Telegram Web Link
Abbaa Jifaarii fi lola Shanan Gibee irratti baname
*****

Abbaan Jifaar aangoo dhuunfatanii yeroo gabaabaa keessatti naannoo Kibba dhihaa humna Amaaraatiin weeraramte. Waraannii warra kaabaa jalqaba gara Jimmaa dhufe waraana Takle Haymaanoot Goojjam akka ta’e maddi seenaa ni dubbata. Taklehaymaanoot kun maqaa mootummaati. Maqaan ijoollummaa Adaal Tasammaa ture. Taklehaymaanoot erga maqaa mootii Goojjamiifi Kafaa jedhu argatee hogganaa waraana isaa Dajjaaz Darasuu biyyootii baha Abbayaatti erge. Bara 1881 gara Guduruu, Horroo fi Leeqaa dhufe. Isaan dhumarratti gibira isaaf kaffaluu irratti waliif galan. Achumaan kallattii Limmuutiin gara Jimmaa dhufe. Jimma Shanan Gibee hundaa gargaarsa waraanaa gaafate. Takle Haymaanoot bara 1881 Goojjam irraa ka’ee Minilikiin dachii wal saamuuf jecha gara Jimmaa dhufe. Waraana isaa kan hogganee dhufe Raas Darasuu ture. Achumaan Abbaan Jifaar ulamootaafi manguddoo dubbii beekan waamanii dhimmicha ibsanii mariitti seenan. Dafnee furmaata wahii irra gahuu qabna jedhan. Ulamoonniifi manguddoonni garaagarummaa meeshaatiifi diinni dhihaachuu ilaaluudhaan ittiin loluun ni ulfaata yaada jedhutti daban. Keessumaa A/Dikoo A/Billoo gonkuma hin ta’u jechuu dubbatan. Odeeffannoo Shawaafi Wolloo qorachuudhaan gonkuma loluun hin ta’u jedhan.
Abbaan Jifaar immoo diinaaf gibira kennuun hin liqimfamneef ture. “Maaliif jihaada hin labsinu?” jedhan.

Sababni sheekoleefi manguddoonni lola dhiisanii nageenya filataniif ifaadha. Inni jalqabaa mootummoleen Oromoo naannoo kanaa gurmaa’anii diina ofirraa deebisuuf qophii tokkollee hin qaban. Inni lammaffaa immoo Oromoonni meeshaa waraanaa waggaa kuma dura tureen lolu. Nafxanyaan immoo warra dhihaa irraa meeshaa lolaa ammayyaa gargaarsa guddaa argataa turan. Fkn Minilik yeroo gara Jimmaa dhufu Abbaan Jifaar qawwee soddoma qofa qabu turan. Minilik immoo qawwee ammayyaa kuma soddoma (30,000) qaba ture. Manguddoonniifi sheekoleen garaa garummaa meeshaa lolaa kanaa jiruu lolatti seenuun ummata ficcisiisuu malee bu’aa tokkollee hin fidu ijjannoo jedhu irra ga’an. Akkasumas mootiin Leeqaa Naqamtee Morodaa jedhamu Oromoon Gibee kan biroo osoo hin miidhamin akka harka kennan ergaa dabarseera jedhama.

Duraan Muslimoonni naannoo kanaa tokko ta’anii diina ofirraa deebisuudhaaf gamtaa mootummoolee Shanan Gibee ijaaruuf sochiin godhamaa akka ture manguddoonni natti himan. Garuu osoo inni hin milkaa’in humni Nafxanyaa dhufe waan ta’eef yeroma sana mootummoolee Islaamaa naannoo sanaa Guumaa, Gommaa, Limmuufi Geeraa waamanii waliin jihaada labsinee biyya keenya tiksina jechuu dhaamsa ergan. Diinni ariitiin gara Jimmaa waan dhufaaruuf isa dhaabsisuufi yeroo dheeressuuf loltoota isaanii irraa hanga ta’e filatanii gara “Xiroo Afataatti” ergan. Xiroo Afataatti waraana Darasuutiin wal qunnaman; humni Abbaa Jifaar achumaan injifatame. Yeroo kana Abbaan Jifaar nama Abbaa Reebuu Qajeeloo jedhamu erganii Darasuun maal akka barbaadu gaafatan. Humni Muslimoota naannoo kan gamtaan biyya tiksuuf waamame ni ture. Ulamoonni akka Abbaan Jifaar jihaada hin labsine dhorkan. Keessumaa sheekhonni Guumaa Sheykh Aadam Abdallaa Gidiraa Ambachaa “erga diinni daangaa keenya keessa seenee jihaada hin labsin” jedhanii akeekkachiisan. Gibira kennuu wayya yaada jedhu irra ga’an. Abbaan Reebuu Qajeeloo kan Darasuutti ergaman deebi’anii “wanti Darasuun barbaadu gibira fudhachuufi dachii keessan keessa qaxxaamuruu qofa” jedhan. Yeroo kana Abbaan Jifaar sababa dhiibbaan haadha isaaniitiifi kan ulamootaa itti ulfaateef yaada gibira kennuu fudhatan. Waraanni Darasuu daangaa Jimmaafi Limmuu irraan akka darbu godhame. Jimma Shanan Gibee hundaa gargaarsa waraanaa gaafatee ture. Isaan keessaa Guumaa qofatu murteessee dhufe. Akka Gulummaafi manguddoonni jedhanitti waraanni Guumaa Abbaa Diggaa A/Duulaa guddaa (Shuuree Oonchootiin) hogganamee gara Jimmaa deeme. Inni loltuu cimaa ture; obboleessa Abbaa Joobir guddaati. Mootii yeroo sanaatiif obboleessa abbaa turan jechuudha.
Akka manguddoonni jedhanitti waraanni Abbaa Diggaa turee Jimmaan dhaqqabe. Yeroo inni Jimmaan dhaqqabu Abbaan Jifaar lola dhiisanii gibira Darasuuf kaffalaniiru. Abbaan Diggaa yeroo murtii Abbaa Jifaar kana dhaga’u baay’ee aaree gara Guumaa deebi’e. Yeroo deebi’u kana humni Guumaa namoota Jimmaa hanga ta’e akka rukute himama. Jechi naannoo Jimmaatti beekamu tokko Abbaan Diggaa kun Abbaa Jifaaritti dhaaddatanii “amman waraana Darasuu injifadhee dhufee warra kee midhaan daaksifadha” jedhan. Ogga kana Abbaan Jifaar “yoo ati isa injifatte anatu ofii jilbeenfatee siif daaka” jedhan jedhama.

Darasuun yeroo Jimmarraa gara Guumaa deemu Limmuufi Gommaan wal lhin lolle ture.
Lolli Abbaa Duulaa mootii Guumaafi Darasuu jidduutti geggeeffame baay’ee ulfaataa ture. Akka yaadannoo Sheykh Saafii Abdurrahmaan hogganaa majlisa duraanii irra jirutti “mootummaan Guumaa yeroo sanaa Abbaa Duulaa turan. Bara 1981 lolli jidduu sulxaanichaafi Dajjaaz Darasuu hogganaa lola Takle Haymaanotitti uumame. Muslimoonni isii keessatti mootiin isaanii wareegame. Ilmaan biyyattii namoonni filatamoon kumni jahas wareegaman. Lolichi silumaa lola wal gitu hin turre; waraanaafi guraadeedhaan dhukaasa ibiddaa fuuldura dhaabbatan. Booda lolichaatii haati iyyeessaafi yatiimonni sakaalamanii loltoota Kiristaanaatiif gabroota godhamanii oofaman. Carraan maatii mootichaallee kanaan adda hin turre. Intala Abbaa Foggii Abbaa Duulaa kan Haliimaa jedhamtu dirqiin Kiristaana godhanii maqaa Ballaxshaachew Abbaa Foggii jedhu moggaasaniif. Ibiddi qalbii ummata Guumaa nyaataa ture. Finfinnee keessa mana yaalaa maqaa isiitiin moggaafametu fuuldura hoteela Di Afrik ture. Maqaan isii duraan Haliimaa A/Foggii akka ture manguddoonni baay’een natti himaniiru.

Lola kana keessatti mootiin Guumaa Abbaan Duulaa fi wasiilli isaanii hogganaa waraanaa ture Abbaan Diggaas ni du’an. Osoo biyyaafi amantii isaanii irraa deebisanii achitti wareegaman. Yaadannoon jara kanaa ammas sammuu ummata Guumaa keessaa hin baane; yoomuu ni ba’a jedhamees hin yaadamu. Sababni injifatamuu waraana Guumaa beekamaadha. Eeboofi guraadeedhaan dhukaasa ibiddaatiin lolaa turan. Akkasumas gamtaan dhabamuutu kanaaf isaan saaxile. Kanumaa wajjin lola Nafxanyaa irraan miidhaa guddaa ga’aniiru. Akka tilmaama manguddoo gariitti waraana diinaa warra dhukaasa ammayyaatiin lolaa turan namoota 850 ol ajjeesaniiru. Yeroo sanatti naannoo dhihaa keessatti biyyi hanga Guumaa Nafxanyaa dura dhaabbate hin jiru.

Yeroma sana “humni Goojjam lafa Oromoo to’achuun, mootiin Guumaa Abbaan Duulaa ajjeefamuuniifi Abbaan Jifaar gibira Darasuuf kaffaluun” Shawaatti dhaga’ame. Achumaan Minilik waraana isaa Goobanaa Daacceetiin hogganamu naannoo Gibee akka deemu ajaje. Humni kun lamaan mootummaa isaanii Kibba dhihaatti babal’ifachuuf wal dorgomaa turan. Mootiin Guumaa ajjeefamuufi biyyattiin barbadaa’uun Shawaaf hamilee dabalee akka gara Guumaa dhufan taasise. Kaayyoon isaan lamaaniituu qabeenya biyyattii guurrachuu ture. Kaayyoon Minilik inni guddaan akka humni Goojjam Kibba dhihaa sarara daldalaa irra jiru kana hin qabanne gochuudha.

Akka Gulummaan jedhetti “Muddee bara 1881 Goobanaan humna Goojjam ari’uuf gara sulula Gibee dhufe. Yeroo humni lamaan Guumaa keessatti wal qunnaman, Raas Darasuun humni Shawaa cimaa ta’uu waan bareef naannicha lakkise. Lammaffaa naannoo sana irra miilaan hin ejjadhu jedhee ba’e. Goobanaan naannoo Gibee duraan Darasuu jala gale irraa gibira funaane.

Warri duraan Darasuu jala gale hunduu Goobanaaf kaffaluudhaaf walii gale.” Jalqaba bara 1882 Darasuun gibira funaannate hundaa humna Minilikitti kennee naannicha lakkise. Yeroo Goobanaan naannoo Gibee seenu ummanni Guumaa dursee humna Goojjamiin rukutamee ol aantummaa isaa dhabee cabeera. Horroo, Guduruufi Leeqaan duraan gibira kaffalanii dabarsan.

Raas Darasuun naannoo Gibee lakkisee bahuun oduun Taklehaymaanot Goojjam bira ga’e. Yeroo dhaga’u baay’ee aare. Achiin humna Shawaatiin loluu murteesse. Minilikis humna Goojjam kana rukutuuf qophaa’e. Minilik humna isaa ariitiin sochoosee deemee naannoo Coomman bakka Laga Riqichaa jedhamu qubate.
Ebla bara 1882 humna Darasuu naannoo Buunnoo (Makkoo) irraa baase. Akka Gulummaan jedhetti “Caamsaa 30, 1882 Minilik ariitiin Coomman Swaamp qaxxaamuree Waxabajjii 6, 1882tti bakka Imboobboo jedhamutti Taklehaymaanotiin qunname. Lola ulfaataa booda Taklehaymaanot qabamee humni waraana isaas barbadaa’e.” Erga humni Goojjam barbadaa’ee Minilik naannicha keessatti ol aantummaa labsate.

Kana booda lolli Minilikiifi Guumaa jidduu ture cimaa miti. Humni Guumaa dursee rukutameera; hoggantoonni isaanii ajjeefamaniiru. Lola xixiqqaatu ture. Akka Yaasin ibsetti Guumaa bara 1885 Minilik jala seente. Kana jechuun waggaa sadan hafe fincilatu ka’aa ture malee lolli hoggansa cimaa qabu dhaabbateera. Mootiiniifi hogganaan waraanaa du’aniiru. Bara 1889-1907 nama Raas Tasammaa jedhamu irra keenyaan Guumaa hogganaa ture.
Halkan Jumu'aatti seennee jirra. Nabiyyii keenya (saw) irratti salawaata (rahmata) buusuun bu'aa maalii qaba?
قال الله تعالى👇
إِنَّ اللَّهَ وَمَلَائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى النَّبِيِّ ۚ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا صَلُّوا عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا
Rabbiin ol ta'e ni jedhe:
Dhugumatti, Rabbiifi maleykonni Isaa Nabiyyii irratti rahmata buusu. Yaa warra amantan! isinis rahmata isa irratti buusaa; nageenyas buusuus buusaa. (Ahzab :56)

وفي الحديث👇
أَكثِروا الصَّلاةَ عليَّ يومَ الجمعةِ وليلةَ الجمعةِ فمن صلَّى عليَّ صلاةً صلَّى اللَّهُ عليْهِ عشرًا،
Guyyaa Jum'aafi halkan Jum'aa rahmata narratti buusuu baay'isaa. Nama rahmata tokko narratti buuse Rabbiin rahmata kudhan irratti buusa. Rasuul (SAW)
( وعن أوس بن أوس رضي الله عنه قال : قال رسول الله صلى الله عليه وسلم : { من أفضل أيامكم يوم الجمعة : فيه خلق آدم ، وفيه قبض ، وفيه النفخة ، وفيه الصعقة ، فأكثروا علي من الصلاة فيه فإن صلاتكم معروضة علي ، قالوا : يا رسول الله وكيف تعرض عليك صلاتنا وقد أرمت ؟ يعني وقد بليت ، فقال : إن الله عز وجل حرم على الأرض أن تأكل أجساد الأنبياء } رواه الخمسة إلا الترمذي )
Aws bin Aws irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaan Rabii (saw) ni jedhan: "Caalaan guyyootii keessanii guyyaa Jum'aati. Aadam isa keessa uumame. Isuma keessa du'e. Xurumbaan qiyaamaas isa keessa. Dhumaatiin isuma keessa. Isa keessa rahmata narratti buusuu baay'isaa. Salawaanni keessan narra ni fidama. 'Yaa Ergamaa akkamitti salawaanni keenya sirra fidama sihii tortoree jiruu?' Jedhaniin. "Rabbiin guddatee ol ta'e qaama nabiyyootaa nyaachuu dachii irratti haraama godhe" jedhan. Tirmiziin qofti hafee Khamsaatu gabaasan.
اللهم صل وسلم وبارك على محمد وعلى آله وصحبه ومن سار على دربه واقتفى اثره،
موعظة وعبرة


الخطبة الأولى

إن الحمد لله، نحمده ونستعِينه ونستغفره ونتوب إليه، ونعوذ بالله من شرور أنفسنا ومن سيئات أعمالنا، من يهده الله فلا مضل له، ومن يضلل فلا هادي له، وأشهد أن لا إله إلا الله وحده لا شريك له، وأشهد أن محمداً عبده ورسوله، فاللهم صل وسلم عليه وعلى آله وصحبه.

 

معاشر عُمَّار بيت الله:

ليس العيب في أن يخطئ الإنسان أو يرتكب ذنباً، لأن من طبيعة الإنسان الوقوعُ في الخطأ، فـ (كل ابنِ آدم خطاء، وخيرُ الخطائينَ التوابون)، كما أخبر بذلك الحبيب النبي صلى الله عليه وسلم.


ولكنِ العيب هو التمادي في اقتراف المعاصي والإصرارِ عليها.

العيب هو أن يُنصح الإنسان فلا يسمع النصيحةَ ولا يعمل بها.


العيب أن يُذكَّر فلا يذكر ولا تنفعه الذكرى، وأن يوعظَ فلا يتعظ ولا يعتبر ولا يتوب ولا يستغفر، بل يصر ويولي مستكبرا، فمثله كمثل من قال فيه ربنا جل جلاله: ﴿ وَإِذَا تُتْلَى عَلَيْهِ آيَاتُنَا وَلَّى مُسْتَكْبِرًا كَأَنْ لَمْ يَسْمَعْهَا كَأَنَّ فِي أُذُنَيْهِ وَقْرًا فَبَشِّرْهُ بِعَذَابٍ أَلِيمٍ ﴾ [لقمان: 7].


ومن باب التذكير والموعظة والنصيحة، أحببت معاشر المؤمنين والمؤمنات، أن أقف بكم في هذا اليوم المبارك، وفي دقائق معدودة مع قصة رجل أسرف على نفسه بالذنوب والمعاصي. هذا الرجل كلما حاول التوبة غلبته نفسه، كلما حاول أن يتوب إلى الله، غلبه هواه فيُرجعه إلى الذنوب، لكنه مرة التفت إلى مرضه العضال، وأحس أن الأرض قد ضاقت عليه بما رحبت، فذهب يُفتش عن طبيب لدائه، فكان المقصد هو إبراهيم بنُ أدهم.


جاء هذا الرجل الذي أسرف على نفسه بالذنوب والمعاصي، إلى إبراهيم ابن أدهم، فقال له: يا إبراهيم، لقد أسرفت على نفسي بالمعاصي والذنوب، وأردت أن أتوب إلى الله عز وجل فماذا أصنع؟.


فقال له إبراهيم بن أدهم: إذا أردت أن تترك المعاصي وتكون من أهل التوبة، فإني أعظك بخمس خصال.


قال: هاتها يرحمك الله.

قال إبراهيم: أما الأولى، إذا أردت أن تعصي الله فلا تأكل من رزقه.


قال الرجل: سبحان الله! وهل الأرزاق كلها إلا من الله يا إبراهيم؟! فقال له: فهل يجدر بك أن تأكل من رزقه وتعصيَه؟!


قال: لا.. هات الثانية.


قال إبراهيم: أما الثانية، إن أردت أن تعصي الله فاخرج من أرضه، ابحث عن أرض ليست لله فاعصه هناك، ابحث عن مكان ليس ملكا لله وليس في ملك الله، واعصه كما تشاء.


قال: هذه أعظم، فالأرض والسماء ملكه فأين أسكن؟

قال: أيُحسن بك أن تأكل رزقه وتسكن أرضه ثم تعصيه عليها؟

قال: لا.. هات الثالثة.

قال: أما الثالثة، إذا أردت أن تعصي الله جل وعلا فابحث عن مكان آمن لا يراك الله فيه.


قال: وكيف ذلك والله يسمع ويرى، وهو مطلع على ما في السرائر والضمائر: ﴿ يَعْلَمُ خَائِنَةَ الْأَعْيُنِ وَمَا تُخْفِي الصُّدُورُ ﴾ [غافر: 19]؟!


قال: ألا تستحي أن تأكل من رزق الله وتسكنَ في بلاده ثم تعصيه وهو يراك ويرى ما تجاهره به من المعاصي.


قال: يرحمك الله، هات الرابعة.


قال: إذا جاءك ملك الموت ليقبض روحك، قل له أخرني حتى أتوب توبة نصوحا وأعمل لله عملا صالحا.


قال: كيف ذلك يا إبراهيم؟! والله جل وعلا يقول: ﴿ فَإِذَا جَاءَ أَجَلُهُمْ لَا يَسْتَأْخِرُونَ سَاعَةً وَلَا يَسْتَقْدِمُونَ ﴾ [الأعراف: 34].


قال: تعلم أن الموت يأتي بغتة، وتعلم أن ملك الموتِ لا يُنظِر ولا يُؤخِّر أحداً، فكيف ترجو وجه الخلاص؟


قال الرجل: هات الخامسة.


قال: إذا جاءتك الزبانية يوم القيامة ليأخذوك إلى النار، فلا تذهب معهم، قاومهم وامتنع عن الذهاب معهم.. وخذ بنفسك إلى الجنة.


قال الرجل: إنهم لا يتركونني ولا أستطيع.


فقال له إبراهيم: عجباً لك يا رجل، تأكل من رزق الله وتسكن في أرضه وفي كل مكان يراكولا تستطيع رد الموت إذا أتاك ولا تملك لنفسك جنة ولا ناراثم تعصيه؟
فقال الرجل: يا إبراهيم، حسبي حسبي، استغفر الله وأتوب إليه. فكان لتوبته وفيا، وعاهد الله على الطاعة.

• • •

 

الخطبة الثانية

الحمد لله والصلاة والسلام على رسول الله.


هذه الموعظة، هذه التذكرة، موجهة لكل واحد أراد أو سولت له نفسه أو زينت له فعل المعاصي، فليتذكر دائما هذه الخصال الخمس.


الأولى: إذا أردت أن تعصي الله فلا تأكل من رزقه.

الثانية: إن أردت أن تعصي الله فاخرج من أرضه واعصه.

الثالثة: إذا أردت أن تعصي الله، فابحث عن مكان آمن لا يراك الله فيه.

الرابعة: إذا جاءك ملك الموت ليقبض روحك فقل له: أخرني حتى أتوب.

والخامسة: إذا جاءتك الزبانية يوم القيامة ليأخذوك إلى النار، فلا تذهب معهم.
~ Lallaba gowwaa firatu qaanfata~
منقول
عمرسلطان


يعتقدون أن الإسلام هو تأدية الفرائض الخمس فقط ويتناسون أن الإسلام كلمة تعني التسليم لأوامر الله والإبتعاد عن نواهيه فبعد أن يؤدي المسلم فرائضه يجب أن يمتثل ل:

1 . إعدلوا
2 . ولا تعتدوا
3 . ولا تعثوا في الأرض مفسدين
4 . ولا تلبسوا الحق بالباطل
5 . ولا تقف ما ليس لك به علم
6 . ولا تمش في الأرض مرحا
7 . ولا تصعر خدك للناس
8 . واخفض جناحك للمؤمنين
9 . واغضض من صوتك
10 . واقصد في مشيك
11 . وأعرض عن الجاهلين
12 . خذ العفو وأمر بالمعروف
13 . ادفع بالتي هي أحسن
14 . ادعُ إلى سبيل ربك بالحكمة
15 . لا تبطلوا صدقاتكم بالمن والأذى
16 . ولا تأكلوا أموالكم بينكم بالباطل
17 . ولا تنابزوا بالالقاب
18 . لا يسخر قوم من قوم
19 . ولا يغتب بعضكم بعضا
20 . ولا تجسسوا
21 . اجتنبوا كثيرا من الظن
22 . ادخلوا في السلم كافة
23 . وإذا حييتم بتحية فحيوا بأحسن منها
24 . وبالوالدين أحسانا
25 . وذي القربي واليتامى
26 . و أطعموا البائس الفقير
27 . ولا تتبدلوا الخبيث بالطيب
28 . وآتوا اليتامى أموالهم
29 . أنفقوا مما رزقناكم
30 . وقولوا قولا سديدا
31 . وقولوا للناس حسنا
32 . وتعاونوا على البر والتقوى
33 . ولا تعاونوا على الإثم والعدوان
34 . واحفظوا أيمانكم
35 . وأوفوا بعهد الله اذا عاهدتم
36 . وأوفوا الكيل اذا كلتم
37 . وزنوا بالقسطاس المستقيم
38 . كونوا مع الصادقين
39 . أوفوا بالعقود
40 . كونوا قوامين بالقسط شهداء لله ولوعلى أنفسكم ..
#هذا هو منهج الحياة الصالحة
#اسعد الله اوقاتكم بكل خير
منقول
Imbaasii Turkii kutaa amantii wajjin guyyaa har'aa marii goonee jirra. Kan Muslima fayyadu Rabbi nuuf haa godhu.
Maqaan guyyaa gabaa bade hin deebi'u jedhan.
Sadarkaa Zikriin Rabbii qabu
★★★★★★★★★★★★★★★

Zikriin ibaadaa hojjachuun isaa salphaafi mindaan isaa baay'ee guddaa ta'eedha. Zikrii jechuun qalbiin Rabbiin yaadataa arrabaanis Isa faarsuu dha. Mee akka Rabbiin zikriitti ajajeefi warra zikrii faarse ilaalaa:

Rabbiin ol ta'e ni jedhe: “na yaadadhaa; anis isinin yaadadha. Na galateeffadhaa natti hin kafarinaa.” (Albaqaraa: 152). “Yaa warra amantan yaadannoo baay’ee Rabbiin yaadadhaa.” (Al-Ahzaab: 41)
“Dhiirolee baay’ee Rabbiin yaadataniifi dubartii Rabbiin yaadatan, Rabbiin araaramaafi mindaa guddaa isaaniif qopheesseera.” (AL-Ahzaab: 35)
“Lubbuu kee keessatti gadi of qabaafi sodaataa, sagalee ol hin fuudhaminiin ganamaafi galgala Gooftaa kee faarsi. Dagattoota irraas hin ta’in.” (Al-Anfaal: 205)

Jechootii Ergamaa Rabbii (SAW) armaan gadiis mee ilaalaa:
Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “fakkeenyi nama Rabbii isaa yaadatuufi isa Rabbii isaa hin yaadannee fakkeenya jiraataafi du’aati.” Bukhaariifi Muslimtu gabaasan.

Ammas Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “Dhaga’aa! Mee caalaa hojii keessanii, Rabbii keessan birattis akkaan qulqulluu, sadarkaa keessanis kan akkaan ol kaaftu, warqiifi meeta sadaqachuurra kan isiniif caaltuufi isin diina keessan qunnamtanii morma isaanii rukutuufi isaan morma keessan rukutuu irra kan isiniif caalu isinitti himuu?” Eeyyee jedhan. “Inni zikrii Rabbii ol ta’eeti” jedhan.

Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “Rabbiin ol ta'e ni jedha: ‘ani bakka gabrichi kiyya itti na yaaden jira. Ani yeroo inni na yaadate isa waliinin jira. Yoo inni lubbuu isaa keessatti na yaadate lubbuu kiyya keessattin isa yaadadha. Yoo inni jamaa’aa keessatti na yaadate jamaa’aa isaan caalan keessattin isa yaadadha. Yoo inni taakkuu natti dhihaate dhundhuman itti dhihaadha. Yoo inni dhundhuma natti dhihaate harka guutuun isatti dhihaadha. Yoo deemaa natti dhufe sussukkiinin isatti dhufa.”

Abdullaah bin Busr irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: namni tokko “yaa Ergamaa Rabbii sharii’aan Islaamaa narratti baay’attee waan ani qabadhu natti himi” jedhe. Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “arrabni kee Rabbiin zakkaruu irraa hin qoorin.”
Ammas Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “kitaaba Rabbii irraa namni qubee tokko dubbise mindaa qaba. Mindaan immoo fakkii isii kudhaniin kaffalamti. ‘Alif Laam Miim’ qubee tokko hin jedhu; garuu Alif qubeedha Laamis qubee Miimis qubeedha.”
Uqbaa bin Aamir irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaan Rabbii (saw) osoo nuti warra suffaa keessa jirruu nurratti bahanii “isin keessaa eenyutu guyyaa hundaa gara Buxhaan yookiin Aqiiq dhaqee haala yakkaafi firooma kutuu hin qabneen gaala gooba dhedheertuu lama fudhatee dhufuu jaalata?” jedhan. “Yaa Ergamaa Rabbii sana ni jaalanna” jenne. Ergamaan Rabbii (saw) “tokkoon keessan gara masjidaa deemee kitaaba Rabbii irraa aayata lama barachuun yookiin qara’uun gaala lama irra isaaf caala; sadii gaala sadii irra caala. Afuris gaala afur irra caala. Gaala lakkoofsa hanga isaanii ni caalu.”
Ammas Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “namni taa’icha tokko taa’ee isa keessatti Rabbiin hin zakkarin hoongoon Rabbiin biraa ta’e isa mudata. Namni ciisicha wahii ciisee isa keessatti Rabbiin hin zakkarin gaabbii Rabbiin biraa ta’etu isarra jiraata.”
Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “ummanni taa’icha isa keessatti Rabbiin hin zakkarreefi Nabiyyii irratti rahmata hin buusin taa’an hoongoon Rabbi biraa ta’e isaan irra jiraatu malee hin hafu. Rabbiin yoo fedhe isaan adaba yoo fedhe isaaniif araarama.”
Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “ummanni taa’icha isa keessatti Rabbiin hin zakkarre irraa ka’an akka waan raqa harree irraa ka’aaranuu ta’an malee hin hafan. Gaabbiin (sheenaan) isaan irra jiraata.”

Zikrii keessa kan salaata boodaa, akkasumas kab ganamaafi galgalaa akka hin daganne. Bu'aan jaraa himamee hin dhumu. Osoma yakka hanga oomocha galaanaa qabaattee sirraa harca'a.

Barnoota viidiyoo akka argattaniif YouTube kiyya kana Subscribe godhaa:
https://www.youtube.com/channel/UCboBLPHVeSqHTOnsobJfpYg
Mu'uminoonni haqiiqaa (dhugaa) warra amala shanan armaan gadii qabaniidha. Isaanis:
https://www.tg-me.com/glababor/897
1. Rabbiin sodaachuu; keessumaa yeroo maqaan isaa dubbatame.
2. Yeroo Qur'aanni irratti qara'ame iimaana qaban irratti iimaana dabalatu.
3. Dhugaadhaan Rabbirratti hirkatu.
4. Seera isaa eeganii salaatu.
5. Zakaa Rabbiin dirqama godhe sirriitti raawwatu.
Ragaan isaas:
{ إِنَّمَا الْمُؤْمِنُونَ الَّذِينَ إِذَا ذُكِرَ اللَّهُ وَجِلَتْ قُلُوبُهُمْ وَإِذَا تُلِيَتْ عَلَيْهِمْ آيَاتُهُ زَادَتْهُمْ إِيمَانًا وَعَلَى رَبِّهِمْ يَتَوَكَّلُونَ (2) الَّذِينَ يُقِيمُونَ الصَّلَاةَ وَمِمَّا رَزَقْنَاهُمْ يُنْفِقُونَ (3) أُولَئِكَ هُمُ الْمُؤْمِنُونَ حَقًّا لَهُمْ دَرَجَاتٌ عِنْدَ رَبِّهِمْ وَمَغْفِرَةٌ وَرِزْقٌ كَرِيمٌ (4)} [الأنفال: 2 - 4]

“Mu’umintoonni (dhugaa) warra yeroo maqaan Rabbii dubbatamu onneen isaanii rifatu, kan yeroo keeyyatoonni Isaa isaan irratti dubbifamtu Iimaana isaaniif dabaltuufi Gooftaa isaanii irratti irkatanii dha. Isaannan salaata seera ishee guutanii dhaabaniifi waan isaaniif kennine irraas kennitanii dha. Isaannan kun isaan qofatu dhugumatti mu’umintoota. Gooftaa isaanii biratti sadarkaa hedduu, araaramaafi soorata gaarii ta’etu (jannatatu) isaaniif jiraaf.” (Al-Anfaal: 2-4)
Abaabilee Nabiyyii (saw) hanga meeqaatti beektu? Ittiin wal baraa.

Muhammad bin Abdallaa bin Abdilmuxxalib (Shaybaa) bin Haashim (Amr) bin Abdimanaaf (Mughiiraa) bin Qusayyi (Zayd) bin Kilaab bin Murrah bin Ka'ab bin Lu'ayyi bin Ghaalib bin Fihr (Quraysh kan jedhamu) bin Maalik bin Annadr bin Kinaanaa bin Khuzeymaa bin Mudrikaa bin Ilyaas bin Mudar bin Nizaar bin Ma'addi bin Adnaan bin Uddi bin Muqawwim bin Naahuur bin Tayrah bin Ya'aruba bin Yashjuba bin Naabit bin Ismaa'iil bin Ibraahiim bin Aazar bin Naahuur jedhama. Haala kanaan Ismaa'iil ilma Ibraahiimitti gala.
(Siirat Ibn Hishaam irraa)
Lubbuufi qabeenya ofii caalaa Nabiyyii (SAW) jaalachuun dirqama
********

Anas bin Maalik ir
raa odeeffamee [ra] ni jedhe: Ergamaan Rabbii [saw] ni jedhan: “tokkoon keessan hanga ani ilma isaa, haadha isaafi nama hunda caalaa isa biratti jaalatamaa ta’utti [iimaana guutuu] hin amanne.” Bukhaariifi Muslimtu gabaasan.

Ammas gabaasa jara lamaaniitiin Anas irraa odeeffamee [ra] ni jedhe: Ergamaan Rabbii [saw] ni jedhan: “namni waa sadii isa keessa jiru mi’aa iimaanaa jara sadaniin argata: Rabbiifi ergamaan Isaa waan isaaniin ala jiru hunda caalaa isa biratti jaalatamaa ta’uu, nama tokko Rabbiif jecha malee jaalachuu dhiisuu fi akka ibiddatti darbatamuu jibbutti erga Rabbiin kufrii irraa bilisa isa baasee kufriitti deebi’uu jibbuudha.”
Gabaasa biraatiin immoo “namni tokko hanga waan kana sadan guuttatutti mi’aa iimaanaa hin argatu…” jedhan.

Yaa Rabbii jaalala Nabiyyii nu badhaasi.
اللهم صل وسلم على نبينا محمد وعلى آله وص٠به
2025/07/06 05:16:45
Back to Top
HTML Embed Code: