maqaan mootii habasha hundi barruu kibira nigistaat jattu irraa fudhatame.barruun kun kan barreeffame afaan arabatiin hoggaa tahu jachaa afaan araba " kibira malakii" ja'uu irraahii. hiikaan isaa muxxannoo mootoota "jachuudha. Barruun kun hundi isaa seenaa mootoota warra yahuuda irraa dubbata.jacha afaan arabatiin 'kibiraat malakii
ja'uu San gara kibira nigistaat ja'utti afaan giizitiin hiikuudhaan akka waan seenaa isaanni
Fakkeessuun barreeffatan. Barruun afaan arabatiin
barreeffamttee seenaa mootoota warra yahuuda dubbatu tun fuula sagal qabaachaa turte garruu isaan seenaa isaanni itti dabaluun
Afaan giizitiin barreeffatan.maqaa mootoota warra yahuuda man kibiraat malakii gubbatti barreefame tedros,Solomon, dawit,yohannis.....jachuun akka waan rabbii biraa bu'eetti maqaa moggaafachuun seenaa soba uuman. Kan nama ajaa'ibu barruu kibiraat malakii ja'uu gubbati maqaan minilik ja'uu hin jiru ammaas mooticha yahuuda Solomoniifi mootii yaman tan turte sabatu dhalee kan isaan ja'an maqaan minilik duraa barruu San gubbaa hin jiruu.garruu maqaa minilik ja'uu bakkii isaan irraa fudhatan maqaan minilik kan ja'uu maqaa ilma Solomon ossoo hin taane jachaa barruu kibiraat malakii gubbarraa bakka jacha afaan arbaatiin ibnul malakii jachuun barreeffamte irraahii .jachii kun afaan arabtiin ilma mooticha jachuudha garuu barruu San gubbati ibnul Malakii jachuu malee maqaa ilma Solomon hin dahuu.garuu habashoonni ilmi sabatiif Solomon minilik jedhama inni mootii habasha kan durati (minilik I) jachuun moggaafatan.achiirraa ka'uudhaan "Solomon dynasty " jachuun namni hiida dhigaa kana hin qabne Abissinya hin bulchuu jachuudhaan akka barruun kibira nigistaat jattu tun rabbii biraa buutee fakkeessuudhaan shanyii ykn saba bira angoo dhoowan.olola amantitiin saba isaan dura achii qabatee ture mootummaa akka Dm't Dynasty (9th -11th) ammaas mootummaa akka zegaw dynasty (12th -15th) dhiibbaa amantii itti godhuun mootummaa isaanni facaasan.
#ancient_history_of_oromoo
https://www.tg-me.com/etbisahusen
Dajaazmach Goshuun oromo ture.Akka carraa ta'ee yeroo takka goojjam bulchuuf carraa argatee turee.ilmaan isaatiis maqaa isaanii Doorii, Elmituu, Alemayehu,Goobanaa jachuudhaan itti moggaasee.ilmaan isaa keessaa warri Lola Adwa gubbatti hirmaatee kan suuraa gubbatti argitan fitawraari Alemayehu fi Goobabaa Goshuuti.Alemayehu Goshu nama biyya Ethiopia tanaaf wareega guddaa baasee.namni kun Lola Adwa booda bara 1934 Lola walwal (welwel) gubbatti wareegame.garuu kan nama ajaa'ibuu seenaan isaa biya tana keessatti yeroo takkaafilee dubbatamee hin beeku.
https://www.tg-me.com/etbisahusen
Seenaa keeyssatti kutaan shawaa lafa Amharaa taatee hin beeytu.
Oromoon jaarraa 13ffaa dura akka lafa shawaa tana keessaa mitti akka kutaa walloo keeyssa jiraachaa turtte ragaan tokko laga bishilootii (laga bishuu)(bishoolee).
Gara biraatiin lagnii bishiloo jaarraa 13ffaa keeyssa lafa sultanet shawaatiifi lafa Abissinya addaan daangeesa.jaarraa 17ffaa keeyssa lagnii bishiloo begemdir Fi bet-Amharaa, dhihaan gojjamiifi shawaa, kaabaan bet-Amharaa Fi shawaa addaan daangeessa.lagnii bishiloo Ykn laftii bishiloo jedhamtu tun kibbaa-dhihaa wolloo Keeyssatti argamtti.lagnii bishiloo laga Amboo kan wolloo keessa jiruufi laga cacahoo waliin walitti dabalamuudhaan laga yaa'a tahuudhaan, achii booda laga mugar wajjiin walitti makamuun gabbaarii laga Abay taha. bara 1870 gaafa Atse minilik San lagnii bishiloo kun daangaa shwaafi
Begemdir ammaas kan gojjaamiif shawaa addaan daangeesuu ture.
Bishiloo jachuun afaan oromootiin bishaan adii jachuudha.bishu, bishoolee,bishooftuu,
Bishaanoo, bishingoo,bishoolee ....hedduudha
ancient history of oromoo
Photo
Masaraan Abbaa Jifaar kun kan bu’ureeffame bara 1870 keessa ta’us , qarshii Maria Theresa 65000 fi kennaa worqee kiiloo giraama 400 ta’utu itti baasuun masaraa mootii sadarkaa isaa eeggate godhanii kan ijaaran Abbaa Jifaar Abbaa Gommoli . Masaraan kun yoo ijaaramu kutaa 28 ol kan qabu yeroo ta’u , kutaa Keessummaa, Kutaa Dhaddacha murtiin seeraa itti geggeeffamu, Masjiida dhiiraaf dubartii akkasumas kutaa itti qara’anillee kan of keessaa qabuudha. Balbala Masaraa kanaa irratti barreeffamni afaan arabaatiin barreefame akkas jedha`` ABBAA JIFAAR -SULTAN MOHAMMAD BIN DAUD GARBICHA RABBII AL 1000`` jedha. kun kan mul’su abbaan Jifaar soda rabbi kan qabaniif mootummaan isaaniis haqa irratti kan hundaa’e ta’uusaati. Mootichi Abbaa Jifaar Masaraa isaanii kana kessatti kan itti fayyadaman kan akka Teessumaa, Siree ciisichaa,Sanda uqa, Gabataan soorataafi meeshaaleen itti fayyadaman hundi mukarraa kan hojjetamaniidha. Meeshaaleen kun hanga yoonaalle muuziyemii Jimmaa keessatti ni’argamu. Hariiroon Abbaa Jifaar Biyyoota alaa woliin uuman magaalaa Jimmaa Afriikaa keessaa bakka daldalli guddaan bal’inaan itti geggeeffamu godhee ture. Sirna bulchiinsa Mooticha Abbaa Jifaar kanaan gama hundaan guddinni Jimmaa sadarkaa olaanaa irra gahee ture. Mootoonnif Daldaltoonni biyyoota alaa mootoota Ithiyophiyaafi mootoota afriikaa bahaatti argaman caalaa hariiroo cimaaf wolitti dhufeenya daldalaa kan qaban mootummaa Jimmaa woliini. Daldaltoonni biyyoota addunyaa gara garaa irraa dhufan magaalattii keessaa bakka Hermaataa Jedhamee waamamutti wolga’uun daldala ho’aa geggeessaa turaniiru. Daldaltoonni kun meeshaalee sibiilaa, Faayaa adaa addaa akkasumas omishtoota worshaa fiduun bakka itti gurguratan yoo ta’u, achumaanis meeshaalee muka irraa hojjetaman , Dibata oomishaa xirinyii irraa hojjetamaniif buna illee bituun kan deebi’an ture. Bara Mootii Abbaa Jifaar Jimmaan gaanfa Afriikaa keessatti Asmaraatti aanuun giddu galeessa daldalaaf magaalaa ho’itu akka turte ni himama. Kunimmoo hariiroo Abbaan Jifaar sadarkaa addunyaatti uumanirraa kan ka’eedha. Abbaa Jifaar Abbaa Gommol Bulchiinsa ammayyaaf dinaagdee Jimmaa ol guddisuuf ilaalcha qaban irra kan darbe amantaa isaaniitiifis xiyyeeffannoo olaanaa kennaa turaniiru. Rakkinaaf acuuccaa amantaa biyyattii iddoo adda addaa irra ture irraa ka’uudhaanis hordoftoota amantaa Islaamaa iddoo adda addaatii dhufanuuf Jimma da’oo turte. Yeroo sanitti sirna hajiif hordoftoonni amantaa Musliimaa gara Makkaa deemuuf ji’oota ja’aa ol itti fudhataa ture. Kanuma kan hubatan Abbaa Jifaar hordoftoonni amantichaa rakkinaaf akka hinsaaxilamneef mootummaa Saaudii woliin dubbachuun naannoo Jimma qofa osoo hinta’in biyyattii iddoo adda adda addaa irraa musliimoota garasitti imalaniif gamoo guddaa Makkaa, Saudii Arabiyaa keessatti ijaaruuf murteessan. Woggoota sadiif qarshii erga wolitti qabanii booda qarshii yeroo sanii Maria Theresa 7500 oliin gamoo sadarkaasaa eeggate makkaa keessati ijaaruun musliimoonni Hajiif deeman tolaan akka keessa qubatan gochaa turaniiru. Qarshiin ijaarsa gamoo kanaaf bahe tilmaama yeroo sanaatiin qarshii guddaa ture. Sirni bulchiinsa Mootii Abbaa Jifaar gama siyaasaatiinis dimokraatawaaf kan iftooma qabu akka ture ni himama . Abban Jifaar uummata sadarkaa hunda irra jiru hunda wolqixxumman ilaalun bulchaa kan turaniidha. Sirna siyaasa ammayyaa irrattis biyyoota qarooman adda adda woliin muuxannoo wol jijjiiraa akka turanille nihimama. Murtee bulchiinsa keessatti dabarsanillee haqa qabeessummaa isaa mirkaneessuuf gorsitootaafi deeggartoota uummata keessaa filataman nama 7 akka qabaniidha kan himamu.Bulchiinsi mootummaa Jimmaa haala ammayyaatti ce’ee jijjiirama siyaasaaf diinagdee galmeessisuu yeroo jalqabe kanatti bulchiinsa isaa gara kibbaatti babali’suuf Miniliik weerara bane. Weerartoonni nafxanyaa uummata Oromoo bakka adda addaa Jiraatu irratti lola banee woraana keessa seenee kan ture yoo ta’u akka Oromoota iddoo kaanii WoraanavMooticha abbaa Jifaar woliin lola keessa hin seenne. Kunis sababa adda addaatiin akka ture seenaan ni mul’isa.
Maan bulti Oromo tuulamaa ykn caffee
Awash malka balloo keessatii sadeettan
tulluu waaqaa iddoo seenaa-qabeessa FI
Bakkee Amantaa waaqeeftaatti.
Iddoo kana oromooni yeroo sanii dhal Amma jiru kanaaf hambaa seenaa kana
Dabrsuuf wareegama qaali baasani jiran.
Mootummoota Abisinya fi warreen humna Amiroota Adal wajjiin iddoo kanatti yeroo hedduu walwaraanani jiran.
Keessatu iddoo sadeettan tulluu waaqaa
Keesaa Lola tulluu cuqqaalaa Qabachuuf
Waraani Abissiniya kan Atse gelawdiosin
hoganamufi HUMNA Amir nuur jiddutti
Gageefameen Atse gelawdios akka ajjeefame niyaadatama.
Achii booda loltuun Oromo July 1559ti
Amir nuur injeefachuun nannoo tulluu
Cuqqaalaa walaboomsan.
Dubii tanaratti Asten gelawdios ammallee
Nannoo Adamatti awaalame jira.
- hubannoodhaaf:-
Sadeettan tulluu waaqaa
1-tulluu cuqqaalaa
2-tulluu erar
3-tulluu foorii
4-tulluu galaan
5-tulluu waaqaa dalachaa
6- tulluu fooyata
7-tulluu wacaqqee
8-tulluu egduu.
Tulluun cuqqaalaa nannoo bishoftuti
Argamtti. Tulluu cuqqaalaa mata gubba
Haroo cuqqaalaatu argama.
Oromoon tuulamaa irreech tulluu
Yeroo gani seenu haroo cuqqaalaa kanatti ireefatan.
Tulluu cuqqaalaa magaala bishooftu cinnatti argamtti.
-Suuraa haroo cuqqaalaa.
.../###/

https://www.tg-me.com/boost/etbisahusen

@etbisahusen
Suuraa Abichuu gaafa lola maqalee.
Abichu yaa goota salaalee.

#like
#share
#comment
#seenaa

ancient history of oromoo

@etbisahusen

https://www.tg-me.com/boost/etbisahusen
ancient history of oromoo
Photo
Oliiqaa yaa abbaa jigsaa ati duute moo jirtaa?
.
~~Oliiqaa Dingil eenyu?~~
.
Akuma maqaansaa ibsutti Oliiqaa Dingil lammii Oromoo yoo ta’u, ummata Oromoo naannawa
Qeellem Wallaggaa keessa jiraatu jidduudhaa kanneen hidda ja’an Sayyoo warra Laaloorraa dhalate. Qo'annoo seenaa hangaa har'aatiin
maqaa hadhaasaa beekuun danda'amu baatus maqaansaa guutuun “Oliiqaa Dingil Bookaa”
jedhama.
.
Bakki dhaloota goota Oliiqaa, Qeellem Wallaggaa keessa Yamaaloogii Walal, Ganda Gurraattii Walal bakka, “Deentaa Garee” jedhamuudha. Barri dhalootasaa sirriitti qoratamee beekamuu baatus
namoota bara sana beeku jedhamanirraa akka himametti, tilmaamaan bara 1890 ta’uu akka
hinoolleedha odeeffannooleen kan agarsiisan.
.
Oliiqaa Dingil mana barumsaa qeesotaa /lubootaa/ galee akka barate seenaansaa nimirkaneessa. Erga guddatee umriinsaa hojiif
ga'ee booda bara bulchiinsa Hayilasillaasee mootummaadhaan mindeeffamee hojjetaa tureera. Ga'een hojii goota kanaas gabaarra
naanna’ee ashuura mootummaa walitti qabu ture. Gabaa hedduu inni irra naanna’aa ture keessaa gabaan Ashii, Muggii, Shabal, Qaaqeefaan ni
eeramu. Bakki jireenyaasaa Magaalaa Dambii Dolloo, Ganda 03 keessa akka ture odeeffannoowwan ni ibsu.
.
Oliiqaan, dubartii maqaanshee Gannatawarqi Ashanaa jedhamtu Gidaamiidhaa fuudhee jiraachaa ture. Walumaagalatti Oliiqaan lammii nagaa namaafi biyyaaf yaaduufi quuqamu yoo ta’u, amalasaa kanaan ummata Oromoo biratti hedduu jaalatama.
.
Caamsaa 23, bara 1929 wayita koloneeffattoonni Xaaliyaanii Itoophiyaa humnaan weeraranii
qabatanitti waggaa tokko booda dhiibbaa koloneeffattoonni kunniin ummatarraan gahaniin mormee bosona seenusaa seenaan ragaa baha. Gocha Xaaliyaanonniifi sirni gita bittaa Nafxanyootaa ummata biyyattii keessa jiraatan irratti keessumaa Oromoorratti raawwachaa turanirraa kan ka’e haalli jireenyaa, aadaafi safuun ummatootaa baduu jalqabe. Wayita sana Xaaliyaanonni lammiilee Itoophiyaa tokko tokko ofitti madaqsuudhaan maqaa “Baandaa” jedhamu ittimoggaasuun duuka buutuusaanii taasifachaa
turaniiru.
.
Xaaliyaanonni baandota kanneenirraa odeeffannoowwan gara garaa argataa akka
turjumaanaattis itti gargaaramaa turaniiru. Gochi Baandotaafi Xaaliyaanotaa kun Oliiqaa qofa osoo hinta’iin namoota sabasaanii jaalatan hunda kan aarsu ture.
Gochi suukanneessaan ummatarratti raawwatamu yeroodhaa gara yerootti babal’achaa dhufuusaarrayyuu roorroon haadha
warraa Oliiqaa Dingil, Aadde Gannatawarqi / Moominaa/ Ashanaarra ga’eera jedhamu aarii
Oliiqaan duraanuu qabu akka dabalu taasise. Kana malees gaaf tokko baandaa Xaaliyaanii kan ture namichi Baashaa Gabayyoo Waldeefi Oliiqaan otuu Amaariffaan haasa'anii Baashaa Gabayyoon Oliiqaa Dingil akka tuffiitti jecha
Oromoon jedhamuu hinfeeneen arrabsa.
Guyyaa biraammoo Baashaa Gabayyoon namicha Dhaabaa Maashaa jedhamu wajjin
waliigaluudhaan Oliiqaan qarshii ashuuraa walittiqabe dhimma dhuunfaa irra oolfateera jechuun odeessisiisuurra darbee ogganaa
Xaaliyaanii yeroo sanaatti hima. Oliiqaan qawwee dhokfatee qaba jedhees yakke. Odeeffannoo
kanarratti hundaa’uun Xaaliyaanonni Oliiqaa qabanii mana hidhaa galchan. Oliiqaan halkanuma sana mana hidhaa cabsee ba’uudhaan, bakka dhalootasaa, Deentaa Garee dhaquudhaan qawwee Beeljigii 2fa jedhamu
bitatee Danbii Dollootti deebi’a. Halkaan gaaf tokkoo Baashaa Gabayyoo ajjeesee gara mana
Baashaa Gabayyoo dhaqee haadha warraa baashaa alatti baasuun, “Ati dhirsa kee dhabda,animmoo haadha warraa koon dhabe” jechuun
du’a abbaa warraashee itti himee manicha qabeenya keessa jiru waliin gube.
.
Namicha Dhaabaa Maashaa jedhamummoo Gabaa Dafinoo /Dambii Dolloo/ keessatti ajjeesee, “Anatu ajjeesee nama bira
hingaafatiinaa” jedhee barreessee mukatti maxxanse. Intalasaafi haadha warraasaa Ganduma 03 keessatti dhiisee deeme. Kana booda Oliiqaan nama durumaa qabee isa bira jiraatu, kan maqaansaa Shaanqoo jedhamu,
ancient history of oromoo
Photo
qawwee namoonni dirqiidhaan Xaaliyaaniif galchuuf deeman irraa booji’ee Shaanqoo hidhachiisa. Kanaanis Xaaliyaaniifi baandaarratti
tarkaanfii fudhachuu eegalan. Sababoota Oliiqaa 'shiftummaaf' kakaasan keessaa tokko tokko
eeruuf.
.
Namni Obbo Tafarii Alabee Goonboo jedhaman Haroo Machaaraarratti fannifamuun, Qanyaazmaach Dhoosaa Abbaa Qoroo qawwee
dhoksite jechuun harkasaanii duubatti hidhanii Buraayyuu bakka, “Bakkee Abbaa Boroo”jedhamutti rasaasa torbaan ajjeefamuusaaniifaa eeruun ni danda'ama.
.
Guyyuma Luba Maammoo Corqaafi Luba Gidaadaa Soolan Hayilasillaasee wajjin quunnamtii qabdu jechuun harkasaanii lachan
duubatti hidhanii Jimmaa Abbaa Jifaar geeffamanii murtoon du’aa itti murta’ee utuu har’a bor duuna jedhanii eegaa jiranii haala
hinyaadamneen bilisa ba'anii gara naannawa jirenyaasaaniitti deebi’aniiru.
.
Oliiqaan erga Gabayyoo ajjeesee deemee booda gaaf tokko halkan keessaa sa’aatii shanitti haala
haati warraasaa irra jirtu ilaalee deebi’uuf wayita gara manasaatti qajeelu isheen teessee jirbii
fo’aa:
.
“Oliiqaa yaa abbaa jigsaa ati duute moo jirtaa?
Utuu ati jiraattee hantuunni maa warraaqxee?
Yaa abbaa coomaafi booka kootii amaaseniin
maal na gooti?” jettee isa faarsituu dhokatee dhaggeeffate. Halkan sana dhokatee ishee ajjeesee deebi’uuf yaadeeti kan dhufe. Garuu wayita faaruu haadha warraasaa dhaga’u cancala qawweesaa dhaamsee halkan sana manasaa bulee ganama bariidhaan bakka dhufetti deebi’e. Yeroo yerootti uffata waraana Xaaliyaanii uffatee
Dambii Dolloo seenuudhaan mana Aadde Moominaafi Aadde Daasharee Akkayyuutii daadhii
dhugee, odeeffannoo barbaachisus walitti qabatee deebi’aa ture.
.
Namoota isa fakkaatan waliinis dhoksaatti ni mariyata ture.
Deggartoota Oliiqaa gocha weerartoonniifi jala kaattuun warrasaaniirratti raawwatan namoota hedduu aarsee tureera. Haala kanatti aaree kan garaa kutate Oliiqaa duukaa shaffata, warri kuun immoo, naannoodhuma jiran taa’anii deggaraa turan.
.
Daggarsi kennamaa tures, odeeffannoo kennuu, galaa qopheessanii nyaachisuu, meeshaa
waraanaa kaa’uufi erguu dabalata.
Namoonni adda addaa yeroo waraanni Oliiqaa naannawa tokko galu nyaataafi dhugaatii
dhi’eessuudhaan halkanii guyyaa wajjin dhama’aa turan.
.
Loltoonni Oliiqaa Xaaliyaanii dhamaasaniifi baandaa bakka garagaraatti oliifi gadi joonjessaafi ajjeesaa turan.Bakkii da'annoosaanii haala yeroon jijjiirama ture. Lafti akka holqa Qacii, Aggataa, Macaqeddoo,Ondoloqqee, Doggaa, Walal, Cabal, Qilxuu Kaarraafi Ulaa Biyyaa’oo bakka itti da’atan akka
ture dubbatama.
.
Lola koloneeffattoota wajjin godhame guyyaafi haalli lola Oliiqaadhaan geggeeffame
barreeffamaan yoo jiraachuu baateyyuu seenaa afaaniin darberraa hubachuun akka danda’amutti qabsoo ittisa koloneeffataa keessatti Oliiqaa
Dingil gumaacha olaanaa akka godhe beekama. Tooftaa mataasaatiin geggeeffamee
injifannoowwan guguddoo galmeessaa tureera.
.
Fakkeenyaaf yeroo Xaaliyaanonniifi baandaan Oliiqaan Awusa jira jedhanii achi dhaqan jalaa mimmiliquun jara joonjessaa tureera. Injifannoowwan guguddoo waraana Oliiqaatiin argaman keessaa Aanaa Yamaaloogii Walal
keessatti bakki Fiinchoofi Dubbisi jedhamu gidduu lola Xaaliyaaniifi Oliiqaan wajjin gaggeeffameen Xaaliyaanonni 30 ta’an du’aniiru.
.
Dirreen injifannoo inni seena qabeessa jedhamee himamu immoo, lola Wallaggaa, Aanaa Tajjootti gaggeeffame yoo ta’u, lola kanarratti baandonni 750 ta’anii Oliiqaatti duulan. Lola hamaa,
tooftaafi kutannoo guddaa gaafate kanarratti Xaaliyaaniifi baandonni waraana Oliiqaatiin yommuu dhuman, loltuun Xaaliyaanii maqaansaa Tinintii Biichee jedhamuufi baandonni sadii
duwwaan baqatanii deebi’anii akka galaniidha kan ibsamu.
.
Namoota Xaaliyaanii wajjin waliigalanii Oliiqaafi waraanasaa booji’uuf ykn ajjeesuuf yaalaa
turanirratti Oliiqaan dursee tarkaanfii fudhataa ture. Akka fakkeenyaatti namichi maqaansaa
ancient history of oromoo
Photo
Waacilaa Waloo jedhamu miseensa waraana Oliiqaa kan ta’e Dhaabaa Bocoloo ajjeefnaan Oliiqaan battaluma sanatti Waacilaa Waloo,
Anfillootti ajjeesee gumaa Dhaabaa Bocoloo baaseera. Itti dabalees, .
.
Aanaa Tijjootti namichi
maqaansaa Fullaasaa Baabil jedhamu, “Oliiqaa ajjeeseen mataasaa muree fida” jedhee
Xaaliyaaniif waadaa gale.Qawwee minishirii shan fudhatees deeme. Otoo hinturin dhimmi kun Oliiqaaa bira ga’e, Oliiqaan mana Fullaasaa Baabil dhaqee ajjeesuudhaan
qawwee shananuu harkaa fudhatee humna waraanasaa ittiin cimsateera. Haaluma kanaan
lola hedduurratti lubbuun diinaafi
deggartootasaanii lakkoofsaan kaa’uun nama rakkisu dhabameera.
.
Walumaagalatti qabsoon Oliiqaan ummata Oromootiin deggaramee gaggeesse, ummatichi akkasuma lammiifi saba kaanii goota cimaa akka qabu kan mirkaneessuudha. Du’a Oliiqaa Dingil qabsoo ittisa koloneeffataa Oliiqaa Dingil
gaggeessaa ture jala deemtonni diinaa hindeggaran ture.Du’isaas sagantaan kan ta’e fakkataa jedhu
namoonni Dambi Dolloo dhimma kana beekan.
.
Oliiqaan yommuu bosonaa dhufu Magaalaa Dambi Dolloo keessa mana meeshaasaa keewwatu qaba ture. Yeroo inni dhufee kaa’u
halkan keessaa sa’aatii shanii hanga 10 gidduu ture. Yeroo bosonatti deebi’ummoo rasaasaafi
meeshaalee isa barbaachisan fudhateeti. Namichii Oliiqaan waliin hojjetu, warra Xaaliyaanii wajjin qunnamtii dhoksaa qaba ture. Namichi akka warri Xaaliyaanii hinshakkineef halkan halkan manasaa biratti qawwee dhukaasaa bula.
.
Ganama ka'ee, eda mana eebaluu biratti qawween dhuka’aa bule yeroo jedhan Xaaliyaanonni dhaqanii qalahaa hammaarratanii
akka galaniidha seenaan kan eeeru.
Tooftaa kanaan Oliiqaafi namichi kun waliin deemaa erga turanii booda, qarshiin Oliiqaa namicha kanarratti heddummaataa waan dhufeef gaafa tokko Oliiqaan qarshiisaa akka deebisuuf gaafatee, namichi didnaan Oliiqaan arrabse.
Arrabsoon Oliiqaa Dingil onnee namicha kanaa waan madeesseef namoota Oliiqaa Dingil qunnaman qarshiidhaan kadhachuu jalqabe.
.
Haaluma kanaan Oliiqaan holqa Qacii keessa otuu jiraatuu namichi isa irratti haaloo kuufate sun, dubartii imaanaa Oliiqaa turte /haadha warraa Baaburii Wagee/ uffata babbareedaa,bituufiidhaan, qarshiis harkatti kennuufiidhaan,
akkasheen Oliiqaa hordoftee qoricha obaaftuuf summiin itti kenname. Haaluma kanaan osoo jiranii gaaf tokko Oliiqaa heexoon mul’anaan
dubartiin imaanasaa turte sun qoricha daaktee summii itti kenname itti dabaltee Oliiqaan akka
dhuguuf kenniteef. Oliiqaan eddii summicha dhugee booda qaamnisaa dadhabaa adeeme.
.
Guyyaa yeroon inni waa nyaatu geenyaan ammas lammaffaa
nyaata summii qabu dabalteef. Dhugaatii maastikaa jedhamu kan summiin makame akka inni dhuguufis affeerte. Kana booda Oliiqaan laafaa deeme. Namoonni isa duukaa turanis waan godhan wallaalan. Guyyaa guutuu
dhukkubsataa oolee, Roobii halkan sa’aatii 9:00 irratti bakka Oddoo Butaa jedhamutti du’uusaa
namni Obbo Mokonnon Tolaa jedhaman barreeffamaan kaa’aniiru.
.
Namichi tooftaan nyaataafi summii
dhiyeessuudhaan nafxanyicha wajjin waliigaltee qabaachaa tureefi namni maqaansaa Wadaajoo
jedhamu, gaafa Oliiqaan du’uusaa hubatu qawwee dhukaasee funyaansaa madeessuun,
“anatu ajjeese” jedhee muudamuuf jecha Xaaliyaanotatti gabaase. Gaafa du’a Oliiqaa dhaga’u ummanni naannawa sanaa guddaafi
xinnaa otuu hinjedhin ba’ee iyyee boo’e.
.
Hogganoonni koloneeffataas Dambii Dolloorraa yeroo dhufan
“Oliiqaa miti, kan du’e nama kan
biraa ta’a” jedhanii shakkanii turan. Sababiin shakkiisaaniis Oliiqaa qabachuufi ajjeesuuf yeroo
dheeraaf yaalii godhaniin waan hinmilkoofneefi. Kana booda muudamaan Xaaliyaanii inni
“Gavarnoo Dhaayee” jedhamu reeffa Oliiqaa yommuu arguu, “ajjeesuu balleessitan, isa akkasii hinajjeesan. Muudanii ogganaa waraanaa
godhatu” jechuun Wadaajootti dheekkame.
.
Erga reeffasaa gara Magaalaa Dambii Dolloo geessanii
booda warraa Oliiqaa waamanii isa ta’uufi dhiisuusaa adda akka baaftu gaafatan. Isheenis mallattoo duraan miilasaarra ture ilaaltee isa ta’uu mirkaneessiteef. Sana booda Xaaliyaanonni reeffasaa suura
ancient history of oromoo
Photo
kaasanii karaa laga Borxaa buusanii naannawa dur Biheeraawwii Xoor jedhamutti awwaalan.
.
Wadaajoon, “Oliiqaa natu ajjeese” jedhee muudamuu hawwe sun Jimmaa geeffamee otuu achi jiruu guyyaa tokko mana daadhii taa’ee otuu dhaadatuu durbiin Oliiqaa achumatti ajjeese. Erga Oliiqaan du’ee azmaaronni /weediftoonni/ akkana jedhanii faarfataa turan.
.
"Facaasaa heexoo dhuguun
Oddoo Butaarra buluun
Michuu dubartii buluun
Xixxiixaa Dingil Bookaa
Oliiqaa galaafate.
Qawween Oliiqaa ajjeesee
Maqaansaa Wacafoodha
Baga kaartaa hinnyaatini
Namni Oliiqaa ajjeese
Maqaansaa Wadaajoodha
Baga taa’ee hinnyaatini” jedhan

@etbisahusen
SEENAA GABAABAA OROMOO GUJII
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Oromoon Gujii gosoota saba Oromoo keessaa
tokko yoo ta'u ,Gujiin gooroo gurguddoo afuritti
(4) qoodama.isaanis:-Gooroo Uraagaa,Maattii
,Hookkuu fi Alaadduu.kana qofaa Osoo hin ta'in
dameen Gujii Wandoo Gannati (Gujii Wondoo)
beekamaadha.Gujiin gooroowwan kana jalatti
firoota Mata Isaac qaba .haaluma kana an ,
URAAGAA.
1.Daraartuu.
2.Haloo
3.Waajituu
4.Agantuu
5.Sarboortuu
6.Golla
7.Galalchaa
MAATTII
-------
1.Hirqaantuu
2.Insaallee
3.Handooya
HOOKKUU
---------
1.Galalchaa
2.Oborraa
3.Michillee
4.Heeraa
5.Bundhituu
6.Baallaa
7.Kinnoo
ALLAADDUU
-----------
1.Haloo < =>Weessituu
2.Obbituu
3.Dhaantuu
4.Masintuu
5.Meerrituu
6.Hangeytuu
7.Aanolituu
8.Halituu
Kanaa ala a Oromoon Gujii luba qaba.lubni
ammoo sadarkaa qaba.namni tokko jireenna Isaa
keessatti sadarkaa lubaa kan adda addaa keessa
darba.isaanis:-
1.Dabballee(Umirii 1--8)
2.Qarree(9-16)
3.Kuusaa(17-24)
4.Raaba(25-32)
5.Doorii(33-40)
6.Gadaa(41-48) aangoo bulchiinsa qabata.
Kara gamaa biraatiin lubootni armaan olii kun
hundi Baallii keessatti kan raawwatamu yoo ta'u,
gooroon afran Gujii'i kan armaan olitti I same kun
deebi'ee Baallii shank(5) tti qoodama. baalliin
kunis
1.Muudana
2.Halchiisa
3.Dhallana
4Harmuufa
5.Roobee dha.
Gujiin Baallii shanan keessatti waggaa saddeeti
saddeetiin aangoo waliif dabarsa(kenna). Sirnaa
Baallii walitti kennuu keessatti yeroo sirni Baallii
waliitti kennuu waggaa saddeeti saddeetiin
gaggeefamu kana Baallii qofa walitti kennuu
Osoo hin ta'in waan baay'eettu
raawwatama.wanting raawwatamu kunis baalliin
shanan tokkoon tokkoo isaanitiin waan
raawwatani ni qabu .akkasumaas akka Baallii
shananitti [Gumiitti) waan raawwatani ni
qabu.Sirna Baallii walharkaa fuudhuu abbootii
Gadaa Gujii kun Dhallana fi Harmuufa jiddutti
miila gaafa 6-13/06/2008 ni raawwatama
(Dhaallani kenna Harmuufi in fuudha). Baga
jalabultii Baallii walharkaa fuudhuu Abbootii
Gadaa Dhallanaa fi Abbootii Gadaa Harmuufattin
isin geye! Gadaan Harmuufaa kan QUUFAA,KAN
NAGEYAA FI KAN MISAA NUF HAA TA'U!

#ancient_history_of_oromoo

https://www.tg-me.com/joinchat-AAAAAE7dzv--x9j2S4HTfw
SEENAA BALAAY ZALLAQAA QILXUU

#SEENAA #BALAY_ZALLAQAA_QILXUU

==========================

BALAY ZALLAQAA QILXUU (Abbaa Koostir) Eenyu?
Akkuma beekamu seenaan Oromoo inni dhugaan
dhufaatii dhalattoota qubee hordofee, awwala
alagaan keessa dhokse diigee, xurii seenaa alagaan
itti maxxanse ofirraa miiccaa dhalootaaf haqa ture
qabatee asan jira jechaa jira. Kana fuudhanii

dhalootaaf akka dandeetti ofiitti dabarsuun gahee
eenyutiree? Deebiisaa isiinifan dhiisa.
Jaarraa 16ffaan Seenaa Oromootaa keessatti jaarraa
sochii lafa babal’ifannaatiin beekama. Haaluma
kanaan Oromoonni kallattii kaabaan hanga Laga
Mormor ykn Abbayaatti babal’ifachuusaanii seenaan
dhugaa ni baha. Kaaba Itiyoophiyaa ammaa Walloo,
Tigiraayfi Gojjam keessa mootonni Oromoo akka
turan ni addeessa.

Balay Zallaqaa Oromoo Walloo keessaa kan
Booranaa jedhaman Damee Oromoo Tuulamaarraa
dhalate. Abbaan gooticha kanaa Zallaqaa Qilxuu
Aayyoo Galgalii Oromoota Walloorra dhiibbaa
mootota Habashaatiin gara Gojjamitti godaanan
keessaa tokko turan.

Obbo Zallaqaa qilxuu
loleewwan Lij Iyyaasuu Oromoo Walloo hortee
Tuulamaa keessaa tokko. Erga Lij Iyyaasuun angoo
gadhiseen booda baqachuun Walloo Booranaa gara
Gojjam kan godaanan. Gojjamitti gooticha Balay

Zallaqaa kan dhalfatan.
Balay abbaasaa Balay Zallaqaa Qilxuu Aayyoo
Galgaliifi haadhasaa Xaayituu Aallanaa irraa bara
1910 A.L.A dhalate. Haati isaas Walloo Booranatti
dhalatan. Balay tooftaa riphee loluun beekama.
Tooftaa kanaan Itaaliyaanotaafi baandota ykn
baasaasto isaanii boqonnaa dhoowwaa ture.
Dirreewwan waraanaa garaa garaa irratti
Itaaliyaanota mo’achuun gootummaasaa
mirkaneesseera.

Tooftaa waraanaagooticha
Oromoo Balay Zallaqaa Qilxuu irra aanuu kan
dadhaban Itaaliyaanonni abdii kutatan. Jaabinaafi
gootummaa goota kanaafi gootota Oromoo birootiin
Itaaliyaanonni biyya gadhiisanii bahan.
Injifatamuu Itaaliyaa booda H/Sillaaseen waggoota
shaniif bakka baqatee tiru Ingilaandii yoo deebi’u,
ummanniifi duuka buutonni Balay Zallaqaa Qilxuu

maal badhaafama, aangoo akkamiitu kennamaaf
jechuun eegaa turani. H/Sillaaseenis akkuma
gootota Oromoo biroo aangoo isaaf waan shakkeef
Balay akka qabamu taasise.
Aangoos badhaasas isaaf hin kennine. Biyya bilisa
baasuun jibba H/Sillaasee jalaa isa hin baafne.
Akkuma Abdiisaa Aaagaafi kanneen biroo hidhaa,

reebichaafi gidiraatu isa mudate. Hidhaan umurii
guutuu itti murtaa’e. Kanumaan otoo jiruu mana
hidhaa Finfinneetii cabsee bahuun erga qabamee
booda M/Murtiitti dhiyaatee murtiin du’aa itti
murteeffame. Murtichas H/Sillaaseen mallattoon
mirkaneessee bara 1945 A.L.A umuriisaa 35tti

obboleeyyan isaa 2 waliin fannifame.
Goota akkasii kana kan Oromummaansaa
alagootaan dhokfamee, hojiinsaas gatii dhabee
alagaan fannifame.

By Firomsa Abdureman

#ancient_history_of_oromoo

https://www.tg-me.com/joinchat-AAAAAE7dzv--x9j2S4HTfw
Forwarded from Qaroo Waamaraa (Yowobsan Abebe Abate)
Gabaa qor-qalbii koo
Eenyutan bitee gurgura
Maalis jedhan ofii koo
Boruufan fiigee kurkura
Hin ajjeerre Nan kabe
Hin ajjeefne Nan qabe
Inni kabe ijaarsan caaluuree
Kan qabe isa ajjeesen caaluuree?
Manaa baqqoo akka jirtu
Baqqoo akka godoo jirtu
Dhageesse waarsaankee
Garaaf akka garaa hirtu
Asis ga'eera abasaankee
Hin qabdu faacha gootaa
Maaf geeraraa ofiin jetta
Lafan buufne irraa fuune
Naman dhuufne nama seeta
Akka jette takkan taane
1 duute lama du'uu feeta



As goraa.........
👇👇👇👇👇👇👇
♻️Join & 🔗SHARE
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa  💌
╚════════════╝
https://www.tg-me.com/ForAllthingsEye
Seenaa bareddu oromoo Bilillee (mahbubaa)
duran dursinee senaan kun dhugaa ta’usaa jalqabarratti isiin beeksisuu barbaanna. Bara 1837 A.L.A sirna bulchiinsa mooti Mohammad Alii keessatti, biyyaa Masriitti gabaa gabroota magaala Kaayirootti gaggeefamaa ture. Bara kana keessa ilma warra mooti lammii Jarman kan ta’e Hermann Von Paklar kan jedhamu dhaawwannaaf biyyaa Masrii deeme ture. Magaala kaayiroo gabaa gabroota keessa utuu imalaa jiru, shamarree bareeddu tokko arge. Bareedina shamarree kana dinqisiifate yeroo dhuma kanatti akka ishee bitu dirqame. Kitaaba maxxansaa 9ffaa yaadannoosa keessatti, Hermann akka barreesutti, “shamarree kana gabroota biroorra adda kan taasise isheen uffata aada biyya naanno itti dhalattee fi faaya adda adda qaamashee irratti arge. Kuniis akka isheen reefu gabaarratti fidan agarsiisa. Gabrootni baayye yeroon isaan gabaa irra oolan uffata naanno isaan ittiin dhufan hin qaban. Gabrootni haara fi gabrootni moofa haala kanaan addan baasani ilaalan.” Shamarreen bareedduu kuniis maqaan gabaa kana keessatti ittiin beekamtu Ajjimee jedhamtuus, kan isheen itti moggaafamte Mahbuuba (ﻣﺤﺒﻮﺑﺔ) jedhamti. Hiiqaan maqaa kana warri gaafatan yoo jiraate, Afaan Oromootin Jaalatamtuu jechuu dha. itti fufaa...
#ancient_history_of_oromoo
@etbisahusen
2025/07/04 22:06:19
Back to Top
HTML Embed Code: