Telegram Web Link
Gariin Oromoo waaroo gabrummaan ho'iifate hirriba gabrummaa keessaa of baruu dadhabus hanga sabaa koof jedhe manaa baheetti dubbachuu hin dhiisu hanga hirriba gabrummaa keessaa dammaksuutti 💪

Yoo ija banatte ilaaltef suuraa kanarraa waa meeqa dubbiisu dandeessa.

Inni angoo qabu ol-adeema biqiltuu dhaabsise biqiltuu waliin kunuunse guddiisa.

Ilmee haadha hiyyeessa ammoo ganda keessaa kurkursee qabee aadda waranaatti kichuutti kutaa oola.
Kadireen ollaa kee jirtullee hanguma humnashetti akkuma ajajaa isheerra barte gochaa oolti lafa jirtuutti.

Oromoo Itti Dammaqii Ka'i Hirriba Gabrummaa Keessaa 🙏
Eeruu Of Eggannoo
PPn Nama Uffaata yaadannoo "Haacaluu" uffataan mara ukkaamsa jirti!
Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Soddoo Dachii Ganda Bacaqii keessatti waraa-nni mootummaa haadha maatii aadde Bashuu Dabalee nama jedhaman gandicha keessa fuudhanii Magalaa Tarree geessanii erga uummata keessa naannessanii itti taphataniin booda uummata yaasanii fuulduratti ajjee-san!
Aadde Bashuun haadha daa'imaa bakka abbaafi haadhaa buutee daa'ima ishee joortee guddifattudha. Nama jooree jaawwaree daa'ima ofii guddifatu daa'ima ishee irra galaa-fatanii ilmoo ishee alatti hambisan. Ijoolleen ishee abbaa hin qaban. Bakka abbaas haadhaas buutee guddisaa jirti.
Namoonni ajjee-chaa ishee qindeessan

1, Ambassaa Garaafaa, milishaa ganda sanaati.
2, Katee Taaffasaa, iddoon dhaloota isaa ganduma saniti.
3, Dassaleny, bulchaa ganda saniiti.
Injifannoo

Wallagga Baha Diggaafi guddattu Arjoo giddutti akka gaaritti adabeera!
Murni muddame %90 balleessineerra yeroo biraa ammoo fixaa jirra, balleessuuf gara xumuraa irra jirra akkasumas baatii 2 keessatti goolabna (xumura waxabajjii kanaatti) jedhus W30n bakkayyuu tarkaanfii irratti fudhachuun injifannoo galmeessaa jira.

Du'uu isaanii isaanumti gabaasaa jiru. Dubbiin amma waan W30n tarkaanfii fudhachuu jiru harka rukuchuu qofaan miti. Garee siyaasni fi waraannis harkaa diigamaa jiru, garuu mo'amuu isaa fudhachuu irraa miidhaa gurguddaa uummata irratti geggeessaa jiru badii kanaa olii osoo hin uumne dafne umrii isaa itti gabaabsuu fi awwaala isaa tolchuuf hiriira keenya mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo waliin haa taasisnu!

Oromoon qawwee jala hin bulle...

Kaanee seenaa haa hojjennu! 🏃
Sabbataa

Waxabajjii 30,2025

Galgala kana sa'a 2:40tti Sabbataa naannoo Bataskaana Gabreeliitti gantuu fi humna tikaa PP boombiidhaan leencotni magaalaa rukutanii jiru.
Yeroo ammaa bakkichi jeeqamaa jira.

Tarkaanfiin bofa mataa muruu itti fufa!
#Inbox

Biltsiginnaan magaalaa shaambuu keessatti ganama kana ijoollee bajaajiin hojjetattee bultu walitti qabdee dirqamaan boondii abbayyaa qarshii 500 namni tokkoon tokkoon keessan kuttu jettee walitti qabdee lallabaa jirti.

Saamichi pp mataaf miila hin qabne kun maqaa garaagaraa dhahachuun bakkee garaagaraatti saamaa jirti.

Furmaanni isaa uummanni diddaa dhageessiisuu dha.
Walumaan Haa Xinxalluu 🤣😜

Ragaalee Dhaabbii Biqiltuu Impayeeraa
~~~• **~~~••••••
- 2019-21 ---- Biliy 16.3
- 2022 ------- Biliy 7.2
- 2023 ------- Biliy 6.5
- 2024 ------- miliy 615.7/Guyyaa tokkotti
- 2025 ------- biliy 7.5
Waliigala ------------ Biliy 44.415

* Guddinni lafa Itoophiyaa Isku Kiil meet miliy 1.1

* Lafti Qonnaaf oolu ------ dibbentaan 34 (34%)

* Lafti duraanuu bosonaan huwwifame (2018) ------- 15.7%

* Lafti bishaaniin huwwifame --------- 0.7%

* Lafti dhagaa, biqilaan hin baannee fi misoomaaf hin oolle guddaatu jira

* Lafti bu'uuraalee misoomaa, manneen fi kkf oolan guddaadha

Egaan Biqiltuun Biliy 44.415 kun eessuma jiruu?
Saayinsiin bosonaa biqiltuun tokko lafa hagamii walirraa hiiqee dhaabataa?
Warri saayinsii kanaa beektan adaraa nu hubachiisaa.
~Gujii Lixaa Aanaa Galaanatti kalee tikni PP Opreshinii goonatti Opreshini taate
Odeessa Kaabaa

"Daangaa Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti sosochii waraanaa cimaatu mul’achaa jira.

Waraanni Ertiraa guutummaatti daangaa naannoo Affaaritti baay’inaan dhufeera; Suuraan kunis qophii waraana Ertiraa danga Itoophiyaatti gochaa jirtu agarsiisa
Mallattooleen waraana cimaa fi lolaa ni dhufaa jedhu daangaa lameen irratti mul'achaa jiru."
~Bu'uurri gochoota akkasii kun sirnadha,sirni ati jala jirtu waan hamaas qajeelaas hojjechuuf murteessaadha!
Teesse hidhii xuxuurra tokko ta'i ofirraa darbii.
PP ammaa sa'aati 4:00 irraa jalqabee lumee magaalaa Qooqaa irraa waraana 25 ol taatu qabatte gara laga mojoo daandii liiban deema jirti akka humna dabalataaf operation gochu deemtuu tti..

Eeruu Dhaamsa Ofeegannoo!
Forwarded from Qeerroo Bilisummaa Oromoo ~QBO2024
Xurumbaa Muummeen har'a Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa irratti afuufaa turan:

1. Itoophiyaan barri bajataa dhufu seenuun dura oomisha boba'aa gabaaf ni dhiyeessiti jedhan.

2. Warshaan xaa'oo ji'oota 40 keessatti
xumuramee akka xaa'oo dhiyeessus himan.

3. Dhimma guddina diinagdee irratti dubbii
dubbataniin ltoophiyaan guddina diinagdee
8.4% akka galmeessiftu tilmaamamuu himan.

Biyya dhidhima keessaa baasuun hindanda'amnetti kuffisaa, uummata qaala'iinsi jireenyaa mataa yaabee waan nyaatu dhabee, rakkoo waraana biyyattiitiin lammiileen biyyattii ajjeefamaa jirutti uummata gurra coomsuun aangoorratti of qusachuun abadan hintaatu.

Uummata afaan fajjeessuun kufaatiirraa nama hinbaraaru.

DHAYI JALAA!
~Injifannoo Addaa

Gootichi abdiin Oromoof Oromiyaa WBOn Zoonii Giddu Galeessaa Birgeediin Bakkalcha Barii guyyaa har'aa jechuun Adoolessa 03/2025 magaalaa Fiichee jalatti akka baalaatti harcaasee bahe.

Odeessa guutuuf ONM-ABO hordofaa!
DHAYI JALAA!
Ergaa 📥 Keessoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Zuwaay dugdaa Waajjira Poolisii aanichaarra. Ilaala ijoollee sanyii nagaasaa guuree galee keessa gariin ajj-eeffamtee jirti. Gariin immoo magaaloota irraa naannawa oolti.
Ishee gariin immoo leenjii xoolayii jirti. Waan kanaa wanti kaaseef ijoollee kanatti gargaramnee gandoota baadiyyaa aanichaaf gandoota ollaa aanichaa jiru irratti hojjaachuu qabna waan jedhamee jiru akka of eeggannoo akka godhaniif jaallan hundaaf uummataa akkasumas QBOn biraa naaf ga'ii.

Ani poolisii sabaan oromoo ta'ee Waajjira Poolisii Aanaa Zuwaay dugdaa irraa‼️

~Injifannoo uummata oromoof.
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Warra adeemsi Impayeera galeef akkas.
Mirgi Booji'aama Yoomu Nu Biratti Eegamaa Dha.

IUOf
Impayeera Sobaan Ijaaramte👇

✍️Carraa hojii miiliyoona 4.5 uumame" Abiy
✍️ Carraa hojii miiliyoona 9.8 uumame" Muferiyaat
✍️ Carraa hojii miiliyoona 11.75 uumame" Paartii PP
✍️ Carraa hojii miiliyoona 3.4 uumame" Ministira Hojii fi Ogummaa 😀

Hunduu Carraama Argateen Hawaasicha Sobaa Oola😁
2025/07/04 04:19:34
Back to Top
HTML Embed Code: