Telegram Web Link
Forwarded from Ummatii Production (๐…๐š๐ง๐ณ ๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ๅฝก)
โœ… Sunnaawwan jaallatamoo guyyaa jum'aa

      
โžŠโžพ Jalqaba rabbumaaf jecha jum'aa kana dhaqa jedhanii niyyachuu.
โž‹โžพ Qaama dhiqachuu.

โžŒโžพ Uffata bareeda uffatuu

โžโžพ Shittoo/urgooftuu dibachuu {dhiiraaf}

โžŽโžพ Ilkaan siwaakachuu.
โžโžพ Gara masjidaa yeroodhaan deemuu.
โžโžพ Saffaawwan duraa qabachuu. Garuu nama irraan tarkanfachuufi nama cinquun hin ta'u.
โž‘โžพ Raka'a lamaa tahiyyaa masjida salaatuu.

โž’โžพ Suuratul kahfiin qara'uu.
โžŠโ“ฟโžพ Fuulaan gara imaamaa garagaluu.
โžŠโžŠโžพ Kuxbaa callisaan dhaggeeffachuu.
โžŠโž‹โžพYeroo du'aa'iin itti qeebalmtu sana niyyaan eegachuu.
โžŠโžŒโžพ Salawaata nabiin irratti baay'isuu guyyaaf halkanis.
โžŠโžโžพ Ibaadaawwan akka sadaqaa, salaata sunnaa, zikrii, wal ziyaaruu, qur'aana qara'uu baay'isuu fi k.k.f.
โžŠโžŽโžพ Salaanni jum'aa erga xumuuramee booda Rabbiin zakkara gara dalagaa deemuu.

Rabbiin hundaa walitti nuu haa qabu

๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (๐…๐š๐ง๐ณ ๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ๅฝก)
QAAMA NABIYYICHAA

         Kutaa 1ffaa   

โ€ขFuula Ergamaa RABBII ๏ทบ

Fuulli Ergamaa RABBII ๏ทบ adii bareedaadha, geengoo tahee bifa cululuqaa xaliila qabu kan bifa diimaan wal makatee fi akka ji'a halkan goobanaa kan calaqqisuu ture, yeroo gammadan; buburreen fuula isaanii duumessa calaqqee qabu kan aduun keessaan gadi baatuu fi akka waan murni ji'arraa citee lafa tanarraa ifuutti bareeda!
Dhugumatti osoo tasa karaa irratti sitti dhufanii: waan biiftuun aduu gaara duubaan sitti baate fakkaatu!
Bareedinni fuula isaanii yeroo dafqan: akka waan faayaatti calaqqisee ija hawata! Wallaahi fooliin dafqa sanii miskii irra akka urgaahu warra ulatee fuunfatetu nuuf hime ๏ทบ

Yeroo dallanan: fuulli isaanii akka waan maddii/boqoo isaanii keessatti firiin rummaanaa cabdetti diimata,
Dallansuun isaanii yoo daangaan RABBII caphe qofa !!!

Funyaan isaanii gubbarraa hanga qacceetti wal qixa, qacceen isaa waan qara qabu fakkaata!
Ergamaan RABBII ๏ทบ Mallaan ykn maddiin isaanii lameenuu wal qixaafi bal'oodha, rifeensi jala ijaatiif gubbaa isiitti biqilu ykn laboobni haalaan bareeda, nyaarri ija gubbaas golboo tahuu wajji ni qal'ata, garuu wal hin tuqu. Qorattoonni seenaa gariin akkas jedhu;" nyaarri isaanii lameen wal tuqa, ijji isaanii lameen babal'oodha, addeenyi ija lamaanii xiqqo diiminaan wal makata, gurraachominni qarayyoo cimaa tahuu wajji, nyaarri isaanii baayyeefi dheeraa dha, osoo argite osoo hin kuulatin waan kuulatan fakkaatu " ๏ทบ

Ergamaan RABBII ๏ทบ konkanni isaanii ol fuudhamaa dha, bareedina keessa ifatu irraa mul'ata, gurri isaanii lachuu guutuu dha, afaan isaanii xqqo bal'ina qabaachuu wajji akkaan bareeda, kaarruun isaanii adda bahee mul'ata, garuu akkaan ifa jedhan kaarruun, yeroo seeqatan ilkaan isaanii cabbii nuura ykn ifaa of keessaa qabdu fakkaatti! Yeroo dubbatan waan kaarruu san keessaan ifaan gadi calaqqisu fakkaata! Akkasumas dhooqa mormaatiinis irra bareedaa namaati, ibriiqa warqee irraa dalagame fakkaata, areedni isaanii guutuu tahuu wajji gurraacha ture, qaccee gurraa irraa hanga qaccee gurra kaaniitti guutee biqile, akkasumas morma isaanii guuttee
dhoksiti  ๏ทบ....
Fuulli isaanii Full tahee khalaqame!

Inshaa ALLAAH itti fufa...
___
Asheetaafi bareeda lubbuun bira hin dabartu! Bareeduma kana SHARE godhi

๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (๐…๐š๐ง๐ณ ๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ๅฝก)
BAREEDUMA NABIYYICHAA
          Kutaa 2 ffaa 

Mataa, Mormaafi Rifeensa
Ergamaa RABBII ๏ทบ

Ergamaan RABBII ๏ทบ buqqeen mataa isaanii guddaa dha, akkasumas morma dheeratu, mormi isaanii dheerina irraa quluu meetaa fakkaata, ykn meeshaa ilkee arbaa irraa dalagamu kan akka addunyaatti bareedumaan leellifamu san fakkaata!

Goofareen mataa isaanii hanga walakkaa gurraa gadi bu'a, ykn gurra isaanii lamaan liqimsa, yeroo garii gurra lamaan irra gadi dabree ceekuu isaanii irra gadi ciisa. ๏ทบ

Halluun rifeensa isaanii gurraacha qulqulluu dha. Uumamni rifeensaa akkaan luuccaas miti, qiciicaa goggogaa sanas miti, giddu galeessa matarraa gadi diriiru ture. Erga gara madiinaa galanii osoo hin ciratin gaafa taatee Hudeeybiyyah san akka haadatan himama! Achi boodas gaafa bara (Qadaa'ul-Umrah) fi (Hajjatal-Wadaa'i) akka ciratan gabaasni seenaa ni addeessa! ๏ทบ

Rifeensa sammuu isaanii irraan biqile keessa xiqqo addeen muraasa tahetu jira, garuu akkaan xiqqaadha, hanga arriin/har'iin mataafii areeda isaanii keessatti biqile digdama (20) hin dabarre takka jedhan! Uumaa rifeensa mataa isaanii keessa yuuba xiqqoo takkatu jira, rifeensa mataafi areedaa yeroo yerotti filuun miidhagina isaanii eeggachuu turan, rifeensa mataa isaanii bakka lamatti adda baasuu gargaratti ciibsu.๏ทบ

Yeroo isaan rifeensa ciratan; sahaabonni isaanii rifeensa isaanii barakaadhaaf fudhatanii guduunfatu, isaanumtuu gaafa Hajjatal-Wadaa'i Abuu Xalhaa yaamanii akka inni rifeensa isaanii fuudhee raabsu ajajan! ๏ทบ

Khaalid Bin Al-Waliid (Rabbi isarraa haa jaalatuu) rifeensa isaanii kan gara sammuu irraan biqile fudhachuun;" Takkaa waraana tokko keessatti osoo rifeensi suni na wajjiin jiru injifannoo goonfadhu malee hafee hin beeku " jedha!

Gariin garbuu keessa, gariin kubbaayyaa keessa kaa'ee bishaan saniin dhukkubsattoota yaala, gariin gaafa duniyarraa deemuuf ka'e: rifeensa isaanii qaamatti aansanii akka awwaalan dhaamata, gariin mana keessa kaa'ee barakaa ittiin RABBIRRAA BARBAADA...

Akka kitaaba ุณูŠุฑ ุฃุนู„ุงู… ุงู„ู†ุจู„ุงุก  fi kitaaba biroo keessatti galmaa'etti: Imaamu Ahmad rifeensa Ergamaa RABBII ๏ทบ hangi muraasni takka isaan dhaqqabdee jirti, yeroo dhukkubsatan bishaan keessa cuuphanij copha saniin of yaalaa turan. Gaafa garii rifeensa san fuudhanii dhungatanii ija gubbaa kaayatanii " Fidaaka Abii Wa Ummii " jedhan..."

HUB:  Qaamota Ergamaa RABBIITIIN  ๏ทบ   kan akka rifeensaa, hancufa, qeensa fi  k.k.f Barakaa RABBIRRAA barbaaduun akka hayyamamu Ergamaan RABBII    ๏ทบ  yeroo sahaabotaaf rifeensa qoodan ragaa dha. Barakaa RABBIRRAA haa barbaadaniif malee rifeensi haa nyaatamuuf miti! Sahaabotnis kanuma hubatuun itti dalagaa turan. Garuu bara keenya rifeensi Ergamaa RABBII   ๏ทบ  ragaa qulqulluudhaan kan argame waan hinnjirreef; namoota waan akkasiitiin deeman irraa of eeggachuu qabna!

Inshaa ALLAH itti fufa....

___
Bareedaa aalamaa kan yoo hordofan addunyaaf aakiratti bareedan kana SHARE waliif godhaa.

ุงู„ู„ู‡ู… ุตู„ ูˆุณู„ู… ุนู„ู‰ ู†ุจูŠูƒ ูˆุญุจูŠุจูƒ ู…ุญู…ุฏ...!!

๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Eeee miskiin wallaa ๐Ÿ˜„
#Bale_Roobee
#Sh_Amiin #Ibrooo

๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (๐…...๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ใ‚ท)
Sheikh Sa'iid Ahmad Musxafaa dhukkubni itti jabaachuu irraa kan ka'e, Galgala kana Yaalaaf gara Biyya Turkiyaa Magaalaa Istaanbuul imalaa jiraachuun dubbatamaa jira.

Nama dadhabbii seena qabeessa ummata Itiyoophiyaa irraa qabu kanaaf yeroo tokko Qalbii irraa du'aa'ii haa goonuufi..


ุงู„ู„ู‡ู… ุฑุจู‘ ุงู„ู†ู‘ุงุณุŒ ุฃุฐู‡ุจุงู„ุจุฃุณุŒ ุงุดู ูˆุฃู†ุช ุงู„ุดู‘ุงููŠุŒ ู„ุง ุดูุงุก ุฅู„ุง ุดูุงุคูƒุŒ ุดูุงุกู‹ ู„ุง ูŠุบุงุฏุฑ ุณู‚ู…ู‹ุง...

๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (๐…...๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ใ‚ท)
#Guyyaa fuulli fokkatu Isin haa bareechu.

#Guyyaa namni salphatu Isin haa milkeessu.

#Guyyaa namni booyu Isin haa gammachiisu.

๐ŸŒบjoin๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (๐…...๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ใ‚ท)
Ilmi Abbaa keetii maal siif taha?
Anonymous Quiz
6%
A. Abbeeraa
7%
B. Durbii
86%
C. Obboleessa
2%
D. Obboleetti
Forwarded from Ummatii Production (๐…...๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ใ‹›๏ธŽ)
Fuula namummaa (Humanity) yoo laaluu barbaadde Fuula Ustaaz Raayyaa Abbaamacca  arginaan gahaadha.

Nama namaaf dhalate yoonin jedhe waanin sitti xiqqeesse natti fakkaata. Ati nama namoomaaf dhalate.

Goota yeroo kamuuโฃ๏ธ

๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (๐…...๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ใ‹›๏ธŽ)
Halkan salaata subhiitiif hin Azaanamne ni beeytaa?!

Mee dubbisi..
Halkan hunda keessatti salaata subhiitiif Ni'azaanama. Garuu halkan tokko kan salaata subhiitiif hin azaanamneetu jira, Inniniis Halkan malaa'ikoonni sitti dhufanii Rabbiin kee eenyu? Amantii tee
maali? Nabiyyiin kee eenyu? Jedhanii sigaafatani..
?

Halkan malaa'ikoonni sitti dhufanii, Yaa ilma namaa gaafa dhalattu dilii cufarraa qulqulluu (bilisa) turte. Hardha garuu qaamni kee guutuun diliidhaan guutamee jira siin jedhani...!
Halkan Dalagaan tee si bohaarsitu...!
Halkan yoo addunyaarratti keyrii hojjattee jiraatte, hulaa jannataa siif banani, Firaasha jannataa siif afani, Qabrii tee siif ballisanii, Dukkana qabrii siif ibsani...!
Halkan aduun iddoo duraan seenteen (dhiiteen) deebitee baatu...!
Halkan san keysatti ija rahmataatiin rabbi nuhaa laalu.
Dukkana qabrii rabbi nuuf haa ibsu..
Rakkoo, fitinaa fi azaaba qabriirraa najaa nuhaa baasu!


๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (๐…...๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ใ‹›๏ธŽ)
JALLINA ILMAANIITIIF KANNEEN SABABA TA'AN KEESSAA...

1/ Haadhaaf abbaa jidduu rakkoon jiraachuu. Yeroo haadhaaf abbaan wal lolan kan jiddutti wareegamu ilmaani!

2/ Hiyyummaa daangaa dabree nama dhamaasu. Ilmaan balaa beelaafii hanqina jireenyaatiif saaxilaman; jallinaafi badiif harka laatu.!

3/ Durummaa daangaa dabree nama quubsu/qooqsu. Ilmaan qananii keessatti dhalatanii guddatan yoo eeggumsi hin godhamneef jallinaaf baay'ee saaxilamu, qabeenyi sirnaan hin qabamne qalbii ilmaanii gogsa!

4/ Ollaa badaan mudamuu. Ollaan abbaafi haadha lammaffaaa jedhama, yoo ollaan suni ollaa beekkumsa,aadaafi safuu hin qabaanne, dallaya gubbaan summiin isaanii ilmaan namaa dhaqqabuu danda'a, kanaafuu "Osoo mana hin ijaarre: ollaa fili " jedhama!

5/ Hawaasa jallinaan faalame keessatti dhalachuu. Hawaasni amantii fi namummaa fixate, kan harki aduwwii itti seenee karaa irraa isaan dabse: ilmaan jallisuu keessatti shora guddaa taphatu! " Bishaan biyyee irra yaa'u fakkaata " akkuma jedhamu," Namni ilma naannoo isaatis jechuunis ni jira! Magaalaa keessa jiraatan ilmaan ofiitiif filuunis gaarii dha.

6/ Hojii ykn barnoota malee taa'uu. Kun sababa jallina ilmaanii qofa osoo hin taane; rakkoo addunyaa keenya kanatti dhukkuba hamaa taheedha. Keessattuu ilmaan lafaa dhufaa jiran sammuun isaanii barnootaafi hojii maleen yoo guddate; akka ooyruu osoo qotanii ittin facaasin bultee dobaan guuttamuun bosona raammoofi ibliisotaa taatee haftu taha!   Sammuun barnootaafi  hojii hin qabne biiroo sheyxaanaati ! Kanaafuu umrii warqii sammuun xaliilaa kana barnootaan akka faayuu qabnuufi ilmaan keenya umrii isaanii waan bu'a-qabeessa taheen qabuu qabnu isiniif dhaamna!

* Qabxiiwwan armaan olitti kaafaman hunduu: akkuma bu'uura jallina ilmaanii tahan, yoo tolfamanii qajeelan sababa qaceeluma ilmaan keenyaa ni tahu!

Itti fufa Inshaa Allah

๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (๐…...๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ใ‹›๏ธŽ)
#Miiraas #1

Sagantaan kuunnooti jennee iddoo biraatti hawwaa turre kunoo ta'ee Ulamoota fi shabaaba qe'ee tennaatiin nuuf qophaawee dhufee jira maarree nu hunduu sagantaa kanarratti argamnee akka irraa fayyadamnuun dhaamsa kiyya ๐Ÿ™๐Ÿฅฐ๐Ÿ™.

#Miiras1
#Alrisala1

๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (๐…...๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ใ‹›๏ธŽ)
Oduu Ammee

Baatiin Ramadaanaa bara 1444 qoranno Mootummaa Sa'uudiitiin godhame addeessa waan arguu hin danda'iniif,
Kanaafuu Soomni kabajamaan Kamiisa Amajjii 23 (March 23) tokko jedhee kan eegalu taha jechuun balbaloomsee jira. 

RABBIIN warra dhaqqabee Soomu nu haa godhu.

Maddi: Haramain Sharifain irraa.

๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Ummatii Production (๐…...๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ใ‹›๏ธŽ)
Baga Geessan !!

Baatii Rahmataa...Baatii Araaramaa!
Baatii; akka Ambulaansii dhukkabsattoota qalbiin dhaamte fuutu!
Bidiruu galaana fitnaa addunyaa irra nuun ceetu!

Kiniinii soddoma (30) akkuma waggaatiin liqimsinu!

Laga al-takka nu keessa yaa'ee keessaaf gubbaa nu dhiqu!
Hospitaala
dhibdeen:hawaasummaa,hiyyummaa,ilaalchi dabe keessatti yaalamu!

Gaaraajii meeshaan iimaanaa nu keessaa caphe itti sirreeffannu!

Baabura warra kaardii jannataa murate fuudhee gara aalama milkiin imalu!

Saamunaa qalbiin dhoqqooftee ittiin taliiloftu!

Duumessa roobaa kan qalbii gubatte qabbaneessu!

Miidhaginni baatii Ramadaanaa baatii 12 keessaa,akka ilmaan Nabi Ya'aquub 12 keessaa miidhagina Nabi Yuusufi !
Eelatti hin darbinaa...
Mallaqa xiqqoon hin gurgurinaa...
Fuutanii hidhaa gaflaatti hin hidhinaa..
Ofii baddanii isa hin komatinaa...

Baatii quuqa isinirraa buqqiftu,imimmaan isinirraa haqxu,dheebuu qalbii isin baaftu,rakkina iimaanaa isin furtu,hanqina rizqii isin baraartu,tan ibiddarraa isin bittu,tan galmee jannata keessa isin ramaddu isiniif haa taatu!

Irra deebi'uun Baga Geessan Ummatoo!

๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
Forwarded from Robe Humanity Center๐Ÿ“ข (๐…...๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ใ‹›๏ธŽ)
#Ibaadaawwan Ramadaana keessaa.

#Muslimoota hundaafuu ji'a kana keessa gosoota ibaadaa kan akka salaata sunnaa, Qur'aana xinxalaafi hubannoo waliin qara'uu, tasbiiha, tahliila, tahmiida, takbiiraa, istighfaara, du'aa'ii sharii'aa.

Gaariitti ajajuu, hamtuu irraa dhorguu, gara Rabbiitti waamuu, dhabeeyyiifi hiyyeeyyii irratti ballisuu.

Haadhaafi Abbaatti tola ooluu 
keessatti qabsaa'uu, firooma fufuu, ollaa kabajuu, dhukkubsataa gaafachuufi wantoota biroo gosa khayrii irraa ta'e keessatti qabsaa'uun karaa godhameera.


๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@robehumanity
@robehumanity
Forwarded from Ummatii Production (๐…...๐–๐š๐ณ๐ข๐ซ ใ‹›๏ธŽ)
Ramadaanni Birraa Raayyaati!
Manzuumaa 36ffaa
Sagalee akka nadhii...
Ergaa akka qorsaatiin dhufaa jira jedha...
Du'aa'ii isinirraa fedha Ustaaz Raayyaan______

๐ŸŒบสฯƒฮนะธ๐ŸŒบ
@alrayyanmultimedia
@alrayyanmultimedia
#Baatii_Ramadaanaa

โžฌ #Baatii kana keessa duulli Islaamaa guddaan, duulli isa keessa Amantiin Islaamaa mataa ol qabatee shirkiin dachee jala lafa lixxe argame.
Duulli kunis #Gazwaa_Badrii jedhama.

โžฌ #Baatii kana keessa Banaan guddaan kan sababa isaatiin Rabbiin #Beytal_haraamiin xurii irraa qulqulleesse, kan sababa banaa kanaatiin ummanni miliyoona hedduun lakkaawaman Amantii Islaamaa keessa seenan, baatii Ramadaanaa keessa argame. Innis #Fathii_makkaa jedhama.

โžฌ #Baatii kana keessa ummanni Muhammad ๏ทบ waa shan kan ummanni asiin duraa hin kennamin keessa kennamte, isaanis maali ?
itti fufa....

T.me/alrayyanmultimedia
2025/07/05 06:38:25
Back to Top
HTML Embed Code: